Pages

Iyyatnoo ekeraa goototaa: Lubbuun ummata Oromoo fi dachiin Oromiyaa, walabummaa Oromiyaa qofaan tikfamti

Onkoloolessa 04, 2015 | Leelloo Biyyaa Irraa

12065768_936315009775672_3565773306664701364_nOromoota wayyaba, biyyaa Oromiyaa fi ummata Oromoof: gaddan, hinaafan fi rakkoo hamaan ummatni Oromoo keessa jiru irriba  dhorku biratti, hara’aan tana, bu’ura siyaasaa guddaa ta’anii kanneen argaman keessaa tokko waa’ee ‘Master Plan’ mootummaan Impaayera Ixoophiyaa hojii irra oolchuufi deemuu ti.
Mootummaan gabroomfataa impaayera Ixoophiyaa, Oromiyaa nagaa dhowwaa jiru kun, kan  ‘Master plan’ jedhuunii fi kan ummatni Oromoo ammoo ‘Master killer of Oromoo and  Oromia’ ittiin jedhu, karoora: jireenya, eenyummaa, biyya Oromiyaa, abdii fi fuulduree Oromoo dhabamsiisuu irratti qiyyafate yeroo ta’u, mootii Impaayera Ixoophiyaa kan har’aan tana afaan qawweetiin ummata Oromoo ukkaamsee  saamaa fi ajjeessaa jiru qofaan kan jalqabe osoo hin taane wal-irraa fuudhuun ykn wal-irraa dhaaluudhaan yakka moototi Ixoophiyaa Oromoo fi Oromiyaa irratti raawwataa turanii fi ammaan tana illee itti fufee  irratti raawwataa jiruu dha.

Biyya Oromiyaa, afaan qawweetiin weeraranii, Oromoo irraa buqqisuudhaan ummata Ixoophiyaa irra qubsiisuun qabeenyaa dachii kana irratti argamu saamuu, Oromoo dachii isaa irraa buqqisan ammo hojjisiifatuu fi gabaatti baasanii gurguratuun  qawwee bitatuuf karoorfatee kan jalqaba Oromoo fi Oromiya irratti weerara bane mootummaa Aksum kan Tigraay irratti jalqaba bar-kumee ijaarame dha.Mootummaan Aksum, ummata Kibba Yamanii irraa godaanee Galaana Diimaa cehuun qarqara Galaana kanaa jalqaba bar-kumee (first millennium)  keessa ijaaramee weerara gabroomsaa gara: Kaabaa (Eritrea), Dhiha (Sudaani) fi Kibbaatti geggeessee ture. Mootummaan Aksum kun, weerara gara Kibbaatti geggeesse keessatti, laga Abbayyaa cehuun Kaaba Shawwaa qabachuuf haa yaalu maleee, duula farra gabrummaa Oromoon Waajjii bara 112 (AD) irratti geggeesseen duulli gabroomsaa mootummaa Aksum osoo bakka hin gahin hafe.
Mootummaan Aksum kun, mootummaa daldala gara Galaan Diimaatti geggeessuun jiraatu waan tureefi, yeroo mootummaan Tarkii fi Arabooti biroon daldala naannoo Galaana Diimaa dhuunfatan kasaaraa daldalaa keessa seenee dhadhabaa deemuun ummata Agawuun bara 1135 keessa aangoo irraa darbame.Mootummaan Agawus, akkuma mootummaa Aksum, laga Abbayyaa cehuun biyya Oromoo baddaa Shawwaa irratti argamu qabatuuf weerara banee ture. Haa ta’u malee, Oromoo Maayaa ykn Ammayyaa  kan bulchaa turte  Akkoonmanooyyee ykn akka maddii seenaa Araboota jedhutti, ‘Bani-al-maaya’ jedhamtu ummata Maayaa hiriirsuudhaan weerara gabroomsaa mootummaan Agawu ummata Oromoo irratti bane kana gootummaa cimaan dura dhaabbattee fashalsiisuu dandeesseetti.
Mootummaan Aksum, duula gabroomsaa gara Kibbaatti godhu keessatti, hidhatoota Tigroota ta’an bakka har’a ‘Bete Amahaaraa’ (biyya  Amahaaraa jechuu dha) jedhamu, kan Kibba biyya Amahaaraatti argamu irra qubachiisee ture. Isaan kun, yeroo dheeraa booda bakka kanatti heddummaachaa deeman. Yeroo mootummaan Agawu, mootummaa Aksuma dhaale, Tigrooti’ Bete Amahaaraa’ irra qubatan kun, mootummaa Agawu kana mormaa turan. Mormii irratti garsiisuu qofa osoo hin taane, humna waraanaa jabeeffachaa deemuun ,mootummaa Agawu waggoota  135’f(1135-1270) aangoo qabatee ture fonqolchuun bara 1270 keessa hoogganummaa Yekuno Amlaakiin (1270-80) aangoo harkaa buute harkatti deebifatan.
Mootummaa Agawu kuffisuun aangoo kan qabatan ummatni ‘Bete Amahaaraa’ kuniin, bakka kanatti yeroo dheeraaf Agawoota waliin fuudhaa fi heerumaan waan wal makataniif eenyummaa kan Tigree irraa adda ta’e horachaa deemanii afaan illee kan addaa horatan. Afaan kun duuba keessa, ‘Afaan Amahaaraa’ ta’e. Kanaaf, mootummaa Agawu fonqolchuun kan dhaabbate mootummaan Amahaaraa yeroosii, mootummaa Amahaaraa kan hidda Solomoon jedhamee yaamama ture. Mootummaan Yekuno Amlaak, akkuma mootummaa Aksumii fi kan Agawu, ‘Bete Amahaaraa’ irraa ka’ee laga Abbayyaa cehuun biyya Oromoo weeraree Oromoo dachii isaa irraa buqqisuun qabachuuf hedduu yaale. Haa ta’u malee, qabsoo farra gabrummaa Oromoon naannoo baddaa Shawwaa abbootii duulaa Oromoo Mootii Lammii jedhamanii yaamamaa turaniin geggeessaa tureen duulli gabroomsaa Yekunoo Amlaak kun osoo bakka hin gahin hafe. Yekuno Amlaak dabalatee, waraanni Amahaaraa hedduun duula farra gabrummaa Mooti Lammii geggeesse kana keessatti ajjeeffaman. Yekuno Amlaakitti aansee kan aangoo Amahaaraa qabate nama Widim Asferree (1299-1314) jedhamuu yoo ta’e illee ‘Bete Amahaaraa’ irraa ka’ee laga Abbayyaa cehuun baddaa Shawwaa qabatuuf weerarri inni godhes gootummaa Oromootiin maseenee hafe.
Jaarraa 14ffaa keessa, Widim Asferreetti aansee kan aangoo Habashaa qabate, Amda Siyoon (1314-1344) nama jedhamu ture. Laga Abbayyaa cehuun weerarri nammi kun badda Shawwaa irratti bane weerara barbadeessaa fi hedduu hamaa ture. Duula namichi kun jaarraa 14ffaa keessa Oromoo irratti baneen, baddaa Shawwaa dabalatee bakkoota hedduu irraa Oromoo buqqise. Amda Siyoon boodas, duulli Habashooti Oromoo irratti godhan waan itti fufeef, Oromoo hedduun baddaa Shawwaa irraa gara Kibba Oromiyaatti oggaa baqatan, kanneen qeyee isaanii irratti hafan ammoo gariin hojjetoota Habashaa oggaa tasifaman, gariin ammoo gabaatti baafamanii gurguraman. Dachii afaan qawweetiin Oromoo irraa buqqisan kana irras Habashoota qubsiisuu itti fufan. Moototi Habashaa, bifa kanaan wal-harkaa fuudhanii duula fakkaataa Oromoo dachii isaa irraa buqqisu fi gabroomsaa hanga walakkeessaa jaarraa 16ffaatti Oromoo irratti geggeessaa turan.
Haa ta’u malee, kanneen weerara Habashootaan qeyee isaanii irraa buqqifamanii gara Kibba Oromiyaatti akka baqataniif dirqamani fi ummatni Oromoo naannoo Madda Walaabuu jiraachaa ture, walakeessa jaarraa 16ffaa, bara 1520’ta keessa, Madda Walaabuu irratti sirna Gadaa weerara habashootaan laaffate deebisanii jabeessuun waraana walabummaa Oromiyaa cimaa  hooggana tokko jalatti ajajamu ijaaruun qabsoo walabummaa Oromiyaa itti fufuuf murtii dabarsan.Murtii darbe kanaan, ummatni Oromoo hundi: dubartiin, dhiirrii, ijoolleen, jaarolee fi dardarri hundi lolaaf akka qophaahu labsame. Dubartiin galaa qopheesuu irratti oggaa bobbaatu, dhiirri ammo: waraana leenjisuu, leenjifamuu fi meeshaa waraanaa tolchuu irratti bobba’e. Hawaasi Oromoo hundi lola walabummaa Oromiyaa irraa akka hirmaatu taasifame.  Jaarmaa fi hoogganni , waraanni fi meeshaan dhimma itti bahamu fi qoodi qaammi hawaasaa lola kana keessatti qabaachuu qabu murtaahee lola walaabummaa Oromiyaa kan walakeessa jaarraa 16ffaa keessa, qeyee jaarraa 14ffaa irraa hanga jaarraa 16ffaatti Habashootaan irraa buqqifame deebisee walaboomsuuf, Oromoon duula eegale. Akka kanaan, gadaan Kiilolee (1538-1546), gadaan Biifolee (1546-1554), gadaan Michillee (1554-1562), gadaan Birmajii (1578-1580) fi gadaan Mul’ataa (1586-1594) lola walabummaa Oromiyaa kana hoogganuun dhuma jaarraa 16ffaa irratti, gabrummaa habashootaa kan jaarraa lama olii (waggoota 200) jalaa Oromiyaa deebisanii walaboomsan. Lolli walabummaa Oromiyaa kan jaarraa 16ffaa keessa ummata Oromootiin geggeeffame kun, Oromiyaaa walaboomsee, ummata Oromoof: bilisummaa, ulfina, kabajaa, nagaa, badhaadhinaa fi gammachuu kan kenne qofa osoo hin taane, Oromoon jaarraa 14ffaa irraa hanga jaarraa 16tti weerara habashootaan qyee isaa irraa buqqifame akka qyee isaatti deebi’u taasise. Akkasumas, cunqurfamoota habashaa dabalatee, ummattoota gabrummaa habashaa jalatti Oromoo waliin  kufan, deebisanii mirga abbaa biyyummaa isaanii gonfatan. Jaarraa 16ffaa irraa eegalee hanga dhuma jaarraa 19ffaatti, hanga yeroo Miniliki deebisee Oromiyaa irratti weerera banuutti, ummatni Oromoo, jaarraa sadiif (waggoota 300’f), walabummaa isaa tikfatee dachii isaa irratti : bilisummaa,nagaa, badhaadhinaa fi gammachuun  jiraate .
Duula gabrummaa Minilik dhuma jaarraa 19ffaa irratti Oromiyaa irratti baneen, Oromoon jireenya saamichaa fi cunqursaa jaarraa 14ffaa hanga walakeessaa jaarraa 16ffaa ittiiin dararamaa ture keessatti deebifame. Minilikitti aansanii kanneen hanga har’aatti sirna gabrummaa ummata Oromoo irratti diriirsan, Oromoo dachii isaa irraa buqqisanii habashootaaf qooduu fi qabeenya dachii kana irra jiru saamuu, ummata dachii kana irraa buqqifamu ammoo hojjisiifatuun humna isaa saamuu fi kanneen saamicha kana morman ammo: ajjeesuu, hidhuu fi biyyaa baqachiisuu akeeka tokko godhatanii haga har’aatti dhimma itti bahaa jiru.
Kanaaf, dawwaan farra ‘Master Plan’ mootummaa wayyaanee maali ? Furmaati ummata Oromoo dhabama irraa oolchee lubbuu fi dachii isaa  tiksuu danda’u hoo ?Mootummaan gabroomfataa Impaayera Ixoophiyaa ammaan tana aangoo irra jirus haa ta’u, dhaaboti mormitoota habashaa fi Oromoo aangoo impaayera Ixoophiyaa qabatuuf falmaa jiran, haala saamicha dachii fi humna ummata Oromoo kana jabeessanii itti fufsiisuuf malee humnoota warraaqoo  gaaffii abbaa biyyummaa ummatni Oromoo qabuuf deebii kennuu danda’an miti. Dhaaboti mormitoota Oromoo, yoo aangoo impaayera Ixoophiyaa qabatan, heera impaayera Ixoophiyaa, kan dantaa fi faayidaa Impaayera Ixoophiyaa (Habashootaa) fi humnoota alaa tiksuuf tolfame kana qabatanii hojii irra oolchuuf irbuu seenu . Akka heera kanaatti, daangaan Impaayera Ixoophiyaa, gara Kaabaatti: Eritrea, gara Kibbaatti: Keenyaa, gara Dhihaatti : Sudaan, gara Kibba Dhihaatti: Kibba Sudaan fi gara Bahaatti ammo, Somaaliyaa dha. Kanaaf, akka heera kanaatti,  gaaffiin ummata Oromoo, kan mootummaa walaba Oromiyaa, gaaffi farra heera impaayera Ixoophiyaa waan ta’eef, dhaaboti mormitoota Oromoo heera Ixoophiyaa tiksuuf irbuu seenan kun, kanneen gaaffi walabummaa kaasan, akkuma mootummoota habashaa isaan dura turanii: hidhuu, ajjeesuu fi biyyaa baqachiisuu itti fufu. Kana hin godhan yoo ta’e, hireen Iyyaasuu mudate akka isaan mudatu  waan beekaniif, ‘Master Plan’, kan ummata Oromoo dachii isaa irraa buqqisee facaasuuf deemu fashalee furmaati ummata Oromoo abbaa dachii isaa taasisu dhaabota Oromoo karaa nagaa qabsawan kanaan argamuu tasa  hin danda’u.
‘Master Plan’ wayyaanee fashalsiisuun furmaati takkichi ummatni Oromoo lubbuu fi dachii isaa ittiin tikfachuu danda’u, mootummaa walaba Oromiyaa mirkaneessuu qofa. Akeeki takkichi, lubbuu fi dachii ummata Oromoo tiksuu danda’u  kun akka bakka gahuuf, ummatni Oromoo martii, tarkaanfii ummatni Oromoo walakkeessa jaarraa 16ffaa keessa fudhate san irra deebi’ee fudhatuu danda’uu qaba. Qophii ummatni Oromoo ittiin jaarraa 16ffaa keessa duulee biyya Oromiyaa ittiin walaboomse san qabaachuu fi akka Oromoo bara sanii, qabsoo hidhannoo walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf godhamu irraa hudni hirmaachuu qaba. Ummatni Oromoo martii, hooggana ABO jala hiriiree :qabeenyaan, humnaan, maallaqaan, meeshaa lolaa fi beekumsaan qabsoo hidhannoo ABO’n geggeeffamu humna taasisuuf har’a murteeffatuun, jireenya Oromoo dhabama irraa oolchuuf hiriira gootota Oromoo seenuu qaba. Kana godhuuf murteeffachuu dadhabuu fi   hidhii xuuxuu qofa hojii godhatuun, akkasumas,afaan  qofaan gurra namatti duuchuun, ummata Oromoo dhabamsiisuuf duula hamaa mootummaan gabroomfataa wayyaanee ammaan tana  geggeessaa jiru irraa hirmaachuu dha. Haalli ammaa, loluu qofa kan nu gaafatuu dha. Kan lola kana irraa hin hirmaatne,  ummata  Oromoo dhabama irraa  oolchuuf  yaamicha yeroo kan Oromiyaan goote  kan  dide waan ta’eef,  kan ofiin lamummaa Oromiyaa of mulqee dha. Har’a hiriira lama qofatu Oromoo keessa jiraachuu qaba. Yookaan as goruu ykn achi goruu dha.
Har’aan tana, ummatni Oroomoo, filatnoo lama qofa qaba. Akka abbootii isaa kan walakkeessa jaarraa 16ffaatti lolee dachii isaa impaayera Ixoophiyaa irraa walaboomsuu ykn taa’ee guyyaa itti dhabamu fi seenaan isaa addunyaa irraa haqamu eeggatuu dha. Abdiin qabu, filatnoon ummata Oormoo, kan jalqabaa akka ta’uu dha.  Of jiraachisuuf lola geggeeffamu kana irraa qaammi hawaasa Oromoo hundi hirmaachuu qaba. Dhaabbatooti amantii: waaqi waraana bilisummaa Oromootiif mirga akka  kennu, rasaasi isaa adda diinaa akka dhahu yeroo hunda kadhatuufii qofa osoo hin taane, akeeki  WBO, dachii waaqi Oromoo irratti  uumee  diinni  afaan qawweetiin irraa  fudhate deebisuuf   lola geggeeffamu waan ta’eef ajaja ykn seera waaqaa tiksuuf lola geggeeffamu akka ta’e labsuu fi waltajjii amantii dhimma bahuun WBO’f qabeenyaa argamsiisuu irratti hojjechuu qaban. Sabquunnamtiileen Oromoo: oduu, marii, haasawaa fi walumaagalatti sagantaa gootota Oromoo farsanii fi gantuu Oromo salphisan, ummata Oromoo qabsoof kakaasan, jaalala biyyaa Oromoo keessatti jabeessan fi Oromoo gootomsan dhaabbataatti  dabarsuu qabu. Artistoonni Oromoos, :wallee, diraamaa, walaloo, walumaagala, artii warraaqsaa kanneen:gootota Oromoo farsan, gantuu Oromoo salphisan, Oromoo lolaaf kakaasan, jaalala biyya Oromoo keessatti horan fi Oromoo gootomsan irratti yeroo qamuu caalaa amma bobba’uu qabu. Kanneen daldala irratti bobba’anii jiran, investiment guddaan kan walabummaa fi fuulduree biyyaa ta’uu hubatuun qabsoo walabummaa Oromiyaa irratti invest godhuu qaban. Qabeenyaaa qabaniin kan yeroo kamuu caalaa, irree diinagdee ABO cimsuu hojii fardii taasifatuu qaban. Dargaggoo fi Dargaggeettin Oromoo, fedhii isaanii kan yeroo, kanneen akka:barnoota, hojii seenuu, fuudhanii ilmaan horuu fi kkf dhiisanii, dhimma qabsoo walabummaa Oromiyaa kan fuulduree isaaniif wabii ta’e mirkaneessuu hojii isaanii jalqabaa godhatuun qabsoo hidhannoo ABO’n geggeeffamu irraa hedduminaan hirmaatanii dirqama sirna gadaa keessatti Raabi Doorii qabu bahuu qabu. Dargaggoo fi Dargaggeettin Oromoo, fuuldureen Oromoo harka isaanii keessa akka jirtu beekuu qabu. Isaan yoo lolan, Oromiyaan akka walaboomtu, isaan yoo harka kennatan, Oromoo fi Oromiyaan akka dhabamu beekuun eennu caalaatti kan lola walabummaa Oromiyaaf of kennuu qabu isaani. Beektoti Oromoo, ummata isaanii kan ofii osoo hin baratin isaan barsiise, kan ofii dukkana keessatti hafee isaaniin dukkana keessaa baaseef galatni isaan kennuu qaban qabsoo walabummaa Oromiyaa ABO’n geggeeffamu irraa hedduminaan hirmaachuuni. Yeroon itti doktoorri Oromoo, injinerri Oromoo, ogeessi waraanaa Oromoo fi kkf gara dirree lolaa deeman har’a.  Haadhotiin manaa, abbootiin manaa isaanii gadi bahanii Ixoophiyaa akka lolan dhiibuu, hintalti heerumaaf saganteeffate,heerummi lola booda akka ta’u kaadhimaa isii amansiisuu fi dhiira mootummaa Ixoophiyaa lolee gale qofaatti heerumuuf hayyamuun lolaaf nama kakkaasuu irratti qooda  guddaa  danda’u.   Waan hundaaf yeroon murteessaa dha. Yeroon Oromoon hundi , lolaaf itti hiriiruu qabu amma. Kan har’a lolaaf hin murteeffanne, taa’ee dhabama eeggatuuf kan murteeffatee dha. Haa kaanu ! Haa lollu !, ‘Master Plan’,  ittiin nu dhabamsiisuuf karoorafame kana, kan ittiin Oromiyaa walaboomsinu haa taasifnu.
Leelloo Biyyaa
Gootummaan Oromoo kan jaarraa 16ffaa ni deebi’a !
Oromiyaan ni walaboomti !

No comments:

Post a Comment