Pages

“DUKKANNI KAN HAMMAATU, GAAFA BARI’UF JEDHUDHA.”

Caamsaa 09, 2013 | Y.G(2005)*

Umaan bari’uuf yennaa jedhu, dukkana hamaa umuun isaa namaan mari’atee miti. Hiikkaa Umaa isaa waan beekuuf kana tolche. Dhalli namaa, keessattu abbootiin keenya, adeemsa Uumamaa kana ilaalanii , mammaaksa irraa tolfatan. Dhalooti har’aa waan meeqa baratee jiru, dhaloota itti aanuuf waan mammaakee ol-keewwate hanga har’atti hin dhageenye. Hin dubbisnees. Kan dubbisnuu fi dhageenyu, waan akaakilee isaanii irraa hin argiin eessaa akka fidan hin beeku wayita wal irratti yaalan guyyuu argaa fi dhaga’aa jirra. Kun anaaf, dukkana barii jalaa sanaan wal natti fakkaata. dukkana barii keessa wal hin argan. Wal bira dhaabbatanii wal dhaban. Warruma wal beekutu Wal wallaala. Dheeraan gabaabbatee, gabaabaan dheerate nutti mul’ata. Lubbuun nu qabdee yennaa nu mankaraarsitu, waan fedhe haa dhufu jennee kan murteeffannun, hariitiin barii arguuf jarjarra. Garuu adeemsa Umamaa kana eenyullee asi butus ta’u achi butu hin danda’u. Guyyuu irra utaalaa kan deemnu, dukkana barii jalaan, guggufannee kukkufna. Walitti iyyina. Harki bakka afaanii wallaalee karaan itti dheerata. Dhiphuu kana gabaabsuuf jecha ykn Of baraaruuf jecha, isa kaan takaalu fi karaa qaxxaamuraa barbaachutti ceena. Yeroo kana wal-mari’achuu irra haxxee walitti hidhuun dhufa. Ani qofti dukkana hamaa kana keessa haa dabru malee obboleessikoo boolla haa lixu jennee, ofittummaan gulufna. dukkanni barii garuu, hammeenya isa yaadefis, qulqullummaan kan yaadeefis tokkuma. Lameenu wayita bari’u kan harka isaanii akka argatan beekaaf, yeroo isaatti bari’ee, tokkof gammachuu isa kaaniif gadda uuma. Kan dukkana hamaa kana gara bariitti geessu, Umama obsaan eeggachuu jedhee kan ittii ciche ammo yeroo isaa eeggachuu barbaada. Gaggalagaluus hin yaadu. daandii ganamaa badus, tolus jedhee qabatee tarkaanfata.

Inni dukkana dabruuf obsa dhabee, torba gaggalagalaa bulee, barii inni barbaadu wayita dhuftu, ijaanu hin arguu irribatu isa fudhata. ammas wayita irriibaa ka’uu dukkanni biraa itti dhihaatera. Ammas mala dukkana kana achi butuuf barbaada. Kana booda adeemsa isaa keessaa ba’ee, yaaduma afaan hanga funyaaniin lammii isaan ykn hawaasa isaan walitti bu’uu eegala. Amma yeroon keessa jirru kana natti fakkaata.

Qabsoon Oromoo waggoota 10n dabranii adeemsa kanaan qoramaa jiraatee, waan ifatti ba’uuf deemu jiraachuu argaa jirra. Namoonni hedduun, Qabsoon Oromoo gurmuu tokko jalatti deebi’u hafuu irraa ,ykn yeroo fudhate jedhanii, hedduu kan yaadda’aa, aaraa jiraatan guyyuu argaa jirra. Ani garuu akkan yaadutti , odoo akka gaaritti gurmoofnee, waan yaannu ahundumaa qabaannee, Bilisummaa nuuti hawwinu sana bira ni geenya turre? kan jedhu anaaf gaaffiidha.deebiin kiyya ifadha. Bilisummaa hawwinu sana bira hin geenyudha. Amma wanni argaa if dhaga’aa jirru garuu waan kana ni qajeelacha jedheen amana. Adeemsi amma qabsoo ummata keenyaa keessatti akka gaarittis ta’ee akka fafaatti argaa jirru, arguu fi ittiin qoramanii kufanii ka’uun dirqiidhan jedhee amana. hanqina jennee ammi argaa jirru kun hundi, hegaree keenyaaf bu’ura. miidhamuu keenya irraa waa baranna. Kufnee ka’uu keenya irraa waa lama baranna. Akkamiin kufnee fi akkamiin kaanaa? deebii kanaa akka dansaatti irratti hojjatanii argannaan, hegareen keenya jabaa eenyllee nu hin sochoofne nu taasisa.

Dukkana barii jalaa keessa dabruuf onnee dhikkifattee nama ariifachiiftee baalaaf nama kennitutu nu barbaachisa odoo hin taane, kan nu barbaachisu, waan guyyu irra deemaa turre yaadachuudha. Kana yaadannaan bariitti nagaan ba’an. Ifas argan. Waggaa 10n kana dukkana hamaa keessa jirra. dukkana kana booda ifatu jira. Ifa kana ba’uun keenya kan mirkanaa’u, sochii ABO gadi dhaabuu taasifamaa jirudha. Mooraa qabsoo Oromoo tasgabbeessuuf hojiilee hojjatamaa jiraniidha. Kun haqa . bu’ureessitootaa fi Hogganoota qabsoo irra dirqamni ulfaataan, tarii kan waggoota dhabbaa itti aananiif bu’ura ta’u akka irra jiru hubachuu qaban. Kan quubsaatti keessa ba’uuf beekumsa isaas, dandeesstti isaas, itti qabu jedheen amana.

DUKKANA KANA KAAFNEE IFATTI BA’UFIS TA’EE, IFATTI BAANEE, DUKKANATTI AKKA HIN DEEBINEEF, WAAN HAR’A HOJJANNU MURTEESSAADHA !!!!!!!!!!!!!!!!!!
  1. Ummati Qabsoo boodaan malee qabsoo gaggeeffamu dursee deemu hin qabu ture. Kana kan fide ammo haaluma nu keessatti umamaa jiraateedha. Kana sirreessuuf hojii jabaa nu gaafata. Keessattu ummati Biyya keessaa hiraarrii diinaa dhandhamaa jiru, qabsoo isaaf sochiin taasisaa jiru, eenyullee kan raga ba’uufidha. Kana qaqqabatanii isa itti aanu karaa qaabsisuun mataa isaa hojii biraati. Kana irraa ka’ee, waan amma mooraa qabsoo Oromoo keessatti mul’ate kun Ummata keessatti osoo mul’ateera ta’ee, badii hamaa ture jedheen fudhadha. Kun hin taane. Kana ta’uu dhiisuun ammo dhala Oromoo hundaaf gammachuudha. Ummati qaroome kun gaaf tokko ijoollee isaa sirreessuun ykn ijoolleen isaa isa fakkaachutti deebi’uun waan hin hafneedha. Kanaaf warri adeemsa amma jiruun aaranii abdii kutatan ykn of moggeessanii taa’an, gumaacha isaa taasisaniin waan hundi gara bariitti deema malee, dukkana bariin bakka buufamuun rifatanii harka maratanii taa’uun bu’aa tokkollee hin qabu jedheen dhaama.
  2. Diyaaspooraan, kan kaleessaa irraa barachuuf fedhii yoo qabaatan, abbaan fedhe dhaaba asiin buqqisee kottaa na gargaaraa jedhee yennaa lallabu waliin didichuu dhiisuu, abbaan fedhe ka’ee, diinaanis dhiibamee ka’ee, kottaa qabsoo kana baatii 6 keessatti galmaan geenya jedhee waan hin fakkaanne yennaa lallabu, maal akkamiin? jedhanii gaafachuu irra, baatii muraasaaf waliin dhiichisuun eessaanu akka nama hin geenye hubatanii of sirreessuu qabu. Gandummaa fi gareen yoo xiqqaate waggoota 10n kana maal akka nu irraan ga’e yaadachuu qaban, kan Biyya keessaa sibiila wayyaaneen gubatu odoo hin daddaaqamiin, warri alaa mana ho’aa keessa gangalatan daddaaqamaa jiraachuu irraa of qusachuu qaban. kan dukkana barii jalaa keessa nama dabarsu, chichoomina qofaa ta’u hubatanii of sirreessuu, beektoonni keenya Biyyoota hanbaa keessa jiganii jiran, dhugaa jiru odoo hubatanii, waan ilmaan Oromoo meeqa itti wareegaman yennaa cabee diinaaf dabarfamee laatamu callisanii ilaaluun dogoggora ta’uu hubatanii, dukkanni hamaan akka nu irra hin turreef, mala dukkana keessa nama hulliqisisuu fi kan haqa qabu ummatatti gabaasanii waan hundii akka karaa qabatu taasisuutu irraa eegama.
  3. Miseensoonni dhaabaa kaleessa turanii fi har’a jiran, adeemsa fedheenu haa ta’u, sochii gama hundaanu taasifamu keessatti , akka bishaan gabatee irraa ta’uu isaaniin kan miidhame, Ummata keenya biyya keessaa isaan abdatee jiru ta’uu hubachuu feesisa. Gaarummaanis ta’u badiin hojjatan naanna’ee naanna’ee Ummaticha irraan maal dhaqabsiisaa akka jiru hubachuu barbaachisa. dukkana barii jala Ummati keenya akka dabru taasisuuf hojjachuu malee, miira keenya ammaaf nu gammachiiftuuf jennee wanni hojjatanu eessaanu akka nama hin geenye beekuun barbaachisaadha. waan nuuti ariifannee hojjannun ummata keenya irratti maal fe’aa akka jirru beeku nu barbaachisa. Murtii nuuti qabsoo keessa jirru irratti akka dhunfaattillee taasifnuun, miidhaan ummata keenya irraan geenyu fi diinaaf umurii daballu waan hunda dura qalbifachuu nu feesisa. yoo dukkanni barii jalaa nama sardite, karaa qaxxaamuraa barbaachuu keenyaan bu’aan hanga har’aatti arganne maalii? warri kana yaade maal argate? jedhanii yaadanii, kaleessa irra har’a fooyyee argisiisuu qaban. kunoo waggaa meeqa kan aariin ykn jibbaa namootaan, ykn gandaan ykn diinaan ka’anii galgala tokkotti Bilisummaa argamsiifna jedhanii kanneen arreedan waliin arreedne maal arganne? waan qabsoo Ummatichaa miidhu irraa adabatanii taa’uu akka filannootti fudhachuun hin wayyuu? jedhanii filmaata qaban bal’isanii ilaalu hin wayyu? jedhanii qalbii bal’ifachuun barbaachisaadha.sammuu ummata isaaf of kenne irraas kan eegamu kanumadha.
  4. Diina irraa of tiksuun adeemsa keenya keessaa isa guddaadha. Waan hanga har’aatti diinni nu irratti hojjate gilgaalanii, loote seentoota irraa of eeggachuun barbaachisaadha. Wayyaaneen har’a akkuma kaleessaa keessa dhaabaa unkuruuf raftee hin bultu. Jabaannee of irratti eeggachuun barbaachisaadha. Fira fakkaatee kan nu nyaachaa jiru illee, of irraa tiksuun dansaadha. Ummati keenya akka walii galaatti shira irratti hojjatamutti dammaqu qaba. Diiggaa gaggeeffamu keessatti ilmaan Oromoo dhageetti qabu jedhanii amanan of dura qabanii kan nu jigsuuf deeman har’a illee toftaa geeddaraa jiraachuu hubachuu qabna. Kana irraa haalaan of tiksuun murteessaadha.. keessattu oromiyaa keessatti dhalatanii guddatanii aadaa fi qooqa Ummatichaa kan beekan wayyaaneef harka mirgaa ta’anii waan nu irratti hojjachaa jiran qalbeeffachuun hedduu, hedduu barbaachisaadha.
Akka walii galaatti, sochiin Biyya keessaas ta’uu Biyyoota alaatti arginu hundumtuu waan kaleessa nu mudate irraa kan maddaniidha. Siyaasi adeemsa . yoo adeemsa isaa hin fixatiin, akkuma haftee kaansariiti. Boruu ka’uun isaa hin hafu. Har’a waan guddaa of harkaa qabna. Waan of miinee turre irraa baranneerra. Lola booda araaratu jira. Dhiphuu boodas, aara galfiitu jira. ……. Inni guddaan waan nama mudate irraa barachuudha. Qabsoo Oromoo kana keessatti hirmaatanii qoda ofii gumaachuun, miseensummaa qofaan hin ibsamu. Hundumtu miseensa ta’ee hin danda’amu. Miseensa Oromoo ta’uun qofti ga’aadha. Kan ofitti amanu yoo jiraateef. Har’a waan hundumtu waan nu harkaa facaatee nutti fakkaattu, boruu gara tokkotti luucca’uun haqa. waan guddaa of harkaa qabna. Sabni keenya nu dursee deemeera. Kun injifannodha. Yoo xiqqaate qabsoon kun waggoota 50 itti aananiif waan dhaabbatu miti. Kun ammo warra kaleessaaf gammachuu tokkodha.

Akka dhunfaattis, akka walottis gumaacha haa goonu. Hiriira ba’uun miseensummaa kan nama gaafata? warra qabeenyaa keenya saamuuf jecha nu miidhaa jiran irratti Biyya alaatti hiriira gaggeessuuf miseensummaa kam nu gaafata? hundumtu bakka jiru haa carraaqu. wanni dagachuu hin qabne, diinoonni keenya siyaasa isaanii fixataniiru. har’a humnaan jiran. Nuutii garuu siyaasi keenya lafa qabatee ka’uuf deema. kun abdii nuuf hin ta’uu. waan har’aa kanaan hin rifatiinaa. dukkana barii jalaa ba’uuf , waan guyyu irra deemaa oollee yaadachuun tarkaanfii keenya jalqabaa haa ta’u. guyyaa ilaallachaa kan hin deemne ammo dukkana keessa deemu dhiisuun isaa yoo xiqqaate nama gufachiisuu waan hanqisuuf adabatee taa’uu isaa dansaa akka ta’e hubachuu qaba.

Dukkana barii jalaa dabartu obsuu dadhabanii, Eenyummaa fi maalummaa of dabarsanii kennuun salphina . Mana kaleessa itti baqatan, har’a jigsuuf yaaluun, Nama Ummata dursuuf manaa ba’e irraa kan eegamu miti. Dhuggannaa halgaa irra, kaballaa firaa wayya.yoo keessi ofii durumaanu halgaa hin ta’iin…
======================
*Burqaa430@gmail.com

No comments:

Post a Comment