Pages

ODFn Ari’un Wayyaanee ABO Jabeessuufi Haaromisuufi Carraa Haaraya Uuma

Bitootessa 23, 2015 | Amin Jundi Irraa

Akkumma sab-qunnamitiilee adda addaa irraa dhagayaa jirrutti obboleeyyan keenya dhaaba haaraya ODF jedhu moggaafatanii qabsoo karaa nagayaa ummata keenya keessatti deebinee geggeesina jedhanii tattaaffii waggaa lamaafi godhan tuffii wayyaaneetiin haala qaanyessan milkaayuu dhabuun qabsaawota hundaafii qaanyii jedheen yaada. Gama birootiin ammo wayyaaneen eenyummaa isii dirretti agrsiisuun jibbaa qabsaawota Oromoo fii tuffii ummata Oromootiifi qabdu agarsiisuun isii carraa haaraya moora qabsaawota Oromoo tokkumsuufi nuuf uumuu nidanda’a.

Yeroo dheeraa Qabsoo ABOn geggeffamu keessatti jaallan tokko tokko qabsoo karaa nagayaan geggesuun nidanda’ama jedhanii yaada qabaachaa turan dhaaba keenya qoqqooduufi laaffisuu irratti qooda maataa ufii taphatee jira. Arra garuu carraan amma uumame kun jaallan yaada kana dhiibbachuudhaan sadarkaa dhaaba maqaa biroo uummatanii motummaa kana karaa nagayaatiin dorgomuufi godhanis maqaa jijjiiratan malee akka hundumitti isaaniitu ABO ta’an bareechanii waan hubataniifi, dhaaba ABO fii qabsaawota ABO ammo akka qoreetti waan sodaataniifi obboleeyyan keenya karaa nagayaatiin qabsoofinna jedhaniifille kabajaa dhabidee tarkaanfii salphinna kana irratti raawwachuun biyya itti dhalatan keessaa ari’amuun isaanii wayyeeneen diina shakkii hinqabnne ummata Oromoo ta’uu garsiisuu caalaa carraa moora tokkotti deebinee wayyaanee irratti qabsaayuu nuuf banee jira jedheen amana.
Carraan hunddi gaarii qofa ta’ee hindhufu, yeroo tokko tokko carraan gaariin haala hamaa keessalle nidhalata. Dubbiin guddaan carraa uumame haala gaaritti jijjiirachuufi ufi-qophaeesuufi sammuu karaa nagayaatti jijjiirachuu qabaachuudhadha (chance favored to prepared mind) jedhaniimi ree.
Kanaafi haala hamaa amma obboleeyyan keenyarratti gaye kanaafi tumisa diina taanee nullee itti walsalphifinnu osoo hinta’in hawwiin karaa nagayaan qabsoo geggeesian jedhu cufamuu isaa hubannee nuhunduu dhaaba keenya kaleessa keessatti kabajaa qabaanne ummata keenyattis kabajaa horaa turre sanitti deebinee dhaaba fii irbuu keenya haaromsannee tufii fii salphinna wayyaaneen ummata keenyaafi qabsaawpta Oromoo irratti geessaa jirttu kana yeroo itti gabaabisun amma ta’uu qaba.

No comments:

Post a Comment