Pages

ITTI BAHI “ABO” TOKKICHA HUNDEESSUU, MAALIIF YEROO FUDHATE ???

Onkoloolessa 10, 2015 | SEENAA Y.G (2005)

Gaaffiin mata duree kiyya har’aa, gaaffii Ilmaan Oromoo hundaati. Gaaffiin Hawwii irraa madditu kun ammoo, hojiidhaan yeroon itti mul’atu fagoo hin taatu. Wanni qalbifachuu qabnu garuu, waan hawwanii fi hojiidhaan mul’atuu qabu tokko, tokko akka hin taaneedha. Waan hin haalamnee tokko, dhaabbilee Siyaasaa OROMOO ilaalchaan tokko ta’an, addatti ABO bakka hedduutti adda baafamuuf yaalamee, ABO tokkichaan gadi dhaabuuf karaa eegallee jirra jedhamee ega labsamee kaasee, Ummati Oromoo itti baha Araaraa obsaan eeggachaa jira. Itti bahi kun yeroo fudhachuu irraa yaadoonni hedduun ka’aniiru. Adeemsi kun fiixaan hin ba’uu kanneen jedhan hedduudha. Mata duree kana qabatanii dantaa isaanii raawwachiisuuf yaadaa fi ilaalcha adda addaa kanneen kennaa turanis ni jiru. yaadoonni dhihaataa turan, adeemsi araaraa yeroo fudhachuu waliin dhugaa fakkaatanii namoota karaa irraa jal’isaniiru. Humnootaa fi Qabsaa’oota, ABO jabaa bakkatti deebisuuf warra of laatanii hojjatan irratti, yaadoota nama qaanfachiisan hedduun dubbatamaniiru. Yaadoota dhuguma Afaan Nama Oromoo ta’ee keessaa ba’aa? jedhamu hedduu dhageenye jirra. Dubbisaa baanes. Tokko tokkon kaasuuf yeroo fudhata. Seenaaf haa taa’u. Sun hundi qabbanaa’aa deemee, hojii haqaa warra cichoomiina gala godhataniin goolabamuuf jira. Inni maaloo araaramaati dubbii fixadhaa jechaa tures, inni tokkummaa dhabuutu nu miidhe jedhee dubbii achi haqaaquu barbaadus, of haa qopheessu. Yeroon qeeqaa fi haasaa itti tarrisan osoo hin taanee, hojiidhaan wal ilaaluuf yeroon isaa dhihaachaa jiraachuu, namatti quba qabuu odoo hin taanee, ofitti quba qabanii ani ga’een kiyya maalii jedhanii of kennan ga’uu isaa hunduu hubachuu qaba. amma jaallannus jibbinus, humna taanee lafaa ka’uuf, bakka murteessaa irra geenye jirra.hubannoo fi qalbiin Ummata keenyaa Biyya keessaa fi alaa sadarkaa gaarii irratti argama. Kana waa hundaan Utubuun dhaabbilee siyaasaa Oromoo irraa kan eegamuudha.

Namoonni hedduun ABO tokkicha hundeessuun, amma adeemsa cidhaa tokkotti ilaalee ka abdii kutate manni haa lakkaa’uu. Araarri Seena qabeessa ta’ee fi deebi’ee yoo fashalee qabsoo OROMOOF isa xumuraa akka ta’uu kanneen fageessanii hin yaannee, Araara kana Araara haadha manaa fi abbaa manaa taasisanii, Ummati Oromoo abdii tokkollee akka hin qabnetti dubbataa turan. Garuu Araarri kun, Araara akka salphaatti ilaalamu odoo ta’ee, gaafuma QC fi Shaneen dhimma fixatan, ABO jabaa hundeessine jedhanii labsuun ni danda’ama ture. garuu dubbiin akkas miti. yeroo yoo fudhates, waan deebi’ee hin diigamne fi dhaloota itti aanuuf illee hundee ta’uu hojjatanii asi ba’uun bu’aa ol aanaa akka qabu barreefama kiyya 2014 keessatti kaa’eera. Ani jedheef odoo hin taanee, Hogganoonni qabsoo kana kan yeroo kamirrayyuu caalaa hubataniiru jedhee waanan abdadhuufi. ABO tokkicha hundeessuun hedduu Ulaafaataadha. Dhaaba haaraa hundeessu wayya. ABO bakka 5tti dhageenyu walitti finnaa wayita jedhamu, Miseensa Koree hojii raawwachiiftuu 5 fi Miseensa Gumii sabaa dhaba shanii akka walitti fidinu ni qalbifannaa? kana tasgabbeessanii waan barbaadan bira ga’uuf hangam dadhabsiisaa akka ta’ee qabu qabnaa laata? Hogganoonni fi qabsaa’oonni dhimma kun gama hundaanisaan ialaallatu Addunyaa irra faca’anii jiru. Kana hundaa yeroo barbaadanitti arganii xumurachuuf kan isaan mudatu hundaa qaxxaamuranii, waan jedhan bakkaan ga’uu hedduu ulfaataa fi yeroo kan fudhatu ta’uu ni hubannaa? Adeemsa kana milkeessuuf namoota bira ga’amuu qabu hundaa bira ga’anii fi haasofsiisanii, yaada isa tokko isa kaanitti dabarsanii waliin ga’uuf, yeroo hangamii fudhata? Araarri kun ulfaataadha kan jedheef kanaafi. yaadaa fi komee adeemsa keessatti nama mudatu hundaa dhaggeeffatanii, isa dallanee fi aarii qabu itti deddeebi’anii fi marii waliin gaggeessanii waan barbaadamutti ba’uun waan salphaa miti. kan yeroo fudhateef kana qofaaf malee waan biraa jira natti hin fakkaatu.
Dhaaboonni lama walitti dhufani yaada wal gageddaratanii Hogganas walitti fidanii dhaaba guutuu tokko ega hundeessanii booda, dhaabni akkuma isaanii kaayyoo wal fakkaataa qabu, anis kana keessattin makamuu qabaa yoo jedhee, isaaf jedhamee ammas Hoggana kanaa fi adeemsa hojii diiganii akka haaraatti akka hojjatamuu qabu meeqan keenyatu hubata? kanaafidhaa, yeroon fudhatamee kaayyoo wal fakkaataa kan qabu hundaa gama kanatti fiduudhaa fi waan hundaa’uu qabu tokko wal faana akka hundeeffamuuf yeroon fudahtamee kan irratti hojjatame. Adeemsi asi keessa jiru salphaa miti. kana waliin diinni inni tokkoffaa kan yeroo kamirrayyuu caalaa ummata keenya gaaga’aa jiruudha. Isa irrattis amma danda’ameetti hojjatamuu qaba. hojii irra keessaa fi lafa jalaa hojjataman hundaa qindeessuu fi gaggeessuun fardiidha. Kunis yeroo barbaada. Walumaa galatti, Araarri kun waa sadiif yeroo fudhateera jedheen amana.
  1. Araara keessa deebii hin qabnee fi Ilaalcha Walabummaa Oromiyaa kan qabu hundi ABO jabaa akka hundeessaniif obsa bal’aa qabaachuu irraa,
  2. Diinoonni keenya bifaa fi ayinaan yeroo kamirrayyuu caalaa nutti heddummaachuu fi isaan irrattis Ummaticha kakaasuu fi dammaqisuu, kana irras dabree hojiilee barbaachisan hojjachuutti qabamuu irraa,
  3. Araara kana keessa rakkoolee gama Dingadee, quunnamtii, Amala gareelee fi humnootaa fi marii gadi fageenyaa komee hin kaasifne gaggeessuf jedhamee yeroo fudhateera.
kana gochuun ammoo dirqama. Waan dubbii hundaa fixate qabatanii ummatatti ba’uun dansaadha. Dubbiin xumuramee jedhamee duubatti yoo deebi’ee, tarii qabsoo Oromoof isa dhumaa ta’uu danda’a. Abdiin Ummataas deebi’ee kan lafaa ka’uu hin fakkaatu. Kanaaf yeroo fudhachuu isaa irra, waan inni fudhatee dhufu irratti of qopheessuutu gaariidha KAN JEDHU EJJANNOO KIYYA. Dhaaboonni Oromoo kaayyoon tokko ta’an ABO tokkicha gadi dhaabuuf kan isaan dirqisiisu, sadarkaan qabsoo Oromoo yeroo kanatti irra jiraachuu qabu isa waan ta’eefidha. Yerooma isaati. Waan qabsoon Oromoo keessa dabreetu asin isa ga’ee. Guddinuma qabsoo OROMOOti. Falaasama biraa tokkollee hin barbaadu. Kana ammoo waggaa 20 fi 15 ykn isa caalaa dura atu ta’ee jiraatee jennee hawwinus hin ta’uu ture. yeroon isaa yerooma sadarkaan qabsoo oromoo irra ga’ee jiru kanadha.
Jaallannus jibbinuus, qabsoon OROMOO bu’aa ba’ii kana keessa odoo hin ce’iin eessallee hin ga’uu. Waan nu miidhuu fi nu fayyadu wareegama itti kafallee arguun keenya bu’aa guddaadha. Namni Bilisoomuu waan arginuuf, Bilisoomuu odoo hin dandeenye Bilisummaa hawwinaaf malee, Oromoon Bilisummaa isaa goonfachuufis dhbuufia murteen isaa isuma harka jira. Murteen kun kan wal ga’iif ba’anii harka walitti rukutanii ykn dhaadannoo dhageesisanii mirkaneessan miti. wareegama itti kafaluuf murtee murteeffataniin argama. Wareegamuu fi holola diinaan kan hin diigamne, akkasumas kan dabre irraa kan baranne yoo ta’ee, guyyaa Bilisummaa isaa iyyuu murteeffachuu danda’a. waggaa ammanaatu naa hafee jedhee dubbachuuyyuu danda’a.
qaawwaa har’aa ijaan arginu adda addaa, ABO bakka meeqa dhaabuu keessaa odoo hin baaneee, wal dhaggeeffachuun osoo hin eegalamnee, mirga OROMOO kabachiisuuf tarkaanfii barbaachisu gara keessaattis, gara alaatti fudhachuudhaaf humni guutuu fi murtee seena qabeessaa fudhachuu fi hojjachuu irra odoo hin jiraatiin, Bilisummaa jechuun tarii waamnee dadahbanee abdii kutachuu yoo ta’ee malee, kan nuuti yaadnu harka keenya keessa galchuu hin dandeenyu. Tokko toftaa fi tarsiimoo diina irratti gaggeeffamu halkanii fi guyyaa ifaaajjee kan hojjate, tokko dhaqee diinaaf gabaasaa akkamiin bakka yaannee geenya?? yaada faca’aa kana walitti fiduu fi humna ta’uun murteessaadha. Hawwiin Ilmaan OROMOO sa’a kanaas kanuma. Kanaaf ABO TOKKICHA EEGGATAA jira.
Araarri har’a nu jalaa turee jennee dubbannu kun, yoo rakkoo har’aa qofaa ilaallee hojjatamaa jiraatti fudhannee dogoggora. furmaatallee hin fidu. Araarrii Qabsaa’oonni muratoon gaggeessaa jiran, waan dhaloota itti aanuf tolu irrattis akka hojjatan hin shakku. Waan isaan har’a lafa kaa’anii irratti waliif galan, tarii Bilisummaa keenya boodallee waan adeemsaan bira geenyu tilmaamanii akka irratti hojjatan hin mamu. Qeerroo har’a Biyya keessaa akka abidda saafaa diina sardaa jiru hundeessuu qofaa odoo hin taanee, hegareen isaa maal akka ta’uu tilmaammatanii akka karaa isaa qajeelachan hin nan amana.Sirna Gadaa haala Siyaasa Oromoo har’aa irraa fagaatee jiru kana wal simsiisanii, Gadaa kan maanguddootaa ykn Abbootii Gadaa fakkeeffamaa jiru kanas, akkaataa hojii irra oolu irratti yaada bu’uraa akka lafa kaa’aan abdii kiyya. Hojiin naannoo kana irratti hojjatamu salphaa hin taatu. Ati achi qabii fi ebaluu bakka akkasii haa keenyuun, kan xumuramtu miti. Dirqama Qabsoo hanga har’aa gaggeeffame caalaa kan jabaatuudha jedheen amana. Hogganoota akka kaleessaa ganama wal ga’ii oolanii waaree booda diinaaf gabaasanis of irraa ittisaa akka hojii hojjatan mamiin hin jiru. yoo qabsoon itti hammaattee dhaqee harka kan laatus, akka ofitti hin galchinee abdii qaba. Kun hundi yeroo barbaada. Waggaan tokko fi lama adeemsa siyaasaa keessatti yeroo dheeraa hin jedhaman. Diina irraan miidhaa tokko geesisuuf, waggaa 10 hordofuun ni jira. Waan waggaa 15, 20 booda raawwatamu jedhamee tilmaamamee irratti hojjatama. Diinni waan nama irratti hojjate irraa bayyaannachuuf iyyuu waggaa 5, 6 fudhachuu mala. Kana hundaa tilmaama keessa galchinee yoo ilaallee, hojii gaarii hojjachuuf yeroon dheerate kan jennu kanaaf, xiqqoodha jedheen amana. Miidhama Ummata keenya irra ga’aajiru irraa ka’anii yaaddoon kan dubbatan jiru. garuu miidhaa kana dhaabuuf miidhama yeroo dandamachuun dirqama taati .
Waan maraafuu ABO jabaa hawwiinu dhugoomu irraa kan isa dhaabu hin jiru. isa booda maaltu ta’a ? gaaffii ijoon kanadha. ABO keessaa fi alaan jabaa ta’ee lubbuun akka jiraatee diina ummata keenya kan yeroo kamirrayyuu caalaa dhabasiisaa jiru irratti humna tokkon duuluuf, waan qabnu maraan irratti wal tumsuuf qophaa’uu, hojjachuu, waamicha odoo hin eeggannee, waan kaleessa nu miidhe irraa of eeggannee, wal cinaa dhaabbannee dirqama Oromummaa ba’uu qofaatu nu irraa eegama. Qabsoo keessatti hirmaachuuf miseensa qofa ta’uu odoo hin taanee, Miseensa Ummatichaa ta’uu keenya qofaan waan nu irraa eegamu raawwachuu akka dandeenyu sammuu keenya amnsiifnee hojjachuutu nu irraa eegama. Walabummaan Oromiyaa, dachee OROMOO KAMIYYUU KAN HAMMATUUDHA. BILSUMMAAN UMMATA KEENYAAS, Bilisummaa warra Ilaalchaan adda ta’ees kan hammatuudha. Kana hubachuun baayyee bareedaadha. Kanaaf isa diinni har’a wal dhabee dantaa isaaf jedhee ammoo, wal barbaaduu irraa barachuu nu barbaachisa. kan qabsoo kana keessaa bifa adda addaan dallanee, akka dhuunfaatti qaama kamiinu kan wal dhabe, sababaa gara garaan kan qabsoo irraa fagaate hundi wal tumsuuf qophii taasifachaa xumura Araaraa fi itti baha ABO tokkichaa haa eeggatu. Miseensoonni dhaabaa gaaffiilee sadrkaa koraatti murtee gaafatan kaasanii deebii dhabanii of moggeessan, ani qabsoo kanaaf nan barbaachisa jedhanii hojjachuuf murachuu qabu. Waamicha odoo hin eegnee humna ta’uuf illee of qopheessuu qabu. Ilmaan Oromoo qabxiin hubachuu qabnu, Diinni yeroo kamirrayyu caalaa kan nutti garaa jabaatuuf, jabiina keenyaa fi diddaa keenya irraa ta’uu beeku nu barbaachisa. diinni jiraachuuf waan har’a nu irratti raawwataa jiru gaggeessuun waa hin hafne. Kan nu baasu, karaa inni itti nu laaffisuuf yaalu adda baafatanii, itti duuluu qofaadha. Gara jabiina isaanii kanaaf kan qoricha ta’uu gara jabiina barachuu keenya qofaadha. kanaaf diinni yeroo nutti jabaatu nuutis daran itti jabaachuun barbaachisaadha.
Oromoon yeroo murteessaa irra jira. Gochii diinaa alaa manaa nu jabeessaa jira. Kan diinatti gale osoo hin hafnee dubbii hubatee harka wal irra qabee keessaa fi alaan sochii jiru jabeessaa akka jiru ifatti argaa jirra. Sochiin Ummataa kun ABO jabaa asi baasuuf humna jabaa qaba. Ummati sochii dhaabbilee siyaasaa oromoo gaggeessaa jiran bira dabree deemeera. Kun ammoo dhaabbilee siyaasaa OROMOOf waan tolaati. Araara milkeessanii Ummataan qixxaatanii fedhii Ummataa guutuun, imaanaa Jaallan isaaniti. Kana akka dhugeessan shakkii hin qabu. Araarri Qabsaa’oota OROMOO harka isaanii keessa jira malee waan diina irraa eggatan hin jiru. kanaaf waan Ummata isaanii hamilee itti horuun akka asi ba’an hin shakku. Jabinni Ummata isaanii jabiina isaaniiti.
Fedhiin Ummata keenyaa yeroon itti milkoomee diina irratti wal tumsinu fagoo hin taatu. Qabsoon OROMOOS diina irratti qofaa akka xiyyeeffattee yk fulleeffattee diina xumura itti gootu shakkiin hin jiru. kun hundi jabiina Qabsaa’ootaa fi Ummata OROMOOti haa jabaannu. Bakka jirrutti diina irratti haa mallu. OROMIYAAN BARRUU MIILLAA DIINAAF IBIDDA AKKA TAATU GOCHUUF HUNDI KEENYA HAA HOJJANNU. Wayyaaneen adeemsa ishee fixattee, hanqina Mormitootaan jiraachaa jirti. Carraa waa maraa kan qabu OROMOO qofaadhaa irratti haa hojjannu. Badii dabre irraa barannee wal tumsuuf haa qophoofnu. GURRI KEENYA AAGA HAA DHAGA’U !!!!!
Bilisummaa irraa nuutu fagoo jira  moo,  Bilisummaatu nurraa fagoo jira? Amma geenyu wallaaluun keenya, Bilisummaa hawwaa akka hafnu nu hin taasifnee? mata duree itti aanee dhihaatuudha.
GALATOOMAA  !!! HORAA ABULAA !!!

No comments:

Post a Comment