Fakkeessuun Eessaanuu Nama Hin Geessu!

Caamsaa 15, 2018 | Damee Boruu Irraa

Jalqabaa kaaftee sababni TPLF OPDO bu’ureefattee meeshaa Uummata Oromoo ittiin tiksituu fi tuhattu akeekattee akka tahe nama hundaa jalaa dhokataa miti. Kanaafuu OPDOn dhaaba Oromooti jennee fudhachuuf rakkina nutti taha.  Ilmaan Oromootu mirga Saba Oromoo falmachuu fi kabachiisuuf ijaarate akka hin taane uummata keenyaaf ifa jira.Diinni Uummata Oromoo ijaarsa Uummata Oromof tolu fi hojjetu ijaaree  jennee abdachuun ykn hawwachuun dogongoraa guddaa nutti taha. Diinni dhaaba ijaaree namaa kennu tasa hin jiru. Kanaafuu seenaa OPDO bara dheeraa kana keessatti diinni keenya meeshaa Uummata Oromoo olii fi gadi deebisee ittiin cagadaa jirtu akka taate haala qabatmaan raga mul’atu.

Mormii Har’a Magaalaa Adoolaa Keessatti Geggeessame Irratti Lubbuun Dhabamuu fi Miidhaan Qaamaa Dhaqqabuu Dubbatan Aangawaan Magaalattii fi Jiraattonni

Caamsaa 08, 2018 | VOA Afaan Oromoo


Gujii, aanaalee akka Gooroo Doolaa, Shaakkisoo fi Aannaa Sorraa, magaalaa Adoolaa-wayyuu keessatti hiriirawan mormii geggessamuu isaanii fi magaalaa Adoolaa-Wayyuu keessatti geggeessame gara hookkaraatti jiraattonnii fi aangawoonni VOA-f ibsanii jiran. Mormiin har’aa hiriiran qofa otuu hin taane, gabayaa dhaabuu fi karawwan cufuun ka geggeessame akka turellee dubbbatan.

Godina Gujii Keessatti Uummata Oromoo Mirgaa fi Qabeenya Isaa Falmatu Qe’ee Isaa Irratti Rasaasaan Reebuun Falmii Qabsoo Oromoo Daran Dabala Malee Duubatti Hin Deebisu.

Caamsaa 08, 2018 | Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Finfinnee Oromiyaa

Ummanni Oromoo gaaffii mirgaa fi qabeenyaa dhimma albuuda MEDROC walqabsiisee gaafate, deebii wal rukutaa deebisaa kan jiran mornoonni Wayyaanee, Saamichi albuuda MEDROC faalama qilleensaa fi bishaaniin uummata Oromoo naannoo san jiraatanii fi beeleda qabeenya uummataa irraan gahe dhiibbaa fafa ta’uun dhibee adda addaa fi naafachuu garaagaraaf akka saaxilee jiru gartuun Wayyaanotaan bobbaafaman, jaarmiyaan waraanaa uummata nagaa hiriira bahee miidhaa isaa himatuu fi karaa nagaa mirga isaa gaafatu irratti dhukaasuun dhiiga uummataa dhangaalaa jiru. Dabalataan jaarmiyaan ololaa Wayyaanee TPLF kan ta’e OPDOn uummata afaanfajjeessuuf gaaffiin uummataa sirrii ta’uu afaaniin kan dubbatan, akkasumas gaafficha kallattiin deebii itti kennuun ummataaf furmaata argamsiisuu irra obsaa ni qoranna jechuun yeroo bitatanii uummata nagaa irraan gaaga’ama akka ta’uu fi guyya guyyaan rakkoo dhalate irratti rakkoo biroo geessisaa jiru.

Sabboontota Oromoo Amma Illee Qilinxoo Keessatti Dararamaa Jiran

Caamsaa 09, 2018 | Qeerroo

Ilmaan Oromoo kun ammayyuu Qilinxoo jiru. Iyyamuufii qaba. Kana qofaa miti hedduu maqaan hin waamamne gara hin qaban. Kanneen maqaan hin dhahamiin hafan nuuf eeraa?
___
1. Urgeessaa Daammanaa.
2. Qajeelaa Galaanaa.
3. Habtaamuu Acaaluu.
4. Tokkummaa Mul’isaa.