Pages

Yaadannoo Irreechaa / Irreessaa

Hagayya 31, 2015 | Baqqalaa Jiraataa irraa*

Irreechi/ irreesi ummata Oromoo biratti erga ummatichi uumame irra eegalee kan beekamu dha. Irreechi/irreesi hiika lama qaba. tokko wan irreefatamu yoo ta’u inni lammafanimoo haala irreefanaati. Waantootni irreefataman marga coqorsa, ililii ykn baala abbayyi, ulmaayii fi kkf. ta’uu danada’u. Kuni aaka naannoo ani itti dhaladhee guddadheetti. Naannolee Oromiyaa hafan keessatti kan biroo ta’uu danda’u. Waantoota maqaa dhahaman kana lafa ykn bakka itti irreeffachuun danda’amu kaa’un irreefachuu jedhama. Waantootni irreefatamanii fi haalli irrefachu walitti irreecha/irreesa jedhame.

Irreefachuu jechun gabaabatti Waaqa galateefachu dha. Oromoon waan hunda Waaqatu uume jedhee amana. Kanaafuu Oromoon hojii uumaa kanaa dinqisifata. Dinqisifannaa isaa kanas kan mullisu irreefachudhan dha. Waantoota Waaqayoo uume keessaa martinuu jechuun ni danda’ama jireenya dhala namaatif murteesoo dha. Isaan keessaa kan caalaatti murteesa ta’an jiru. Fakkeenyaf bishaan qofa fudhachuu dandeenya. Waantootni lubbuu qaban martinuu bishaan malee jiraachuu hin danda’an. Qaamni namaa harka guddaan bishaan. Fakkeenyaf qaamni da’imaa bishan % 75 hanga % 80 yoo qabatu kan nama guddaa hanga % 65 akka ta’e qorannon ni ibsa. Sammuun namaamoo % 85 bishaan. Kun egaa kan dinqisifatamuu qabu dha. Kanaafuu waan lubbuu namaa ta’e kana kan uumee Waaqa galateefachuu fi safuu yaa uumaa jedhanii itti irreefachun waanuma barbaachisu dha. Kanaaf Oromoon malkaatti irreefata.

Malkaan bishaan qaba. Bishaan jireenya uumamaa ti. Kanaafuu yaa uumaa galatni kan kee haa ta’u waan jireenya lubbuu keenyaf ta’u kan nuuf uumte jedhee marga, ililli, baala qulqulluu bishan dhugee lalise kutee malkaati irreefachudhan galatomi jedha.

Kan armaan olitti ibsame kun waan irreechi irrefatamuf keessa isa tokko yoo ta’u inni biraamoo akkuma irraa dedebi’amee namoota addaa addaatin dubbatamu irreechi birraa baati fulbana/onkololesa keessa Hora Arsaditis haa ta’u malkaa addaa adda irratti adeemsisamu ganna dukkana roobaa keessa darbanii birraa ifaatti bahu ilaalchisee kan raawwatu dha. Kunis Waaqa dukkanas ta’e ifa kana uume galateefachudha. Yeroon kun yeroo kan facaasan margee, dararee isa beela’ee beela baasuuf jala gahu dha. Yeroon kun yeroo beeyiladotilee marga quufanii uumaa isaanii buraqani galateefatani dha. Kanafis uumaa kana mara tolche ni dinqisifatama ni galateefatamas. Namni hojii uumaa kana hin dinqisifanee itti hin gammadne hin jira jedhamee hin yaadamu.

Namootni waa’ee irreecha sirritti hin hubane irreechi amantii dha jedhanii irraa fagaachuu barbaadu. Waan qabatamaa dhokata hin qabne dalagaa Waaqaa kana dinqisifachun badii tokkolee hin qabu. Otuma akka amantitti fudhaneeyyuu amantiin dhugayyuu isa kana jedhen amana akka kiyya ti. Ergan kana jedhee booda gara matadureettan debi’a. Akkuman olitti jedhe irreechi/irreesi Oromoo biratti ganama irraa ka’ee beekama. Garuu ummatichi erga mirgi isaa halagadhan sarbamee booda duula irratti banamen yeroodha gara yerootti lafachaa dhufuun isaa hin oole. Warri mirga isaa irraa fudhatan aadaa fi dudhaa isaa mara jalaa ballesanii kan isanitin bakka buusudhaf duula walirraa hin citne adeemsisan. Waan Oromoon qabu martinuu akka jibbamuu fi tuffatamu godhan. Sababa kanaan yeroo dheerina keessa Oromoon waan qabu qofaa miti ofiyyu akka jibbu ta’ee ture. Haata’u malee akka sirnni bittaa halagaa jaarraa tokkoo olif balleesuf irratti duule aadaan irreechaa otuu hin badin dhalota harraa bira gahuu danda’e. Kanaafuu keessuma hawaasnni Oromoo naannoo Bushooftuu galata guddaa qabu, ittin boonuus qabu kan dhiibbaa halagaa jaarraa tokkoo danda’ani kabaja ayyana irreechaa dhaloota haaraatti dabarsuu danda’an.

Waggoti 15 dura irreechi ummata jiraatota naannoo bushoftutin sadarka xiqatti kabajamaa ture. Garuu sabbontotni Oromoo aadaa uummata guddaa kanaa tuffatamee akka baduuf irratti hojjetamaa ture deebisani dagaagsuf kutatanii ka’an. Haala kanaanis koree aadaa fi seenaa WaldaaMaccaa fi Tuulamaa jalatti ijaarudhan tokko jedhanii eegalan. Maanguddotaa fi namoota waa’ee irreechaa beekan qunnamudhan waajjira Maccaa fi Tuulamaatti afeerudhan barumsaa fi odeefannoo barbachisu argatan .Haala kanaanis uummata aadaa isaa kana badii jalaa baraare cinaa hiriranii irreechi akka deebi’ee dagagee mulla’atu godhan. Ummatni balla’an aadaa isaa dhokatee, tuffatamee fi akka jibbamu ta’ee ture akka ol bahee mull’atu gochuu keessatti akka qooda fudhatuf waan danda’ame hunda hojjetan. Sana boodas uffata/huuccuu aadaa qopheefatani ayyana kabaja irrecha irratti qinda’anii bifa jaramatin deemudhan kabajan. Ummatni naannoo Sanaa barota hedduu dhufanii darban aadaa isaa kana otuu hin gatin tuffatamaa fi itti kolfamaa kabajaa ture gaafa namootni baratan jedhamanii fi magalaa jiraatan ayyana irreechaa kabajuu dhaqan arge gammachuudhan sirbee shuubbise. Aaadan bade deebite jedhee wallise.

Aadaa irreechaa baduu jala gahee ture kana deebisanii ifatti mullisuun kan danda’ame akka ani amma gabaabsee yookin salphisee kaa’e kanatti kan dhufe miti. Qabsoo hedduu gaafate. Dargaggootni Oromoo barruullee ayyannicha ilaalchisanii qopha’an gurguruu irratti reebamaniru, hidhamanirus. Ergamtoota mootummatin uummatni kabajaaf yaa’u karaa irratti dararamera. Garuu uummata mirga isaatif tokko ta’ee ka’e humni dhaabuu danda’e hin turre. Haala kanaan ayyanni irreechaa/ irreesaa dagaagee harra adunyaa mara irratti akkuma biiftuu birraa gamaa gamanatti ifuu danda’era. Sabbontota ilmaan Oromoo guddinaa fi dagagina ayyana Irreechaa/ Irreessaf waa hunda godhan seenaan ni yaadata. Yaadannoon Irreechaa kiyya kunis uffata aadaa Oromoo haaluu gurraacha, diimaa fi adii ta’e adda duree taatee kan uffattee kabaja ayyana Irreechaf baate dhiyoo kana du’aan nu jalaa boqotte dubree Ayyaluu Ittisaatif haa ta’u.

* Baqqalaa Jiraataa – Swidin irra; Nama na qunnamuu barbaaduf Email: bji2050@yahoo.com

No comments:

Post a Comment