Pages

Diyaaspooraan Oromoo Murna Dhiiga Ummata Oromoo Dhangalaasaa Turee fi Jiru Waliin

Waxabajjii 23, 2017 | Baarentuu Gadaa Irraa
Diyaaspooraan Oromoo Murna Dhiiga Ummata Oromoo Dhangalaasaa Turee fi Jiru Waliin Ayyaana Gaggeeffatu, Sirbuu fi Dhiichisu Innuu Diina Oromoo Ti!
Wayyaaneen waggaa waggaadhaan guyyaa diyaaspooraa jettee erga holola eegaltee waggoonni muraafni lakkaawwamaniiru. Baranni waggaa 3ffaadha.
Murni tun guyyaa kanaan dahattees ilmaan sabootaa dararaa ishii baqatanii biyyaa bahanii fi sababoota adda addaatin biyyoota alaa jiraatan ofitti hawwachuuf hololaa turte, ittis jirti. Lafa argattuu, ni duroomtu, mana ijaarrattu jechuun horii isaan dafqanii argatanis harkaa sassaabbachaa turte, ammas caalaatti saamuuf iyyaa jirti.

Itiyoophiyaa keessa dhugaan lafarra jiru kan biraa ta’us Wayyaaneen garuu nageenyi,dimookiraasii fi miisoomni itiyoophiyaa sirna kiyyaan bulaa jirtu keessa babbalattee,daddagaagee jira jettee halakanii guyyaa nama moogsuuf dhamahaa jirti. Koottaa waliin biyya misoomsinaa jechuunis wanti odeessaa hin jirre hin jiru. Hololli hololamaa jiru kunis amma sadarkaa itiyoophiyaan wayyaaneedhaan misoomte,nagaa argatte,dimookiraasiin keessatti dagaage jedhamtuu tun ishiidhuma keessa jiraachaa jirru, ishiidhuma nus addunyaanis quba qabu san moo kan biraatu dhalate nama jechisiisu gaheera.
Dhugaan Itiyoophiyaa keessa jiru kan muldhisu ilmi namaa akka saree abbaa hin qabnee addabaabaayitti ajjeefamaa jiraachudha. Saamichi, hidhaa dararaan saboota biyyattii keessumaa saba Oromoorratti gaggeeffamaa jiraachuudha. Dhalattoonni saba Tigraayi qofti akka barbaadan keessa yoo fandalalanii fi hundatti ajaja ta’an kan ifatti muldhatu. Beellii fi dhibeen ummattoota biyyattii fixaa jiraachutu halakanii guyyaa midiyaalee addunyaarraa gabaafama. Dubbii kana caalaatti dhugoomsuuf ammoo hogganaan  komishinii ittisa balaa fi qophaai’naa Itiyoophiyaa Mitikkuu kaasaa namni jedhamu Waxabajjii 10 bara 2017 ibsa miidiyaalee fi tola ooltotaaf kenneen waamicha namnimil.10 ol beela’uu ibsee qanqalloo kadhaa qabatee dhihaateera.
Dhibeen, rakkoon bishaanii, daandiin, ibsaa fi tajaajilonni biraas biyyattii keessatti akkuma kaleessaa har’as ummattoota biyyattii keessumaa ummata Oromoo hudhanii mankaraarsaa jiru, Jarraa 21ffaa jaarraa qaroominaa kana keessattis namaa gaditti sukkuumaa jiru.
Nageenyi irraa hololamus hin jiru, Biyyattii keessatti guyyaa saafa’a mirgi dhala namaa karaa suukanneessaa ta’een dhiitama. Liyuu hayiliin kallattii hedduun ummata Oromootti duulaa ture,jiras, ummanni Oromoos ofittisuun dirqama umamaa waan ta’eef of ittisaa jira. Addatti ammoo adda durummaan uummata Oromoo, itti aansuun Amaarri, Koonsoon, Sidaamni, Gambeelli, Beenishaangul fi saboonni biroo biyyattii qabsoo bilisummaa FXG gaggeessaa jiru. Walumaa galatti biyyattiin biyya saamichaa, hidhaa fi ajjeechaa waan taateef  kana ofirraa ittisuuf ammoo qabsoon kallattii hundaan gaggeeffamaa jira. Nagaan homaatuus keessa hin jiru. Itiyoophiyaan wayyaaneen irraa hololtu garuu laabraatoorii kam keessa akka jirtu namani quba qabu hin jiru.
Keessumaa waggoota 2 as Saamichaa fi dhiittaa mirgaa gaggeeffamaa jiru dhaabuf FXG gutummaa Oromiyaa keessatti finiinee ka’een walqabatee dhittaan mirgaa ummata Oromoorratti wayyaaneedhaan raawwachaa turee fi jiru amma hin qabu. Maaf mirga keessan gaafattan,maaf qabeenyaa fi biyya keessaniif falmitan jechuun  waraana bobbaaftee dhiiga ilmaan Oromoo danuu dhanaglaaftee jirti. Dhangalaasaas jirti. Aga’aaziin dhalatoota Tigraay qofarraa ijaarame kalee amma yoonaa; keessumaa yeroo ammaa kana Aga’aaziin maqaa komaand postii jedhu baafatee yakki raawwachaa jiru adda. Sukanneessaa fi genocide dha.
Dubbiftoota :-Murni yakkoota akkanaa fi kanneen biroo hedduu waggoota 26n darbaniif, kessumaa waggoota 2 as ummata Oromoo fi saboota biyyattii hedduu irratti raawwachaa turtee fi jirtu tun  yeroo ammaa kana kunoo  qaanii tokko malee koottaa guyyaa Diyaaspooraa na waliin kabajaa, haa sirbinee dhichiifnu, Doolaara fi Iroo finnaan lafatu isinii kennama, mana argattu, ni duroomtu, faayidaa akkasii fi akkanaat argattu jechuun holola fakkeessi gaggeessaa jirti.
Dhugumatti Wayyaaneen qaanii hin beektuf malee kun silaa dubbii qaaneessaa ture.
Wayyaaneen Waggoota 2n darbanis  keessumaa bara darbe haaluma kanaan holola gaggeessaa turtus kan guyyaa diyaasporaa kana irratti argame waayiloota ishii muraasa warra  ergama addaa fudhatanii  biyya alaattti hawaasa biyya alaa jiru diiguuf tattaafachaa turanii fi jiran ta’uu arginee dhageenyee jirra. Isaanuu xiqqoo dha, isaan sunuu  ammoo miseensotuma Wayyaanee fi PDOlee ishii turan. Walumaa galatti ergamtootaa fi yakkamtoota garaaf bulaniidha warri maqaa diyaaspooraatiin hololaa ture jechuutu danda’ama. Hawaasni saboota adda addaa keessumaa hawaasni Oromoo biyya alaa jiru deemsa Wayyaanee kana dursee waan hubateef guyyaa diyaaspooraa maqaa jedhuun holola Wayyaanedhaan gaggeeffamaa ture  irratti argamuu dhabuun harkaa fashalseera. Uummanni Oromoo biyya jirus akka ilmaan isaa dararaa sirnichaa baqatanii biyyaa bahan dhiiga obboleeyyan isaanirra tarkaanfatanii diina waliin hin shubbifne, hin dhiichifne waan beekuuf  warra maqaa diyaaspooraatin biyya galee hololuuf yaale kana qaaneesseera. Akkuma yaadatamu bakka hedduuttis waaroo salphinaa itti uwwusee har’ee finfinneetti dachaasee jira. Baayyeen isaaniis odoo Finfinnee hin bahin akka hoteela ciisanitti TV qofarraan muldhatanii biyyaa irraa dhufanitti dacha’aniiru. Barana ammoo akka caalaatti salphatan ifaadha. Baranas maqaa diyaaspooraatiin biyya gallee hololla warri jedhan yoo jiraatan kan darbe caalaa akka uummata Oromootin keessumaa qeerroodhaan waaroo salphinaa uffatan shakkiin hin jiru.
Oromoos ta’ee sabni kamuu biyya itti dhalate, qayee abbaa fi haadha isaa yeroo barbaadeetti galee ilaaluun, maatii isaa dubbisuun yakkaa miti. Inumaawuu kan jajjabeeffamuu qabuudha. Haa ta’uu malee guyyaa Wayyaaneen hololaaf qopheeffatte  isa guyyaa diyaasporaa jechuun barana yeroo 3ffaaf Adooleessa keessa kabajuuf jirtu irratti argamanii sirbaa fi dhichisa diinni dhiiga ilmaan Oromoorratti qopheeffatteef galtee ta’uun yakka. Dhiiga lammii ofii irratti sirbuun, isa lammii fixaa turee fi jiru waliin shubbisuun gadhummaadha. Qonnaan bulaa Oromoo buqqisanii lafa diinni  ilmaan Oromoo bochisee,saamee kutee namaaf kennu kajeeluun, isaafis jecha diinatti galuun, diinaa sagaduun badii guddaa dha. Kan seenaanis, seeraanis nama gaafachiisudha.
Eeyyee Wayyaaneen diina, gabroonfattuu dha, ajjeechaa, saamichaa fi hacuccaa danuu uummata Oromoo fi saboota biyyattii hedduurratti raawwachaa turte. Ittis jirti. Ajjeechaan  jumlaa(genocide)n irreecharratti raawwate kanaaf ragaa fi argisiiftuu guddaa dha. Egaa Kana argaa fi dhagahaa ammoo diina waliin  sirbuu fi dhichisuun, akkasumas holola diinni guyya kanarraa qopheeffatuuf  faana hiriiruun ummata cunqursaa jala jiru irratti yakka seenaan hin haqne raawwachuudha. Ofis lammiis tuffachiisuudha. Keessumaa dhiiga lammii Oromoo isa bilisummaaf dhangalahaa turee fi jiruuf kabajaa dhabuu dha.
Diyaaspooraan Oromoo biyyoota alaa  adda addaa keessa jiru shakkii malee  irra jiraan isaa sirnoota impaayeera Itiyoophiyaa bulchaa turan baqatee kan biyyaa bahee dha. Keessumaa harki guddaan diyaaspooraa Oromoo bara bittaa wayyaanee kana kan baheedha yoo jedhame soba hin ta’u. Wayyaanetu saamee, hidhee dararee biyyaa baase. Oromoo hedduun dhiittaadhuma sirnoota habashaa baqatee kaampilee baqataa biyyoota ollaa dabalatee addunyaarra facahe. Amma qabsoo isaatin bilisummaa isaa dhugonfatuttis haalli jiru kanaan ala hin ta’u. Namni dhugaa kana hubatuu fi quba qabu ammoo sammuu maalitiin murna kolaneeffattuu biyyaa isa baafte waliin sirba, dhichisa, deebi’ee nyaatee dhugaa…?
kun dhugumatti hirmii nyaachudha. Eeyyee Wayyaanee waliin guyyaa diyaasporraa jedhanii ayyaana kabajuun hirmii nyaachudha. Namumti ani diyaaspooraa Oromooti odoo ofiin jedhu wayyaanee waliin dhiichisu kamuus kan inni dursee of gaafachuu qabu  diina hari’ee biyyaa isa baase waliin shubbisuun ammam akka qaaneessaa fi yakka ta’eedha.
Dubbiftoota:- Mee warri biyyoota alaa keessa jirtan tarii yoo namni ani diyaaspooraa biyyattii galee Wayyaanee waliin guyyaa diyaaspooraa jedhee dhichisuuf jiru keessaa tokko namani jedhu ollaa keessan jiraate waantoota kana gaafadhaa:- isaanis Itiyoophiyaa Wayyaaneedhaan bulaa jirtu keessatti maaltu Oromoof jijjiirame..?
Oromoon mirga abbaa biyyummaa qabaa….? ajjeechaan, hidhaan, saamichi irraa dhaabbateeraa..? beelli, hiyyummaan ummata Oromoo  har’as akkuma kaleessaa fixaa hin jiru…? jedhaatii gaafadhaa.  Yoo garaaf bulaa ta’e innuu ija dunuufatee eeyyee jijjiirame isniin jechuu danda’a. diyaaspooraa dogongorfame yoo ta’e ammoo dogongora isaa fudhatee gocha yakkaa fi qaaneessaa kanarraa of qusata.
Akkuma beekamu yeroo ammaa kana dararaan, Ajjeechaa fi hidhaan daranuu cimaa deeme malee hin dhaabbane, beellis akkasi, Egaa Paaspoortii biyya alaa harkaa qabaachuun kana nama dagachiisuu hin qabu. Yeroof yoo ta’e malee abbaa biyya saniis nama hin taasisu. Saba ofiis nama irraanfachiisuu hin qabu.
Dhugaadha, jarri maqaa diyaaspooraatiin daldalan kunneen, keessumaa kan Oromoodha ofiin jechaa bara darbees haa ta’uu sanaan dura biyya galanii Wayyaanee waliin dhiichisaa turan lakkofsi isaanii muraasa.
Qubaan lakkaawwamu. Gongumaa hawaasa Oromoo qorraa fi aduu keessa dhaabbatee bilisummaa saba isaaf falmaa turee fi jiru, isa qabeenyaa fi beekumsa isaa osoo hin sassatin qabsoof oolchaa turee fi jiru bakka hin bu’an. Haa ta’uutii  akkuma summiin xiqqoo hin qabdu jedhamu san warri amma maqaa diyaaspooraatiin Wayyaanee waliin shubbisu kun ushaala diinaa ykn taakkoo diinaa ta’uurraa akka of qusatan itti himamuu, gorfamuu qabu. Yoo kan didan  ta’e ammoo hawaasarraa qophxeeffamuu, darbees tarkaanfiin gocha isaaniin wal-madaalu irratti fudhatamuu qaba.
Uummanni Oromoo bara darbe warra ani diyaaspooraadha jedhee biyya galee wayyaanee waliin dhiichisaa tureef iddoo hin laanne, Iddoo baayyeettis salphifamaa turaniiru. Kan bara kanaa ammoo ittuu bacancaramaa, kan bakka deemanitti itti salphatanii fi gocha isaanitti qaanawan akka ta’utti  irratti hojjetamuu qaba. Umamnni Oromoo, keessumaa qeerroon Oromoo caalaatti irratti hojjechuu qaba.
Ergamtoonni maqaa diyaasporaatiin holola diinaa gaggeessuuf gara Oromiyaa deemuuf qophaawaa jiran kun Oromiyaa keessa erguttuu akka hin sochoone danquun dubbii fardiidha. Dirqama lammummaati. Tarkaanfii barsiisaa fi jilchaa ta’es irratti fudhachuun sirreessuun hunda dursuu qaba. Waaroo salphinaa uffachiisuun deebisuun hunda nama ani Oromoodha ofiin jedhurraa eegama. Jarrri kun odoo dhiigni ilmaan Oromoo lafa yaa’aa jiruu guyyaa diyaasporaa jechuun diina ummata Oromoo dhiigsaa jiruu fi saamaa jiru  wayyaanee waliin Oromoorratti dhiichisuun yakka.
Oromoon biyya alaa jiru kan galee biyya isaatti bashannanu, dhiichisee sirbu yeroo ammaa, yeroo ummanni Oromoo dhiigaa jiru, saamamaa fi ajjeefamaa,gabrummaa jala jiraataa jiruu miti. Kan Galee sirbee dhiichisu qabsoo eegalame FXG jabeessee itti fufee ummata isaa bilisoomsee, ummata bilisummaa jala jiru keessatti. kan ta’uu qabus kanuma.

No comments:

Post a Comment