Pages

Ergaa gabaabaa DH.D.U.O tiif

Waxxabajjii 02, 2014 | Dhugasa Ibsa Irraa

Akkuma beekamu uummatni Oromoo cunqursaa gita bitoota jala edda galani eegalee miidhaan irra gahaa tureera. Isaan keessa qabatamaan kan beekaman hanga tokko akka kanaa gaditti ni tarreessa.
  • Sirna bulchinsa Gadaa Oromo dhabamsisuu
  • Eenyummaa Oromo xiqeessuu fi maqaa xureessu
  • Dinagdee Oromo saamuu (Lafa, albuudaa,Omishaa qonnaa fi kkf)
  • Aadaa Oromo baleessu.
  • Afaan Oromoo dhabamsisuu.
  • Uummatni Oromo akka hin gurmoofnee dhiibbaa gochuu.
  • Tokkummaa Oromo dhabamsisuu.
  • Beektoota fi daldaltoota Oromoo dadhabsisuu.
  • Oromota hojii dhabeeyii taasisuu fi carraa hojii qaxaramu dhorkuu.
  • Oromota Adamsani Hidhuu.
  • Oromota Adamsani Ajeesu.
  • Oromota adamsani reebu fi doorsisu.
  • Hamilee Oromoo cabsuu.
  • Seenaa Oromoo dabsani Barreessu.
  • Oromota sadarkaa jiddugalaa irra eegalee hanga araddaatti to’annoo basaasota jalatti galchuun dadhabsisuu fi sodaachiso, mudduu, saamuu
  • Amantaa fi godinaan qoqooduun walitti buusuu fi bu’aa siyasaaf itti fayadamu.
  • Oromo Saboota biro wajjin walitti buusuu.
  • Oromon magaalota keessa akka hin qubannee taasisuu fi gita bitoota qubsisuu Kkf fi Ibsamani hin dhumani
Uummatni Oromoo cunqursaa kana hunda ofirra kufisuuf qabsoo edda eegalee yeroo dheeraa tureera. Hirmaatootni qabsoo kanaas
  • Namoota dhunfaa
  • Dhaablee siyaasa
  • Waldalee adda addaa
  • Artistoota
  • Beektootaa
  • Qoteebultoota
  • Baratoota Fi kkf dha

DH.D.U.Onis isaan ibsaman kana keessa tokko ta’u danda’a. Haata’u malee DH.D.U.On sadarkaa Oromiyaan amma irra jiruuf gumaacha ykn shoora mataa isa kan taphatan haa jiraatu iyyu male hirmaatnaan qabsaa’ota umuridhaan DH.D.U.O dura jirani akka jiru eenyuyyu ni beeka.

Kana eddan jedhee booda gara dhaamsa kiyyatti ni dhufa.Kunis akka kanaa gadiitii dhaamsaa fi amaanaa seenaa isiniif dabarsuu barbaada:-
·Sirna adda addaa ykn kabajaa adda addaa yeroo gageesitan (kan misoomaas haa ta’u kan qabsoo) dubbii uummataaf dhiyeesitan keessatti “ bu’an kun kan argame qabsoo DH.D.U.O. tin” jechuu baayistu. Garu akka kanaa olitti ibsuuf yaaletti qabsoon kan eegalame DH.D.U.O qofan waan hin taaneef “bu’aan kan argame qabsoo Oromotin” jetani osoo sirreefatan.
·Waggoota 23 guutuu waltajjii argame hunda irratti uummataaf kan ibsitan “Qabsoo DH D U O tin adaan Uummatni Oromo  kabajameera, Afaan Oromo hanga Yunversitiitti akka baratamu taheera”jettu. Asirratti waan ani kaasu barbaadu, Sababaa cunqursaa gita bitootatin rakkoleen Oromo irra gahaa ture akkuman kanaa olitti hanga tokko tareessuuf yaaletti baay’eedha. Kanaafu mirgi aadaa guddisuu fi afaan Oromotin barachu argame jechuun gaaffiin Oromoo hundi deebi’e jechuu mit ykn dhiibban hundii dhabameera jechu miti. Kanaafu DH.D.O.U n yeroo hunda waltajji irratti “aadaa fi afaan kee sii guddateera “ jechuun dhimoota biroo aadaa fi afaanin  haguugani uummata gowomsuu barbaachisa akka hintaane beekamu qaba. Yeroo hunda akkas ibsuun fedhii farreen Oromoo guutuuf carraqi godhamu natti fakaatee mul’ata. Farreen Oromoos dhimmoota Oromo yeroo hunda aadaa fi afaanitiin dhimma oromo haguuguuf yeroo yaalan ni argina waan ta’eef.

Adaa fi afaan Oromo hanga tokko jijirama kan agarsisees qabsoo walii gala Oromon gageesen ta’us,mee akkuma DH.D.U.On ibsanitti qabso DH.D.U.O tin yoo argame iyyu baruma baraan kanuma odeessun gaaffii Oromoo deebiseera jechu hin danda’amu. Bu’an tokko galma’eera jedhame yoo itti amaname yeroo hunda irra dedeebiani faarsu osoo hin taane gaaffii Oromoo kan birootti ce’uun bu’a galmeesisuun yeroo yerootti waan haaraatin uummatatti dhiyaachutu dhaaba cimaa fi uummataaf kan dhaabbate nama taasisa.

Rakkooleen olitti ibsamani fi kan biroon uummata Oromo irra akkuma jiranitti ija baasani jiru.

Uummatni Oromo Hoogantoota Oromo irra waltajjii irratti dhagahuu kan barbaadu:-
  • Oromiyaa keessa mani hidhaa dhabameera
  • Jirrenyi Ummata Oromo baadiyaa fi magaalatti jijjirameera
  • Oromiyaa keessa hojii dhabeeyiin xiqateera fi
  • Rakkoleen Oromoo kanaa olitti ibsaman furmaata argataniru kan jedhu ture.

Garu Kun osoo hin taane
-Magaalota Finfinee, Adaamaa, Bishooftu, Sabbataa, Amboo, Dire Dawaa, Harar, Jimma, Naqamte, Dukami, Moojoo, Burayuu fi kkf keessatti Orommo osoo hin taane namoota biro qubachisa jirtu. Biiroleen Bulchinsa lafaa fi misooma magaala irratti hojjetanis dhimma kana irratti danaa hin qabani
·Hojii dhabeeyiin Ijoolee Oromoo Yunversitii fi koolejjii adda addaa irra eebifamani hojii dhabani baadiyaa keessa araddaa fi aanaalee keessa mana maatii isaani taa’aa jiran kan quba qabu hin jiru. Gara Magaalotaatti deemani hojii akka hin barbaadaneef halaa jireenya yeroo ammaa kanaan baasii geejjiba, mana kira magaala keessa fi nyaata fi dhugatii magaala waan hin dandeenyeef baadiyaa keessa hiyyummadhaan taa’a jiru. Magaalota gurguddo Oromiyaa keessa jiru keessatti Mootummaan Oromiyaa carraa hojii uumeera haa jedhu male Ijooleen Oromoo gara magalaatti dhufani carraa kanatti fayadamaa miti. Carraa kanatti fayyadama kan jiru namoota Oromoo hin taanee fi kan firoota magaalota keessa kan qabanidha. Jiraatoota Magaala-non-oromos)
·Investerootni Oromiyaa keessa carraa hojii dhumneera jedhan Oromota waan hin taaneef carraa hojii kan isaan kennaniif oromota kan hin taaneef magaalota fi naannolee biro irra fiduun akka ta’e ifaadha. Biiroon INVESTMENTi Oromiyas kana irratti hojjecha hin jiru.
·Carraalee hojii dhaabilee miti mootummaa fi dhaabilee gargaarsa adda addaa Naannoo Oromiyaa keessati hojjetan keessas Ijooleen Oromoo qaxaramani hojjechuuf carraa hin argatani. Carraa kan argatan namoota Oromoo hintaanedha. Kana irrattis Biiroon Q.I B.Oromiyaa fi Mootumman Oromiyaa irratti hojjecha hin jirani.

·Uummatni hidhamaa jiru, ajeefama jiru. doorsifama jira

·Qaamotni aadaa fi afaan Oromoo guddisuuf tattafatan ni shakkamu, ni hidhamu, ni doorsifamu

·Uummatni fi hoogantootni Oromiyaa xiyeeffannaa isaani Misoomaa fi wa’ee faayidaa Oromoo irratti akka hin taaneef harka lafa jalaan walitti buusuu, addaan qoqooduu, hojii nageenya hojjedha jechuun yeroo jalaa saamu fi walgahii fi qorannoon yeroo dabarsu (COMMAND POST)

·KKF, tarreeffame hin dhumu.

Kanaafu DH.D.U.On  faayida Oromotiif ni dhaabanneyoo jetani kan amantan yoo tahee dhiibbaa qaama biroo ofirra faccisuun faayidaa uummata Oromoof xiyeefannaa kenitani bu’aa haaraa galmeesiftani uummataaf akka gabaastanfi rakkolee dadachaa uummata irratti fe\amee jiru akkahiiktan akka lammii Oromoo tokkotti isin gaafanna.

No comments:

Post a Comment