Pages

WBOn Haleellaa Diina Irratti Fudhatu Jabeessee Itti Fufe

26 Muddee 2012 | Madda Oduu ABO

Godina Shawaa lixaa Ona Abunaa Gindabarat ganda Dogonuu Siree keessaa basaasni mootummaa wayyaanee yeroo dheeraaf ilmaan oromoo mana hidhaatti guursisaa ture tarkaanfiin maayii irratti fudhatame. Basaani Wayyaanee Taarikuu Boggaale jedhamu kun bara 2005 FDG barattootaan gaggeeffamaa ture irratti adda durummaan mootummaa wayyaanee waliin wal tahuun dura dhaabbachaa kan turee fi dargaggoota Oromoo mana hidhaatti guursisaa kan ture dha. Wayyaaneen ajjeefamuu miseensa kaabinee fi baasasa isaa kanaan baarage humna waraanaa naannoo kanatti bobbaasuun ummata goolaa jiraachuun hubatame.


Humni addaa WBO Harargee Dhihaa keessa sosso'u ona Biyyoo karaabaa bakka Gaara Saylii jedhamutti gaafatamaa milishaa naannoo sanii kan ummata dararaa ture irratti Muddee 15, 2012 tarkaanfii fudhateera.

Gama biraan Dabballoonni ABO ummata magaalaa Awwadaay fi naannoo gurmeessuun Muddee 17,2012 gaaffii 'hiree ifii ifiin murteeffachuu' ummata Oromoof haa kabajamu jedhuun hiriira nagayaa mootmmicharratti akka bahan taasisanii jiran. Hiriira nagaa kana irrattis polisootni hoggana hanga isiniif waamnutti addaan gala jedhanii dirquu irraa walitti bu'insi ugodhamee Hogganoota isinii

Injifannoo Ummata Oromoof !

Madda Oddu Adda Bilisummaa Oromoo

No comments:

Post a Comment