Pages

Waamicha Oromummaa Koree Gidduu Galeessa DH.D.U.O irraa Ilmaan Oromoo Maraaf

Muddee 3/2012

Kabajamoo Ilmaan Oromoo,

Mootummaan abbaa irree wayyaanee wayita aangootti bahu irraa kaasee ilmaan Oromoo ajjeesaa, saamaa, hidhaa, biyya irraa arii’aa kan as gahe karaa Dhaaba siyaasaa ilmaan Oromoo bakka bu’a jedhee kaa’e DH.D.U.O tahuun isaa hin haalamu.Miseensotni fi hogganootni DH.D.U.O yeroo mara qoratamu,ajjeefamu, Hojii fi biyya irraa arii’amu. Kun wayyaaneen DH.D.U.O ilmaan Oromoo miidhuuf kan gad dhaabe tahuu ifatti ibsa. Yeroodhaa yerootti Miseensotni DH.D.U.O isin ABO waliin hidhataan hojjettu, Isin ABO dha jedhamuun bakka hojii irraa arii’amaa fi aangoo irraa darbamaa turuunis hin haalamu.

Wayita ammaa roorroon haalaan hammaachaa dhufetti, mootummaan wayyaanee lafa Oromoo saamaa, qabeenya Oromoo alagaatti gurguruun duwwaa hambisaa jirutti ilmaan Oromoo tokkummaan falmuun barbaachisaa waan taheef waamicha kana dhiyeessina. 

Waamichi Kunis:

  1. Miseensota DH.D.U.O Yuunivarsiitiilee keessaa, Koollejjiiwwan keessaa, manneen barnootaa ol aanaa keessatti argamtan marti mootummaan wayyaanee cunqursaa addaa ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffannoon gaggeessaa ture, haalaan jabeessaa ilmaan Oromoo garbummaa bara baraa keessatti hambisuuf haala mijeeffachaa waan jiruuf;
  2. Mootummaan kun wayita hundeen hin dhaabbannee fi wal shakkiin gidduutti jabaata jiru kanatti dirqama mootummaa wayyaanee irraa dhufu LAKKI GAHE jechuun akka simattan waamicha dabarfanna. Barattoota Oromoo dhaabbiilee barnootaa keessatti diinaan doorsifamaa jiran waliin walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii’achuun gaaffii bilisummaa Sochii Dargagoota Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroon) finiinaa jiru cinaa akka dhaabbattan dhaammanna. Mootummaan wayyaanee hundeen buqqa’ee booda gaabbiin waan hin oolleef dirqama Oromummaa akka baatan jabeessinee dhaammanna.
  3. Miseensotni KG DH.D.U.O marti dhugaa lafa kaawaa deemnaan guyyaa nuyi dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti murtii keenyaan raawwanne muraasa akka tahe hin haallu. Yeroodhaa yerootti wayita dhimmi murtii qabeenya Oromiyaa irrattis tahe, lafa Oromoo irratti, akkasumas dhimma Oromoo waan wal qabate mara dirqama barreeffamee Pireezedaantii Oromiyaa Obbo Alamaayyoo Atoomsaa dhaqqabe irraa dhageenya malee murteessuuf aangoo homaa akka hin qabne hin haallu. Waan murtaa’ee nu dhaqqabe dhaga’uuf walgahii yeroodhaa yerootti gaggeessina. Miseensota keenya keessaa namni yaada biro dhiyeesse akka Miseensa ABOtti akka ilaalamu quba qabdu. Baay’inaan 65 taanee ilmaan Oromoo miliyoona 40 ol garbumaa bara baraa keessatti ukkaamsinee taa’uun
    gaaffii seenaa keessaa nama hin baasu. Kanaaf, Kabajamtootni KG DH.D.U.O marti tokkummaan gaaffii bilisummaa gaafatamaa jiru cinaa akka dhaabbattanii fi gumaata isin irraa eegamu akka baatan waamicha dabarsina.
  4. Miseensota DH.D.U.O godinaalee Oromiyaa keessatti dabballummaan hojjechaa jirtan yeroodhaa yerootti maqaa tarsiimoo misoomaa jedhamuun qotee bultoota hojii isaanii dhaabsisuun siyaasa barsiisaa turuu, qotee bulaa qaala’insa jireenyaa, dabalinsa gatii xaa’oo, rakkoo gibiraa wayita kaasutti SEELII DIINAA jedhamuun akka galmaa’aa turee fi jiru itti dhiyeenyaan quba qabdu.Yeroodhaa yerootti hojii dirqama mootummaa wayyaanee irraa gad lakkifamu haalaan baatanis ilmaan Oromoo miidhamuu, obboleewwan keenya, haatii fi abbaan keenya hidhamuu malee bu’aan dhuunfaa illee akka hin turre bakka jirtanii kaastanii hojii hojjetamaa ture madaaluun beektu. Dabballootni hojjetan ammoo yeroodhaa yerootti qorannaan cinqamaa wayyaaneen akka ergamtan beektu. Kanaaf, dirqamoota mootummaa wayyaanee irraa bifa dhokfatanii fi ifaan dhufan mara LAKKI GAHE jechuun akka simattan waamicha jabaa dabarfanna.
  5. Tika mootummaa wayyaanee tahuun yeroodhaa gara yerootti QBO gaggeeffamaa ture dura dhaabbachaa kan turtan, bilisummaan dhufun isiniif dabalatee akka tahe isin yaadachiisaa dhaamsa kana dhaamna. Mootummaan wayyaanee yeroodhaa yerootti ilmaan Oromoo tika irratti ramaddu dhoksaan ajjeesaa turuun ifa dha. Kun waan haalamu miti. Morma keessanitti haada hiitanii deemaa akka jirtan akka hubattan dhaamanna. Kanaaf funyoo diinaan hidhamtanii yeroodhaa yerootti bilisummaa ilmaan Oromoo dura dhaabbachuu irra waliin bilisoomuun fala waan taheef funyoo diinaa hiikkachuun QBO gaggeeffamaa as gahe galmaan geessisuu irratti akka xiyyeeffattan waamicha Oromummaa dabarfanna.
  6. Waraana mootummaa wayyaanee keessa kan jirtan ilmaan Oromoo marti meeshaa waraanaa harka keessan jiru lafa kaawuu dhiistanii afaan qawwee keessanii gara diinaatti akka galagalchitan waamicha dabarfanna. Meeshaan kan bitame qabeenya ilmaan Oromoon tahuu isaa osoo hin dagatiin meeshaa fannifattanii jirtan afaan isaa diinatti galagalchuun gumaacha barbaachisaa QBO keessatti qooda bal’aa qaban akka baatan waamicha dabarfanna. Wayita Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) magaala seene, bosona keessa barbaadaa jedhamuuun ilmaan Oromoo qofti filamuun ergamuun obboleessi obboleessa akka waraanu godhamaaa turuun wayyaanee waan haalamu miti. Ajajaan tokko ilma Tigiraay Ajajamaan 9 ilmaan Oromoo tahuun hanga yoomii jettanii akka gaaffii mirgaa gaafachuun bilisummaa ilmaan Oromoo gootummaan akka mirkansitan dhaammanna.
  7. Qotee bulaa Oromoo ilmaan Oromoo ganaa fi bona hojjetee ilmaan isaa barsiifachuuf manneen barnootaatti erge rasaasa mootummaa wayyaaneen bara baraan dhabaa, ofii gibira mootummaa wayyaaneen, Gatii Xaa’oo qaaliin gubataa , lafi irraa saamamuun qe’ee irraa buqqa’uun jireenya gadadoo keessatti akka bara baraan jiraatu mootummaan wayyaanee gocha farrummaa bal’aa hojjechaa turee ammas daran jabeessee jira. Wayyaaneen ilmaan Oromoo guutummaan guutuutti diina jabaa godhee akka ilaalu baruun gibira mootummaan wayyaanee gaafatu dhorkachaa, qe’ee irraa kan buqqa’an qe’ee keenyatti nu deebisaa jechuun gaaffii mirgaa kaasaa, walgahii mootummaa wayyaanee lagachuun dirqama Oromummaa akka baatan waamicha dabarfanna.
  8. Ilmaan Oromoo hojjetaa mootummaa taatan, barsiisotni, hojjettootni fayyaa, hojjettootni qonnaa… marti jireennyi qaala’aa dhufe malaammaltummaa, saaminsa buxa hin qabne irraa akka tahe quba qabdu. Kanaaf, hojii lagachuun, barfachuun diddaa akka dhageessistanii fi gumaata barbaachisaa akka baatan waamicha dabarfanna.
  9. Daldaltootni Oromoo marti hojiin hojjettan marti gibira isin irratti fe’amu daangaa dhabuu quba qabdu. Hoteelota keessatti gatiin mi’oota gurguramanii bu’aan isaa VAT jedhamuun mootummaa wayyaaneef galaa akka jiran quba qabdu. Kan Oromiyaa irraa funaanamu kun hundi eessa dhaqe? Maaltu hojjetame? jechaa kan gaafatamtan akka dhorkattan waamicha dabarfanna. Qabeenya qabdan maraan QBO cinaa akka dhaabbattanis hin shakkinu.
  10. Ilmaan Oromoo biyya alaa jirtan tokkummaan sagaleen ilmaan Oromoo biyya keessaa Addunyaatti akka dhaga’amu hojjechuun jabaattanii akka irratti hojjettan dhaammachaa garaagartummaa isin giduu diinni dhalche akka buqqistan jabeessinee dhaammanna.

    Tokkummaan Sochoonee Tokkummaan Bilisoomna

    Koree Gidduu Dh. D.U.O
    Muddee 2012

    Read The English version here

No comments:

Post a Comment