Pages

Dr. Sheekh Mohammad-Rashaad Abdullee- Buulessa Seenaa Oromoo ti - (Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo)

Caamsaa 27, 2013 | ADDA BILISUMMAA OROMOO


Addunyaa kana irraa duáan boqochuun hayyicha amantii, afaanii fi barnoota seenaa Dr. Mohammad Rashaad Abdullee, lammii Oromoo guddaa hanga xiqqaa mara biratti naasuu fi gadda guddaadhaan dhagahame. Dr. Mohammad hayyuu kennaa guddaa qabanii fi sabboonaa Oromoo afaan, seenaa fi aadaa saba isaaniif hedduu gumaachani. Waan isaan sabaaf gumaachan keessatti barruulee, suur-sagaleelee (audio visuals) hiikkaalee, dokumentootaa fi hojiilee kan biroo hedduutu argamu. Sabboonummaa ummata Oromoo ol guddisuu keessatti didhaalee fi doorsisa baayée dandamatanii qooda akkaan guddaa gumaachan.

Ilma sheeka Baha Oromiyaa keessaa tokkoo kan tahan Dr. Sheek Mohammad Rashaad, sheekkotii bara isaaniitti beekkamtii qaban gurguddoo kan akka Sheek Bakrii Saphaloo fa’a harkatti baratan. Qubattoota kolonii gara jabeeyyii gidduutti guddatan waan taheef, bara joollummaa isaaniitti rakkoo guddaatu isaan irra gahe. Haala dirmataan homaatuu hin jirreef san keessati qalbii joollummaatiin hoggaa yaadan, furmaanni jiru biyyaa bahanii beekkomsaa fi meeshaalee barbaachisoo horatanii guutummaatti of bilisoomsuu qofa waan taheef karaa bu’an. Jalqaba gara Saudi Arabiyaatti qaceelan. Achiin booda gara Siiriyaa fi maayyii irrattis gara Yuniversiitii Al-Azhar kan biyya Marsitti argamuu deeman. Kaayiroon bara sanitti magaalaa guddittii sochiilee bilisummaa Afriikaa turte. Bara 1960oota keessa wayta barataa turan san Masri keessatti qaama sochii barattoota Oromoo kan barbaachisummaa dhaaba Oromoo hundeessuu yaadanii fi tamsaasa Afaan Oromoo illee utubanii turan. Tamsaasni raadiyoo Afaan Oromoo bara sanitti eegalan giddu-seeniinsa mooticha Itoophiyaa Hayla Sillaaseetiin booda irratti addaan cite.

Barattoota isaan waliin barachuu turan keessaa Mohammad Rashaad qabxii oláanaa galmeessuudhaan Presidaanticha Masri beekamaa Gamaal Abdul Nassir harkaa badhaasa fudhatanii turan. Eebba barnoota isaanii boodas Sooliyaa haarayatti bilisoomte keessatti bakka bu’aa Al Azhar tahanii muudaman. Dr. Mohammad Rashaad walitti dhiheenya jirutti dhimma bahanii seenaa fi aadaa saba isaanii qorachuu irratti kan fuulleffachuu eegalan gaafa Soomaaliyaa jiran sani. Dandeettii dafanii afaana haaraya barachuuf qaban irraas Afaan Soomaalii salphaatti dhuunfatanii gara boodaa keessa mootummaa Soomaalii biraayyuu dalagaa argatan. Hiree tanattis dhimma bahuudhaan, qooda qorannoo Oromoo irratti gumaachaa turan ol guddisanii booda irrattuu waahillan isaanii gaazexessicha beekamaa Ayyuub Abu Bakar fi kan biroo waliin tahuun tamsaasa raadiyoo Afaan Oromoo haaraya eegalan. Oduun sochiin jagnummaa isaanii tun gurra Hayla Sillaasee waan buuteef, Itoophiyaa irraa humni ukkaamsituu Soomaaliyaa seenee akka qopheessitoota raadiyoo san ajjeesee tamsaasichas cufsiisu ergame. Humni Hayla Sillaasee sun Ayyuubiin yoo ajjeesu Sheek Mohaammadiin osoo hin argatin dura Moqdishoo keessatti humna mootummaatiin qabame. Tamsaasni raadiyoo Afaan Oromoo sun itti fufuu danda’e. Sheek Muhammad Rashaad qoophii raadiyoo jajjabduu kan ummata Oromoo onnachiiftuu fi sabboonummaa isaas jabeessitu qaroominaan qopheessanii tamsaasuunis itti fufe. Kun osoo addaan hin cinne bara sirnoonni Soomaaliyaa fi Itoophiyaa wal tahiinsa uummatanitti illee ittuma fufe.

Sheek Mohammad Rashaad waytuma qophii raadiyoo Afaan Oromoo kana irratti hojjetan cinaadhaan
ammoo mijjaawina qubeen Laatiin Afaan Oromoof qabdu qorannoodhaan irra gahanii barruulee qorannoo afaanii, amantii fi aadaa qubee tanaan maxxansiisuu eegalan. Kitaabban isaanii wayta sanitti dhiibbaalee adda addaa irraa bal’inaan raabsamuu hin dandeenye ture. Sirni Soomaalii bara sanii fayyadama maqaa ‘Oromoo’ jedhuu eehama dhowwate. Bakka ‘Oromoo’ jettu san maqaa ‘Soomalii Abboo’ jettu akka fudhatan dirqisiise. Kitaabni Sheek Mohammad Rashaad tokko kan waahila isaanii Abdushakuur jedhamu waliin maxxansan ‘Furaa Afaan Oromoo’ jedhamu haala kanaan irra deebi’amee qola isaa irratti maqaa ‘Soomaalii Abboo’ jettu qabatee akka bahu taasifame. Haa tahu malee jijjiirraa shaffisaa sanaan qabiyyeen keessa kitaabichaa ‘Furaa Afaan Oromoo’ akkuma jedhutti maxxanfamee bahe. Itoophiyaa keessatti barruuleen Sheek Mohammad Rashaadiin qophaawan haalaan dhorkamoo turan. Namni kitaaba isaanii takka qabatee argame adabbii akkaan hamaatiin adabama. Gaafa Moqdishootti dhiibbaan gama lamaanii isaan irratti jabaattu qubsuma ofii gara Saudi Arabiyaatti jijjiirrachuudhaan achittis dhiibbaa addaa jalatti hojjechuu itti fufan.

Gaafa Saudi Arabiyaa jiran san hojii hiikkaalee irratti xiyyeeffatan. Keessumattuu Qur’aana gara barruu fi sagalee (audio)tti hiikuu fi hojiilee amantii fi qorannoo afaanii biroo irratti hojjechaa turan. Achittis tahu ammas ergamtoota diinaa dhaabbata amantii keessa looyanii seenaniin didhaa ol’aanaa mudatan. Ergamtoonni sun ‘Muslimoonni Qur’aana baratuuf Arabiffatti qofa dhimma bahuu qaban’ jedhanii falmuudhaan akka hojiin hiikkaa Qur’aanaa Afaan Oromootiin maxxanfamee hin baane dhorkisiisan. Kaayyoon jara kanaa barruu Afaan Oromootiin ummata Oromoo keessa facaatu ittisuu dha. Gariin isaanii inumaa loqoda Afaan Oromoo Sheek Mohammad Rashaad ittiin hojjetan irratti gaaffii kaasuu yaalan. Kanaafuu hanga yeroo dhihootti hiikkaa sagalee kan kaaseetaan maxxafame qofa raabsaa kan turan yoo tahu, dhihoo kana maxxansi kitaabaas xumurameera tahullee ammas gahaatti raabsamuuf hiree hin
arganne.

Dr. Sheek Mohammad Rashaad dullumaa fi dhibdee fayyaa irraa ka’uun booda kana keessa biyyatti deebi’anii magaalaa Adaamaa qubachuun ummata isaanii waliin jiraachaa turan. Wayta mootummaan Itoophiyaa barsiisa amantii Islaamaa al Ahbash Muslimoonni akka fudhataniif dhiibu Sheek Mohammad Rashaad didanii mormuudhaan ejjennoo qajeelaa qabaachaa turanitti cichan. Kanaanis mootummaa biratti balaaleffatamuun qubsuma isaanii Adaamaa irraa buqqifamanii hanga gaaf Caamsaa 25, 2013 umrii isaanii 79tti addunyaa tana irraa du’aan boqotaniitti magaalaa Dirre Dhawaa jiraachaa turan.

Dr. Sheek Mohammad Rashaad tarree sabboontota Oromoo hayyuu gurguddoo amantiilee Islaamaa fi Kiristaanaa kan roorroo sirnoota dhufaa dabranii dandamatanii sabaaf gumaachuun beekaman keessatti ramadamu. Hangamuu humna alagaatiin dhiibaman iyyuu haqa amantii fi eenyummaa Oromummaa barsiisaa bahan. Kanaafis gatii qaalii baasan. Sabboontota amantii qooda akkasii osoo gumaachanii wareegaman keessaa tokko Luba Guddinaa Tumsaa kan kaayyoo qabsoo saba isaaniif gatii hundaa ol qaalii taate lubbuu isaanii kennani. Kan biraa Sheek Bakrii Saphaloo kan kaayyoo wal fakkaataa kanaaf jecha hidhamaa fi bara dulluma isaaniitti illee kabajaa dhorkatamanii biyyaa ari’amuun mooraa baqataa keessatti boqotani. Haaluma wal fakkaatuun abbaa seenaa kan tahan Abbaa Gammachiis sababuma Oromummaa kanaan akka malee salphifamaa fi miidhamaa jiraatani. Kanneen biroos hedduu dha.

Jarri kun marti buuleyyii seenaa Oromoo gurguddoo kan dhaloota amma jiruu fi itti aanu mara keessatti fakkeenya tahuun Oromiyaa walaba keessatti ifaa hin dhaamne qabsiisani. Nu hundi nuu Dr. Sheek Mohammad Rashaadiin bara baraan yaadanna. Hojiin isaan ummata Oromoof dhiisanii dabran bara baraan kan jiraatuu fi miiliyoonota kan onnachiisu akka tahus shakkiin hin jiru.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 27, 2013

No comments:

Post a Comment