Ibsa Ejjennoo Walgahii Shanee Gumii Adda Bilisummaa Oromoo, Waxabajjii 09 – 19, 2018

Waxabajjii 22, 2018 | Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Shaneen Gumii Adda Bilisummaa Oromoo walgahii dhaabbataa 2ffaa kan Kora Sabaa 4ffaa boodaa Waxabajjii 09 – 19, 2018 geggeeffatee milkii fi injifannoodhaan xumurate. Shaneen Gumii Walgahii isaa kanaan Gabaasa Waajjira Hayyu-Duree fi kan Dameelee dhaggeeffatee gilgaaluutti dabalee marii dhimmoota Imaammataa (Policy Consultation Conference) kan jal-bultii Walgahii Shanee Gumii kanatti Hayyoota Oromoo fi Hoogganoota ABO gidduutti geggeeffame irrattis mari’atee murtii barbaachisu dabarse. Itti aansuudhaanis haala Ummata Oromoo fi kan Qabsoo Bilisummaa Oromoo, haala yeroo ammaa kan sirna Impaayera Itoophiyaa, akkasumas, haala naannoo keenyaa fi kan idil-addunyaa irratti xiinxalaa fi marii bal’aa fi bilchaataa geggeessee ibsa ejjennoo armaan gadii baasuudhaan walgahii isaa goolabe.

Liyyuu Haayiliin Somaalee Haleellaa Raawwateen Namoonni Hedduun Dhuman: Amnestii Internaashinaal

Waxabajjii 11, 2018 | VOA Afaan Oromoo



Haleellaa Harargee bahaa aanaa Cinaagsen keessatti raawwatame jedhame kana namni ani jiraataa magaalaa cinagsen jedhe tokko akkasitti haala ture Tsiooniif ibse.
Cinaagsen keessatti waanti uumame Liyyuu Poolis kanneen jedhaman meeshaa gurguddaa hidhatanii dhufan. Anis achuma bakka qonnaa koon ture. Dhukaasa banan. Namoota 14tudu’e. ani jalaa fiigeen miliqe. Manneen jireenyaa gubanii beeladaalee fudhatanii deeman. Namoonnis qe’ee ofii irraa baqatan jedhan.

The list of 200 Disappeared Oromo Freedom Fighters TPLF has to disclose their where about or tell what happened to them

June 05, 2018

Maqaa qabsaawota Oromoo 200 woyyaaneedhaan ukkamfamanii achi buuteen dhabamani. Mootummaan ammaa kun akka nuuf hiiksisuuf isinis ummanni Oromoo cufti tokkoo tokkoo keetiin dhiibbaa godhi.
1. Nadhi Gammada (Since 1994)
2. Dabasa Guyo (Since 2015)
3. Yosef Bati (Since 1992)
4. Bekele Dawano Geologist in profession, he studied in Dutch University. He was arrested on 25th October 1992. He was disappeared from Agarfa Prison in 1993, according to International Committee of Red Cross who documented about his detentions. He was last seen on 14th September, 1993 at Agarfa being escoted away from prison center by heavily armed men.

EESSA JIRAN? Galmee Qabsaawota Oromoo achi buuteen isanii dhabame keessa namoota 29 suuraa isanii waliin [Collected from social media]

Waxabajji 01, 2018
  1. Huseen Abubaakar Ganamoo (Muldhataa Dirree)

    Jaal Huseen Abubaakar Ganamoo (Muldhataa Dirree) Hogganoota waraanaa ABO baha Oromiyaa keessa tokko kan tahe fi bara 1995 A.L.A. Lola Baale nannoo Gindhiiritti godhame booda kan dhabame. Jaal Muldhataa Dirree goota gootowwanii hiikaa harka keessan jira ykn nuuf himaa iddoo itti awwaaltan.