Pages

OLF Info Desk on Current Affairs

Oromiyaa Irraa Alagoota Harka Fudhachiisuuf Qabsoo Bifa Hundaa Finiinsuun Gaaffii Yeroo ti 

Infoo Deeskii ABO
Fulbaana 3, 2012

Mootummaan Wayyaanee bittaa abbaa irrummaa waggoota 21n dabraniitiin Oromoo fi saboota wal fakkaatoo dhiigsaa yoona gahuun ifaa dha. Tarsiimoo bittaa gara jabinaa kana wixinuu irraa qabee hanga hojii irra oolchuu keessatti hangafummaan kan yakkamu Guddaan Wayyaanotaa ammoo Mallas Zeenaawii ture. Waaéen tarkaanfii cubbamaa sirnichaan fudhatamuu yeroo eeramu hundumaa maqaan Mallas Zeenaawii osoo hin dhawamin wayta hafe hin qabu. Dhaabonni mormituu, dhaabonni mirga namoomaa fi mootummoonni alaa kan akkaataan bulchiinsa sirna kanaa isaan yaaddessu hundi maqaa Mallas Zeenaawii dhawanii osoo hin yakkin dabranii hin beekani.
Mallas Zeenaawii hará du’eera. Kana boodas deebiúuf hin jiru. Cubbuun ummatoota irratti raawáte safara irra dabree guutee waan dhangalaéef fakkaata, murtii uumaa argatee gatiittii ummatoota madeessaa fi dhiigsaa jiraatee irraa buée akka lamuu hin deebinetti deemeera. Sirni inni shira isaa dhaalchisee gad dhaabe garuu ammas bakkuma jira. Sirni tooftaa bittaa cubbamaatiin bara baraan dhiiga ummatootaa dhugaa jiraachuu barbaadu kun duá Mallas akka tasaa kana irraa rifatee dhaabbatee of gamaaggamuuf hireen dhalateera. Hiree kanatti garuu dhimma bahee of gamaaggamuuf ammatti waan fedhii qabu hin fakkaatu. Tarsiimoo fi tooftaa shiraa kan gooftaan isaa isa dhaalchisee kute akkuma jirutti dhaalee itti fufuuf dhaadachaa jira. Kun ammoo ekeraan Mallasaa bakkuma ciisettuu akka hin boqonne taasisuu irraa kan hafe umrii aangoo sirnichaa dheeressuu hin dandaú. Wayyaanonni ekeraan gooftaa isaanii guddaa kanaa akka boqotu yoo barbaadan badii Mallasaan bara jireenya isaa raawáte sirreessuuf onnee horachuu qabani.
Amma duá Mallasaatti aanee maal tu dhufuu jira laata kan jedhu gaaffii namoota hedduu ti. Ummatoonni cunqurfamoon akka Oromoo faá tarii duá Mallas booda bilisummaan cabsataan dhufuu malti jedhanii abdii horachuunis hin haalamu. Wanni hubatamuu qabu garuu, akkuma ummatoonni cunqurfamoon hiree dhalatu akkasii keessatti ifa bilisummaatti bahuuf hawwan hunda, cunqursitoonnis hiree akkasii kanatti dhimma bahanii aangoo irra olii qabachuudhaan sirna bittaa abbaa irrummaa gad jabeessuuf kan rafanii hin bulle tahuu isaanii ti. Duá Mallasaatti fufee wanni ifaa fi dhoksaatti mulátaa jirus kanuma.
Yeroo ammaa yoo xiqqaate lola siyaasaa bifa sadii tu deemaa jira. Inni duraa, sirnuma Wayyaanee mataa isaa keessatti wal gaarreffannaa fi wal morkii bakka Mallas dhaaluuf taasifamaa jiruu dha. Lolli lammaffaan lola humnoota mormituu aangoo irraa buánitti deebiúuf hihiixachaa jiranii fi TPLF gidduutti kan deemaa jiruu dha. Kan sadaffaa ammoo qabsoo ummatoonni cunqurfamoon akka Oromoo faá humnoota lamaanuu of irraa faccisanii biyya ofii irratti abbaa tahuuf geggeessaa jiranii dha.
Wal dorgoommiin aangoo Mallasaa dhaaluuf TPLF keessatti taasifamaa jiru dhoowee ifatti bahuu irraa fagoo kan jiru hin fakkaatu. Wal morkii aangoo qondaalota TPLF kana kan itti dhiheenyatti hordofaa jiran warri ANDM (Bihere Amaaraa Demokraasiyaawii Niqinnaaqee) jedhamus hiree jirtu gama ofiitti deebisuuf tattaafachaa jiru. Jarri kun lameenuu wayta akkasii kanatti OPDOn akka isaanitti dhihaatu hin eehamani. OPDOn Oromoo wayyaba guddaa kana bakka buúu himachuun, saboota lamaan caalaa barcuma muummicha ministeerummaa fudhachuuf kan mirga kennisiiuuf tahu illee, mirga qaban kana kabajsiifachuuf yoo ifatti bahanii falman mulátanii hin beekani. OPDOn kana akka hin goone Koree Gidduu fi Koree Hojii Raawáchiiftuu isaa ilmaan Nafxanyaa (Amaraa fi Tigraay) kanneen mirga Oromoo dura dhaabbataniin duruu guutanii ittiin tohataa jiru. Ilmaan Nafxanyaa kunniin dhaabota isaanii ABUT fi ANDM dhunfaatti qabachaa OPDOs akka dabalataatti harka itti naqatanii tohachuutti jiru. Warri OPDO keessaa dhiiga Oromummaa qaban mirga bakka muummicha ministeerummaa fudhachuuf qaban beekanii falmachuun haa turuutii, baayéen isaanii yeroo ammaa kana gola Wayyaanee keessatti maal tu akka deemaa jiruyyuu kan dhiheenyatti quba qaban hin fakkaatu. OPDOn kan barbaadamu humnoota Kaabaa wal morkan keessaa abbaan irra aane eega gahee barcuma aangoo qabatee booda abbaa aangoo qabate san ergamtummaadhaan akka tajaajiluuf qofa.
Gama biraan,akka heerri ajajutti bakka muummicha ministeeraa dhaaluuf kan mirgii fi dirqamni kennameef Afyaa’ii Abadula Gammadaa ykn Itti aanaa Muummcha Ministeeraa Haylamaariyaam Dassaalanyi yoo taheyyuu, hireen namoota kanaa maal tahuuf akka jiru ifaa miti. Dhalootaanis tahee seenaa jireenya isaatiin gonkumaa Wayyaanotaan kan wal hin fakkaanne Hayla Maariyaam Dassaalanyi, miseensota Wayyaanee buleeyyii baayée biratti lafee laagaatti rakkate tahee laalamaa jira. Tarii Hayla Maariyaamiin fagoo irraa harkisee fidee bakka kana kaaúu isaatiin garaa isaaniitti ekeraa Mallas abaaraa jiraachuun Wayyaanotaa hin hafu.
Humnoonni aangoo kaleessaatti deebiúuf boorachaa jiran Wayyaaneen sirna federaalummaa sabummaa diriirsuudhaan tokkummaa Itoophiyaa laaffise, keeyyata hiree murteeffannaa ummatootaa eehamu heera keessatti dabale jechuudhaan anaannatanii boowu. Ummatoonni mirga abbaa biyyummaa sarbaman kan akka Oromoo ammoo heera Wayyaaneen dantaa mataa isaaf jecha waraqaa irratti raggaase irraa gaaffiin isaanii deebii guutuu hin arganne waan taheef wanni heera keessatti barreeffame, keessumattuu mirgi hiree murteeffannaa keeyyata 39ffaa jalatti kaayame, akka guutummaatti hojii irra oolu qabsaawu. Wayyaaneen humnoota ilaalchaan akka bahaa fi dhihaatti wal irraa fagaatan kana gidduutti lafa wayii haadhatee qubate.
Mataan sirnichaa Mallas Zeenaawii gaaffii ummatoonni akka Oromoo gama tokkoon kaasanii fi gaaffii leellistootni sirna durii gama kanaaniin kaasan kan wali irraa adda qabee bara baraan aangoo irra jiraatuu dandaú EPRDF qofa jedhee of amansiise. Akka humna araarsituutti of moggaasee ummatoota biyya keessaa fi hawaasa addunyaa ittiin gowwoomfachuuf imaammata haxxummaa wixinatee raggaafate. Yoo sirni EPRDF hin jiru tahe biyyattiin guyyaa lama hin bultu jechuun ummatoota sodaachisee of jalatti bulchuu, akkasumas, Itoophiyaa kabaabsee jiraachisuu fi dantaa warra Dhihaa kan tiksuu dandaú isa qofa akka tahetti itti agarsiise. Kanaanis “mataa biyyaa qaroo fi fageessee-yaadaa” jedhamuun maqaa itti bitate. Gaaffiin ummatooti cunqurfamoo gama tokkoon kaasanii fi kan abjoottonni sirna duraanii gama biraan kaasan salphaatti kan wal hin araaramne tahuun, akka Wayyaaneen waggoota 21 guutuu aangoo irra jiraatuu fi borus bifuma kanaan bara dheeraaf aangoo qabatee itti fufuu hawwu onnee dabaleef.
Tooftaa kabeebsaa kanaan tokkummaa impaayerattii bara baraan jiraachisuun garuu akka hin dandaámne Mallas Zeenaawii ni hubata ture. Imaammata haxxummaa kana hojii irra oolchuu keessatti dogoggorri xiqqoon takka akka dubbii balleessuu dandeessu waan beekuuf jechas, caasaa bulchiinsa isaa hundumaa irratti maqumaaf itti gaafatamtoota haa moggaasu malee, caasaa cabsataa kan mataa isaatiin ofumaa itti seenee raawáchiisuu fi toyachuu filate. Kanaafuu taligaa nama tokkichaatu waggoota 21f mootummaa EPRDF jiraachise jechuu tu dandaáma.
Dhugaalee olitti eeraman kana xiinxaluun, maaltu nurraa eegama gaaffii jedhu deebisuuf gargaara. Ummanni Oromoo maal akka barbaadu beekamaa dha. Mirgi hiree murteeffannaa isaa ifaan ifatti hojii irra oollaan biyya isaa Oromiyaa irratti abbaa tahuu barbaada. Mirgoota siyaasaa, dinagdee, afaanii fi aadaa oláantummaa humna alagaa kamiiyyuun alatti harkatti galfatee aangoo guutuudhaan ofiin of bulchuu barbaada. Wayta haalli akkasii dhalatutti, diinni gateettii Oromoo irraa buúu didus tahee kan itti deebiúuf booratu kana booda Oromiyaa irraa garaa muratee akka deemu itti himuun qooda ummata Oromoo ti.
Saba keenya biratti kaleessii fi har’i akka tokko hin tahin beekamaa dha. Oromoon hará waan alagaan ana tu siif beeka ittiin jedhu dhagahuuf qophii miti. Waan isaaf tahu ofii isaaf ni beeka. Fedhii isaa murteeffachuuf garuu qawwee harkatti galfatuun qofti akka isa hafe ni hubata. Hará ilmaan isaa miliyoonotatti lakkaawaman hiree barnootaa wayyaa argatanii jiru waan taheef guddina saba isaanii fi qabeenyaa biyya isaaniitti boonu malee warra kaan fakkaatanii buluuf of hin gowwoomsani. Kun garaagarummaa kaleessaa fi hará gidduu jiru isa guddaa tokko. Kun injifannoo qaaalii qabsoo bilisummaa Oromoo dhawaataan deemaa jiruun gonfatamee dha.
Injifannoon kun akka kana booda alagaan kamuu gatiittii Oromoo yaabbachuu hin hawwineef meeshaa akeekkachiiftuu guddaa tahee tajaajiluu qaba. Haala dhalatu kamuu keessatti Oromoon caasaa bulchiinsa Oromiyaa dhuunfatee qaawwaa alagoonni ittiin Oromiyaa cabsuu hawwan hundumaa duuchee abdii kutachiisuu tu irraa eegama. Dhalli Oromoo dhiiga Oromummaa of keessaa qabu kamuu kana irratti xiiqeffataa tahee kaúu qaba. Biyya isaa irratti akka abbaa hin taane humna isa danquu barbaadu kamuu karaa irraa maqsuun gaaffii yeroo ti.
Ilmaan Oromoo OPDO keessa jiranis kana irratti xiiqeffatoo tahanii yeroon itti badii dabreef dhiifama gaafatanii qalbii guutuudhaan qabsoo saba isaanii cinaa hiriiran amma. Dhalli Oromoo Oromummaan dhugaa itti dhagahamu caasaa siyaasaa kamuu keessa haa jiraatuutii, akka Oromootti wal barbaadee tarkaanfii Oromiyaa baraaruu waloon fudhachuuf hiree aanjaa kanatti dhimma bahuu tu irraa eegama. Alagoota Oromiyaa irratti wal daddabruuf kaakkisaa jiran kamuu biyya Oromoo irraa harka fudhachiisuuf qabsoo bifa hundaa finiinsuun gaaffii yeroo ti waan taheef!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Infoo Deeskii ABO

To read the statement in Amharic go to the following link Amharic statement

No comments:

Post a Comment