Pages

Woyyaaneen labsii yeroo hatattamaa labsite; kufaatiin isii kalaayuu addunyaaf mirkaneessite

October 09, 2016 |

Labsiin yeroo hatattamaa kuni kana booda gatii hanga ammatti kaffale caalaa nu hin kaffalchiisu. Obsaa fi murannoodhaan Agaazii fundura dhaabachuu qofa kan nu barbaachisu.


Mootummaan Woyyaanee labsii yeroo ariifachiisaa ifatti labsite kufaatiin isii kan hin oolle ta’uu addunyaaf ibsite. Labsiin kuni baatii 6 tura jedhama. Labsiin sadarkaa kanaa ganna 25 keessatti yeroo jalqabaatiif Itoophiyaa keessatti kan ta’e. Woyyaaneen labsii kana kan labsite yeroo Haylamaaram Dassaalenyi telviziyoona biyyattii irratti olbayee dubbatetti. Labsii yeroo hatattamaa kanaan Oromiyaan guutummatti too’annaa mootumaa jalaa bayuu ifatti akka fudhataniif kan Woyyaanee dirqisiise qabsoo hadhaayaa Oromoon woggaa tokkoof geggeesse.
Biyya kam keessattuu labsiin yeroo hatattamaa waan akka salphatti, dhimma salphaafis labsamuu miti. Woyyaaneenis maqaa isaa dhayuu diddeeti bifa biraatiin kan bulchiinsa Oromiyaa baatii 11 harka woraanaa galchite. Oromoon adeemsa san hin fudhanne. Qeerroon Oromoo godina hunda keessatti ajjeechaa Agaaziif tole hin jenne. Hin jilbiiffanne. Adeemsi komand post hin hojannejechuudha.
Woyyaaneen, kan kijibaa fi dhoksaan beekamu, gadi baytee labsii yeroo hatattamaa kana lasbuun isii waa hundi too’annaa isiitii ala bayuu mirkaneessa, kufaatiin isii hanga eeggamee fi tilmaamamee olitti saffisuu agarsiisa. Hangamuu hin jirra jechuudhaaf yaaltus, salphinnaa fi kufaatiin Woyyaanee sadarkaa hin dhokannee irra gayuu guutuu addunyatti mul’isa. Woyyaaneen gara qileetti tirataa kan turte ibsa kanaan ammatti kokolaachuu fi too’annaan alatti ganagalachaa jiraachuu isii ifa taasisa.
Labsiin yeroo hatattamaa kuni, hunda caalatti, qabsoon Oromoon yeroo dheeraadhaaf irratti ajjeefamaa fi hidhamaa ture sirna Woyyaanee xumurutti dhiyaachuu agarsiisa. Bu’i bayii hedduu ce’aa fi hadhaa hamaa dhadhamaa Oromoon bilisummatti kalaayuu mirkaneessa.
pm hd itoophiyaaMootummaan Itoophiyaa ajjeesaa fi doorsisaati kan ture. Biyyattiin seeraa fi heeraan quba wolhin qabdu. Woggaa tokkoof kan Oromotti taphate Woyyaanee fi humna Agaazii isa qawwee hanga funyaaniitti hidhate. Baatii 11 guutuu isa barbaadan ajjeessa, daandii irraa adamsaa, gudeedaa fi doorsisaati kan turan. Ummanni qe’ee isaa irratti ajjeefamaa fi saamamaa ture. Oromoon baatii 11 dabraniif, yoo muu caalatti,  du’aa fi jidduu jiraataati kan ture. Hadhaan jireenyaa Oromoon hanga ammaatti hin dhadhamne tokko hin jiru.
Labsiin yeroo kuni ajjeechaa fi doorsisaa Oromoon hin beekne tokko qabatee gadi hin bayu. Labsiin kuni xumurri mootummaa kanaa guyyootaan laakkayamaa kan jiru ta’uu isaa waan ifatti mul’iseef Oromoon labsii kana akka injifannootti ilaaluu qaba. Mootummanaan kuni hanga jalqaba woggaa dabreetti Oromoo tuffataa, siyaasa isaa abdataa fi humna woraana isaan dhaadataati kan ture. Nageenna keessaa miti isa Somaalee fi Afrikaa guutuu eegsisuudhaaf humna akka qabuti odessaa fi addunyaa dhamasaa kan ture. Amma, labsii kanaan mootummaa manni kallattii hundaan irratti diigamaa fi wanti qabatanii fi dhiisan dhabamaa dhufuu isaa hundaaf ifa taasise. Dhugaan jiru humni inni qabu Qeerroo Oromoo jilbiiffachiisuu kan hin dandeenne ta’uu isaati.
Kan bishaan fudhatu hoomacha qabata. Woyyaaneen asiif achi ni jetti, qabsoo Oromoo dhaamsuudhaaf humna qabdu hundatti dhimma ni baati. Humni fedhes yoo dhukaase, gara jabeenni Agazii dhiigaan daandii Oromiyaa hunda yoo lolaase, Oromoon injifannoo dhiiga isaan argate dabarsee laatuu hin qabu. Labsiin yeroo hatattamaa kuni kana booda gatii hanga ammatti kaffale caalaa nu hin kaffalchiisu. Obsaa fi murannoodhaan Agaazii fundura dhaabachuu qofa kan nu barbaachisu. Gatiin fedhes yoo kaffalame, sodaachisaan kamuu yoo Woyyaaneen tarreeffame falli qabsoo eegalame cimsanii itti fufuu qofa.
Qabsoon itti fufa. Sirni Woyyaanee hallayyaa irra dhaabate irree Oromoon ni kufa.

1 comment:

  1. kun yoomiyyuu waan hafuu hin qabne kanaf sagalee tokkoon humna tokkoon down down.................weyane!

    ReplyDelete