Zarihuun Wodaajoo: “Maraatoonii Qabsoo” [New Oromo Music 2017]

Sagalee Goototaa

    

Qabsoon Oromoo Qabsoo Bu’aawwan Xixiqqoof Eegale Miti, Bu’aawwan Xixiqqoo Halagaaf Galtuurraa Argameenis Hingufatu.

Sadaasa 16, 2017 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qabsoon bilisummaa uummataa qabsoo dhugaati. Bilisummaa uummataa tokkoof qabsoon uummatichaan godhamu hanga bilisummaatti jabaatee itti fufuun dirqama. Nuti Oromoonis qabsoo bilisummaa Oromoof qabsoo kaleessa jaallan kitila itti dhabne duuka jirra. Qabsoon nuti gochaa jirru qabsoo haqaati. Qabsoon haqaa bu’aaf dantaa xixiqqoo diinarraa uummataa godhamuun hinshiminu. Qabsoon haqaa hanga bilisummaatti. Irbuun qabsaa’otaas hanga bilisummaatti qabsoo jabeessee akka itti fufu dirqa.
Har’a qabsoo uummatni Oromoo du’aa ajjeefamaa dhibee addanaan gahe, ilmaan cunqurfamoo impayeera biyyattif daandii qabsoo saaqera. Har’a impaatera Ethiopia keessatti Oromoo dhiisii sabootni biroon akka dur garbummaaf tole jedhanii akka hinbulle qabsoon Oromoo karaa agarsiiseera. Qabsoo dhugaatu akkana.

“Sunsuma Jijjiiruun Marqa Hin Midhaaksu”

Sadaasa 16, 2017 | Waaqoo Nooleetiin

Dhugaan ilma nama bira jiraachuu qabu kan yoomuu jijjiramuu fi daddaquu hin qabne waan jibbu jaalachuu dhabuudha. “MAN NO SEE DIRT, NO HEAR DIRT AND NO CLEAN DIRT” Kun akkamitti danda’amaa?
Haarawoomsa, Haarawoomsa, Haarawoomsa…oggayyuu Haarawoomsa maal Haarawoomsuu? Bofni Umrii isaa muuxata malee hadhaa isaa hin muuxatu. Bofni yoomiiyyuu eenyummaan isaa Bofuma.
Seerri uumaa fi uumamaa osoo hin jaalatin dirqiin waqtiilee jiran keessatti uumama jalqabaa uumama itti aanuun jijjiraa hanga guyyaa xumuraatti imalchiisa. Uumamni jiran cuftuu turtii yeroo jiranii keessatti Safuu fi dudhaa walii tiksuun seeraa fi heera ittiin bulmaata isanii baafatanii ittiin wal taliigaa jiraatu.

YAA SOOGIDDAA! YOO OFII JETTEE …. YAA HALGAA ! YOO BORIIF JETTEE…

Sadaasa 16, 2017 | SEENAA Y.G(2005)

Waggaa 15 dura Goota Umurii isaa guutuu Qabsootti jiruutu, dabballoota leenjisuuf akkas jedhee dhaame. “Qabsoo nuuti gaggeessinu galma akka ga’uuf, Oromoo addunyaa irra jiru hundaa Qabsoo keessatti akka hirmaatuuf qopheessuun, hojii keenya jalqabaati. Kunis Baayyina Oromoo humnatti jijjiiruuf gargaara. Kana gochuun keenya waa lamaaf jedhan. Inni tokko—humni Oromoo dura dhaabbatu deebi’ee akka hin kaaneef gargaara. Inni lammadaa—yoo nuutillee wareegamnee, dhalooti itti aanu qabsoo inuma itti fufa jedhanii, Oromoo humneessuu kana fakkeenya biraatiin isinitti hima jedhan. Bishaan baarmeela guutuu danfisuu yoo barbaaddan, jalqaba baarmeela duwwaa abiddarra keessanii bishaan itti guutuu dandeessan. Rakkoo hin qabu. Rakkoon jiru isa kanaa miti. Bishaan baarmeela guutuu kana ega danfisnee booda akkamittin irraa buufana? ykn bishaanichatti dhimma baanaadhaa? Irraa baasuuf rakkoodhaa. Keessaa waraabanii dhimma itti ba’uuf rakkoodhaa. Deebisanii qabbaneessinaan deebisanii danfisuu barbaachisa. Kanaaf qabsoon Oromoo sadarkaa isa bishaan danfeerra geesifnee diina keenya filmaata dhabsiisuudhaa” jedhan. Yeroo sanatti dubbiin kun kanneen qoosaa itti fakkaatee hedduudha. Garuu qoosaa hin turre. Waanuma har’aa Biyya keessatti argaa jirruudhaa. Baayyina Oromoo humnatti jijjiiruun raawwateera. Bu’aa humnatti jijjiiramuu ijumaan argaa jirra. Humni kun guyyuu barachaa fi muuxachaa diinaaf yaaddoo qofaa osoo hin taanee, laafachuu sirnichaaf iyyu sababaa ta’eera.

What can Ambo learn from India’s 1919 Amritsar; reflection on Woyane’s weakness, its use of military

October 27, 2017 | finfinnetribune

On April 3, 1919, thousands of Indians gathered in Amritsar, in India’s Punjab province, for a religious and cultural celebration. The time was at the turning point of the nonviolent /peaceful movement against the British occupation of India. Thus, similar to Oromia’s Irreecha celebrations, there were expressions of pent-up protests against the occupation at the celebration. These expressions of protests didn’t settle well with the British army in India.

Humnoota Hin Beekamnetu Bobba’ee Uummatatti Dhukaasan: Waajjira Naeenyaa Aanaa Daallee Waabaraa

Onkoloolessa 26, 2017 | VOA Afaan Oromoo


Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa magaalaa Qaaqee keessatti kaleessa galgala humnoonni hin beekamne dhukaasa bananiin namoonni ja’aa hanga torbaa madaa’uu isaanii jiraattonni nuuf ibsaniiru.

Jiraataan magaalaa Qaaqee akka jedhanitti dargaggoota ykn foolln magaalattii waajjira bulchiinsa nageenyaa, bulchiinsa aanaa fi poolisii Oromiyaa waliin ta’uun nagaanya magaalaa akka eegsisan walii galan. Akkuma kanaan nageenya eegisisuuf bakka isaan bobba’anii jiranitti halkan edaa dhukaasi irratti baname jedhan.

Foolleen magaalaa Qaaqee keessaa ijaarmanii sakatta’a tokko tokkos haa ta’u nageenya magaalattii humnoota nagaa eegisisan waliin ta’uun akka eegsisan Abbaa gadaa fi bulchiinsa naannoo waliin walii galamuu isaa fi kunis haala gaariin deemaa akka ture itti gaafatamaa waajjira nageenya aanaa Daallee waabaraa obbo Nagaasaa Yaadataa naaf ibsaniiru.