Pages

“KORRI SABAA” GAGGEEFFAMEE KAN “ABO”TI !!------- Kutaa 1ffaa

Fulbaana 03, 2017 | SEENAA Y.G(2005) | Kutaa 1 ffaa

Korri sabaa ABO 4ffaan milkiin xumuramuu isaatti gammachuun kiyya dachaadhaa. Ilmaan Oromoo Biyya keessaa fi alaa dhaaba waa hundaa dandamatee sadarkaa kanarra ga’ee jiruuf gammachuu fi Injifannoo akka hawwan shakkii tokkollee hin qabu. Dhugaan tokko jira. ABOn Kora kana gaggeesseuuf qofawareegama GAMA HUNDAAhin kafalle. Komee irraa of ittisuuf jedhee  qophii waggaa 2 olii fi Dinagdee ol aanaas akka hin ramadinee beekamaadhaa. Korri kun yeroo kanatti gaggeeffamuun murtee dhaabichaati. Yeroo itti gaggeeffatee kanatti itti amaneeti. Dhaabni kun Kora kana gaggeeffachuu qofa osoo hin taanee, Kora kana booda maal gochuu qabnaa fi Ummatatti maal fudhannee baana ?jedaniilleeakka irratti hojjatan beekuun wal kabajuuf tola. beekuunis barbaachisaadhaa. Kun amma raawwateera. Murteelee fi qophiilee barbaadamuu hojiitti hiikuun eegalameera. Maaliif jennaan haalli siyaasa Oromoo irra jiru sadarkaa murteessaa fi ifaa irra waan jiruuf. Hanqinnis jiraannaan, dhaaboota siyaasaa addunya irraa adda kan isaan taasisuu hin jiru.kana qalbifachuun dansaadhaa.

Akka yaada kiyyatti. Dhaabni dhiigaan asi ga’ee kun, Kora Sabaa gaggeeffachuu jechuun, HOJII DACHAA of irratti dabalachuu fi Ummati waa tokko akka irraa eeggatu hubatanii, abdii Ummataa kana dhugeessuuf murachuullee akka of keessaa qabu beekuun dansaadhaa, kana kan godhuu kan ofitti amanee qofaadhaa. Korri kun ega gaggeeffamee booda waa hundaa akka dantaa keenyatti ialaallee deebii fi gaaffii qaanfachiisaa ykn wallaalummaa tarrisuu dura, Imaanaa Ummataa ammallee hin gannuu jedhanii ykn gaafa nutti dhaamoottee dhiisnee hin baqannuu amma dhumaatti ni qabsoofna !!!jedhanii murteeffachuu isaanii ta’uullee hubannee, waan qabsaa’oonni muratoon kun gaggeeffataniif kabajaa qabaachuu qabnaa. .barreefama kiyya kutaa sadiin dhiheessuu keessatti waan yeroo itti eeggataa ture hedduun kaasa. Obsumaan dubbisaa. Keessattu Dhaloota Qeerroo suduudaan Qabsoo kana akka dhaaluuf Qabatamaan leenjifamaa jiru qaamaa qalbiin dubbisaa..
Korri sabaa ABO 4ffaa ega xumuramee booda waa hedduutu jedhamaa jira. Qeeqa taanaan maaliyyuu  ta’uu fudhatama qaba. Garuu waan argaa fi dubbisaa jirruu hedduu nama gaddisiisa. Warri kora amma kana ga’uu miti, wal ga’ii nama 5 gaggeeffachuu dadhaban fi dhaabuma kana keessaa baanee jedhanii baatii sadii dhaabbachuu dadhaban mata duree argannee jedhanii waan isaan xeeban hedduu nama saalfachisa. Namoota kana bakka sadiitti qoodeera. 1ffaa. Warra wayyaaneen suduudumaan soshaal midiyaa irratti ramaddee, 2ffaa, warruma dhaabuma kana keessaa ba’anii ofii waa uumuu dadhaban garuu qilleensuma irratti hamilee ofiif kennan3ffaa, warra jibbaa akka gandaa fi amantiitti ijaaramnii qabaniidhaa jedheen fudha. Jara kanaaf deebii gaggabaabaan qabaa.
  1. Ergamtoota wayyaaneef :-
Ergamtoonni wayyaanee yaadi kaasan ifa. Yaada isaanii ta’uu fi dhiisuun ifatti beeksiisa. Gonkumaa siyaasa warra hin hubanneedha. Yeroo katabanii fi dubbatan mataa fi miila hin qabu. Waan umamee tokko dursanii eegee fi gaanfa itti baasuuf qofaa jarjaru. Maqaan isaanii ammo gonkumaa lakkoofsa hin qabu. Jechoonni isaanii kan opdo ti. Safuu waa tokkollee hin qaban. Yeroo tokko tokko waan gubbaatti katabanii fi godatti kataban wal hin arguu. Jarri akkasii akkamiin humna godhatanii Kora sabaa kana xureessuuf abbaluu ?kan isaan gawwamsan kan sadarkaa isaanii irra jiru malee, Ummata Oromoo siyaasaan qaramee miti. Akka kaffalameefii hojjatan kan beeksisuu bilchinuma isaaniitu dhugeessa. Arrabsoon isaanii tokkuma. Tarii namoota kana adda baafachuu kan dadhabee waliin dhama’uu mala. Garuu warra dheedhiiti. Deebillee warra barbaadan miti.
  1. Warra Dhaaba kana keessaa gananii ba’an ykn sababaa Adda addaan dhaaba keessaa ba’anii , mikaa’iina dhaaba kanaarraa sodaa qaban ilaachisee.
Jarri akkasii Gonkumaa Kora sabaa fi Hogganoota filaman qeequllee hin danda’an. Inumaa qaaniidha isaaniif. Dhaabni isaan kaleessa gatii hin qabuu, nu hojjachiisuu didee, kanaaf nuuti hojjachuu barbaannee keessaa yaanee jedhan, afaanumaan hafuu isaanii fi Dhaabni akkuma arraba isaanii rarraasanii salphisuu barbaadan akka isaan jedhan osoo hin taanee, waa hundaa dandamatee Kora yoomillee hin gaggeeffatuu jedhan dhugeessuun isaa isaaniif dhukkuba. Silaa isaantu waan qeeqanii keessaa yaa’aan san hojiin argisiisanii, jabiina ofii argisiisa ture. Ibsaa fi gaaffii fi deebiin sun hundumtuu qilleensuma irratti hafee. Bara 2000 kaasee dhaaba kana keessaa kan ganee hundumtuu, kana jechuun, kan ganee wayyaaneetti harka kennes ta’ee alumatti ka hafee, waan dubbatee keessaa meeqaan hojiin asi ba’ee ?mee eenyuutuu wayyaanee dura dhaabbatee aantummaa ummataa mirkaneesse ? mee eenyuutuu kan ABO fi Hoggana ittin abaaree sana milkeessee abdii Ummataa ta’uu mirkaneesse ? hin jiru. Garuu nama 15 fi 10niin akka gandaattis ta’uu gareetti  dhaaba keessaa ba’anii nama  3 fi ltti wal qooduu malee maal agarree ? mee namni waggaa 17 guutuu akkamiin nama arrabsaa fi qeeqaa jiraata ? waan ofii waggaa 17 gochuu hin dandeenye isa kaan maaf komata ?
Kora sabaa hin gaggeeffamuu , seerri dhaabaa cabeeraa jechaa turan. Har’aa Korri sabaa milkoofnaan ammoo Kora sabaa dhiisanii Hayyuu dureen …….jechaa jiru. Kun salphina.jarri akkasii gonkumaa dhaaba kana arrabsuu miti qeeqa dhiheessuu hin danda’an. Maaliif jennaan waan fooyyaa’uu hojjachuuf dhiisanii ba’an mitii ?meerreeree ? ABOn haa dadhabuus haa dhiisuus, Kora sabaa gaggeeffateera .jiraachuu isaa mirkaneeffateera. Korri kun jiraachuu addunyaatu beeka. Miseensoonni fi Hogganoonni Biyyoota hedduu keessaa deeman. Kun jiraachuu dhaaba kana amirkaneessa.Dhaabni kun waan jiruuf Maallaqa hedduu Ummata irraa argameen Korri kun akka gaggeeffamu taasifame. Namoota hanga san keessummeessuun jiraachuu mirkaneessa malee, hololaan jiraachuu hin argisiiu .har’aa holola walirratti oofaa hin jirru . waan qabatamaa dubbanna. Jarri kun Alaabaa ABO qabatanii ykn of duuba kaa’anii suraa ka’anii yennaa maxxansan na kofalchiisa. Alaabaa Jaallatanii , abbaa Alaabaa sanii jibbuun ykn arrabsuun ykn salphisuuf yaaluun, anaaf, dubbiin dubbii Kaayyoo akka hin taanee naaf dhugeessa. Kana malees, Maqaama dhaaba keessaa ba’anii moggaafachaa, ABO fi hoggana isaa xureessuun, gonkumaa kaayyoo sabichaaf miti. Saamichuma. Wal fonqolchuuma. Oromoo irratti gooftaa ta’uuf yaaluudha. yaadi kiyya gama kanaa hin xumuramnee itti deebina.
  1. Warra jibba Dhaabaa fi Hogganootaaf qaban ilaalchisee:-
Warri kun gonkumaa warra Oromoo keessaa dhalatan hin fakkaatan. Akka gandaatti fi amantiitti wal ijaaranii, waan silaa raawwachuuf hanqataniin of komachuu irra, ABO fi Hoggansaa abaaruun qabsaa’aa of fakkeessu. Gootummaa mirkaneeffachuuf wayyaanee irratti dhagaa tokkolee tan hin darbatiin, dhaabaa fi Hoggana isaa awwaaluuf dhaagaa konkolaataan guru. Bilchinni isaanii dantaa isaanii guuttachuu irratti qofaa xiyyeeffata. Ummati Oromoo illee ilaalcha gara garaa qabaachullee hin kabajaniif. Nuu qofaa isrriidhaa, nu waliin Hoggana kana jibbaa jechuu barbaadu. Akka yaada kiyyatti, Namummaa Oromoo fi ilaalcha Oromoo adda baasee kan hin beeknee, nama natti hin fakkaatu. Kana malees, Hoggana tokkof “jibbayyuu haa qabaannu”, jibba kanaa fi kaayyoo ummataa adda baasuu kan dadhabee akkamiin komee dhageesifachu danda’aa ?.Hoggana tokko qeequun bakka isaa fudhachuuf karaa cirachuuf moo, dhugummaan ummata kanaaf kan hojjatu bakka buusuuf ? Hogganni kun dadhabii qabaatuu irraa bu’aa jechuu fi isin du’uu qabduun dhugummaan Oromummaa irraa kan madduu miti. Warra Umurii guutuu itti of gubee fi warra maakkiyaatoon maraatu wal bira qabuun fayyummaa mitii .qeerroon irra deddeebi’ee opdo kan akeekkachiisuuf, dhala Oromoo tokko ajjeesuun waan harkisee dhufu irraa of eeggachuufii. Wayyaaneefis du’aa hawwaa, warra nuuf jedhee jiruu isaanii itti gubeen du’aa hawwuun ulaagaa kamiinuu fudhatama hin qabu. Eenyummaa ofii ibsachuu yoo hin ta’iin.dhala Oromoo ta’ee Hogganoota dhaaba walabaa kamiyyuu ta’uu miidiyaa irratti kan arrabsuu fi salphisuu barbaaduu , gama kiyyaan waan irraa fudhu hin qabu. Kun dadhabiina guddaadhaa. Bilchina dhabudhaa. Gonkumaa miidiyaa irraan nama abaaraniif, tarrisanii katabanii salphisaniif, gootummaa hin taatu. Gootummaa kan taatu, yoo beekumsaa fi dandeettii ofii hojiin argisisanii ABO caalaa dhageetti horachuudhaa. Kana qofaadhaa Ummatummaa ofii kan ibsu. Wayyaanee jibbineef furmaata hin ta’uu. Wayyaanee kuffisuu danda’uu keenyaadhaa furmaati. Yoo kana hin ta’iin callisuu wayya. Amma namaa hin geessuu …….cabsa namaaf hin teessuu isa jedhan sana ta’uudhaa.
Warri jibba qaban kun gonkumaa Oromoof yaadanii miti. Jibbii dantaa ofii keessaa dhabuu fi waan barbaadan dhabanii fi deeffachuu yoo dhaban, akkuma dhagaa taa’anii jibbaa hafuudhaa. Kun golgaa dadhabiina ofiitii. Wayyaaneen dhaabuma hudhee ishee qabee jiruun, jibbee jettee beektii ?maqaa itti baasuun jira. Shororkeessaa kkf .kana kan hin jenneef dubbiin deemee deemee eenyu harka ishee akka buusuu waan beektuuf hin jettu. Waan jibban maa itti deebi’an ?keenya garuu jibbee jedhee baatii sadii booda…..waamicha baayyisa. Durumaan maaf hin yaadinee ? Ummata qabsoofnaaf jedhan yoo xiqqaatee hegaree saba kanaa waggaa 30 – 50 yaadaa yoo hin hojjatiin, kan gannaqan deebisanii funaanuu taatii mitii ?jibbii eessaanu nama hin ga’uu. Halgaaf soqolachaa kan ofii akkas jibbuuf yaaluunis qaaniidhaa. Kanarrattis gara duubaatti ittin deebi’aa.
Yaada walii galaa hubannoo Namaaf kennaan !!
Korri sabaa maalii ?maaliif hanga har’aatti hin gaggeeffamiin ture ? Kora sabaa kana irratti eenyufaatu qooda fudhata ?eenyyutu irratti hirmaachuuf mirga guutu itti qabaa ?Korri sabaa gaggeeffamee ka eenyuuti ?seera qabamoo hin qabu ?akkamitti itti qophaa’amaa ? eenyuutuu qopheessaa ? eenyuutu gaggeessa ?Kora sabaa gaggeeffachuuf maaltu qophaa’aa ?yeroo akkamii gaggeeffama ?Hogganni akkamiin filama ? Miseensoota Gumii sabaa eenyyutu filata ?shanacha Gumii sabaa ykn Koree Hojii raawwachiiftuu eenyutu filata ? quba wal qabsiifnee adeemsa, hinaaftootaa fi jibbaaf umamanii dhaabnaa . kutaa 2ffaan itti fufa.
HORAA BULAA !!!!!

No comments:

Post a Comment