Onkoloolessa 25, 2018 | Berhanu Hundee irraa
Akkuma hunduu beeku, jijjiirama har’a biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti argameef hundeen sochii uummata Oromoo fi addatti immoo Qeerroo Oromoo ti. Kana jechuun abbaan qabsichaas ta’e kan injifannoo silaa uummatuma Oromoo ti jechuu dha. Injifannoo booda hunduu nagaa fi gammachuudhaan jiraachuuf jedhameeti qabsoo hadhooftuun kan godhamu. Kan nama gaddisiisu garuu, injifannoo sochiin uummata Oromoo argamsiisetti har’a hunduu ittiin bashannanaa yeroo jiranitti, uummata Oromoorraa garuu ajjechaan hin dhaabbanne. Kuni maaliif ta’e?
Sochiin uummata Oromoo kan Qeerroon durfame, sirna Abbaa Irree Wayyaanee caccabsee, laaffisee, isaanis Maqaleetti galchee kunoo har’a jijjiirama argamsiisee jira. Humnootni hunduu kan uummata Oromootiif qabsaa’anis ta’ee kan farra-QBO ta’an hunduu biyyatti galanii akka barbaadanitti asii fi achi deemaa jiru. Waan barbaadan godhaa jiru; akka barbaadanitti dubbachaa jiru. Uummata kana galateeffachuun isaanirra osoo jiruu; Oromoo diina godhatanii shira irratti hojjechaas jiru. Kuni ta’aa osoo jiruu gama biraatiin ajjeechaan ilmaan Oromoorra gahu ittifufee jira.
Mee laalaa, yaadadhaa erguma jijjiiramni kun dhufee asi waan ta’aa jiru. Daangaa Sumaaleerratti lubbuun ilmaan Oromoo meeqa akka baala mukaa harca’aa ture. Miliyoonni qayee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii har’alle rakkachaa jiru. Erga Abdii Illee too’annaa jala seenee as haalli baha fi kibba bahaa Oromiyaa jiru xinnoo waan tasgabbaaye fakkaatullee, haalli walfakkaataan lixa (dhiha) Oromiyaatti uumamee; lubbuun lammiilee keenyaa meeqatu galaafatame? Uummata keenya meeqatu ammas qayee fi qabeenya isaaiirraa buqqa’an?
Akka waan kun hiree daangaa Oromiyaa fi hiree uummata kanaa ta’etti, kunoo uummatni Oromoo Raayyaa keessattis ajjeefamaa jiru. Gama tokkoon biyyattiin tun tasgabboofte; badiirraa dandamatte; jijjiiramnis lafa qabachaa jira fi kkf haasa’amaa jiru. Mootummaan Itoophiyaa kan Dr Abiyyiin hogganamu biyyattii tana bira dabree naannoo Gaanfa Aafrikaatiifuu wabii dha jedhamee dubbatamas. Biyya keessatti uummatni Oromoo ajjeefamaa yeroo jirutti Baha Aafrikaatiif yaaduun ykn waayee kana afarsuun hiikni isaa maali?
Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta’ee kan Federaalaa dhugumatti humna nagaa, nageenya fi tasgabbii eegsisuu danda’anii hin qabanii? Seer-dhablummaan akkamitti too’atamuu dadhaba? Nagaa, nageenyi fi tasgabbiin uummataa akkamitti eegamuu dadhaba? Maaliif yeroo hundaa bakkee hundattuu Oromoon xiyyeeffannaa keessa gala? Maaliif uummata kanarratti badiin godhama? Kan hanga har’aatti daangaalee Oromiyaarratti godhamaa turani fi jiran kun boru akka handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti hin godhamne wabii maaltu jira?
Humnootin (diinotni) sirna kana keessa turani fi jiran akkanatti dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa yeroo jiranitti; diinotni biroo gochaa walfakkaataa nurratti hijjechuuf jala qophaayaa jiru. Isan kana hubannee jirraa? Boru maal ta’uuf akka deemnu itti yaadnee jirraa? Badii nutti aggaamamaa jiru kana ofirraa qolachuuf itti qophoofnees jirraa? Humna Oromootu tilmaama keessa galchinee jirraa? Baay’ina keenya himachaatuma isa kanaan dhaadachaa jirra moo; human baay’ina kanaaf madaalu ijaaraa jirra? Yeroo diinni lafa jalaan of ijaaraa fi human isaa cimsaa jiru, Oromoon akkas godhaa jiraa? Uummatni keenya hangam ijaaramee jira? Humni Oromoo hangam cimaa fi abdachiisaa dha?
Oromoo, xiqqaa guddaan, beekaa fi wallaalaan; Oromoon kaabaa fi kibbaa; kan bahaa fi lixaa kan baadiyyaa fi magaalaa; kan keessaa fi alaa; jaarmayootni Oromoo kan uummata kanaaf dhaabbanna jettan hunduu; MNO fi kan Federaalaa walumaagalatti namtokkees ta’ee gamtaadhaan haala keessa jirru hubadhaa. Kan dabrerraa baradhaa; kan amma ta’aa jiru laalaa; kan nutti dhufuuf as deemaa jirus alaalatti arguu danda’aa. Hunda dura nagaa fi nageenyi uummata Oromoo akka eegaman waan danda’amu hundaa godhuun dirqama Oromummaa ti; yeroon isaas amma. Dhimmi uummata keenyaa kan yeroon kennamuufii miti. Kun dhimma hatattamaan furmaata argachuu qabuu dha.
Ulfaadhaa
No comments:
Post a Comment