Bara duri moototi madda hooda ummata
saaniirraa adda tahe ofii kennu turan. Maddoti akkasii moototaaf aangoo hin
dangahamne akka kennuuf qaccee gubbaan hidhata qabutu jira. Akka sanatt hundee
mootummaa Habashaa Solomonawaa akka tahe kan himu moor “Kibira Nagast” jedhamuu
Masaritt akka uumame kan himamu. Moor kun moototi Habashaa hundeen saanii
Mooticha Israa’el Solomoon irraa akka bu’e hima. Fuudhaa alatt meshebbelaan
Mootichaa fi Mootittii Saabaa irraa yeroo iseen biyya tahe gara kibbaatii isa
daawwachuu dhufte akka ilmi dhalate dubbata. Mootittiin Saabaa moorota
dhugeeffannoo Baha Gidduu malee moor seenaa biraan dhahuu, yookaan biyyisee
bakka kam akka tahe kan agarsiisu hin jiru. Kanaafi kan Afrikaa fi Arabiyaanis
keenya kan jedhaniin. Moorota dhugeeffannoo keessatt Mooticha Solomoon waliin
sagaggaluu see haatahu ilma godhachuun see hin himamne. Kanaaf Minilik I
galmistaana Kopti fedha mootummaa Habashaarratt dhiibbaa dhaabbataa gochuuf kan
uume malee akka himameti kan hin jirre jedhanii hedduun amanuu. Maqaan saa
jalqabaaf mooricha “Kibira Nagast” jedhame irratt qofa kan mullate. Egaa want
naannaa saa fi naannaa haadha sa jiru hundi hooda irra deddeebi’amee dhaloota
daftaroota Habashaan himamee dha.
Hoodichi garee bulchituu Habashaa,
soda gubbaa fi abootee sibiilan akka mo’an tajaajila bahe. Ummatichi nambiyyoota
lubbuu ofii fi dantaa sabichaa irratt gonka mirga guutuu qaban hin turre.
Gabbaarii gibiraa baaftuu fi bulchoota gaaffii malee tajaajiltu turan jechuu dha.
Qeesoti, hoodichaa fi balaa yoo ciicatan gubbaa itt dhufuu dandahu sammuutt gad
hudumuun yoo bulchoota,keessaayyuu mootichaa sarmuu didan cubbuu akka tahu
sodachisaa turanii. Jaarra arfan darban keessa angoon mootii Habashaa nagaan
tokko irraa kan biraatt darbee hin beeku. Moototi namoota mootii of godhaniin
finqilchamu turan. Sodaa haaloo bahannaa gubbaa dhufuun,abba tokkoota
xaranga’oo homaa hin sodaanneen malee sochiin ummataa bulchoota irratt godhaman
hamma hin jirre turan. Sochooti 1960moota keessa Goojjam ture illee hammina
Bulchaa Muumicha TSahaayuu Inqusillaasee irratt kan xiyyeeffate malee Mootii
Moototaa hin laalu ture.
Moottoti seenaa saanii hundaa kaasee
hanga finqilchamuu Hayila Sillaaseett akka cittuuwaaq tahanitt ilaalamu turani
dhumaa want halle morma nama gahuun ummattooti daba irratt finciluun cubbuu
tahuu ciicachuutt kahan. Dur Qeesii muummichi Alaksandariyaa fincila sooka’uu
yk ummata mootii amanamuu irraa hiikuu dandahu turani. Sana ture galmistanni kan
Iyyaasuutt tolche; ummata amanama isaaf qabanirraa hiikeen. Mooticha isa dhumaa
finqilchuuf gidduu seenuu qeesii hin barbaachifne ture; diddaa abba tokkee utuu
hin tahin warraaqsa waan tureef qeesichi muummichuu dorsifamaa ture. Sunis
tahee ulfinni ummati Habashaa kanneen aangoo irra jiranii qabu ammalee cichee
jira. Hooda hamma lafeett seene waan taheef salphaatt hin haqamu.
Waggooti sanaan dura geedarama
hedduutu tahe. Saboota ofiin buloo hedduutu humnaan mootummaa Habashaatt
dabalame. Sirna qabiyyee lafaa malee hamaan mootumma abbaa hirrumaa Habashaa
akka jiruti kolonota irrati habaqalame. Tekinooloojii fi fedhi addunyaa dachaan
guddachuu eegalan. Afrikaan koloneeffatoo halagaa gidduutt qircamte. Addunyaan
lola waraan addunyaa lama godhe. Sanneen cunqurfamootii fi koloneefatamtooti
addunyaa bilisummaa akka gaafatan jajjabeese. Haatahu malee ammayyuu dirree
malbulchaa keessatt olantummaa abshaalota gurguddoo Habashaatu muldhata ture.
Angoon ummata irraa ammallee fagoo jirtii. Utuu ummati Habashaa kan isaan
dhugaan filatan qofa mallee eenyuu nun bulchu jedhanii ummatoota cunqurfamoota
adduyaaf anjaa qaba ture. Haa tahu malee hamma isaan sana gochuu dandahanitt yk
bulcha demokratawaa argachuuf lolatanitt eeguun jarri kaan bilisoomuuf hala
duree tahuu hin dandahu. Finnaa demokratawe waliin waa’ee birmadummaa
dhoofsisuun tuuta abbaa hirrootaa waliin gochuu irra salphata ture. Gaanfa
Aftikaaf finnooti demokratawan jiraachuun misoomaa, walqayyabannoo godinaa fi
bulcha akkaaf iggitii taha ture.
Haala haaraan wal fudhachuu dadhabuun
mootichi bakka gad dhiisuutu irra ture. Yoomallee jijjiirama taheef qooda guddaa
kan gumaachan kolonoota tahan waan hin ijaaramneef aangoon isaanitt hin dabarre.
Waraana biyya qabatee jirutu fudhatee gita haaraa itt naqee. Miseensoti gita
dullachaa tokko tokko jijjiiramichaan mormuu yaalanii turani. Cunqurfamtooti
loltuu waliin waan dhaabbataniif salphaatt macalaqfamuu dandahan. Abbaan lafaa
hafan, salphaatti toora galfamanii akka sirna haaraaf kakuu seenan tolfaman.
Bulchooti haaraan maddi aangoo gubbaa utuu hin tahin ummata jedhan. Garuu
dhaadannoo haaraa “Itophiyaa tokko yk du’a” jedhu guddifachuun Dargiin
empayeriif amanamaa akka tahe ummata Habashaaf mirkaneesse. Akkasitt hoodummaan
durdurii Solomonawaa hanga tokko raawwate. Mootummaa haaraaf jala kaattuun saa
bitaatt duufaa turan dhaalmaa saanii xaliila gochuun Maa’oo Zedongiin
qiliwwisanii “Angoon malbulchaa afaan qawwee keessaa olbaha” jedhaa turan. Kan
nafxanyaan durii qawwee fi qaxaamurroott dhimma bahe isaan kun afaan qawwee
qofaan fedha saanii nama irratt fe’uuf deemu jechuu dha. Akeekuma kanatu hanga
harraatt daddarbuun dhimma itt bahamaa jira.
Dargiin akkuma ofii dhufett afaan
qawween dhiibamee aangoo irraa ari’ame. Kan bakka isaa bu’aniif akkuma angafa
saanii digammii fi ulfummaan empayeraa kan hin dhoofisisamne jedhani.
Kolonootaaf diigama saa gaditt gaaffii saaniif deebii tahuu kan dandahu hin jiru.
Garuu imaammati fakkeessaa kan mirga ummataa beeku chartara keessa galfamee ture.
Angoo hirmachuun durboota lamaan Amaaraa fi Tigraawaayi giduu dudhaan ture hin
ulfeeffamne. Tigrayi bu’aa abba tokkootaa fi harcaatuu ummatichaaf argamuu
dandahuuf samichatt kophaa bobbahe. Kaasaan mootota Habashaa finqlaachisaa ture
ammayyuu deebii hin arganne. Dhabiisi waatattaa ummaticha biyya haadha, anjaa
addaa Tigray dhabiisa jara kaaniin argateef malee ammayyuu itt fufa jiraa.
Oromoo akkamiti durbii keenya irraa buufannaa irratt xiyyeefachuun gurguddoon
Habashaa rakkina saba saaniitt ija duruufata jiru.
Waan kolonota ilaalu irratti qabeenyi
saanii Tigraayiif jalcaasa akka commee margaa jiran, karaa, humna elektika,
dhaabota fayyaa,humna ittisaa kkf ijaaruutt tattaafataa jira. Dhaaboti barumsaa
hogganoota empayeraa egeree homishuuf adddatt kurfibarumsaa Tigray qofaaf
dagaagaa jira jedhu. Kolonootaaf hagas waanti hojjetame hin jiru. Karoorri misa
jalcaasaa nugusichaan diriire illee hin xumuramne. Moototi darban Xaliyanii
dabalatee qabeenya fi tajaajila baafachuuf karaa ni ijaaru turanii. Sana keessaa
hamma gahaa hin argatin malee Oromiyaan coccobduu hin dhabdu turte. Jarri
si’anaa abbaan biyyaa iyyaatii fi gabaatt saaqaa salphaa akka hin arganneef
homaa itt hin daballee. Hanga gabaa irratt dhuunfaa qabanitt gatiin hoomishaa
akka cabu fi gatiin geejjibaa fi quunnamtii naannaa akka olkahu dirqisiisuu
dandahu. Sun sochii qabeenyaa kolonotaa irratt humna dhuunfaa kennafi. Imaammati
saamicha lafaa murnoota gomgomaa tahan horii lafarra oolchan eeggachuuf gara
Wayyaanee goranii gadi qaba Oromiyaa fi olloota see dheeresuu ni gargaaru taha.
Sunis sabooti bubbucuun tokko tokko kan durumaayyuu fittee irra jiran akka
lafarra haqaman gochuu dandaha.
Moototi Habashaa goolii hin daangaa
hin qabnneen ummata saanii gurmeessaa turan. biyyoota haaraa argachuun bokoka
waggootiif keessaa turan hanga tokko afuura fudhachiisaniiru taha. Kan
dandeettii qaamaa qaban saamicha koloneeffannaa keessatt akka qooda fudhatan
carraan kennameefii ture. Bu’aa haaraa itt bahaniin, aangoo, lafa, dirree balla
adamoo, bosona, bishaan, warqee fi qabeenya uumaa biraa fi hunda caalaa humna
namaa tolaan basha’anii turan. Bulchootii fi jaleewwan saanii coraamaan masakamu
malee beekumsa hin qaban turan. Lafi haaraan kan saanii tahee akka hafutt
fudhatan malee deebi’anii firoota saanii ammayyuu “shuumata” xixxinnoo
hacuucuucuunii dandahan harkatt dhiisanii bahan deebi’anii gadadoo saanii
salphisuu hin yaadne. Abdii fi guddina sobaa addunyaa irratt argamsiisaniif
laachuufii malee wanti dabalaniif hagas mara miti. Jarri sun Nafxanyaa digaloota
jaarraa tookkoo oliif utuu hin facaasiin galfataa bahanii. Waanti saamichaan
gurratan bar tokko abbaatt deebisuu akka dirqamuu dandahan takkaa sammuuti
dhufee hin beeku. Gaafas bakka dhaqanii fi nammi itt dheessan akka hin jire
beekuu. Kan saaman hundi bakka kuufatanii abbaa seerawaatt deebi’aa. Kana waan
beekaniif yaaciin saa guyyaa tokko buluf gooltuu maraatuu tahuutt isaan oofaa
jira.
Hoodicha gargar faca’aa jiru sadooti
walitt suphuuf yaala jiru. Seenaa Kuush (Nubiyaa) durii Girikootaa fi moorota
amantee Baha Gidduun dhahamee fi kan Habashaa dhiheenyaa walitt makuun ilaalcha
addunyaa afanfajjeessuu barbaadu. Ammallee uumaan kolonummaa Itophiyaa innich
dhugaan barreesota hin amanamne, malbulcheessoo fi malbeekotaan ukkaanfamaa jira.
Itophiyaa akka waan “Hirmannaa Afrikaan” hin tuqamnee fi walabummaa see eegdee
jiraatett himu. Garuu kan Itophiyaa kami akka jedhaa jiran hin himani. Yoo
waa’ee Habashaa dubbatu tahe dhugaa tahuu dandaha. Habashaan “Hirmannaa Afriikaa”
keessati qooda fudhatteetii. Kan kana haalu sammuu sanyeesituu qofa. Biyyooti
bilisi Afar, Ogaadeeniyaa, Wala’ita, Sidaamaa, Kaficho, Oromiyaa fi biyyooti
kibba biyya Habashaa jiran hundi gargaarsa miiltolee see koloneeffatoo biraatiin
koloneeffatee turte. Yeroon seenaa godinichaa isa dhugaa kan Habashaas dabalatu
barreessan ammaa. Dhugaan kun qaama qabattee harka duultu bilisummaa tahuu
barbaachisa. Nammuu humna duubaa diinni hammma of wallaaldhalee donna fi
bineensa tahuutt oofaa jiru baruu qaba. Amma empayerri Itophiyaa, ummata tokko
kan biraaf jalee godhee tursuu waan hin dandeenyeef, kan inni tolu moor seenaa
qofaafii.
Horeen Nafxanyaa jalqabaa Oromiyaa
keessa jiran, miseensota hawaasichaa keessaa kan bashaan jiraachuu saaniin abbaa
biyyaan irraa adda tahanii mullatan turanii. Lafaa fi waan inni baasu irratt
abbaa turan. Qabeenyi, lafa irratt hundaawe sun labsa lafaa 1975n raawwate.
Garuu hiddi handhuura saanii guutummaati Empayera irraa hin citne ture. Caalaan
saanii cunqurfamoota labsichi dhufeef jedhaman caalaa amanamummaa qabu turan.
Waliigalatt garuu warraaqsichaan hedduu rukutaman. Sun akka sana tahus finnaan
kolonummaa maqaa fi ilaalcha jijjiirradhe jedhus balleessaa darbett kan
gaafatamu isa malee horee Nafxanyaa kana miti. Badii tahe hundaaf aagii
tufsiifatee kan dabe qajeelchuuf abbaawummaa isatu qaba. Horee Nafxanyaa yoo ni
fedhu tahe Oromiyoo akka tahan nammi isaan haalu hin jiru. Garuu yoo isaan
ammayyuu “kan abbooliin keenya dhiga itt lolaasanii, lafee saanii itt caccabsan”
jedhanii dhaadatan tahe “madaa irratt soogidda dibuu” isa jedhan taha. Jara
walqixxummaa fi qajeeltuuf dhaabbataniif garuu Oromiyaa walabaa fi bilisa irraa
wanti sodaatan hin jiru. Oromiyaa keessatt waan dhalataniif hedduun saanii biyya
biraa fi hariiroo wayyaa irratt hirkatan hin qabani. Oromiyaa walaba deggeruu
haa tahu akka empayerri itt fufu, filachuun mirga saaaniiti. Yeroo rafan waan
itt himamaa guddatanii fi waabariitt kan sammuu dhiqaman yoo laalamu halli jiru
jijjiiramuun, walfaana akka Oromoon nama hin ciigaane waan itt hin himamneef
sodaachisaa tahu dandaha. Jireenya saanii guutuu Oromoo namummaa baafame fi
birdhataa malee isa dhugaa hin agarre. Inni dhugaa haaloof kan sardamu mitii,
garuu jannaa fi garalaafessa; nagaa buusuun qooda jannaa fi ijoollee warra abbaa
gadaati.
Kan qayyabatamuu qabu wareegammi
cunqurfamooti godhan kan biraa darbanii cunqursuuf akka hin taane. Oromiyoo
hundaaf, utuu lammii fi gocha darban hin laalin, nagaa, birmadummaa fi gammachuu
argamsiisuufii. Horeen Nafxanyaa eegalaa wanti bitaa fi mirgaa itt afuufamaa
jiru seenaa sobaa fi yoo kolonoti bilisa bahan waan hamaa irra gahuu dandahani.
Kun holola kanneen dubbiin suduudaan hin tuqnee burjaajiin yoo dhalate keessaa
waa arganaa lata jedhaniin jajjabaatee oofamaa jira. Qabsoon bilisummaa
lammummaa irratt kan hundaawe utuu hin tahin gaaffii gadi qabaa halagaa jalaa
bilisoomuu , qajeeltuu, birmadummaa fi walqixxummaati. Horeen Nafxanyaa akkuma
Oromiyoo hundaa balleessaa ofiif malee kan abboolii saaniif hin gaafatamani.
Waan lammumaa horee Nafxanyaa jalqabaa ilaalu irratt caalaa saaniif hooda
abbooliin saanii Gondorii haa tahu Oromiyaa madaqfamanis Amaraa akka tahan
fudhachiifamanii. Itt yaadamee Amaaraa fi Kiristinnaan Ortodoxii tokko jedhame.
Nafxanyaa Oromoo fi Moslima fi Waaqeffannaa Oromoo abbaa biyyaa gargar baaasuuf
inn nafxanyaan akka itt cuubamee, jara kaan ciigahu tahe. Gaaffiin Oromoo
sanyeessaa tahuu fi dhiisuu saa yoo Habashaa dhugaa tahanillee utuu soda haxaawa
lammiin hin baaragin ofumaa mirkaneeffchuu qabu.
Sana malee murna Oromoon Afrikaa
keessaa lafa hinqabu jedhanitt makamuun eenyummaa ofii haaluu yk of jibbuu taha.
Sanatt dabalee Minilik II illee an “Mootii Habashaa fi Biyyoota Oromoo” ti ofiin
jedhe dhara jechuu taha. Nafxanyaa duraa dilormaa Oromoo walakaa ol, moo’umma,
aadaa, afaan, eenyummaa sabummaa, fi dudhaa saanii garalaafina tokko malee
mancaase. Sun hundi seenaaf yaadatamu malee dhaloota abbaawummaa itt hin qabne
tuquuf miti. Haatahu maleehala amma jiru keessatt eenyuu kan hamajaajummaa
sanaan itt fufee ummata kolonichaaf tuffii agarsiisu gocha yakka deggeruu saaf
abbaawummaa fudhachuu jalaa hin bahu.
Seeraan bulummaa, demokraasii fi
birmadummaan uumamu malee godinicha keessatt nagaa fi tasgabiin hin jiraatuu.
Koloneeffataan nagaa fi tasgabii naannichaa irraa bu’aa argatu hin qabu. Seeraan
bulummaa, demokraasii fi tasgabin qabeenya kolonootaatt saaqaa addaa hin
kennuufi. kanaaf mirga hiree sabummaa ofii ofiin muteeffachuu kolonootaa kan
walabummaa dabalatu, mirga demokraatawaa tahe, hin fudhatu. Kana irratt dabalee
kanneen mirga ilmaan namaatt yeroo tahitaa irra jiran roorrisan dheekkamsa
qajeeltuutt isaan saaxilaa. Kanaaf fedhaan tahitaa gaddhiisuun saanii waan hin
yaadamne. Qabsaawoti marsaa hundatt daddaaquun furmaata hin tahuu; ejjennoo
sirrii fudhachuu qofatu baasaa. Mirgi ilmaan namaa kan eenyuu namaa kennu utuu
hin tahin Yaa’ii Addunyaan kan beekamee. Hardha humni Oromoo mirga sabaa
kabachiisuuf jabaatee hin ijaaramne haa tahu malee sochiin walabummaa ummati
godhu tasaawaan, ariitiin konkolaataa jira. Oromoo waahidhibnee hataatuu
bu’uursituun Habashaa, jaallatee dhiiftee qabsoon walabummaa hin dhaabbatu. ABOn
akka sagantaan saa ajajutt ABO tahee itt fufuuf walabummaa qofaaf ijaajjuu malee
sanaa gaditt waanti tahu hin jiru.
Kan itt haanu akka hundi beekuuf
murtoo ST (UN) 3070 30, Sadaasaa 1973tii: (furaan afaanii kan kanati)
Yaa’iin idilee ∙∙∙
- Keessa deebi’ee mirga ummata kolonummaa fi olhantummaa halagaa jala jiran hin tuqamne kan hiree murteeffachuu, birmadummaa fi walabummaa akka murtoo Yaa’ii Idilee 1514 (XV) 14, Muddee 1960, 2649(XXV) 30, Sadaasa 1970 fi 2787 (XXVI) 6 Mudde 1971;
- Akkasumas seerawummaa qabsoon ummatootaa bilisummaa kolonummaa fi olhantummaa biyya alaa fi gadiqaba halagaa jalaa bahuuf karaa jiru hundaan qabsoo hidhannoo dabalachuun tolchan keessa deebinee mirkaneessina:
- Akka Chartera Saboota Tokkoomanii fi Konvenshinoota Saboota Tokkoomanii dubbiin laalutt mirga ummatooti hundii hiree saanii murteeffachuu fi walabummaaf qabanii fi gargaarsa jajjabeessaa, waatattaa fi gargaarsa biraa ummataa shakala guutu mirga saanii hin tuqamne kan hiree murteeffachuu fi walabummaaf qabsaawaa jiranii hundaaf akka godhan finnoota hundaaf waamicha goonaaf:
Ummatoota humna hoodaa moototaan
sodaachisuun qaata dukkanaawe. Yeros imaammatooti moototaa xuraawoo hundi jecha
“Moototi homaa hin balleessan” jedhuun golgamuun akka waan isaan burqaa
qajeeltuu dogoggora hin qabneett dhiheefamu turan. Amma hoodi sun cabee
hogganooti empayeritt olgaa dhaabbachuun humnni saanii qullaa tahe saaxilamaa
jira. Imaammatoota saanii cunqursoo tahan hojii irra oolchuu irraa of fageessuu
hin dandahanii. Mootota Habashaa duriif, dudhaan karaan itt waan tokko tokko
qajeelfatan yoo jiraateyyuu, seeraan bulmaati dhimma saanii tahee hin beeku. Jarri
ammaa karaa halle too’annaa jala oolfatanii waan jiraniif gocha saaniif
isaanumatu abbaa dhaddachaati. Kanaaf Habashaa roorroo angoo irraa baraaruu fi
ummatoota kolonii namummaa baafamuu fi badiisa irraa oolchuuf jarri baduu qabu.
Tuuti addagee biyya bulchuun cubbuu dha. Wayyaaneen ulfina dabaanbulummaa ofiin
dhihoo karaa bahaa qabata. Garuu gaaffiin bilisa baaftoti Oromiyaa deebisuu
qaban itt haaneewoo kan jedhu?
Iyyi “Goolii” Wayyaaneef mala ittiin
jara dhihaa keessaayyuu US irraa gargaarsaa fi hubannoo itt argatuu. Dhugaan saa
isuma mootummaarra jiru malee, gooltuun biraa empayera Itophiyaa keessa hin
jirtuu. Uumaa saa isa dhugaa dhossee shororkeessituu dha jedhee yeroo inni nama
lakkoofsa hin qabne hidhuu fi ajjeesu mararfannoo akka kennaniif barbaada. Garuu
jarri gooltuu utuu hin tahin Oromoo dha; mataa ol qabatanii akka hin deemnee fi
ugganii qajeeltuu akka hin gaafanneef goolaani. Gargaarsa jajjabeesaa fi
waatattaa argataniin akeeka ofii Oromoo gadqabaa jala jiraachisuu fiixaan
baafachuuf imaammata gooltuu loluu jala gugatanii bobba’aa jiru. Sagalee Oromoo
hin sarmineef faaluuf dhaaba malbulchaa Kallacha qabsoosaa tahe gooltuutt
moggaase.
Gabaasii dhaboota mirga ilmaan namaa
mootummaan Itophiyaa akka ummata ofiitt, keessaayyuu Oromoott roorrisu saxilaa
jiru. Oromoon ummata seeraan buloo, nagaa jaallatoo fi dudhaa demokraasii
qabanii. Dhugeeffannoo kamuu haa qabaatanii hanga yoonaa karisummaan Oromoo
keessatt hin muldhannee. Yeroo nagaa fi araaratt dhufu duubbeen saanii Gadaa kan
irraanfatame hin fakkaatuu. Amantooti hundi marsaa malbulcha sabichaa keessatt
bakkaa fi qooda ofii beeku. Yaada cichaa hunda jala seenuu dura loltuu fi naga
buusoo beekamoo turani. Ammallee “walitt bu’a qaroomaa”f utuu hin tahin,
birmadummaa fi walabummaa biyya saanii, Oromiyaaf annisaa lolaa fi nagaa buusuu
qabu. Qaroommi saanii hunda hammataa tahuun beekama. Miseensi amantee yk murna
amantee kamuu Oromiyaa keessatt takkaa akka nambiyyoota sadakaa lammafaatt
ilaalamanii hin beekanii; Habashaa keessatt garuu akka addunyaatt hodeessan utuu
hin tahin yeroo hin beekamnee kaasee ciiga’amnii ifaa dhaa.
Duula maqaa faalaa wayyaaneen utuu hin
raafamin sun qayyabatamuu qaba. Oromoon gaaga’amtoota Wayyaaneeti malee cookkoo
saa miti. Oromiyaan biyya goototaati. Gooti yoomuu tapha walgitu fedha.
Jeequmsi kan hin hidhannee fi noola qubaa hin qabne irratt raawwatamuu hin qabu.
Sun ogummaa Wayyaaneen ittii leenjifame. Sana kan inni Oromoo irratt gochaa
Oromoon gooltuu dha jedhee caraanuu. Oromoon gooltuu dha jedhamuu kan dandahu
yoo gadqaba halagaa ofirraa faccisuun sana jedhame qofa. Sun waan fedhe haa tahu
Oromoon waraana halagaa irra buufatee jiru loluu hanga mirgi hiree ofii
murteeffachuu hojiirra ooluufitt itt fufa.
Ulfinaa fi surraan dabaankufootaaf; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ulfinaa fi surraan dabaankufootaaf; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Muddee 2014
No comments:
Post a Comment