Pages

Ayyaana Irreechaa Baranaa Laalchisee Waamicha Ummata Oromoo Maraaf!

Fulbaana 23, 2013 | Adda Bilisummaa Oromoo

Ayyaanni ummata Oromoo guddichi waggaatti gaaf tokko hawwii ol’aanaadhaan eegamu, Irreechi, Dilbata dhufu Fulbaana 29, bara 20013 kabajamee oola. Ayyaana ummata Oromoo fageenya adda addaa irraa waamee walitti fidu kana milkeessuuf sabboontonni Oromoo tattaaffii guddaatti jiran. Hiree waggaatti gaaf takkittii argamtu tana irratti ummanni Oromoo miliyoonotaan bahee waan hirmaatuuf, guyyicha guyyaa isaa (Annual Oromo Day) godhatee akka oolu beekamaa dha. Ayyaanni kun raaw’annaa irreeffannaaf jecha Hora Ha rSadiitti kan geggeeffamu tahu illee, guyyaan kun Finfinnee dabalatee magaalaalee fi baadiyyaalee Oromiyaa mara keessatti Guyyaa Oromoo tahee oola. Ummanni Oromoo ayyaana isaa Irreecha sadarkaa kanatti ol guddifachuu kan danda’e qabsoo waggoottan dheeraa dabran taasisaa baheeni malee kennaa mootummaa Wayyaaneetiin akka hin tahinis ifa galaa dha.


Mootummaan Wayyaanee ayyaana Irreechaa waggaa waggaatti kabajamu tarkaanfii doorsisaatiin gufachiisuu irraa of qusatee hin beeku. Waraanaa fi poolisa isaa keellaa keellaa irratti hiriirsuun lammiilee Oromoo gara ayyaana kanaa deeman karaatti dhaabee sakatta’uu, saamuu, reebuu, shamarran irraa huccuu aadaa baasee salphisuu fi tarkaanfiilee abaaramoo adda addaa fudhachuun beekama. Haa tahuutii ayyaanni kun tarkaanfii gufachiisaa mootummaa kanaa dandamachuudhaan daranuu waggaa irraa waggaatti hirmaattota kumoota danuu haaraya dabalachaa yoo deemu mul’ata.

Sirni Wayyaanee ayyaana Irreechaa baranaa gufachiisuu fi sagaleen Oromoo guyyaa kanatti dhagahamee akka hin oolle taasisuuf shira haaraa baasee jira. Finfinnee keessatti hiriira humnoota siyaasaa biroon waamamu guyyaa Irreechaa kana (Dilbata, Fulbaana 19) irra oolchuu filate. Waggaa tokko keessatti guyyoonni 365 osoo jiranii ayyaana tokkicha Oromoon waggaatti gaaf tokko eegee kabajatu kana harkatti fashalsuuf jecha hiriira kana guyyaa eerame kana irra oolchuun beekaatuma ummata Oromoo irratti diinummaa jabeeffatuu dha.

Gochaa kana duubaan shirri jiru kan biraa, ummataa fiummata walitti diruu dha. Hiriirri dhaaba siyaasaa mormituu UDJ jedhamuun guyyaa kanatti waamame, sagalee ummata Oromoo ayyaana Irreechaa ayyaaneffatee ooluu waliin akka wal rukutu gochuudhaan Oromoo fi Amaara wal irratti duulchisuuf akeekkatame. Kanaan qabaniis sagaleen Oromoo miliyoonotaan guyyaa kanatti dhagahamee oolu sagalee faallaa kan biraa (humna siyaasaa Amaaraatiin) akka bacancaree fashalu taasisuuf hawwame. Guyyaa kanatti gaazexessitoonni biyya alaa ayyaana Irreechaa kan miiliyoonota hirmaachisu dhiisanii hiriira kumoota muraasa (tarii dhibbootas tahuu danda’a) Finfinnee keessatti geggeeffamu irratti qofa akka xiyyeeffatan taasisuuf kun godhame. Sagaleen ummata Oromoo waggaatti gaaf tokkoof illee taatu akka addunyaatti hin dhagahamne danquuf shira kana shirani. Ummata Oromoof waggaatti gaaf tokkittiif illee carraa addunyaatti dhagahamuu kana waakkachuu caalaa diinummaan dhugaa hin jirtu. Kun hundi sodaa ummata Oromoo irraa qaban agarsiisa.

Ummanni Oromoo akka humnoota mormituu birootti karaa nagaadhaan hiriira bahee sagalee siyaasaa
isaa dhageessifachuu ummata waakkamtamee dha. Waggoota digdamii lamaan dabran keessatti
humnoonni mormituu biroon hiriirota kudhanootaan lakkaawaman biyyattii tana keessatti yoo
geggeeffatan Oromoon garuu eega ABOn Mootummaa Cehumsaa keessaa dhiibamee bahee booda
carraa akkasii guyyaa takkaaf illee wayta itti argate hin qabu. Lakkoofsa ummataatiin ammoo hunda
caalaa wayyabni isuma. Ummanni kun mirga karaa siyaasaa waakkatame karaa sirna aadaa isaatiin
falmachuuf waggaatti gaaf takkittii taatu illee miliyoonotaan bahuudhaan laalaa jiruu hacuuccaa kana
fakkaatu ayyaana Irreechaa irratti ibsatee oola.

Ayyaana Irreechaa baranaa gufachiisuuf shira mootummaan xaxe kana lammiileen Oromoo fashalsanii guyyicha guyyaa isaanii godhatanii ooluu irratti ammuma irraa of qopheessuu qabani. Sabboontonni Oromoo ayyaana kana qopheessuu keessatti qooda qaban yaalii diinni ayyaana waggaa Oromoo kana irratti gaaddidduu uumuuf taasisaa jiru of irraa ciranii sagalee Oromoo guyyaa kanatti caalaa dhageessisuuf tarkaanfiilee jajjaboo fudhachuutu irraa eegama. Tarkaanfiilee kana keessaa inni guddaan tokko, gaazexessitoota lammii alaa kan miidiyaalee gurguddoo alaaf hojjetan, fakkeenyaaf kan akka BBC, CNN, Al Jazeera, VOA, Douche Welle, CCTV, Blumberg fi kan kana fakkaataniif dursanii xalayaa afeerraa erguudhaan akka guyyaa san bakka seena-qabeessa kanatti argamanii gabaasan taasisuu dha. Gaazexessitoota makiinaa dhunfaa hin qabneef geejjiba isaaniif barbaachisu irratti abbootiin qabeenyaa Oromoo qooda gama isaanii akka gumaachan gochuutu danda’ama.

Kana malees waa’ee ayyaanichaa irratti hayyoota Oromoo bilchinna siyaasaa gahaa qabanii fi akka gaariitti waan barbaadamu ibsuu danda’an dursanii filuudhaan akka isaan waa’ee seenaa, aadaa fi amantii ummata Oromoo, akkasumas, gadi qabaa siyaasaa sabichi jala jiru addunyaatti himanitti haala aanjessuu dha. Beektota Oromoo dandeettii afaan Inglizii qaban dursanii qopheessuudhaan akka waan hayyonni aadaa Oromoo dubbatan hoggasuma Ingliffatti hiikanii geezexessitoota gargaaran taasisuu dha. Gaazexessitoota biyya alaa kudhan yoo afeerre kana keessaa lama illee Hora HarSadeetti argamanii yoo gabaasan waan salphaa hin tahu. Bara eger ammoo lakkoofsi kun akka kana caalaa guddataa deemu irratti hojjechuu dha. Sagalee Oromoo kan diinni biyya keessaa ukkaamsuu barbaadu ukkaamsaa keessaa baasee wanni addunyaatti dhageessisu tarkaanfiilee akkasii kana.

Ayyaana Oromoo diinni bacancarsuu barbaadu kana xiiqeffannoodhaan caalaatti miidhagsanii ayyaaneffatanii ooluuf Oromoon marti dhiiraa dhalaa, xiqqaa guddaa, Muslima Kiristaana, Bahaa Dhiha, Kaabaa Kibba… osoo hin jenne Oromummaa isaatiin jigee bahee sagalee isaa akka dhageessifatee oolu waamicha seena qabeessa dabarsina. Ayyaana kana irratti magraa fi ilillii baatanii irreeffatanii galuu qofa osoo hin taane dhaadannoolee sagalee fincila diddaa gabrummaa calaqqisan waloodhaan dhageessisuunis akkaan barbaachisaa dha. Hireen Oromoon qabu waggaatti guyyittii takkittii tana hanga taatetti hunduu tokkummaadhaan irratti argamuutu irraa eegama. Sagaleen tokkummaa kunis akka itti kaameeraa gaazexessitoota alaa keessa seenu irratti jabaatanii hojjechuu feesisa.

Gara fuula diraatti ayyaanni Irreechaa handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti Hora Finfinnee (Finfinne Spring Water [Fil-Wuhaa]) irratti ummata miliyoonota hirmaachisee waggaa waggaatti akka kabajamu taasisuuf , akkasumas, Irreechi ayyaanota ummataa (public holydays) biyyattii keessatti galmaawee lakkaawwii guyyaa (calendar) keessatti toora qabatee akka beekamu taasisuuf qabsoon asuma irraa jabaatee akka itti fufuu qabu dhaamna.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Fulbaana bara 2013

No comments:

Post a Comment