Pages

Kaayoo fi Maqaa ABO tiin Qabsaawuuf Kakuu Kaleessa Seenne Haaroomsuun ABO Tokkomsuuf Ni Qabsoofnna

Ibsa Gurmuu Qabsaawootaa fi Miseensoota ABO

Onkolooleessa 30, 2012
Lakk.001.12 


Qabsoon ummanni Oromoo bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa godhaa jiru, gadaa shanan darbe bu’aa baayyee argamsiisulee, carraa gaarii yeroo adda addaa argameetti akka barbaachiisutti, dhimma itti bahuu dadhabuun deddeebi’ee qabsichaa fi dhaaba keenya ABO muddateetti jira. Hamma hara’atis, jaarmayni Oromoo tokkolleen, humna damboobaa fi qabsaawaa ta’ee, barattoota, barsisttoota, qonaan bultoota, hayyoota, dubarttootaa fi dargaggoota Oromoo kan biyya fi biyya alaa fagoo fi olla biyyaa jiran mara qabsoof hiriirsee, alagaalee dhimmi siyaasaa naannoo sanii nu galcha jedhu mara gargaarsifachuun, qabsicha injifannoon gahuu hindandeenye.


Haradha uummatni Oromoo yeroo kamuu caalaa damaqee, dantaa isaa hubachuun murannoo cimaadhaan bilisummaa fi walabummaa jechaatti jira.Didaa gabrummaa warra Habashaa kan sabni keenya biffa adda addaatiin biyya keessatti adeemsiisaa jiru boonsaa dha. Fincila diddaa gabrummaa ummata keenyaa kana daandii qabsiisuun hogganuun hafee, dhaabni keenya uumamuu isaa irraa hanqina yeroo irraa yerootti isa muddate injifatee fedha ummata Oromoo bakkaan gahuu hanqachuu fi ufumaafu rokkoo keessoo isaa fixachu dadhabuun , dhaabni tokko, kan kaayoo fi maqaa tokkicha qabu baka sadii fi afuritti adda baheetti haala nama gaddisiisu keessatti argama.

Rakkoo dhaaba keenya keessatti mul’ate kanas, karaa sirnaa fi daandii diimokiraasiitin fixachuu dhabuun yeroo irraa yerootti , miseensootni dhaaba keessaatti jijjiirama fiduuf yaalaani yeroo dadhaban dhaabicha keessaa bahuun dhaaba siyaasaa Oromoo kan biroo ijaarachuun qabsaawuun yeroo dheeraaf akka furmaatatti fudhatamulee, kan haaraatti ijaaramanis jabbina hawwamu sana fiduu hin dandeenye. Kunis sababa of danda’e qaba. Haata’u male, bu’aan haali kuni fidee qabsaawwootni Oromoo diina lagatanii ofiif akka waliirratti bobba’an godhu bira taree, hawaasummaa Oromoo irratti illee dhiibaa garaagarumaa hin barbaachifne keessatti uume. Haali ta’ee kuni ta’uu isaa irraa Oromootni baayyeen gadduun hamilee akka kutatan karaa abdi kutanaa banne. Sababa kanaanis, hulluuqtoonii diinaaf hojjatan hiree argachuun warra diigaa malee waan gaarii hojjachuu hin beekneetti (sirna dhabloota) makamuun qabsaawootaa fi mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo manshuutti seenan. Alattis waan diigmayaa dhaguu irraa gamaduu malee kan qeeqa kabaa dhiiheesuun dhaabicha dhiinsuu fi tokkomsuuf itti dabalamuun qabsaawuu ni xiqqaate.

Haali gubaa irraa tuqame kuni osoo jiru, bara 2002 fi bara 2008 keessatti dhaabni tokko, kan sagantaa tokkoo fi maqaa tokko qabu bakka lamaa saddiitti adda bahuun ABO Sh-G-S , ABO-QC fi ABO-Jijjiiramaa jechuun uf mul’ise. Jeequmsi ta’ee kunis, rakkoo duraanuu ture daran bali’isuun gareen sadanuu diina tarsimoo dagatanii ufummaaf waldorgoomi barbaachiisaa hin taane keessa akka seennan godhe. Haala uumame kana hanqisuun, dhaabichi akka bakka tokkootti deebi’ee araari bu’u maanguddoo fi gareelee sadan keessaa jaallan dhimma sabaa fi dhaabichaa dursaniin tattaaffi cimaan godhamu illee araari kun hogganootaa fi qoondaalootni gariin isaanii shirraaf gareele kana keessatti maandheefataniin tokkummaan Oromoon abdiin eegachaa ture akka hin milkoofne hojjataniin bakka gahuu hanqate.

Bakka gahuu dhabiinsi araaraa tokkummaa ABO gareelee saddanii kun osoo mirkanii tahee gadii hin bahiin, hogganoota ABO-jijjiiramaa keessatti haali barbaachiisaa hin taane shaffisaan mul’achu jalqabe. Asxaan mul’ate kunis, kan araara gufachiisu qofa osoo hin taane, kaayoo dhaabichi irratti ijaaramee fi sirna dhaabichii tokkoomee wayyoomina sagantaa siyaasaas ta’ee waan biro ittin murteefatu irraa faaga bahuun isaa yeroo mula’ateetti, hogganootni irra guddaa fi miseensootni wayyabni ejjanno fudhachuun hoggana sirnaa fi seeraa ala bahuun sagantaa siyaasaa ABO jijjiiruuf adeemaa ture beekumsa dhoorkachuun, hogganootni, kutaaleen, konyaaleen, miseensootni WBO fi miseensootni gameeyyiin walduraa duuban ibsa ejjanno baasuun gochaa sirnaawwaa hin taanne kana dura dhaabatan.

Hogganootni hangi tokko kallatiin haali sagantaa siyaasaa ABO (kan gareen saddeenu mirga itti qaban) garee tokkoo qofaan jijjiiruun kuni rakkoo guddaa waan fiduuf akka dachaafamu dura ta’aa yeroo sanii gaafatanii jennaan warri hin fudhane filmaata biro qabaachu danda’u kan jedhu ta’ee.Haaluma yeroo dheeraa dhoksaan irratti hojjataa turaniin itti fufuun, hogganoota dhaabichaa keessaa gareen dura ta’aa yeroo saniitini hoggannamu Amajii 1, bara 2012 sagantaa siyaasaa ABOn irratti utuubame “jijjiiruun,” ilaalcha dhaabichi irratti qabsaawuu fi mormuuf ijaarame bu’aa siyaasaa tokko malee fudhachu isaanii labsuun dhaaba warra Habashaa kan mirga dhuunfaa malee mirga waloo hin fudhane waliin aseennaa seenu murteeyfatanii, daandii adeemsa qabsoo bilisummaa Oromoo irraa uf baasanii gamoo ilaalcha gareelee siyasaa warra Habashaa maxanfatan.

Hogganootni fi miseensootni caasaa jaarmayichaa keessatti hafan walitti deebi’uun marii eega godhatani booda, tarkaanffi gareen Kamal Gelchuun durfamu kuni fudhate akka isaan hin ilaale maqaa miseensoota ABO-jijjiiramaatiin ibsa baasuun, Koree qindoomina marii caasaa keessaa fi alattis gaggeeysiitu tokko utuubuun, qajeelfama yeroo qaxaamuraa baafachuun akkaataa miseensootni biyya keessaa , olla fi ala jiran martinu mari’atani fi dhaabichiis bakka tokkootti deebi’u gochuuf osoo mariin adeemaa jiru ammas, marii caasaa keessaa fi alatti akkamiitti akka gaggeefamu qabuu, ijaarsaa fi ilaalcha maali irrtii hundoofnne qabsoofna gaaffii jedhu deebiisu irratti garaagarummaan waan nu gidduutti mul’ateef, hogganootni garii fi miseensootni hangi tokko marii fi murtii sirnawaloo malee maqaa dhaabichaatiin qabsaawuu irra mala biro irratti bobba’u filachuun lamada gargar bahuun nu muddate.

Miseensootni hafane, haala ABO jijjiiramaa keessatti tahee kana irraa gadda guddaa gaddinu illee, marii keenya itti fufuun, sagantaa siyaasaa ABO ittiin masakamu irratt hundaawwuun, Koree Yeroo Qindoomina Gurmuu Qabsaawootaa fi Miseensoota ABO utubuun qabsaawaa, miseensoota ABO-jijjiiramaa kanneen fafaca’an sasaabuun waliin maria’chu, qabsaawoota bilisummaa Oromoo mara hawwachuu fi ABOn tokkoomee akka humnoomu gochuun fedha ummata Oromoo akka bakkaan gahuuf, gargaaru gochuuf kakuu kaleessa seenne haaroomsuun gahee nu irraa eegamu bahuuf murtii waloo irra geenyee GQM-ABO utuubneetti jira.

Akka ilaalcha keenyaatti, haali dhaabni keenyaa fi qabsoon bilisummaa Oromoo keessa jiru sablina hogganoota gareelee ABO qofaaf osoo hin taane, dhala Oromoo hundaafu qaanii dh jenne waan amanuuf, ABOn tokkoomee, haaroome fi humnoome qabsicha akka itti fufuu danda’u gochuun waan hunda dura akka dursuutti waaan amanuuf, hogganootin gareelee kanaas qaanii waloo keenyaa fi fuulleen ammo dhuunfaan waan isaan irrtti xiyyeefatame kana hubatanii gayyee isaanii bahuu fi itti gaafatama seenaan tasa isaaniin feete kana akka bahan jenna.

Dhaabootni qabsoo bilisummaa fi walbummaa Oromiyaa galmaan gahuuf wa’adaa qabsichaa fi uummata Oromoof seennan martinu, haala duree tokko malee walitti dhufuun marii hatattamaa godhchuun barbaachiisaadha jenna. Mariin kunis, ijaarsa ummataa Oromoo kan garagaraa (civic organizations) fi Oromoota dhuunfaan jiraatan, kanneen ammoo ummta isaanittif biffa adda addaatiin gumaata qooda olaanaa qabu kennan kan dabalatu yoo ta’ee rakko ammaan tana nu muddate kana keessaa waloon akka irra aannu ni gargaara jenneetti amana.

Dhaaboota siyasaa Oromoo kanneen diimookiraasii, mirga uummataa fi humnoomu Oromootti amanan waliinis sirna dhaabootni Oromoon martiinu keessaaa qooda fudhachuu danda’anii fi qabxiiwwan siyaasaa dhaabootni Oromoo martinu keessatti uf argan, sagantaa yeroo gabaabaa waliin baafachuun diina tarsimoo sabni keenya akka uf irraa buqqisu gargaaru irratti waliifgaluuf tasagabaawanii yoo itti yaadan gaarii dha jenneetti amana. Sagantaan siyaasaa yeroo dheeraas, kan ta’uun irra jiru dhaaboon siyaasaa Oromoo, eega ummatni Oromoo cunqursaa bifa hundaa jalaa bilisa tahee booda, murtii abbaan tabaroo-uummatni Oromoo murteefatuun buluuf walhubannoota siyaasaa irra gahuu dha. Walhubannootaa fi murtii waloo kanas uummatni Oromoo sirna akkamiittin akka bulu, mootummaa akkamii fi maqaan mootumichaas maal akka ta’uuf jiraatu kan murteefatu sabicha qofa ta’uu irratti waliifgaluun, sirni haali kuni sagalee sabichaatin itti mirkanaauwuu danda’us karaa RIIFIREENDAMA walaba ta’een ta’uu isaa amummaan – suduudaan waliifis tahee ummata Oromoof akeekuun, diina tarsimoo qofa irratti xiyyeefachuun bilchina siyaasaan yeroo gaafatu jenneetti amana.

Mirga hiree murteefanaa ummata Oromoo yeroo jennu, karaa inni ta’uun, maaliin akka iggitaawwu fi eenyuun akka murtaawwun maluu sirriitti osoo hin akeekni, sabni keenyaa fi qabsaawootni Oromoo wareegama haalaan ulfaataa tahee baasuun karaa walakkaa caalaa eega adeeme booda, uf duuba deebi’u fi deebii’u dhabu irratti wal mormuun meeshaa diina ta’uun waan maluuf, haali kuni hunda keenyaaf ifaa yoo hin taane rakkoo keessaa bahuun hin danda’amu jennee waan amanuuf GAMOON TOKKUMMAA dhaaboota siyaasaa Oromoo mara hammatu tokko utubamee, ummatni Oromoo riifireendamaan (referendum) mirga isaas ta’ee walabummaa biyya isaa irratti murtii keennachu akka danda’u haala isa dandeeysiisu irratti humna hojjatu tokko waliin uummachuun ni danda’ama.

Gareen diimookiraasiitti, mirga dhala namaa kan waloo fi kan dhuunfaatti amanu martiinu, sirna riifireendama bilisa ta’een, uummatni Oromoo murti irra gahuu kana ni fudhatan jenne waan amanuuf, gareeleen siyaasaa Oromoos haala kana irratti wal hubannoota uumuun sirna gamoo haala kana tarkkaanfachiisu tokko waloon akka tolfatan yaamicha dhiheesina. Hanga murtiin uummata Oromoo kuni karaa dimokiraataawwaa fi heera adunyaa hordofu kanaan hin mirkanaawiinitti garuu, Itiyoophiyummaa fi Oromummaan waliif goflaa qoricha hin qabne jennee waan amanuuf tokkummaa irra garaagarummaa fi nagaa irra lolatu babala’ata jenna.

Haala qabatamaa lafa irra jiru kana irraa ka’uun, namootaa fi gareeleen siyaasaa Oromoos qabxiiwwan siyaasaa Oromoo waldura dhaabuu, walmormiisiisu, waliindhayuu, olola diinaatif balbala banuu fi tokkummaa uummata Oromoos tutuqu hunda irraa akka uf qusatanii, ilaalcha qabsaawootaa fi uummata Oromoo tokkoomsee diina tarsimoo qofa irratti kakaasuu fi uummatichas tokkoomsee humneeysuu danda’u irratti akka fuula deefatan yaamicha dhiiheesina.

Injifatnoo Ummata Oromoof!
ABOn ni Tokkooma, ni Humnoomas!!
Tokkummaan Humana!!
Injifanno Ummata Oromoof!!

Gurmuu Qabsaawootaa fi Miseensoota ABO
Gadaa.com 

No comments:

Post a Comment