Pages

Saawwii dhaluuf dorrobde, kunuunsaa fi tika addaa barbaaddi: Haala qabsoo bilisummaa Oromiyaa yeroo ammaa fi wanneen ta’uu qaban.

Gurraandhala 21, 2016 | Leelloo Sabaatiin
Gafarsa dorrobeQabsoon bilisummaa Oromiyaa, Adda Bilisummaa Oromootiin(ABO) hoogganamu, sa’a irraa sa’atti, guyyaa irraa guyyaatti, ji’a irraa ji’atti, akkasumas, waggaa irraa waggaatti, gabbataa, cimaa fi babal’achaa deemee ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa qabsoof hiriirsee yeroo kamuu calaatti amma, finiinee shaffeessaan gara galma bilisummaatti fiigaa jira.Egereen, hawwiin, abdii fi akeeki ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa, yeroo kamuu caalaa amma, ifee mul’atee abdachiisaa ta’ee jira. Hawwiin, abdiin, akeekii fi fedhiin ummatni Oromoo fi ummattooti  cunqurfamoon hundi mootummaa bilisa kan mataa isaanii dhaabbachuuf baroota dheeraaf wareegama qaqqaalii itti baasan, shakkii tokko malee bakka gahuuf akka deemu yeroo kamuu caalaatti amma ifatti beekameera. Bilisummaan ummattoota kanaa, “yoo osoo hin taane, yoom” kan jedhutti tarkaanfatee jira.Walumaagalatti, qabsoo ummatni Oromoo fi ummattootni cunqurfamoon baroota dheeraaf osoo wal irraa kutini fi hin nuffin geggeessaa jiran, yeroo kamuu caalaatti amma, bilisummaa dhaluuf dorrobee jira.

Sadarkaa duraan argamee fi dhagahamee hin beeknetti, qabsoon ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa, yeroo ammaa kana, humna siyaasaa fi waraanaa cimaa ta’ee guyyaa  ummattooti kun :bilisummaa, dimookraasii, nagaa, badhaadhina fi gammachuu itti argatan shaffeessaan gabaabsaa jira. Haa ta’u malee gama birootiin, mootummaa Wayyaanee/Ixoophiyaa, dhaaboti siyaasaa Amaraa biyya keessaa fi ala jiran, dhaabota Oromoo ergamtuu Amahaaraa ta’an (OPDO Amahaaraa) fi  mootummooti Ameerikaa fi Awurooppaa, ummattoota kana: lafa isaa irraa buqiisanii saamaa ,ergachaa, hojjisiifachaa, dafqaa fi humna isaatiin duroomaa  fi gabaatti baasanii gurgurachaa turan, sochii ummatni Oromoo fi ummattooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa shaffeessaan gara bilisummaatti gegeessaa jiran duratti gufuu darabuun karaa irraa maqsanii umurii aangoo mootummaa bulguu fi nama nyaataa Ixoophiyaa/wayyaanee/Habashaa, ummattoota cunqurfamoo kana irratti dheeressuuf  shiroota haaraa fi kaardii dullacha awwaala keessaa baasanii dhimma itti bahuuf ogguu isaan dhidhiitatan arguutti jirra.

No comments:

Post a Comment