Pages
▼
Murtii fi Kutannoolee Kora Sabaa 4ffaa ABO Hagayya 20 – 30, 2017
Haggaya 31, 2017 | Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Korri Sabaa 4ffaan Adda Bilisummaa Oromoo bakka bu’ootni Miseensota ABO, bakka bu’ootni Caayaalee ABO, bakka bu’ootni waldaalee fi murnoota hawaasaa adda addaa fi keessummootni afeeraman bakka argamanitti Hagayya 20 – 30, 2017 haala ow’aa fi mirqaansaa taheen gaggeeffamee injifannoodhaan xumurame.
" Tasa "---- Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa
Haggaya 30, 2017 | Abdii Baalee Oromiyaa Irraa
Kashlabbee bobbaasee, gootaa ficcisiisaa,
Hambaa ilmaan Oromoo gidiraan facaasaa,
Reeffa gootowwanii, ekeraa rarraasaa,
Ofumaa fixxanii, maaliif jettan " tasaa ",
Yoomiyyuu hin bahu, Onnee teenya keessaa!!!
LABSA KORA SABAA 4ffaa ADDA BILISUMMAA OROMOO
Hagayya 30, 2017 | Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Addi Bilisummaa Oromoo Kora Sabaa 4ffaa bakka hirmaattotni bakka bu’oota miseensota ABO, bakka bu’oota Caayaalee ABO, bakka bu’ootnii fi hoogganootni murnoota hawaasaa adda addaa, deggertootni Dhaabichaa, akkasumas, beektotnii fi ogeeyyiin gara garaa addunyaa mara irraa walitti dhufuudhaan argamanitti Hagayya 20 – 30, 2017tti geggeeffatee milkiidhaan xumurate.
“Ilmi Oromoo Baratee Eessa Iyyuu Hin Gawu”
Haggaya 30, 2017 | Feyera Sobokssa
We have never been at peace ever since our land was conquered by the Abyssinian external forces often known by our parents as “Gaadduus. Our parents had a valid reason to say “Ilmi Oromoo baratee eesa iyyuu hin gawu.” When loosely translated, it is like saying, “An Oromo boy goes to school but gets nowhere.” They cannot say “Intala Oromo” because education was considered a privilege not a right for the Oromo boys in general and even worse for Oromo girls in particular. The enrollment of girls was not more than 2-3% of the total student population when I was in the elementary school. They have made this conclusion because they observe what was going on in their community. In my own birth place alone, a person who should have been a great role model for being the first person to get a Masters Degree, Obbo Guta Sirnessa, was killed during the Dergue regime. Oromo leaders like Kumsa Lata, Argaw Dinqa, Zewuga Bojiya, my own teachers like Dambi Disasa and Tewelde Gebremedhin (an Eritrean) and many, many others were killed by the Dergue military regime. There were about six Ph.D. holders who were killed in Tokkee Kuttaayee including a brother of Dr. Merera Guddina while I was a student at Ambo Comprehensive Senior Vocational High School.
Falmaan Bilisummaa Oromoof taasifamu jabaatee itti fufa!
Hagayya 27, 2017 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Oromiyaa
Koreen Aduulaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 27 bara 2017 teessoo ariifachiisaa guyyaa tokkoof gaggeessee jira.
Teessoo kana irrattis haala yeroo ammaa Oromiyaan keessatti argamtuu walhubachiisee jira. Kanuma waliins, duula itti fufiinsaan gaggeeffamuu qabu irratti kallattii kaayeera.
Akka kanaanis, mirga abbaa biyyummaa kabachiifachuuf wareegama olaanaa ummati Oromoo baasaa jirutti firii gochuun waan hunda dura kan irratti xiyyeeffatmau ta’uu irra deebi’ee irboomseera.
Keessayyuu, dhalooti qubee aadaa fi gootummaa ummata keenyaa dhaaluun akka bilisummaan ummata Oromoo kabajamu, mirgi abbaa biyyummaa keenya mirkanaa’u taasisuuf qabsoon maraalessaa kan filmaata hin qabne ta’uu raggaasiseera.
“DHALOOTI GUMAA” HUNDEE GADI DHAABEERA !!!
Hagayya 27, 2017 | Seenaa Y.G (2005)
Har’aa Gootummaan Biyya keessatti argaa fi dhaga’aa jirru, akka sabaatti itti boonna. Gammachuun nu mirqaansaa jira. Dhiigni wareegamtootaa bilaashatti akka hin hafnee nu abdachiisa. Qabsaa’oonni Umurii isaanii guutuu saba kanaaf of kennan keessi isaanii boqonnaa argachuun haqa. Dadhabbiin isaanii sadarkaa kanarra ga’uutti ni gammadu. Dhalooti qabsoo kana dhaalaa jirus, rakkoo hedduu keessa dabranii har’arra ga’utti hamilee guddaa keessa jiru. Gumaa ka nu baasuu kumaa kitilaan horachuu keenyatti, abdiin guutameerra. Qabsoo akka nama tokkotti gaggeeffamaa jiru kanarra ga’uuf, wareegama waa hundaa itti baafneerra. Akka sabaatti, Har’arra dhaabbannee hegaree keenya wayita tilmaamnuu, hegareen keenya shakkii tokko malee harka keenya jiraachuu ifatti mirkaneeffanna. Waan barbaannee yeroo barbaanneetti raawwachuu akka dandeenyu dhugeeffanna. Kana tikifannee isa caalutti tarkaanfachuun ammoo murtee keenyadha.
Waamichaa ADO Ummataa Oromoo fi Humnoota Oromoo Maraaf
Haggaya 23, 2017 | Oromo Democratic Front (ODF)
Weeyraraa “Liyuu Poolisiin” Mootummaa Naannoo Somaalee Biyyaa Oromoo fi Ummataa Oromoo irraatti Geessisaa Jiru Daddaffiin Dhaabuf Waamichaa ADO Ummataa Oromoo fi Humnoota Oromoo Maraaf:Bara sadeen dabaran kana keessa akka argaa jirrutti abjuun Somaaliyaa Guddittii (Greater Somalia) dhugoomsuu ykn daangaa naannoo Somalia baldhifachuu, gargaarsa mootummaa TPLFn hogganamuun dhugoomaa akka jiru ifaa dha. Akka beekamutti imammaanni lafaa Somalee baldhifachu mootummaa Ziyaad Barreen eegale. Abjuun Somaaliyaa Guddittii kun yaada ummata Afaan Somaalee dubbatu, kan Itoophiyaa, Kenyaa fi Jibuutii keessa jiraatan hunda mootummaa Somaaliyaa Guddittii keessatti walitti qabuu fi lafaa naannoo sana dhuunfachuu ture.
Qeerroon Bilisummaa ummata Hin sodaachisu!
Hagayya 23, 2017 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa Irraa
Hoggansi Qeerroo Bilisummaa Oromoo haala yeroo ammaa Oromiyaa keessatti belbelaa jiru irratti Hagayya 21 bara 2017 walgahii hatattamaa taasise.
Walgahii kana irratti rakkoon Oromoo mudate bilisummaa Oromoo deebisuun kan hiikamu ta’uu sagalee tokkoon irra deebi’ee haaromseera. Dhumaatii gama addaddaan ummata Oromoo mudachaa jirutti xumura gochuuf Fincila Xumura Gabrumama jabeessuun furmaata qajeelaa ta’uus iticheera.
OMN: A Misguided Missile – Part II
August 16, 2017 | By Garee Mo'uu
To Read Part I Click HERE
To Read Part I Click HERE
As stated in part I, this part will focus on issues that terribly went wrong with OMN and its leaders. Though there are several issues and concerns that can be raised here, we only focus on the major ones that we think are worth mentioning and letting our people know. It is morally degrading to sit idle and watch when the media we built to serve our interest is rather working against us. We want our readers to understand that we can’t afford losing the only media institution we established as a people, especially in the diaspora. At the same time, we shouldn’t also allow this media to be used to compromise our unity.
OMN: THE MISGUIDED MISSILE – Part I
August 16, 2017 | By Garee Mo'uu
Prelude
This article will be presented in three parts. The first part will address a general background in media and the OMN’s successes since its inception. The second part will look at the inherent structural problems that are facing the OMN and the damages that they are doing to our cause. Part three will conclude by recommending the way forward.
AMALAAF DALAGAAN GARBOONFATTOOTA HABASHAA AKKUMA HUURUU HARREE WAL FAKKAATA
Hagayya 12, 2017 | Qeerroo.org
MUUMMEE SEENAA: Oromoon Jaarraa 16ffaa dura gadaa jabaaf tokkumaa jabaa qabaataa akka ture, ragaaleen barreeffamaa danuun nii eeru.isumaa Asitti habashoonni jaarraa 17 keessa humna waraanaa Portugal of duuba hiriirsuun Oromoo lafasaa saamuuf kachachaltullee, jaarraa sana keessattuu Oromoon hoggantoota jabaa of keessaa filatee deggarsaaf meeshaa waraanaa gahaa tokko malee, ilmaan diqaalaa sanyii warra SEM kana of keessaa darbataa tureera. Oromoon gootummaaf sodaatamaa akka tures barreeffamoonni hedduun katabamanii jiran. Jaarraa 18ffaa fii 19ffaa keessa mootummoonni Oromoo hedduu sodaatamaa turan lama akka turan illee seenaan nii dubbata. Mootummoonni kanneen akka WARRA HIMANUUFI YEJJUU mootota Oromoo warra humna qabeessaaf diinaaf hinjilbeenfanne turan. Mootummoonni kunneen gootummaan isaanii akkaan akka dinqiisiifamu kan godhe, gamtaan diina isaan saamuu dhufetti bobbaa’anii loluu isaaniiti. Har’as gootummaan uummata keenya kaleessaa akka danbalee jiraatu shakkii hinqabnu.
Intense fighting in Ethiopia as key road is blocked, U.S. warns citizens
August 10, 2017 | African news
The United States embassy in Ethiopia has reported of intense gunfire between two cities leaving a main road linking the capital and another town blocked.
A statement released by the embassy read: “The U.S. Embassy is aware of reports that the main road from Addis Ababa to Jijiga has been blocked by security forces between the cities of Babile and Harar due to intense fighting including gunfire.”
Waraanni Wayyaanee TPLF Sabboontota Oromoo Matakkal( Dangab) Irraa Hidhaa Jira.
Hagayya 07, 2017 | Gabaasa Qeerroo
Hidhamtootni Oromoo kun Galmee Obbo Habtaamuu Bayyanaa Amantee Jalatti kan himatamanii fi maqaan isaanii tarreeffame akkuma armaan gadii kana dha.
Badii fi yakka tokko malee Sabboontota Ilmaan Oromoo Matakkal (Dangab) irra guuree mana hidhaa Maayikelaawiitti ji`a ja`aa(6) oliif mana dukkanaa keessaatti reebichaa fi doorsisa addaa Adaan nerga Iltaamsaa turee Hagayya 2/2017 Mana Murtii Liidataa jedhamutti Namoota 11 Harkaa fi miila isaani walitti sakaaluun mana murtiitti dhiyeessee jira.
Hidhamtootni Oromoo kun Galmee Obbo Habtaamuu Bayyanaa Amantee Jalatti kan himatamanii fi maqaan isaanii tarreeffame akkuma armaan gadii kana dha.
Atileet, Fayyisaa Leellisaa baga milkiif injifannoon irra aantee, gammaddee nu gammachiifte.
Hagayya 02, 2017 | Qeerroo.org Irraa
Gootichi Oromoo Atileeti Fayyisaa Leellisaa Fiiggicha Walakkaa Maraatoonii Biyya Kolombiyaa Bogotatti gaggeeffame irratti Sadarkaa 1ffaa bahuun Injifannoo Boonsaa Galmeesse Warqee Badhaafame!!. Ilmi saba isaaf dhalate Yoom iyyuu kanuma sabaati, Atileeti Fayyisaa Leellisaa guyyaa har’aas akkuma Injifannoo galmeesseen Sagalee Mormii Mallattoo Diddaa Gabrummaa Rio irratti Argisiisee irra deebi’ee Addunyaa biyya lafatti argisiisuun mirgi bilisummaa uummata Oromoo akka kabajamuuf Sagalee uummata Oromoo ta’uu danda’eera.
Gootichi Oromoo Atileeti Fayyisaa Leellisaa Fiiggicha Walakkaa Maraatoonii Biyya Kolombiyaa Bogotatti gaggeeffame irratti Sadarkaa 1ffaa bahuun Injifannoo Boonsaa Galmeesse Warqee Badhaafame!!. Ilmi saba isaaf dhalate Yoom iyyuu kanuma sabaati, Atileeti Fayyisaa Leellisaa guyyaa har’aas akkuma Injifannoo galmeesseen Sagalee Mormii Mallattoo Diddaa Gabrummaa Rio irratti Argisiisee irra deebi’ee Addunyaa biyya lafatti argisiisuun mirgi bilisummaa uummata Oromoo akka kabajamuuf Sagalee uummata Oromoo ta’uu danda’eera.