Waldhaansoon doohaa lolaati, Mammaaksi duudhaa dubbiiti, Jabbileen biifa kormaati, Gaggabni seensa du’aati.Jechoota kana sababa malee miti kan dhimma itti bahe. Maaliif jedhamuun hin oolamu. Deebiin gabaabaadha. Namni of hin fakkaatne nama biraa fakkaachuu hin danda’u. Namni of hin qeeqne nama biraa qeequu hin danda’u. Haalli yeroo ammaa murna yartuun dhimma qabsoo sabaa irratti hundaawamee odeeffamu maal akka fakkaatu kan hin hordofin malee kan hordofee fi quba qabu akka gaaritti beeka.
Namootni qabsoo sabaa irratti namoota bara dheeraaf rakkatan ta’e jedhanii itti bobba’anii maqaa balleessan of fakkaataniiti malee nama biraa fakkaatanii waa jechuu akka hin dandeenye kan hubatan natti hin fakkaatne. Dhimma qabsoo irratti yaada fedhe kennachuu kan danda’u guyyaa tokkoofis yoo ta’e nama itti ifaajee beeku ta’uu qaba. Waldhaansoon namootni dhimma qabsoo hin beekne qabsaawotaan qabuu fedhan tolaaf osoo hin taane lola barbaadaniiti. Oromoon har’a nama waliin lolu hin beekne, kan obboleessa isaan ololuuf dheekkamu yoo jiraate doofaa diinaan ergame qofa.