Pages

Haadha gootota hedduu; Ammas diinni kee haa gaddu!

Fulbaana 03 | Jiituu Lammii; Unbarsiitii Finfinnee

Dubbiin bubbulee, miidhaan jajjabaatee- ija saba koorraa imimaan qooru dide. Har’a: qonnaan bulaa meeqatu qe’ee isaarraa buqqa’aa jira? Xaa’oo ykn. sanyii ‘filatamaa’ bitachuu dadhabee alagaa laga ce’ee dhufeetti lafa isaa kennee ofii du’atti harka kenna? Ilmaan Oromoo barnootaan akka hinfullaane immaammata akkamtu hojiirra oolaa jira? Warri akkuma ta’ettuu barnoota sadarkaa olaanaa xumuranis yoo ta’e meeqatu hojii dhabee warra maatii isaa qe’eerra buqqiseef ergamuuf jooraa oola? Innuu dhibee meeqatu abdii kutatee lubbuu ofii balleessa? Meeqatu roorroo kana hunda baqaaf jecha manaa bahee gammoojjii fi galana ormaa keessatti bineensi nyaata? Qeesonni Habashaa ‘bataskaana’ araddaa Oromoorra dhaaban keessa dhokatanii maal hojjachaa jiru? Kurnoon (buusiin) ilmaan Habashaa biyya hambaatii maqaa amantiin ‘bataskaana’ qe’ee Oromoo jirutti roobsaan Oromoorratti maal hojjata? Miidiyaaleen Afaan Amaaraatiin halkanii guyyaa lallabaa jiran guddina Oromoo fi Oromummaarratti maal godhaa jiru…? 


Firoota kiyya, …dubbii dheeressee maafan isin nuffisiisa…!” jedhee anaa gara ijoo yaada kiyyaatti deebi’uuf qalbii koo sossobaa jiruuti ergaan bilbilaa na qaqqabee caalayyuu qalibii koo fageesse. Imimmaan maddii kiyyaarraan lola’u dhaggeeffachuun alatti waa gochuuf akki isaa na dhibnaanan callisee yaadannoo hadhaawaa madaa obsa hinqabne keessa kootti dhageeffadhe. Waggaa muraasa dura, Oogganaa mana hidhaa ‘Maa’ikawwii kan ture namni Komaandar Monii Maangashaa jedhamu ganama ganama kutaan ani ittihidhamee jiru balbala dhaabatee “ …dhiigaa keessan dhugu malee gammachuu hinargadhu!” jedha ture. Muniin Sanyiin Amaara haata’uu? … Tigree…?? Mooji Abbaasaati! Garuu bulguu dhiiga Oromoo dheebotu ta’uu innuu qaanii malee fuulleetti himata ture. ‘Maa’ikawwii’, ‘Karchallee/Alam baqqaa’, Qaallittii… Hadhaa akka kanaa dabarsanii raga dhalootaaf himuuf warra carraa argatan keessaa ani tokko. Ofuulduraaf dhaamannoo heddun qaba. Har’aaf yaadannoo ka’umsa dubbii koof tolu sinii qoodeen waliin wal jabeessina.

Xumura bara 2005, mana hidhaa Qaalittii gocha seenaaf dhaamamu qabu qofa otoo hintaane, gochaa ilmaan saba kana cufa hadheessee qabsoof kaasuu malutu uumame. Guyyaa, sa’a 2:30dha. Aduun isaa kan dur caala lafa seenan nama wallaalchisa. Hunduu akkuma akka isaatti gariin bishaan ofitti naqaa, gariin gaaddisuma argame jala mataa dhokfatee dabarsuutti otoo jiruu, sagalee dhukaasaa alaalaa akka tasaa dhagahamee qalbii namaa hawate. Xinnoo otoo hinturre meeshaan waraanaa xiyyoo hundarraa afaan banee hidhamaa akkanaanuu bakka seenu dhabe funaanuu jalqabe. Lafaaf amma adda kuruphee geessi. Bitaa mirgarraa abidatu rooba. Gara seenantu dhibe. Galgaltuu hanga sa’a 5:30tti otoo walirraa hincinne ittifufe. Halkan guutuu reeffa guuraa (dhoksaatti awwaalaa) bulan. Lafti bariinaan nama du’arraa hafe adda baafachuuf fakkaataa to’annaa jalqaban. Dhiigni namaa yaa’ee golba lafaa keessa ciisa. Surriifi mari’immaan… qamni namaa ciccitee lafatti titiifni irraa huursa. Wanti argan hundi qalbii nama sukkanneessa. Rifaasuu sanaan kan sammuu dhukkubsate hanga hinqabu. Kana cufa otoo argaa jiranuuti kan qalbiin isaanii dhiiga biraa dheebochuu eegale. Loltuun Tigree tokko ilmaan Oromoo rasaasa isaaniirraa hambaa hafan erga ilaalee booda mataa of ciruu eegale. Keessa bahee “… namni du’uu qabu hinduune….!!” Jechuun miira keessa isaallee dhokfachuu dadhabe.

Firoottan kiyya, maali keessa jirra!? Maalitti jirra!? Eebbisaa Addunyaa, Daraaraa Kafanii, Dirribee Jifaar, Jaagamaa Badhaanee, Kabbadaa Badhaasaa Simee Tarrafaa, Girmaa Bayyanaa, Getuu Dirribaa, Alamuu Disaasaa Alamaayyoo Garbaa, Injiner Gaaddisaa Hirphasaa, Naasir Abdoo, Masfin Moosisaa Ahimad Mahammad Kuree fi Ayishaa Alii (Ajjechaa gaara Suufii), Suleyman Ahimad, Bayyan Ibraahim, har’ammoo Injiner Tasfaahun Camadaa … Oladeemtuu Oromoo, beekaa saba kanaa, namguddoo ulfinaa qe’ee isaaniitti qalaman lakkoofnee ittihinbaanu. Booyichi haadha Oromoo hanga dhabe. Garuu birmachuu gahaa hinarganne. Qe’een Oromoo diigamee daa’imman haadhaa - abbaa malee hafan. Shirri kun har’as itticaalaa jira. Bineensi dhiiga lammii kiyyaa dhuguuf ba’e of duuba deebi’uu tasuma fedhii hinqabu. Ofirraa deebisuun dirqama dhalootaati. Mar’immaan koo gubatee garaan na raafamullee imimmaan koo qoorfadheen gara yaada koottii deebi’e – Goota gaafa giitii, kan imimmaan hadhaa qoorsu barbaacha! Isaan dura garuu seenaa tokkon isiniif qooduu hawwe.

Dubartii haadha gootaa tokkotu ture jedhama. Akeekaafi kaayyoo ittamantu dhugoomsuuf ofii ishee gatii guddaa baaftullee, umriin dheeratee, dullumnis dhufee humni dhibnaan ilmaan ishee gahanii dabaree dabareen kaayyoo sanaaf dhaabachuu eegalan. Ilmi hangaftichi dabaree dursaa fudhatee deeme. Hojii jajjabaa erga hojjatee booda wareegame. Wareegamuu isaa kana firri dhagahee, ollaan walitti himee, inni boo’us inni boochisus qophaa’ee hunduu walguuree barii abboroo karraa haadha goototaa saqqatanii ol seenan. Haati goototaa dhimma kana dursitee dhageessee ilma ishee isa ittaanu qophiifi hidhannoo barbaachisuun gonfitee eebbaan kaayyoof yoo bobbaaftu ilaalan. Gaddis hinturre. Booyichis hinjiru – dubbiin dubbii kaayyooti waan ta’eef. Biyyi “…raajiidha!” jechaa ofirra deebi’ee gale. Akkuma kana ilmaan ishee dabaree dabareen otuma ergitu, biyyis haala ishee baree manuma keessatti otoo gumgumuu gaaftokko waanti qalbii nama hawatu dhagahame.

Haati gootaa du’a ilma ishee isa dhumaa gaafa dhageessu boossee qabaan dadhabe. Gadditee obsi dhibe. Kanaan dura haati goototaa hinboossus; hingadditus ture. “…har’a maaltu ishee argate laata…!?” jechuun hunduu iccitii haadha goototaa boossise dhagahuuf kutaa oolbatee gurra qeensaa gara ganda haadha gootaatti xuruure. Haatii gootaa mudhii hidhattee, gamaa gamana geessee, miira hadhaawaan ciniinsifatti. “… ilmaan koo hunduu kaayyoo haqaaf wareegamaniiru… garuu kan na boossisu isa kanaa miti…!” imimmaan ishee facaasaa, mudhii ishee jabeeffachaa “… kana booda dahee ilmoon kaayyoo dhugaaf bobbaasu dhabuu kootu naboossisa…!!” jettee jamaa imimmaan ishee ilaalee boo’utti gadda ishee himatte jedhama. Kaayyoon haqaa ilmoo ofii caala nama marara. Waaqayyoof haa galatuu hireen haadha Oromoo isa kanarraa adda. Kumni wareegamu kumaatama bobbaasuu dandeessi! Kuni abdii jabaadha.

Firoottan koo Hammeenyaa diinaa hadheeffachaa hanqina keenya golguu yaalun fala hinta’u. Gatii jaallan kumaatamaan ittiwareegamaa jiran galmaan gahuuf asxaa warra kufee ol kaasuun, hiriira ittaanutti siquutu furmaata. Qe’ee Oromoo keessa goota ofirraa hafee ormaafu ta’utu akka galaanaa ciisa. Galaana kana warraaqsanii bidiruu diinaa raasuun garuu hojii jabaa xiyyeeffannoo gaafatu ta’a. Kana gochuuf garuu qooda nurraa eegamu bahaa jirraa laata!? Kuni yeroof qalbuma keenya keessa haa buluuti - seenaa armaan gadii ilaallee anis dubbii kiyyatti xumuraan gaha.

“….ministeera ittisaafi dura taa’aa OPDO kan ta’an, Abbaa Duulaa Gammadaa (General) waraana addaa fudhataanii magaalaalee Oromiyaa saditti duuluuf qophaa’uun isaanii dhagahame.
sochiin barattoota Oromoo (Ambo, Naqamte, Gimbiitiin) qabsiifame qabanaawuu waan dideef waraana addaa ilmaan Amaaraafi Tigree of keessatti qabate qindeessuun akka duulan oogganaa humna tikaa, obbo Getaachoo Asaffaarraa qajeelfama fudhataniiru…
-Gaazexaa Mogad, Waggaa 4ffaa Lakk. 143, Bitootessa 21, 1994 (ALH)

Dubbistoota barruu kanaa, haatii Oromoo gota hedduu deesseetti. Ragaa hedduu dhiyeessuun nama hindhibu. Garuu, goota didhanii kaasuun, duchiisaanii lochiisuun, xiiqomsanii si’eessuun, qoqopheessanii, gugurmeessanii bobbaasuun hojii walooti. Nama miira akkanaa uumee galaana ciisuu kana warraaqsutu barbaadama. Sagaleen Oromoo hangumti xiqqoon ‘brigade’ diinaa raasuu akka dandeessu nu caala diina keenyatu akeekkate. Kanaaf sagalee kana gargar tamsaasee humna dhoowwuuf tattaafata. “…gamanaa fi gamas goraa…” jechuun gidduu keenyatti sababa sobaa uumee ilmaan saba tokkoo gamaa gamasitti faffacaasuu yaala. Sagalee farraa, waamicha diinaa tuffaatanii dhugaaf karaa dhugaarra hanga du’atti dhaabachuun dirqama. Kunis akka danda’amu barannoo seenaarraa arganne yaadachuu feesisa.

gammojjii Ogaadeen, bakka Shinniggaa jedhamu yeroo gahan haalli isaan hin eegne isaan mudate. Waraanni Somaalii kun jibba guddaa ABO fi ummata Oromoo irraa waan qabuuf jaallan keenya guddaa hiraarse… Osoo isin hin ajjeesin “warri kiristaanaa taatan gam tokkotti, warri islamaa taatan gama biraatti bahaa!” jedheen. Jaallan kun garuu “…nuti Oromoodha!! amantii fi gosaan adda hin baanu !!” jedhanii didan. shiftoota Somaalii kanaan rashanamanii boolla tokkotti awwaalaman. -Seenaa gootota Oromoo, Ebla 15, 1980

“…waanan citee sittafeef keessa garaa koo qaba…” Jedha geeraraan. Kabajaan bara baraa jaallan dhugaatti citanii seenaa kana dhaloota dhaalchisaniif haata’u! Har’a dhaloonni dhugaa kana dhaale hedduudha. Ulfinni namummaa fi kabajaan sabaa seenaa kana keessa jira. Sagalee diinni sodaatu; Sagalee jabaa diina hidhannoo hiikkachiisu; hidhannoo jabaa Oromoon cufti qabatee bobba’uu qabu… dhaallee wali dhaalchisuu qabna. Gaafas rakkoo sabaaf furmaata taana. Nuti Oromoodha!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

No comments:

Post a Comment