Gaddaaf gadadoon uummata keenya Oromoo irraa hanga kaafamutti FXG guutuu Oromiyaa makate hindhaabbatu!

Adoolessa 25, 2018 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa keename, Finfinnee, Oromiyaa

Uummata Oromoo waanjoo garbummaa jalaa baasuuf rakkoo gita bittaa habashaan irra gahu jalaa baasuuf qabsoo hadhooftuu gochaa turre ittis jirra.  Qabsoon Qeerroo nagaa gaanfa Afrikaaf abdachiisaa ta’us mootummaan nagaa uummata keenya eeguuf rakkoo saba keenya furee uummata Oromoo irraa dararama kaasuu irratti qabsoorra jira. Har’a araddaa Oromoo wayiita abiddaan gubamee, qabeenyaaf manni uummaata Oromoo gubataa jirutti, rakkoo keenya nuu furuuf tattaafatuurra gaachana uummataa kan ta’e Qeerroo adamsuuf Waraana Bilisummaa Oromoo WBO sakatta’uu kan jedhuun ittuu nageenya uummata Oromoo hammeessaa kan jiru Mootummaan EPRDF rakkoo karaa nagaa furamuuf haasa’ames goolii ofumaa uumuun dhabama gochuurratti karoora ABO balleessuu irratti bobbaa bal’aa taasisuutti fuulleffannoon hojjetaa jira. Uummata nagaa uummata Oromoo manaaf qabeenyasaarraa buqqaasuun hanqatee manaaf qabeenyasaa waliin gubuu irratti mootummaan EPRDF kan fuulleffate, nagaa uummataa eeguurra nagaa caasaa isaa eeguuf karaa dabaa socho’uun mootummaa kan nama gaddisiisu ta’uu Qeerroon hubachiisa.

Ibsa Ejjennoo Qeerroo Dambi Doolloo

Adoolessa 24, 2018 | Qeerroo Dambi Doolloo Irraa

Haala yeroo irratti Waggoota 150 oliif uummatni Oromoo qabsoo sirna cunqursaa fi garbummaa ofirraa finciluuf hanga guyyaa har’aatti aarsaa ulfaataa gumaachaa as gaheera. Ta’us sirni abbaa Irree kun bifaa fi kallattii adda addaan nuurratti jijjiiramaa har’a gahee jira. Keessuma yeroo ammaa Oromiyaa gara Lixaa irratti ajjeechaan, reebichi, saamichii fi arrabsoon gadheen uummata keenya dararaa jira. 
Deddeebiidhaanis reeffa keenya awwaallachaa, madoo keenya suphaa obsa fixannaa keessa seennee jirra. Gocha duguuggaa sanyii nuurratti raawwatamaa jiru kana balaaleffachuuf Uummatni D/Doolloo guyyaa 19/11/2010- 22/11/2010 ykn 26/07/2018-29/07/2018 tti guyyoota 4 (afur) walitti aanan sirna Laguu Gabaa (market boycott) geggeessuuf qophii xumuree jira. Kanaaf aanoleen Godina keenyaa, godinaaleen ollaa keenyaa fi guutummaan oromiyaa deggersa Lubbuu darbu ni mormina jedhuuf akka nu cina hiriirtan waamicha isiniif taasifna.

Far from Ethiopia's capital, change remains a distant dream

July 23, 2018 | By Maggie Fick; HARAR, Ethiopia (Reuters)

Clutching the bloodstained student ID card and post-mortem certificate of his younger brother, Abedir Jamal's elation at the huge changes underway in Ethiopia is tempered by his fear that they won't reach him.

Across the country of 100 million people, Abedir, 25, and legions of unemployed graduates like him are holding their breath, hoping that new Prime Minister Abiy Ahmed will succeed in his sledgehammer approach to dismantling the status quo.

Salphoon Amma Lafa Irra Ejjettu Nama Irra Ejjetti!

Adoolessa 21, 2018 | Damee Boruutin

Namni Saba isaaf qabsawwuu badhaasa argachuuf ykn bilisummaa booda qananiin jiraachuuf miti. Qabsawwan rakkinna, gadadoo, cunqursaa fi hiyumaa saba isaa irratti wal furaa jiru irraa qolachuuf humna, qabaeenyaa fi lubbuu isaa nama  dabrsee kennuuf murateefate dha. Seenaa qabsoo bilisummaa Uuummata Oromoo keessatti gotowwaan Oromoo jiruu fi jireenya isaanii dhiisanii utuu qabsoo saba isanii tarkaanfachiisanii wareegaman kumaatamaan qabna. Kan harka diinaatti kufanii waxxalamaa fi mana hidhaa keessatti bara dheeraa dararmaa turanis hedduu dha.