Barataa Biqilaa Balaay bakka Ciisutti |
Barataa Biqilaa Balaay dhiibbaa mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo irraan geessu argaa bira kan hin dabarre QBO keessatti qooda fudhachaa kan as gahe Fincila diddaa garbummaa bara 2014 dhimma naannawa lafa Finfinnee qabatee dhoheen magaala Amboo keessatti hiriira barattootnii fi Uummatni gamtaan gaafa Ebla 25, 2014 gaggeessan keessatti qooda fudhachuun rasaasa mootummaa wayyaaneedhaan sa’a 12:29 PM irratti mataa rukkutame. Rukkutamees waldhaansaaf gara Hospitaala Xiqur Ambasaa guyyaa sana kan fudhatame yoommuu tahu maallaqa hedduu dhangalaasuudhaanis waldhaansa olaanaa irra ture. Waldhaansi olaanaan taasifamus rukkuttaa bakka hamaa rukkutamee fi waldhaansa taasisfameen qorichi kennamaafii ture mataa isaa keessaa rasaasa baasuuf yaalii godhamaa ture summii itti tahuun gaafa hagayya 11 bara 2014 Addunyaa KANA irraa du’aan boqoteera.
Ajjeefamuu Barataa Biqilaa Balaayii fi ilmaan Oromoo mirga isaanii falmaaf bahan irratti taasifamaa jiru Qeerroon Bilisummaa haalaan balaaleffata. Jaarmayaan Qeerroos Gadda itti dhagahame ibsachaa gumaa Barataa Biqilaa Balaayii fi ilmaan Oromoo mara deebisuuf haala yeroo kamuu olitti kan hojjetu tahuu isaa ibsata.
Maatii Barataa Sabboonaa Oromoo Biqilaa Balaay, Firoottan isaa, Hiriyyootaa fi Jaallan isaaf Qeerroon Bilisummaa jajjabina hawwa. Mootummaan wayyaanee ajjeechaa sukkanneessaa ilmaan oromoo irraan gahus QBO duuba akka hin deebisne ibsina.
Qabsaa’aan ni kufa!
Qabsoon itti fufa!
Qabsoon itti fufa!
Qeerroo Bilisummaa
Hagayya 15, 2014
Hagayya 15, 2014
No comments:
Post a Comment