Pages

Oromiyaa Bakkoota adda addaatti WBOn Tarkaanfii Fudhate.

(Madda Oduu ABO /MOA/ Muddee 05,2012): WBO Goodina Shawaa Kaabaa keessa sosso'u tarkaanfii haleellaa diina irratti fudhateen loltoota diinaa 8 hojii ala taasise.. Tarkaanfii WBO keessaa murna Risaa jedhamuun fudhatame kanaan kanneen rukutaman tarkaanfii naannoo kanatti WBOn fudhateef ummata irratti haloo bahuu akka ture beekameera. Haa tahu malee WBOn dursee tarkaanfii fudhateen hanqisuu danda'eera.

Akka kanaan lola Sadaasa 5, 2012 Ona Qinbibit ganda Soonqoolee naannoo laga gumee jedhamutti adeemsifame kanaan diina irraa kan ajajaa 50 Seyfuu Mokkonnin waliin 5 oggaa ajjeefaman 3 haalaan madaa'aniiru. WBOn tarkaanfii kana kan diina irratti fudhate galgala keessaa sa'aa 10:30-tti ture.

Gama kaaniin Hararge Dhihaa naannoo Biyyoo Karaabaa bakka araddaa Badhaasaa jedhamutti humna diinaa sakattaaf bobba'e irratti WBOn tarkaanfii Sadaasa 26, 2012 fudhateen diina irraa 2 ajjeesee 3 madeessee jira. Humni diinaa haleelames akeeka bobba'eef hanqatee boodatti deebi'uuf dirqame.

Humni waraanaa diina ummata Oromoo diddaa ummmataa sirnicha irratti jabaataa dhufe dhaamsuuf Baha Wallaggaa Ona Ebaantuutti bobbaafame halkan mana ummataa cabsee seenuu dhaan ummata reebaa, dubartoota gudeedaa fi gochaa hammeenyaa gara garaa ummata irratti raawwataa jira. Akka kanaan Sadaasa Sadaasaa 27/2012 halkan kessaa sa'aa 12-tti humni poolisa federaalaaa ganda Oroocoo jedhamutti ummataan isin ABO dha jechuun poolisa Federaalaa keessaa Nuftalem Beyyene kan jedhamu ajjeeseera.

Karaa biraan humni addaa WBO Abdii ummataa jedhamu tarkaanfii Sadaasaa 27/2012 Godina Horroo Guduruu Wallaaggaa Onaa Habee Dongoroottii lukkeen diinaa Bari'ee Bantii jedhamu irratti tarkaanfii maayyii fudhate. Basaasni diinaa kun yeroo garagaraattii ilmaan Oromoo basaasuun nama qabsiisaa ture fi daldalaa midhaanii fakkaatee bakkaa bakkatti sosso'uun kan diinaaf hojjataa ture dha.
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) 

No comments:

Post a Comment