Pages

Dhaamsa Uummata Oromoo Hundaaf

Adoolessa 20, 2014 | Dhugasa Ibsa Irraa

Gochootaa oromummaa dhabamsisuuf raawwatama turan keessa isaan gurguddoon:-

  • Uummata Oromoo ajjeesu
  • Uummata Oromoo Hidhuu
  • Uummata Oromoo buqisu
  • Qabeenya Uumma Oromoo Saamuu
  • Maqaa Oromootaa gara maqaa amaaratti jijjiru
  • Maqaa oromummaatin yaamamun akka qaanitti fudhachu
  •  Ani habashadha jedhani akka of-ibsan taasisu
  •  Seenaa Oromoo xureessu
  • Aadaa Oromoo dhabamsisuu
  • Bakkeewwan Oromiyaa keessa jiran maqaa Oromoo irra gara amaratti jijiru
  •  Qabeenya Oromiyaa keessatti horataman maqaa habashatin akka waamaman taasisuu
  • Afaan Oromoo akka dagatamu taasisu fi afaan amaraatin akka dubbatamu taasisu fi kkf baay’ee jiran keessa hanga tokko yoo ta’an, dhaamsi ani isini dabarsu barbaadu akka kanaa gadiiti ibsama.

Kaneen kanaa olitti ibsaman keessa hangi tokko qabsoo oromotin deebii kan argatan ta’us baay’een isaani deebii waan hin arganeef qabsoon itti fufee jira.

Haata’u male uummatni Oromoo mataa isaanitin furmaata kennuu osoo danda’ani dhimmotni dagatamani jiran akka furmaata argataniif dhaamsa kiyya akka kana gaditti dabarsu barbaada. Kunis :-
  1. Ijoolee keessan maqaa Oromootin akka mogaastan
  2.  Ani Oromoodha jetani akka of-ibsitan. Namootni baay’een kaneen barnoota qaban dabalatee akkasumas kaneen dookteroota ta’an dabalatee eenyummaa isaani akka habashatti yeroo of-ibsan ni argama,miidiyaa adda addaa irratti ni dhageenya. kun baay’ee kan nama saalfachisudha. Kan Habashootan sirna darbe keessatti nutti maxane of-keessa haquu dadhabnee maqaa habashatin ittin of-yaamun qaani guddadha. Keessumaa Oromootin biyya alaa jiran “ati maali yeroo jedhamani gaafataman uummata Faranjoota irra adda of-gochuuf “ani habashadha “jedhani yeroo of-ibsan ni argina. Akkasumas Oromootni Magaalas haa ta’u baadiyaa jiran uummata faranjoota irra adda of-baasani yeroo of-ibsan “ani habashadha ‘ofiin jedhu. Ani faranjii miti ani Oromoodha jetani of-ibsuu maaltu isin dhorke. Dhiiga keessan keessaa habashumma baasaa gataa. yoo dadhabdan dookteroota qabsaa’ota Oromoo bira deematin baqaqsadhan of-keessa baasa.
  3.  Bakkeewwan Oromiyaa keessatti argaman hunda maqaa Oromootin mogaasuu. Asiratti xiyeefanna kennu kan barbaadu maagaalota Oromiyaa keessatti argaman keessatti ammallee maqaan haaraan afaan amariffaatin bahaa jirachu isaa baay’ee nama gadisisa. Magaalota Oromoon bulchu keessatti maqaa amaratin mogaasun dadhabbii mataa keenyati male eenyuyyu dirqisisee akka hin mogafne ifadha. Kun xiyeefannoo kan barbaadudha
  4. Qabeenyota oromiyaa keessatti horataman ykn oomishaman qabeenya habashaati jedhani Oromootni yeroo yaaman qaani guddatu natti dhagahama. Fakeenyaaf Loon (horii) Oromiyaa keesstti argaman loon faranjii irra adda baasuuf Loon habashaati jedhani ibsun baay’ee qaanidha. Loon Oromiyaa, Lukkuu ykn Handaqqo Oromiyaa, re’ee Oromiyaa, Hoolaa oromiyaa kkf jetani yoo ibsitan eenyutu isin fuula dura dhabate isin dhorka
  5. Akkasumas Oomishotaa Oromiyaa keessatti oomishaman maqaa Oromiyaatin yaamuu maaltu isi dhorka. FKN Qullubbii ykn shunkurtii Oromiyaa keesstti oomishaman kan faranjii irra adda baastani yeroo yaamtan shunkurtii habashaa yeroo jetani yaamta qaanii guddadha. Kanaafuu ammaa booda Oromoon kamiyyu akkasumas sabootni oromiyaa keessa jiran hundinu oomishoota Oromiyaa keessatti oomishaman maqaa Oromiyaatin yaamu qaban fkf Qullubbi (shunkurtaa) Oromiyaa, Goommana Oromiyaa, Xaafii Oromiyaa, Budeena Oromiyaa, Boqqolloo Oromiyaa, Buna Oromiyaa, Saalixaa Oromiyaa, Dinicha Oromiyaa, Atara Oromiyaa, caatii ykn Jimaa Oromiyaa, kkf jedhaa yaama, qabeenya keessaniin boonaa
  6. Maqaalee adda addaa taapeellaa, baajii fi kkf irratti yeroo bareesitan afaan Oromoo qofaan barreessa. Kun heera mootummaa Oromiyaatinis murta’eera. Hojjetootni Oromiyaa kaabinoota dabalatee maqaa isaanile baajii irrati yeroo barreessan akka nama dirqametti afaan amaraa fi adaan Oromootin barreessu. Ammallee kan heerri mootumma Oromiyaa kan isaan hin dirqisifne mataa isaanitin of dirqisisani gabruma ofitti harkisa jiru. Baay’ee kan nama aja’ibu bulchitooni Oromiyaa mirga afaan Oromoo qfan nanno Oromiyaa keessatti fayyadamu oso qabani mirga isani ofirra mulqani namoota taapeellaa irratti afaan amaara bareechani afaan Oromoo baleessani barreesan wajjin sirreessa jechuun falmii keessa seena jiru  fkn magaala Adaama.
  7.  Afaan Oromootin dubbachuun kan nama boonsu ta’e oso jiru namootni Oromoo ta’ani magaalota galan afaan amaara akka afaan ammayyati fudhachuun afaan ofii dagachuun baay’ee salphinadha. Keessuma yeroo Ijooleen amaraa afaan amaratin male isinitti hin dubbannu jedhan afaan keessan dhiistani afaan amaratti galii galuun baay’ee salphina waan ta’eef of-sirreessa
  8. Sirnoota darban kessatti uummatni keenyi baay’een baadiyaa jiraatan jechoota baay’ee afaan amaara akka afaan Oromootti qabatani yeroo amma walkeessa makani itti fayadamu. Keessuma dhimmi Kun naannoo showaa keessatti haa baay’atu male Oromiyaa hunda keessatti ni mul’ata. Dhimma kana yeroo ammaa haala salphaa ta’een sirreessun osoo danda’amu dadhabina keenyaan itti fufaa jira. Kanaafu furmani isaa akka kanaa gadiitti hiikamu qaba.
  • Sagantaa barnoota idilee ga’eesota miijessu
  • Kitaaboota ga’eesoota qotee bulaa fi daldaltootaaf ta’u qopheessu (Jechoota hojii isaanii wajjin walqunnamu irrati hunda’un) 
  • Barsisoota, hojjetoota eksteenshini fayyaa, Hojjetoota misooma qonnaa fi baratoota sadarkaa tokkoffa fi lammaffatti fayadamuun uummata keenya barsisu 

Kaneen Oromoon hundinu furmata kennu danda’u qaama biro irra eegachuun qaani guddadha. Kanaafis kaffalti addaa eegachu hin qabnu. Barri bara qabsooti. Baratoota Universiti yeroo gannaa boqonnaa isaniiti osoo fayadmne iyyuu waan baay’ee hojjechuun ni danda. Osoo humna nama baratee baay’ee qabnu uummatni keenya afaan waliin laaqe dubbachuun qaanii Oromooti, akkasumas farreen Oromoo kan nutti kofalchisudha.

Dhaamsi kiyya kanuma, Haa hojjennu, haa qabsoofnu, uummata keenya doofumma jala haabaafnu .

Injifannoon Kan Oromooti 

No comments:

Post a Comment