Pages

Gufuulee qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO): Kutaa- 3ffaa

Mudde 25, 2013 | Leellisaa Bilisummaa Irraa

Kutaa 1ffaa DUUBISUUF ADDANA TUQAA & Kutaa 2ffaa DUUBISUUF ADDANA TUQAA
Kutaa 3ffaa
Hoogganni dhaabaa boolla dhaabni keessa lixaa jiru kana keessa dhaaba baasuuf dandeettii gahaa dhabuun kanneen haaraya dhaabatti dabalaman, kanneen halaalaa ilaalanii fi kanneen barootaaf dhaaba kana irratti cichaa turanii fi "irruma aanna" aadaa jedhu qaban hunda akka of duuba deebi'anii yaadanii fi dandeettii dhaabni kun rakkoo kana keessaa bahuu shakkan gahan. Haala dhaaba keenya kana gadi nyaatu kanaaf hoogganni jiru waloonis tahe nam- tokkeen, hojiinis tahe haasayaan furmaata akkamitti akka argamsiisuu danda'u agarsiisuu dhabuu fi osoo dhaabni kun miidhamaa jiru hoogganummaa irra taa'uun kanneen duraan jaallan kana akka uumama namaa oliitti ilaalan, akka hooggana isaanii ofiin qixxeessan haalli uumame.
Kun inni maal narra jiraa qajeelfama natti kenna, waan hooggana isa godhu maal hojjachaa jira bakka jedhu irra gahamuu irra dabramee sadarkaa hoogganni ija tuffiitiin ilaalamu irra gahame. Haalli akkanaa yeroo dhalatutti dhaaba tokko hoogganuu fi hoogganamaa tahuunis ni ulfaata. Irra caalaa ilmaan namaa warraaqsa keessatti nama ilaalu. Waraanni tokko kan ajaja fudhatee du'aaf of kennuuf murtii ajajaan isaa kennu wareegamni jiraatus kan jaallan isaa injifachiisuu jedhee waan amanuufi. Miseensi hojii siyaasaaf magaalatti ergamu tokko osoo qabamee akka wareegamuu maluu fi diinaan dhiphinni irra gahu beeku kan ajaja hooggan isaa fudhatee bakka barbaadametti bobba'uuf murtiin hoogganni isaa fudhatu qabsoo inni of kenneef milkeessa jedhee waan amanuu fi. Hunda caalaa dandeettii hooggana isaaf waan kabajaa qabuufi. Namni gabrummaa jala waan jiraatuuf dirqiitti du'uu hin qabu. Lubbuun isaa waan gabrummaa irra wayyaa ni argamsiifti yoo tahe malee.
Haalleen armaa olitti mul'atan kun hooggana irratti abdii ummataa fi miseensotni qaban daake. Kabaan hafte kan akka jaarmayaatti waliif qabamu tahuun hafee akka wal beekkomsaa fi walitti aananiin qofa tahe. Kanaaf egaa ar'a qabso irratti osoo hin taane namoota / hoogganoota keenya irratti wal lolla.
3. Jabinni nama tokkoo ykn murna tokkoo kan madaalamu hojii tokko irratti of kenniinsa inni/isaan qaban osoo hin taane hojjatanii waan mul'isaniini.Akkuma namuu beekutti kanneen ar'a isin waliin jiran hedduun kanneen qabsoo kanaaf wareegama guddaa baasanii fi barootaaf dhaaba keessa turanii dha. Haa tahu malee akka murnaatti hoogganni kun kan madaalamuun yeroo isaan dhaaba kana keessatti dabarsan osoo hin taane jijjiirma ykn guddina isaan dhaaba kana keessatti mul'isaniini.
Namni tokko waggaa keessatti guyyaa 360 hojii irra jiraachuu osoo hin taane maal akka calleessee dha. Rakkoo dhaabni keenya 1990-ta keessa keessa ture irra dabree erga Eritreatti hoogganni keenya cehe booda haalli ture ni wayyaawa waan jedhuu hedduun abdate. Keessattuu 1991 booda yeroo jalqabaatiif tin'isa diplomaasii fi waraanaa waan arganneef. Haa tahu malee haalli mul'ate kan abdii nama kutachiisu malee kan abdii nama horachiisuu hin taane. Hoogganni namni hagoon jiruu fi osoo marfama keessa jiru, yeroo diinagdee fi galaan ala irraa hin argamne waan socho'aa ture socho'uu dadhabe. Tattaaffiin yeroo hedduu karaa Somalee, Sudaan, fi Keeniyaatiin biyya keessatti WBO gadi dhaabuuf godhame hundi firii dhabe. Kanneen biyya keessatti fincilaa turan yeroo diinni biyya irraa buqqisu humna isaan ofitti fudhatee isaan hujoomsu dhabee biyya ollaa keessatti salphina baqattummaa uffatee akka jiraatu tahe. Kanneen carraa argatanii biyya ambaa bahan hedduun akka maraataa qofaa haasawutti hafan. Haala kana hundaa irraa kan argame hooggana dhaaba kanaan deemaa ture jalatti hiriiruu fi haala kana jijjiiruuf qooda kennuu osoo hin taane irraa dheessuu fide.
Ilmi waan tokko karaa hedduun ilaalee yoo dadhabu abdii kutata. Akka dur hojjadhu sanatti hojjadhee nan milkaawa jedhee waan hin yaadneef waan biraa ilaala. Kana irraa ka'eetti qabsaawotni hedduun kan hoogganni kun eessanuu nu hin gahu yaada jedhu irra gahan. Kana booda addaan faffaca'uun uumame. Hoogganni dur akka utubaa hundaa kabajaa "Wajjirra" qabsaawotaa fi ummataa inni keessa taa'uun nama hunda waliiti harkisaa ture kabajaan sun laaffannaan kan walitti hafe waliif mararfannoo qofa tahe. Ammas irra deebi'ee kan Oromoo qabsoo akkamitti fuula dura tarkaanfachiifnaa osoo hin taane namoota irratti wal loltuuf kanaafi natti fakkaata.  
Itti fufa...

No comments:

Post a Comment