Pages

Koongresii Federaalawaa Oromoo (KFO) Kaadhimamtoota Paarlaamaa Woliin Mari’ate

Bitootessa 05, 2015

Miseensonni paartii Koongresii Federaalawaa Oromootiif kadhimamtoonni paarlaamaa guutuu godinaalee Oromiyaa fi bulchiiinsa naannoo Amaaaratti godina addaa Kamisee irraaa dhufan namootii 160 0l ta’an gaafa Sambata Feb 28, 2015 Finfinnee waajjira KFOtti marii baldhaa taasisan.

Ajandaan mariii kallattiidhaan, qophii filaanootiin kan wol-qabatu yo ta’u, karaa dheeraa uummati Oromoo keessa dhufe, bu’aa bayii yeroo gara garaatti isa muudate, haala qabatamaa yeroo ammaa jiruu fi adeemsi fuul-duraa maal ta’uu akka qabus kallatttin ka’ameera. Dura taa’aan Kongressii Federaalawa Oromoo Dr. Mararaa Guddinnaa filannoon bara 2007 kun yeroo kamiyyuu caalaa sirrittii kan ittii qophaa’an ta’uu himanii kanaafissa, KFOn Oromiyaa handaara arfaniinuu waliin gahuudhaan, hojii saba boonsu; cunqursitoota boochisu hojjataa aka jiru ibsan. Kanumaan wol-qabatee, qoodi KFOn paartii ‘Medrek’ keessatti qabuu dachaa ol akka ta’e; kunis, sadarkaa bilchina paartichi irra ga’e miidhagsee kan mullisu ta’uu isaa himan. Qophii duula filannootiif ammoo, magaallan gurguddoo fi naannoo xiyyeeffannaa adda barbaadu kamiyyuu, qaamaan bira gahuun dhugaa jirtu uummatatti himuuf haal-duree barbaachisuu cufaa xumuruu isaanii dubbatan. Dhimma taajjabdoota filannootiin wol qabatuun ammo, ADWU’n ofiif taajjabdoota 11 filatee, paartilee siyaasaatiif ammoo 1 qofa ramaduun isaa seera kamiinuu kan hin deeggaramneef, gonkumaa hin fudhatamne ta’us, taajjabaa faayidaan hin bitamne, sossodaachisaa mootummaatiif hin jilbiiffannee kutataa qopheessuun morkuun ni dandama jedhan.Gibira humnaan olii dirqamaan biyya irrrati fe’ame yaaddoo ilmaa fi intalaa te’iisan alatti, wonti qabatamaan, “kan” jedhamuu guddinna biyyaatiif xephi jedhe tokkolleen akka hin jirrree addeessanii, maallaqni uummata irraa sassaabamaa jiru faaydaaa namoota muraasaatiif oolaa aka jiru kaadhimamtoota paarlaamaatiif ibsan.

Mootummaan, xaa'oo fi sanyii filatamaa dorgomaa tokko malee ofiii qabatee, hiyyeessa lubbuun taphataa jira. Maallaqa biyya alaatii kadhaan argamu hojii siyaasaatiif akkasumassi, milkaa’inna kaayyoo ofiitiif oolchuudhaan, xaa’oo gatiin itti bahe deebisee gurguraa jira; sababa kanaanissa, buliin sabaa fi sab-lammootaa hedduun buqqaateee jirti jedhan.


Maaster-pilaanii finfinneetiin wol-qabatee, waan Abbaay Tsahaayyee, “jaallatanus, jibbanus master-pilaaniin hojiirra ni oola,nama mormu cafaqnee raawwachiifna!” jedheef deebii yo kennanu, ''Oromiyaa irratti waan Oromoon barbaade male wonti Abbaay Tsahaayyee illee ta’ee fakkaattoti isaa nurratti fe’uu fedhanu, yoomiyyuu taanan hojiirraa ooluu akka hin dandeenne, kunaimmoo ejjanoo saba baldhaa ta’uu isaa ‘Woyyaaneef’ dhaamsa qulqulluu dhaamanii jiran.


''Dimookraasiin murtii saba baldhaa yo ta’e, Itiyoophiyaan eenyuunuu osoo hin taane Oromoodhaan buluu qabdi; jaallatanii jibbanis, kun ni ta’a''! jedhan, hayyuu dureen kabajamoo obboo Bulchaa Dammaqsaa waa’ee naamusa siyaasaa ilaalchisee dubbii dubbataniin.


Dabalataan, dhimmoota adeemsa siyaaasa, labsii seera filannoo fi paartilee, barbaachisummaa seera fi gumaata artiin guddinna siyaasaatiif qabu ilaalchisee, hayyoonni Oromoo kaadhimamtoota paarlaamaa guutuu Oromiyaa irraa dhufaniif ibsa gahaa godhanii; yoomiyyuu taanan, amaanaa/irbuu sabaa dhugoomsuuf ciniinnatanii miira sabummaatiin hojjatuu aka qabanu dhaaman.

No comments:

Post a Comment