Pages

"Rakkoon saba keenyaa fala kan argaatu Gaaffiin bu'uuraa saba Oromoo deebii yoo argaateedha malee kabeebsaa jijjiirraa jedhuun mitii." --- Ittiin galaa fi Qajeelfaama Labsii Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Fulbaana 18, 2019 | Ittiin galaa fi Qajeelfaama Labsii Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Uummaanni oromoo gaaffii mirgaa hiree murteeffaannaa qabsoo isaan gaafataa turee keessaatti hanga amma irraa deddeebiin qabsoon isaa hataamaa gufaataa fi daddaaqamaa har'aa gahee. wareegama qaalii abbaa biyyuummaaf oromoon gamtaan kaffaalaa turee cinaatti gataanii dantaa diinoota inniikaa oromoo kan seenaa keessaatti waggaa 900 oliif oromoon ittiin wal waraanaa turee tiksuuf aarsaa oromoon abbaa biyyuummaaf kaffaale gatii dhabsiisuun jabaatee itti fufee jiraa. kanaafuu yeroon keessa jirruu kun yeroo diinoonni Oromoo rogaa maraan shaanfoo qaraataa jiraan waan taheef nuus diina keenya akka gaariitti ofirraa dinniinuuf akkasumaas adaabuuf ol jechuun dirqaama tahee mul'aatee jiraa.
Rakkoon Oromoo rakkoo bu'uuraa waan taheef warraaqsa hundee qabeessa hunda hirmaachiisuu daanda'uun malee jijjiiraama kabeebsa murna gabroomsaa keessaa bahee of baraaneessen akka hin taane akkasumas impaayera nafxanyaan akka ishiif tahuutti boccee keessaatti akka hin taane qajeelloon hubaachuu nu feesiisa. kana hubaachuun roorriifaamni fi ajjeechaan, saamiichi fi hacuuccaan saba keenya irraa gahaa jiruu kan furmaata waaraa argaachuu danda'uu yoo uummaanni Oromoo fedhii isaatiin biyyaa isaaf taatu ijaarraate ykn saboota waliif galuu danda'uun gamtaan jiraate qofa tahuu hubannee falmaa hadhaawaa gaggeessinee qabsoo keenyatti xumuura gochuun dirqaama. Biyya kanaa keessatti diinni sabaa Oromoo innii guddaa fi hangaafaa eenyu akka tahee wallaaluu irraa kan kahee ykn beekaanitumaa qaamni biyya bulchiina ofiin jedhu beekes haa tahuu osoo hin beekiin diinoota Oromoo waliin gaa'ila irra deeddebiin yeroo rawwaatan argaa jirraa. kanaas oromoon diina keenya adda qoodnee diina fooyyee qabuuf hamaa jennee tokko hammeessinee tokkoommoo laaffisnee dhaadheessuun dhumarraatti gatii nu baasiisa. kanaafuu qabsoo goonu keessatti diinni keenya jabaan nafxanyaa tahuyyuu seenaa keessaatti kan dabarsee nafxanyaatti nu kennee gantuu waan taheef qaama biyyaan bulchaa ofiin jettuu, kan ADWUI(ODP)fi nafxanyaas ijuuma tokkoon ilaaluun falmaa keenya itti fufnaa. warrii lamaanuu garaagarummaa hin qabaan. kanaaf murnii caasaa hawaasa uummaata Oromoo hundiiyyuu gahee keenya bahaachuun dirqaama.
Daldalaa fi Qonnaan bulaa!
Gidduu gallii siyaasaaf diinagdee biyya keenya oromiyaafis impaayera itoophyaa akkasumas gaanfa Afrikaaf handhuura kan taate finfinneen buufaata diinoota keenyaa tahuun shirrii hacuuccaa booddessaa fi diigumsaa Oromoo irraatti xaxaamuu achii maddaa. akkasumaas finfinneen qaama Oromoo oromummaa fi gaaffii saba Oromoo waan taateef karaa danda'amu hundaan harkaa kennachiisun keenya fi kan keenya gochuun dirqaama oromummaati. kanaafis waanti godhamuu qabu. Oomishnii qonnaan bulaa kallaattiinis tahee al kallaattiin akka Finfinnee hin seenne dhorkuuf dhorkisiisuun dirqaama qaama hundaati. kana irraatti qonnaan bulaanis daldalaanis gaafatama bahaachuun dirqaama isaaniiti. uummaata hiraarsaa oomiisha faarsaa jiruu. kanas kanuuma keenya nyaatanii nu ajjeesaa jiruu waan taheef, kana irraa kutuun agaabsuun diina harka kennaachiisuu qabna. Daldalaanis kuusaa oomisha bitee jiruu baasee gurguuruu irraa of qusaatuun habaashoota xaafii fi qamaadii keenya irraa kutuun harka kennaachiisuu qabna.
Hojjataa mootummaa fi Tajaajiltoota Hawaasaa!
Biyya keenya keessatti waajirri mootummaa hundiyyuu kan banaa ooluuf ajaandaa siyaasaa gaggeessuuf malee akka oguummaa ittiin baraataniin uummaata tajaajiluuf mitii. hojjaattoonis yoo tahaan gaafatamni isaanii uummaata isaan barsiisee bakka isaan buufateef osoo hin taane murna biyya bulchuun dhiibaamanii dibbee mootummaa dhaanuuf dirqaaman. kanaaf hojjataan mootummaa dibbee mootummaa tahee ajandaa mootummaa oofurra hojii dhaabuun qabsoo sabaatti makaamuun finciila hiree oromoo finiinsuun dirqaama isaaniiti. Akkasumas taajiijillii hawaasaa kennamuus ajandaa siyaasaa mootummaa dhaadhesuuf malee haqaan uummaata tajaajilaa hin jiraan. inumaayyuu mootummaan biyyii nagaa qabdii jedhee ittiin of dhadheessaa jiraa malee rakkoon uummaata keenyaa tokkoollee furaamaa waan hin jirreef waajiirri mootummaa fi hojjataan mootummaa hojii ni dhaabu.
Caasaa Nageenyaa fi Poolisii Oromiyaa!
Qaamonni walabaa siyaasaa kamiifiyyuu osoo humna hin tahiin nageenya uummataa eeguu qabaan keessaa tokko poolisii turee. kunii garuu faallaa tahee poolisiin eegduu teessoo mootummaa abbaa irree tahuun murna akeeka badii mootummaa Itoophiyaa faalleessan hunda jumlaan hidhaa, ajjeesaa, daraaraa fi mankaraarsaa jiraa. Kanaafuu Poolisiin fi waajjiirri poolisii hojii hojjaatuuf gaafatama fudhaatuun gochaa oguummaa isaanii faalleessuu kan uummaata miidhu irraa of qusaatuun uummaataa waliin falmaa hadhaawaa akka taasiisaan jennaa. kana yoo hin taane tahee aggaammii mootummaan isaan ajaaju kan rawwaatan tahee. taatee hamtuu hidhaattoota Suudaan Milishaa joonjuwayidi muudate akka isaan muudaatu hubaachuu qabuu. Kanaaf poolisiin nageenya eegsiisuu malee falmaa dhorkuu, hiriira bittiimsuu fi hiriirtoota hidhuu itti fufaa taanan adaabbii dhumaatiin akka adaabamu beekuu qaba.
Abbootii Qabeenyaa!
Abboonni qabeenyaa sabaan Oromoo tahaan yeroo hedduu dantaa isaaniif jechaa qabsoo Oromoo fuuldura dhaabbachuun diinaaf irree yeroo tahaan ifuumaan ifaatti ni beekna. kuniis jaalataniis tahuu baatu nageenyaan daldalatanii argaachuuf mootummaa akka wabeettii qabaachuuf akka godhaan nuuf galaa. tahuus danuun isaanii itti yaadanii qabsoo dhiigaan as geesse kana quucaarsaa akka jiraanis inuuma argiina. kanaafiyyuu gochaa kana irraa dhaabachuun qabsoo kanaatti humna horuuf geejjiba isaanii dhaabuu, daaldala isaanii dhaabuu, konkolaattotaa fi qabeenyi keessaan akka hin sochoone taasisuun nu faana hiriiruun dirqaama keessaani.
Hojjaattoota warshaa fi dafqaan bultoota hojii humnaa hojjaattaniif.
Qabsoo sabni Oromoo itti dhiigaa dhangala'ee asiin gaheen biyyaa diigaamuuf afaan qileerra geesse badii oolchiinee, kabajaan murna ergaamtuu ergaa keessaa baasnee tarree kabaajamtootaa isaan dhaabnee har'aas garuu nutii cunqursaa fi hacuuccaa kalee sanaa jalaa hin baane. Akkasumaas biyyaa nuti dhiiga keenyaan kabajaa itti horreetti diinni kalee ciisaa ture har'aa ol bahee yeroo nurraa geeraaru argaa jirraa. kanaaf nutii har'aas akkuuma kalee jijjiiraamni jiraa jedhamuu waan hin jirreef nutii har'aas akkuuma kalee labsaa hojii dhaabuu kana fudhaachuun qabsoo finiinsuun amma. Gama biraatiin ammoo warshaan biyyaa keenya keessa jiruu hundiyyuu kan lammiilee alaa hidhaataa dantaa fi siyaasaa mootummaa Itoophiyaa waliin qabaaniidha. Kana malees asii humna dargaaggoo keenyaa gatii bushaan itti fayyadamanii saamicha humnaa nurraatti gaggeessaniin osoo nuuf gaafatamuu qabaanii waan kabajaan hojjaatataniif sagaalee keenya ukkaamsuun biyyii nagaadha jechuun ija Addunyaa duraatti mootummaa shiftaa Itoophiyaaf beekamtii waan kennaaniif hojii dhaabuun adaabbii diinagdee isaan adaabuun dirqiin sagalee keenyaa dhagaahanii akka fudhaatan dirquun dirqaama keenya.
Lammiilee alaa fi Dippiloomaatoota akkasumas embasiiwwan biyyoota biraa.
Isaan kuniis hojii dipplomaasii cinaatti tika tahuun mootummaaf hojjataa jiruu. kanaaf lammiileen alaa bifa fedheeniyyuu biyyaa keenya keessa deeman asii deemanii mootummaa isaanii duraatti biyyii tun nagaa tahuu ragaa bahaa jiruu. kanaafuu adaabbii feesiisu adaabnee akka isaan biyyaa keenya keessa hin sochoone gochuun akka dirqaamaan sagaalee keenya fi miidhaama keenya adduunyaan nuuf gahaan gochuu qabna.
Baruuf barsiisuu(baraataa fi barsiisaan) walqabaatee.
Sirni boodeessaan hacuucaan gittoota warraa astootaa kan haganayyuu nurraa hirdhaate waan Oromoon baraatee gaaffii mirgaa gaafachuu eegaleefiidha. diinni keenyaas kana keessa waan hubaateef dhaloota oromoo ajjeesuuf barattoota Oromoo dirree baruumsaa irraa dhiibaa jiruu. kanaas baraa darbee kan eegaalan yoo tahuu. ammaas maqaa roadmap barnootaa haaraa jedhuun nu ajjeesuuf dhamaatii guddaa gochaa jiruu. kana malees sochii jajjaabaa karaa humnaan akkasumaas amaantiin fayyaadamanii nu balleessuuf jiruu. kunis nafxanyaan biyya ishee keessatti bara 2018/2019 waggaa odoo hin guutin naqa sadii barattoota Oromoo qofaatti adda footee salphiste, ni reebde, ni hiite, ni hiraarsite, ni ajjeefte. Qabsoo barataa Oromoos qilee buusuuf yaalaa turtee. Kan jalqabaa Wayyaaneetti maxxansinee dhiifamaan dabarre, Kan lammataas akkanuma mootummaatti maxxansinee dhiifamaan dabarre, Isa sadaffaas afaanumaan wacnee callisne. Garuu gadhummaa fi dabeessummaa dha. Barataan keenya waliin hiriirraan wanti isa dhaabu hin jiru; kana qabatamaan yaroo kamuu agarsiisaa turree. Bara kanaas qabxii kutaa 12ffaan walqabaatee arraabsoo fi tuffii garaagaraa nuuf qabaan nutti agaarsiisaa jiruu. Ammaan booda callisuun tasumaa sababas tahe dhiifama hin qabaatu. Bara kanaas waanti jijjiiraame hin jiruu ijoolleen keenya habaashoota akka argiinuutti biyyuuma keenyarraatti nu balaaleeffatan waliin university tokko baraachuuf taa'aa jirraa. kunii guutumaan guutuutti jijjiiramuu qaba.
  1. Gaaffiin keenya kanaan wal qabaatee jiruu:-Qabxiin baraattoota kutaa 12ffaa hanga bifaa madaalawaa taheen hin sirraanneetti, barataan Oromoo tokkoollee naannoo biraa deeme baraatuu hin jiruu.
  2. Barataan tokkoollee saba kamillee haa tahuu university oromiyaa keessa jiruu keessaatti baraatuus hin jiruu.
  3. Uniiversitii Oromiyaa kamillee gaaffiin keenya gaaffii isaanii waan taheef kana deeggaaranii hojii dhaabuun waan fardiiti. Dhimmaa manneen barnoota gad hafaaniin wal qabaatee waantii jiruu
Hanga gaaffiin sabaa hin deebineetti barumsa qulqulluun ni argaama jennee hin amaannuu. sabaabni immoo maddii diimokiraasii ammaayyaa fi gaaffii mirgaa jaarraa 21ffaa baruumsaadha. kanaafuu qaama baraate irraatti roorrisuun mataan isaa tuffii waan taheef sirnii baruuf barsiisuu ni dhaabbaata. Sabaabni quubsaan gaaffiin barsiisoonni waggaa dheeraaf gaafataa turaaniif waadaan isaaniif galaame deebihuun hafee Oromoon akka sabaattis dhiitamaa jiraa waan taheef rakkoo kana keessaa saba Oromoo baasuuf dirqaama mormii agaarsiisuun akka.
Dargaaggoo dhiibbaadhaan maqaa hojii dhabdummaan waltajjii diinagdee hawaasummaa fi potolikaa biyyaattii keessaa dhiibuudhaan miira biyyuummaa fi lammuummaa odoo itti hin dhagaahamiin mootummaan kun yoo xiqqaate dargaaggoota Oromoo 500,000 ol tooftaadhaan biyyaa isaanii keessaa gidaansiisaa jiraa. dargaaggoonni asii biyyaa keessaa akkanaan akka biyyaa baafamaan taasiifaaman kun ilmaan Oromoo qe'eefii qabeenya isaanii alagaan irraa saameedha malee saba biraa mitii. Kuniis bu'aa siyaasaa karaa lamaan argaamuuf yoo tahuu kan jalqaabaa :-
  • Humnaa ilmaan Oromoo rakaasaan gurguraachuun akka maddaa galii fi diinagdee (doolaaratti) akkasumaas waliitti dhufeenya biyyoota sanaa waliin qabaan ittiin jabeeffatanii. sagaalee bilisummaaf saboonnii watwaatan ittiin uukkaamsuufidha.
  • Kan lammaaffaan carraan hojii isiinif banameera hanga kana isiniif hojjaannee jedhaanii (Akaafaa irraa mankaan kennaa) siyaasa ittiin bareeffachuufi. Kunis ilmaan Oromoo miira oromummaa keessaatti ajjeesanii hawwii booddessitoota ilmaan atsootaa galmaan gahuuf amaanaa ODPn amaara irraa fudhaatte galmaan gahuuf shiraa hojjaatamaa jiruudha. Kanaas hubaachuun nutii osoo biyyii keenyayyuu nurraa haftee saboota biraaf madda galii taatee osoo jirtuu ilmaan Oromoo biyyaa baasuun shira dhokaataa of keessaa kan qabuu waan taheef, biyya keenya Oromiyaa keessaatti dursii carraa hojii jalqabarraatti Oromoof hanga kennaamuutti biyyaa keenya Oromiyaa keessaatti eenyuus tahee eenyu dalagaa kamiyyuu akka hin dalaagamne hubaachiisna.
Qabxiin itti aanu mootummaan kun uummaata keenya hacuucaa dhiitaa mirgaa sarbaa namuummaa nu mulqee manaa waliin nu gubaa, afaaniin ija addunyaa duraatti nagaa labsuun ittiin beekamtii argaachaa jiruu. Baruumsii nutii osoo haleelamnuu baraataa jiruu kun mootummaa kanaaf beekamtii waan kenneef rakkoo Oromoo Adduunyaan akka argiituuf waggaa tokko aarsaa gochuun dirqaama. Akka fkn 1987, 1988, 1989 keessa manneen barnoota garaagaraa baruumsa malee turaan sabaaba roorroon hammaatteef.
Gama siyaasaatiin bara haaraa habashaa kana irraatti akkuuma argiine kabaaja ayyaanaa irreechaa Finfinnee fi Bushooftuu irraattis Ajaandaa siyaasaa isaanii gaggeeffachuuf jiruu. Kanaas gamtaan dura dhaabbaannee fashaalsuu qabna. Irreechi Finfinnees kan nuuf heyyaamameef qabsoo keenya ittiin ukkaamsuufi malee irreechi lafa goggoogaa iddoo malkaan hin jirreetti gaggeeffaamu hin jiruu. Nutis carraa kanaatti fayyaadamuun irreecha irraatti :-
  1. Alaabaa keenya Diimaa magaariisa diimaa qabaannee argaamna.
  2. Waan fayyaadamnu Oromoo qofarraa bitaanna (maddaa daldalaa ormaa akka hin taaneef saba biraa achiitti daldaluu dhuftee irraa fuudhanii tola uummataaf hiruu)
  3. Baanaroota afaan Oromoon hojjaachiisuun suuraa gootoota fi ajajoota WBO hojjaachiisnee argaamuu.
  4. Mormii mootummaa gabroomsaaf qabnu gamtaan itti agaarsiisuu qabna.
  5. Oromiyaan Biyyaa keenya kan jedhuu baanara guddaa hojjaachiisuun argaamnee biyyii keenya Oromiyaa tahuu qaama irraacharraatti argaamu hundaayyuu agaarsiisuu qabna.
  6. WBOn waraana keenya gaachana keenya kan jedhuu dhaadannoo dhageessifatuu qabna.
Seenaa keessaatti qabsoo bilisummaa isaatiif kan akka saba Oromoo aarsaa kaffaalee fi qabsoo taasiise hin jiruu. Kanaanis qabsoo keenya keessaatti marroo hedduuf injifannoon dhuftee balbalarra geessee sabaaboota garaagaraaf kallaattii hin malleetti yeroo deemu argaa turree. diinni keenya warraaqsa milkii argaamsiise hatee deebisee dantaa isaatiif kan olfaatuuf sabaaba nutii gaaffii bu'uuraa dhiisnee gaaffii yeroo (consquence cause) irraatti xiyyeeffaannuuf waan taheef gaaffiin bu'uuraa saba Oromoo hiree murteeffaannaa tahuu hubaachuun sabani Oromoo walfaana waamicha kanaaf akka owwaattaan isiinin jennaa. Qajeelfaama fi waamiicha asiin olii kana kan qindeessineef akkuuma kalee gaaffii Oromoo moggaatti dhiibuun tahee jedhaanii waan nu ugguuraa jiraaniif humna keenya kan isaaniyyuu aangoo ittiin qabaatan sanaan har'aas gaaffiin Oromoo akka bakka argaatuufi. Kana malees hacuuccaa fi cunqursaa akkasumaas balfamaa kan ofirraa ittisuu dandeenyu qabsoo finiinsinuun malee tolaa ciisnee akka hin taane waan beeknuuf qabsoo kana galmaan gahuun dirqaama tahee waan argaameefiidha.
Fulbaana 18/2019
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Injifannoon uummaata Oromoof.
Finfinnee, Oromiyaa

No comments:

Post a Comment