Pages

Tarkaanfii Sukanneessaa Libiyaa keessatti fudhatame irratti Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Ebla 22, 2015 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Lammiilee mootummaa dirmatuu fi lammii dhaqqabuuf dhihooti hin qabne, rakkoo fi hiraara jalaa of baasuu fi abdii nuuf dabra jedhuun gammoojjii hamaa qaxxaamuree Libiyaa gahe irratti tarkaanfii sukaneessaa ISIS(Mootummaa Islaamaa) ofiin jedhuun lammiilee Saboota Iyophiyaa irratti fudhatame tarkaanfii namoomaa ala kan tahee fi dhala namaa kamuu irraa hin eegamne waan taheef ABO gadi jabeessee balaaleffata. Gochaan bineensummaa akkanaa ulaagaa kamiinuu fudhatama kan hin qabne tahuus dabalee hubachiisa. Tarkaanfii loogummaa amantii irratti hundaa’uun namoota harka qulleeyyii fi sivilii irratti fudhatame kanaan gadda itti dhaga’ame maatii lammiiwwan gaaga’amni irra gaheef ibsaa jajjabina hawwaaf. Loogummaa bifa kamuu ummataa fi lammiilee miidhu kamuu jabinaan kan dura dhaabbatu tahuus mirkaneessa. Hiree kanaanis hundee rakkoo lammiilee Itophiyaa balaaf saaxile kana hawaasni addunyaa akka hubatu yaadachiisuu fedha.

Empaayerri Itophiyaa empaayera bittaan abbaa irrummaa irratti dagaagee lammiileen mirga dhablee taasifamuun keessatti hiraarfaman, Biyya hacuuccaan siyaasaa fi dhiittaa mirga ummata fi ilma namaa hadhaawaa tahee keessatti gaggeeffamu tahuu irraa fi tarree biyyoota hiyyeeyyii keessaa bahuu dadhabuu irraa lammiileen dhibbeentaa 40 ol tahan hiyyummaa maayyiin keessatti dhama’aa jiraatan,
Empaayera saaminsaa fi malaammaltummaan keessatti saaree murni bicuu keessatti duroomee, wayyabni keessatti hagabee jiraatu, Empaayera ummatoota biyyattii keessaa kan miliyoonotaan lakkaa’aman har’ayyuu gargaarsa alagaan jiraatuuf dirqaman keessa jiraatan, Biyya bilisummaan ummatootaa fi matayyaa kabajamuu hanqatuu irraa barattootni, beektotni, gazexessotni, hogganootni jaarmayoota siyaasaa keessatti hidhaman, ajjeefamanii fi dararaman, Empaayera mirgi walaba tahanii bakka bu’aa ofii filatuun abjuu itti tahe, lammiileen kan hin beeknee fi hin feene filuuf itti dirqisiifaman, filannoo fakkeessiin hawwaasa addunyaa sobaa jiraatuun filmaata itti tahe, Empaayera mootummaan Heera ofiif raggaase cabsuu dhaan dhimma amantii keessa harka naqatee matootii amantii sirna abbaa irrummaaf amanamoo tahan amantoota irratti muudamanii fi kan mootummaan dhimma amantii keessa seenuu hin qabu jedhan ari’amanii fi hidhaman tahuu irraa lammiileen biyyaa kumoota dhibbaan keessaa baqatan taatee jirti.
Madda rakkoo empayera Itophiyaa kanneen hubatanii hanga furmaata itti hin goonetti lammiileen biyya isaanii dhiisanii furmaata mataa barbaacha baqatuun hin dhaabbatu. Namni biyya isaa irra biyya hin beekne hin filatu. Kabajaa lammummaas salphinaan kan jijjiiru, lammii fi ummata ofii irra alagaa filatnoo duraa godhatus hin jiru. Kan biyyaa fi ummata isaa irraa isa baqachiisu dhiibbaa siyaasaa irra gahuu, lafa isaa irraa ari’amuu fi hiyyummaa saaminsaa fi cunqursaa irraa madde dha. Biyya ofii irratti alagoomfamuu irraa baqattummaa filmaata godhata.
Har’a lammiileen Itophiyaa hedduu dhiibbaa mootummaan irraan gahuun jireenyi itti hadhaawuufi iggitii jireenyaa dhabuu irraa mootummaa Wayyaanee hadheeffatuu fi balaaleffatuun osuma beekanii du’atti adeemaa jiran. Itophiyaa keessa jiraachuu fi osoo baqatanii du’uun garaagarummaa dhabuu irra du’a filatan. Kana irraa lubbuu ofii kennanii Barahaa Saahil qaxxaamuranii kan Libiyaa seenan kumootaan lakkaa’aman. Galaana Diimaa cehuun Yaman keessatti lola gidduutti qabamanii kan hiraaraa jiran kumoota kudhanootaan lakkaa’amu. Kanneen malees kumoota hedduun kan lakkaa’aman biyyoota akka Afriikaa Kibbaa, Gidduu Gala Bahaa, Keenyaa, Sudaan, Somaalee fi biyyoota biroo keessatti jireenya salphinaa fi gadadoo keessatti argaman. Baqattootni hedduun kan dubbatuuf dhabuu irraa ukkaamame hafe malee bakkayyuutti guyyuu ajjeefamaa turan, ajjeefamaa akka jirani beekamaa dha.
Dhumiinsi suukanneessaa Ebla 19, 2015 garee ISIS jedhamuun lammiilee saboota Itophiyaa irratti gaheef gareen tarkanfii fudhate gaafatamaa isa duraa tahullee mootummaan Itophiyaas dhumiinsa lammiilee fayyaaleyyii irra gaheef gaafatama dha. Biyya isaanii keessa akka nagaan hin jiraanne taasisuun dhumiinsaaf kan saaxile mootummaa kana waan taheef.
Empaayera sirna abbaa irrummaan durfamtu, bulchiinsi gaarii keessa hin jirre, dimokraasiif masaanuu taate keessa kan jiraatuu barbaadu hin jiru. Kana irraa ti empaayera kana keessa jiraatuu irra baqattummaan kan filmaata lammiiwwanii tahe. Sirna nama nyaataa kanatti deebi’uu irra dhumuu filatuun baqattootaa ammo mootummaan Wayyaanee ummatoota biratti jibbamaa fi balaaleffatamaa tahuu ifatti mirkaneessa.
Kanaaf hanga empaayera Itoophiyaa keessatti jijjiiramni hundee hin argamnetti jireenya wayyaawaa hawwuudhaan osoo baqa yaa’anii gammoojjii Saahil keessatti dhabamuun, Galaana Diimaa fi Mediteraniian keessatti dhumuun, gartuu finxaaleyyiin ajjeefamuu fi gorra’amuun hafuu hin danda’u. Kan dhumiinsa lammiiwwanii fi baqa hambisu sirna empaayera Itophiyaa irratti of irroomsee jiru hundeen jijjiiruu danda’uu qofa tahuu ABO jabeessee hubachiisa.
Dhumiinsa lammiilee irra gahe kana mootummaan Wayyaanee ittiin siyaasaa fi diplomasiin daldalee umrii bittaa isaa dheereffatuuf itti gargaaramuu irra dabree hundee rakkoo lammiilee biyyaa baqachiisaa jirutti furmaata soqaan hin eegamu. Waan taheef ummatootni Itophiyaa walii galaa miidhaa irra gahaa jiru kana hubatuun furmaata itti barbaaduu irratti qabsaa’uun alatti filmaatni 2ffaa kan hin jirre tahuu ABO hubachiisa. Kana waliinis hawaasni addunyaa gargaarsi bifa gara garaa mootummaa abbaa irree kanaaf arjoomaa jiran lammiilee biyyaa miidhaa jiraachuu akka hubatan yaadachiisa. Furmaata kabeebsaan rakkoo Itophiyaa furuuf yaalii godhamu irratti yeroo fi qabeenya qisaasuu irra furmaata hundee argamsiisuuf ummatootaa Itophiyaa fi jaarmayoota bilisummaa fi dimokraasiif qabsaawaan waliin akka hojjatan ABO gaafata.
Mayii irratti ummatni Oromoo haalleen ulfaatoo fi wal xaxoo tahan qormaata jabaa saba tokkoo fi akka namaattis gaaddiisa yaaddoo uumaa jiranii fi nannoo keenyaa fi addunyaa kana irratti dorrobaa jiru kana hubatuun halleen adda addaan osoo hin butamne mirga isaa kabajchiisuuf qabsoo isaa kan wareegama kitilaan itti baasee gabbifatee asiin gahe bakkaan gahuuf galii isaa bilisummaa fi walabummaa qofa of fuulduratti ilaaluun harka wal qabatee akka socho’u ABO gadi jabeessee hubachiisa. Ummata fi ilma namaa kamiifuu kabajaa qabatuun bakka jiru hundatti jarmayaa isaa fi walii isaaf dirmatuun akka socho’u hubachiisa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 22, 2015

No comments:

Post a Comment