Pages

Laallibati Maal Eeggata?

Ibsaa Guutama Irraa* | Amajjii 2013

To read the English version Click here 

Kurnan tokkoo ol booda murnooti ABO lama ABOn gumaatt caccabee ture walitt fayyuu eegaluu ambaa iyya’an. Sun tarkaanfii akkaa, kan funaansa soba hunda qaanesse. Dhinee hojii humna guutuun eegaluun yeroo hanga tokko ni fudhata ta’a. Kanaaf hamma tarkaanfi qabsoo bilchaataa itt haanuuf walhubannoo amanamaa irra gahanitt gochii amba keessaa yeroo fudhatu ta’a. Kun akka dogoggora darbe irra hin deebine carraa argamisiisa. Want tolfamuu deeman tartiiba qabachuu feesisa. Lachanuu adda addati waan hojjechuuf karoorfatan qabu ta’a. Hundi cufamanii akka haarati eegalamuu gaafachuu hin oolu. Hamma dhiheessii marsaa kanaa isa dhumaan gadi bahanitt obsaa fi danda’a gaafata. Jaalbiyyooti kaayyoo sabaaf lubbu kennan hantuuta yaalaa hin turre. Dhiheessichi wareegammi saanii kan itt qoosamu akka hin taane kan dhaamu ta’uun barbaachisaa dha. “Galtuun Qeyee” kan bilisoomuu irra gooftaa tajaajilaa du’uu filataniif gurra kennuun bu’aa hin qabu. Laallibati sirna sochii fi iyyaatiin itti faca’u kan kanaan dura isaan locaa baheen adda eeggata. Qabsoon walabummaa gardhabummaan akeeka saa gahuu hin danda’u. Shaffisummaa fi dhimma baasuu danda’uu qabsoof jedhamee, tasummaa fi humna barsiifataa jaamsaan lakkifamuu qaba. Sanaaf sochiin walabummaa Oromoom, warraqsa ofirratt gaggeessuun barbaachisuu hin oolu.

Akka itt gaaffiin Oromoo qabamu kan dhiheessan kitilatu ala sana jira. Garuu hundi gaaffii lamatt gad bu’u. Oromiyaan walba ta’uumoo kaanitt hirkachuu qabdi? Deebiin saa walabummaa yoo ta’e imaammata ABO qofatu fiixaan baasaa. Gaaffii hedduun yaada qabsaawota durii kaasee, fixaan ba’iisa imaammatichaa, dandeetii ifaajee saanii qindeessuuf Oromoon qaban kkf irrat ka’uu danda’a. qabsoon kan kaayyoo sabaatt amanan fedhaa. Daddaaqotii fi lugnootii hoojii guddaa akkasii gaggeessuu hin danda’an. Nammi tokko gaagaa fidu hunda fudhate qabsootti seenee humneessuun, geeddaree hogganuu qaba. Kan kutannoo fi dudhamaa qabu angoo harkee warqeett naa dhufa jedhee eeggachuu utuu hin ta’in qabsaawuufii qaba. Nammi tokko namoota itt cichanii jiran yk kanneen itt garagalan osoo hin ta’in kaayyoo saba saa heduu qaba. Yero haamtuu kana mamii afarsuun dhukkuba. Amma hooggansi xiinxala dhuugaa fi yaada kanneen biraa irraa fi kan saanii kaleessa irra wayyaawe qabatanii akka ba’an eegamu. Guddinni kan argamu yoo dammaqinii fi qayyabannoon miseesaa ol ka’e qofa. Dandeettii Oromoo hiriirsu, qooda fudhannaa ballisuu, humna dardaraa ofitt dabaluu fi ofbara sabaa fi dhaabaa ol kaasun hojii waari’ee. Hariiroon amba mormitoota waliin tolfamu ammaf kan durfannoon kennamuuf miti. Gaffileen imaammataa sabaawoo fi sagidduu hanga walhubannoon keessaa, tokkummaa fi yaayyoon qabsichaa karaa haara mirkaneeffamutt qabamuu danda’a. Kanaaf mariin gad fageessanii keessa ofi itt qoran qunnamtii ambaa hunda dursuu qaba.

ABOn yoo jarri kaan tokkummaa empayeraaf dhabbatan inni walabummaaf qabsaawa. Hedduun imaammati ABO kan yeroon itt darbee fi dhima hin baafnee dha jedhanii qeequu danda’u. Garuu tuffatanii karaa saanii hin qabatan. Dhugaan saa hundi mooraa isaan erge irratt hundaawanii, akka ergamsa saanii meelchaa fi bolola fi olantummaa koloniif gufuu bara baraa ta’uutt fudhatu. Kanaaf hamma danda’anitt maqaa xureessanii, salphisanii barbadeessuunii qabu. Oromoon hedduminaan kan guraramaniif mirga saanii waan baraniif. Cunqursaan yoo sababa argate aannantu dammati dhagala’eef. Yoo hin taane ABOn jiraatee dhiisee tokko uummata. Gocha ABO akka haadha guraara EPRDFtt fudhachuun sabdummaa, jalbiyyummaa dhabuu fi goleesitummaan xiqqinaa gaditt hin laalamu. Akka gocha namummaa baha abbaa hirree hamaa gidraa namaatt gammadu sirriitt fudhachuutt lakkaawama. Hojiin dhaabaa sabaa tokko sababa diinaa ooffalchuuf oso hin ta’in addatt qeeqamu ni danda’a. Wayyaaneen mirga dacha’uu (fottoquu) hayye. Addunyaan gara wayyaatt jijjiiramaa yoo jiraatu empayerri Habashaa garuu hamaatt deemaa jira. Diddaan sabaa ijaarame qofa humna bineensa akkasii, ittisu kan danda’u. Yaadi kana irra adda ta’e kan harka kennisiisu qofa.
Oromiyaan ammallee qabama jala jirti, geedarammii tolfamu kamuu kan qabateen dhimma dhuunfa saaf to’atama. Kan geeddarammi dhugaa ta’u gaafa Oromiyaan bilisomtee Oromiyooti jireenya malbulcha, binagdee fi hawasoma fi hiree saanii irrati gooftaa ta’ani. Sana malee haalli dargaggoo Oromiyaa gaaratt naqe ammayyuu ifatt muldhata. Habasha mitoota hedduutu iyya soba gurguddoo Habashaa, demokraasii, mirgooti ilmaan nama fi nambiyyootaf qabsoofna jedhuuf birmatanii turan. Garuu ganamuun du’att ergaman. Utu kutannoo fi dudhamicha biyya saaniif olchanii qabsaawoti Habashaas fakkeenya akkeeffamu hedduu irra baratu turani. Tumsa dhaquun gantummaa saanii saaxilani, kun Itiyoophesitoota si’anaaf ifaa dha.
Kan darbeef garaa raafamuun hanga yoona koqaa jira. Kan dur baqatanitt deebi’anii qabsoon Oromoo akka Itiyophiyoomu hooggani ABO buloon muggutan jiru. Sagantaa ABO eegala sanaan hidhata akka qabutt dhiheessuu yaalu. Nafii buusaa jalqabaa kan akeeka qabsoo muummicha agarsiisuu fi angoo yoo ta’ee jedhu buusaa hariiroo alaa jala jiru adda hin baafatani. Sun garuu yoo fedhame kan ta’u jedhamee taa’e.
Ummata bilisa kan akka waliinjiroott humna sodatamu qabu qofatu ummata bilisa biraa fedhe waliin hariiroo seena. Oromoon “Eenyu si dhungannaan hidhii muxxeessita?” jecha jedhu qaba. ABOn hanga yoonaa ummata saa funcaa kolonii keessaa baasuu hin dandeenye. Sun imaammata baafateef osoo hin ta’in dhaaba jabaa kan kan diina saa gitu ijaarrachuu dadhabuuni. Akkasumas nafii dudhaa Oromoon bilisummaa fi walabummaa irratt qabu jabeeffachuu dhabuu dha. ABUT illee hanga jabaatee waan barbaade fudhachiisuu danda’utt ABOn akeeka walfakkaataa qaba ture. Erga ummata saa bilisoomsee imaammata tokkummaa ADUtt (Adda Demkratawaa Ummataa) yk EPRDFtti jijjiirratee.
ABOn galmee dansatt barreeffaman kan Ittisa, Diinagdee, Howaasoma, Malbulchaa fi Namusa ilaalan qaba. Garuu erbaala irratt hafan. Ususi gabaasi yeroon hin galuu, ajaja diduun ture jedhu, dhugaa irra fagoo hin ta’u. Miseensi idilee waa’ee dhaaba saa kan dhagahu jette jettee irra malee suduudan hin turre. Mallattoo hundi, hoggansi garri tokko dirqama bahachuuf dandeettii akka hin qabne yk jalqabumaa walabummaa Oromiyaatt akka hin amanne agarsiisa. Garuu taatoti waan fedhan ta’anis ABOn xaxaa keessaa fi alaa itt hammaatullee hanga yoona hunda irra oolee “Ayyaana” ta’ee jira. Sun akka fedhe haa ta’u, kan carraa keessaa filatu Oromoof uumuu fi nagaa fi araara godinichatt fiduu danda’u qooqotaa fi xexxeba ababbaraa gurguddaa utuu hin ta’in bilisummaa Oromiyaa qofa. Me qalbeeffataan kan dura ta’u dura haa kaa’u. Akka jechaatt, qamaleenillee qoraattiin dura ta’aa see irraa yoo ba’e qofa obsaan teessee akka qaama biraa irraa baasachuun of waldhaantu beekti. Falli saa dhofsisuuf dura bakka bilisa ofi kennuu feesisa. Hanga ABOn jiraatu fi dhidhiittatutt sadoo fi xibarri ittuma fufa.
Dhaaba cimaa ijaaruun miseensa dammaqina ol haanaa, garaa guutuun bobbaa’uu, kaasaa saba ofiif kutannoo fi dudhama qabu gaafata. Haala miseensi hojii hooggansaa caqasuuf hin dammaqfamnett karaa irra chehumsi kaayyoo nama dhibuu hin qabu. Rakkina tuulamaa dhufe irra sanatu hubatama. Dhaabi cimaan murna garlamee, daddaaqani fi abba tokkee dhibooftuu, dandeettii Oromoon qabu qindeessuu hin feeneen faalameen ijaaramuu hin danda’u. Dhiheenya iyya’a VOAf tolfame keessaa tokkoon qabattee kana irratt gaaffileen ka’anii deebiin utuu hin kennamin hafan jiru. ABOn maaliif akka ga’aa hin hojjenne gar lachuun deebiin amanamummaan kennamuu qaba ture. Hanqinni taliila ta’e kan hojiirra oolcha dhibaawuu malee kan imaammataa hin turre. Nammi tokko utuu hin dhandhamatin gumaan tokko ni hadhaawa akkamitt jechuu danda’a?
Bilisummaa, nagaa, araaraa, safuu fi onneen dhagaa golee ilaalcha Oromooti. Sabaaf bilisummaa, nagaa fi araara Lafaa fi Waaqaa fi ilmoo namaatii, safuu lammii gidduutt, onnee kan itt amanaan irra hamaa ittisuuf nafii gurguddaa dhaalmaan argaman keessa jiru. Didhaa sanneen tuqamuuti kan dargaggoo Oromoo gaaratt naqe. Sanaaf malee waldhabdee nagaan furachuun aadaa Oromoon itt beekamu. ABOn dhugaa, daaya dhaloota irra qaari’u qaba. Sun daaya ummata bilisaa fi biyya walaboomeetii. Daaya fedhaa bu’uuraa ilmoo nama bilisummaa, nagaa fi araaraa keessaa nama waxalu irratt hundaayeeti. Kanaaf hanga ummati gadadoon jiraatutt abiddi saa hin dhaamu. Jijjirama naannaa haa ta’u baaquleessaa fi malraagummaan hagamiiyyuu tufachuunii hin danda’u.
ABO qacaleen humna cimaa qabachaa fi tumsitoota saa fi kanneen biyya Oromoo baldhaa kutachuu barbaadan waliin wal hadhaa bahe. Jeequmsi keessaas qooda saa qaba ture. Qabsoon lafa bilisome jedhanii sararuu caalaa, humnoota sana gidduutt cafaqamuun badiisa aggaamame irraa dhaaba olchuu ta’e. Karaa biraa garuu, sammuu kumkumatt lakkaawamu, kan biyya ofii keessatt gonka akka nambiyyaa sadarkaa lammafatt ilaalamuu hin fudhanne bilisoomseera. Biyya ofii gumaa gumaan bilisoomsuun akaataa qabsoo keessaa tokko malee akka fakmishoo tokkichaatt ilaalamuu hin qabu. Waan ofii tokkichumaan dhuunfachuunis ni danda’ama.
KAK (ANC) Afrika Kibbaa (AK) kan sirna apartaayid irra furuu danda’e qabsoo bara 82 (1912-1994) duuba ture. Qabsichi hiroo sanyii lama gar tokkoon adii garri biraa gurraacha fi kan halleeffaman gidduutt ture. Goftoliin kolonii, frota saanii AK horamanitt angoo kennanii erga gad dhiisanii turaniiru. Egaa qabsoon AK maddi saanii sanyii fi bifaan adda haa ta’an malee qabsoo namoota AK gidduutt gaggeeffame ture. Qabsoo imaammata bulchaa sanyeessaa jijjiiranii bulcha wayyabaa dhaabuu ture. Garri lachuu Afriikaan Kibbaa akka biyya saanii waloo ta’ett fudhatu. Yeroo Oromiyaatt dhufnu qabsichi qabsoo koloneeffamaa fi koloneeffataa qabaten gidduutt gaggeeffamu. Qabsoon ABOn gaggeeffamu Oromiyoo gidduutt utuu hin ta’in kan qabamee fi kan qabatame gidduuti jechuu dha. Kanneen miidhama koloneeffamoon sirna kolonii irra bu’aa argatanii fi argachuuf gororaa coccobsaa jiran kana dhaga’uun ni dhukkubsa ta’a.
Kanaaf qabsoon Afrikaa Kibbaa fi Oromiyaa akaakuun adda adda. Oromoon apartayid kolonummaa muuxataa jiru malee kan keessaa miti. Oromoon waliigalatt fanfana ilmoo nama keessayyuu Oromiyoo gidduutt sanyii, amanti fi lammummaa irratt hundaawanii tolchuun hin beekamani. Kan amantummaa saanii biyya haadha koloneeffatuu waliin itt fufuu barbaadan bilisummaa qabu garuu lachanuufuu al tokkott amanamoo ta’uu hin danda’anii. Kan Oromiyoo dha ofiin jedhan hundi akka horee Britishii fi Duchi suukannii qajeeltuu irra KAKn gargaaran bakka itti horaman malee biyya biraa waan hin qabneef qabsoo bilisummaa Oromiyaa gargaaruu qabu.
Kanneen bilisummaa biyya saanii abdiin eeggataniin walhubannoo murnoota ABO gidduuti dhiheeny ta’e gammachuu guddaan simatame. Dhinfamee gutummaatt hojiirra ooluuf yero fudhata ta’a. Hangasitt faanni fudhatan hundi gamnummaan masakamuu qaba. Malbulcheesitooti Oromoo bara hedduuf qubqabsiis ambaa irratt hedduu lallabaa, hedduus kakataa bahan. Amma hobbaatii qabatamaa malee dubbii fi irbuu konkaa hin barbaachisu; kan darbe irra deddeebi’amuu hin qabu. Yaa’in walitt baqaa tattaaffii fi tarkaanfii hedamee gaafata. Kan hooganootaa dansaa miseensaafis dansaa. Kanaaf jalqaba yk walfaanuma jalaa kaasanii walitt qabuun dirqii ta’a. Dardarri Oromoo qabsoo walabummaa kan angafoti saanii sossosan fulduratt oofuuf abbaawummaa guddaa qabu. Oromiyaa walabomsaati sana boda tokkummaa Afrikaaf loluu dandeessuu. ABOn kallacha qabsoo Oromooti; Hoomishaa gootota saba kumootaati. Qeyeen Oromiyaa keessaa isaan hin tuqamne hin jiru. Kanaaf kan diinoti Oromiyaa jibbaniin. Irraa faccisuun, haromsuu fi sooruun dirqama Ilmaan Oromiyaa dhugaa hundaati. Saba goota hin qabnee ta’uu hin fudhatina.
Hanga murtii fi gocha yaayyoo karaa haaromeen gad bahanitt obsaa fi danda’ummaan barbaachisaa dha. Bara hedduuf hundi sirna itt waldagan misoomfataa turani. Yoo itt yaadamee haqame malee sadarkaa ammaa irra dhangala’uu danda’a. Baroota saanii kaleessaa keessa deebi’ani qoruun barsiifata jamsaa dullacha fi tasoomaa irra of qulqulleessuu qabu. Qabsoo bilisummaa, jechaa fi gochaan Oromeessuuf tarkaanfii warraaqsaa gadi hin taane barbaada. Oromummaa waliin ol kaasuun fala tokkoo. Hoggansiif miseensi waliigalaa mooraa diinaatt baqachuuf utuu hin ta’in, dhaaba saanii jaallatamaa guddicha, ABO, barsiifata dullachaa, luuxxee galtuu fi dhibaawummaa irra faloo baasuuf sadarkaa warraaqaan of gahuu qabu.
Ulfinaa fi surraan dabaankufootaaf; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
* Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Madda Gubirmans.com

No comments:

Post a Comment