Kaayyoon fuula kana MAKMAASSA OROMOO wali yaadachiisuu dha
- Sareen gadheen yoo diinni dhufee foon tortore itti darbate ni biriifatti
- Titiisaa jedhanii farsoo hin lagatan
- Manni abbaan gube iyya hin qabu
- Tokko dhufuun dhirumaa dha lama dhufuun gadhumaa dha
-
- Biddeena nama quubsu eelee irratti beeku
- Billaachi kooluu hin qabu ,Tan qabuu dhaggaa irratti uwwisa
- Oli fiiguu dadhaban, Gadi fiigu
- Baredde jedhanii hintala obboleetti hin fuudhan
- Bishaan yoo nama nyaatu nama kofalchiisatiini
- Dhakaan ciisanii darbatan deebi’ee mataa nama dhaha
- Bishaan lagaa wal hin eegu
- Du’a abbaatifi du’a Sangaa ilmi hin jibbu
- Dubbiin bay’atteef fardatti hin fe’an
- Dallaan abbaa kudhanii yeroon hincufamu
- Daa’imaa taphaa sinbiraa lubbudha
- Boruufuu si’abdadhe bada moluu tiyya jedhee namichi
- Biyya abbaa kootiiti jedhee injiraan moluu irratti hafe
- Sangaan biyya ofiitti baroodu biyya ambaatti ni mar’ata
- Biyya ofiitti Lukkuun korma
- Biyya FARDI hin jirre HARREEN garmaamti/saggaart
- Wama qalte qalii tirumaan naaf gali jette jaartiin
- Bitaan korii mirgaan korii walgeettiin koora dha
- Otuu beekanii kosoodhan dadhii dadhii jedhu
- Akka ebbellutti sirbaan morma nama jallisaa
- Waa malee manni hinaaruu
- Waraabechi biyya hinbeekne dhaqee googaa naa afaa jedha
- Odoo beeknuu huuba wajjin jette sareen
- Kaachaa Ooluus reeffi allaattii lafuma
- Harka nama tokkootiin abidda qabuun nama hindhibu
- Harreen waldhiitti malee ilkaan walhincabsitu
- Abjuun bara beelaa biddeen biddeen jetti.
- Sa’aa abbaan gaafa cabse ormi ija balleessa
- Haadha laalii intala fuudhi
- Jala bultiin lafaa nama butti
- Du'aaf karaatu gargar nama baasa
- Obsaan aannan goromsaa dhuga
- Abbaan daadhii dhugeef ilmi afaan hin’urgaahu
- Abbeen yoo nyaachaa bule maaddiin jala bula?
- Lukkun haatee hatee kan ittiin qalamtu baafte
- Harree hinqabduu gaangee namaa tuffatti
- Baraafi furguggee gad-jedhanii jala darbu
- Harree ganama badde galgala kurkuriin hin-argu
- Fardii biraan gaha malee hinwaraanu
- Gadheen fira hin beektu gandaaf dallaaran buuti
- Warrabuu ta’een dhufaa harree ta’ii na'eegi
- Gad-deebtuun namaa haree ribii fuutii
- Raaddi harree wajjin oolte dhuufuu barattee galti
- Dhiirsi harree waraabuu irra nama hin oolchitu
- Du'a dhoksanii awaala eessaan dhaqu
- Sibiilli abaan qare abbaa qale
- Kan argatanirra kan abdatantuu caala
- Nama wagga sodomaa wajjin hinfiigin
Nama waggaa afurtama wajjin hinnyaatin
Nama waggaa shantama wajjin hinqoosin
- Borun hinbeeknen qoda-bukoon ishee lama
- Namni bara kana ija babaase bara dhufu maraata
- Ofiifu hinduuti maaf ofhuuti
- Afaan gariin afaa gaarii caala
- Ayyaana waggaa ayaantuutu argaa
- Namni mana tokko ijaruu citaa walhinsaamuu
- Qaroomni guddatte daalle nama gooti
- Ni ta'a jennee harree qallee ta'uu dinnan harree gannee
- Eleen Cululuqaa Oolii caba hin oltu
- Kufani dhidhitachuun solloqaa ida'achuudha
- Ta'a jennee harree qalle, ta'uu baannaan harree ganne
- Erga waraabessi darbee, sareen dutti.
- Titiisni baay'atteef qodaa hin buqqifittu
- Duutu duruu duutee, duutee maqaa fuute
- Maal haa baasuuf dhama raasuu.
- Haa taa'uu jedhe Jaldeessi dhagaa galagalchee.
Galatoomi. Itti fufi
ReplyDeleteDuraan dursee gumaacha guddaa nuuf goote/gootanii fi nuuf gochaa jirtuuf/jirtaniif galanni kee/keessan baay'ee guddaa dha. Aadaa fi afaan oromoo akka dhokatee hin hafne hojii hojjetaman keessaa hojiin kee/keessan gahee guddaa qabaachuu danda'a. Barreeffamoonni tokko tokko dhaamsa baay'ee gaarii dabarsu, garuu uummata oromoo baay'een qubee gabaabsuufi dheeressuu akkasumas jabeessuu fi laaffisuu faa irratti dogoggora waan uumaniif humni nama hawwachuu barreeffamichaa ni xiqqaata. Barreeffama Mammaaksaa kana irrattis waanuma wal fakkaatun arge. Haga danda'ame kana yoo sirreessitan daran bareedaa ta'a jechuu barbaadeeni. Jabaadhaa jajjabaadhaan ergaa kooti.
ReplyDeleteLafa raadaa sodaatan dibicha itti hin hidhan
ReplyDeleteLafa raadaa sodaatan dibicha ittin hidhan
ReplyDeletekufani dhidhitachuun solloqaa ida'achuudha
ReplyDeleteDuraan dursee, gumaacha ati/isin afaan oromoo guddisuf gootaniif isin galeteefacha, gara fuuladuarratti nutillee isin wajjin waan jirruuf jaabatanii akka itti fuftan, kabajaan isin gaafadha. Itti aansuudha makmaaksaa ani beeku akka armaan gadiiti itti eerera
ReplyDelete1. Duutu duruu duutee, duutee maqaa fuute
2. Maal haa baasuuf dhama raasuu
3. Haa taa'uu jedhe Jaldeessi dhagaa galagalchee
4. Hiiqa ta'a jedhee gola ka'ee gurduuba bule
5. Fiigan malee hin kufan, kufan malee hin cabani
6. Titiisni baay'atteef qodaa hin buqqifattuu
7. Erga waraabessi darbee, sareen dutti
8. Sa'a abbaan gaafa cabse, ollaan ija jaamsa
9. Ta'a jennee harree qalle, ta'uu baannaan harree ganne
10.Avchi buuteen, miilla Bakar shaalloti
Hundumaan duraa gocha ati afaan ormoo walin gotee waan nama gamachisuf bayy'ee guddaa si/isin galatefadhaa.
ReplyDeletehaluma kanan iti fufaa anis kara irra jiraa /barumsaa irra waan jiruf yaada koo hundan sifanan demaa.
seenaa afaani fi seenaa sabaa oromoo wari jedhaman isin .
waqayyoo isin yaa ebisuu.
ILA KUNOO MEE ANILLEEN WAAN QABU!
ReplyDelete1-tajirtu taduutetti hirkatte
2-namni gowwaa gorsuufi namni dallaa mukaan ijaaru ganamuu ima ifaaja
3-nama du'uu qorsi hintahuu nama baduu gorsi hintahu
4-ta gaafa deettu nyaattu gaafa deemtu nyaatti
5-dhabane mana jiraa dhabarra hin jiraa jette jaartiin(dhabane maqaa dhiiraa yoo tahu dura wayta dhiirsi/sanyoon isii jiru ni tuffatama ture. jaarsa/sayyoo dhabdee jennaan fedhiin itti dhagahanaan akkas jette)
6-osoo hin qalin sidaajaa fakkaata jedhe (sheeytichatu mirgoo/wareega qaluuf finnaan sidaajaa isaa akka namni biraa jalaa hin fudhanne barbaadeet dursee akkas jedhe)
7-beerri beeloyte oytee dhaabaa hinbeeytu(oytee dhaabaa jechuun marqa marquu jechuu dha)
8-haati hattuun hintala hin amantu(hintala ofii dhalte jechuudha)
9-baale dhufa-hinturaa;dhufu nama furaa
10-amba jirtu muka hin bulanii;gosa jirtu amba hin bulanii(asirratti amba jechuun saba biraa,gosa biraa,alagaa,fi kkf tahuu dandaha)
11-yoo mari'atan dhuufuun hin ajooytu
12-dibicha korma tahu haada irratti beekan
13-dibichi harree waliin oole dhuufuu bara
14-gali jennaan erbeen loonitti galte( kanaafuu anis oromoo dha)
15-waan barsiise nama hin dhooggatu sheek ibraahimittillee daadhii dhuga(sheek ibraahim bakka dur muudaaf dhaqanii fi wantoonni gadhe gadhe achitti hinraawwatamneedha)
duraan dursee artii oromoo guddisuuf dhama'uu keessaniif hunduma keessan guddaan isin galateeffadha.Akkasumas gara fuula duraattis yaadni kuniif dandeettiin akkanaa isin keessatti haa badhaadhun jedha. Ergaan koo inni dhumaa immoo xiqqoo gorsa of keessaa qaba. Innis, yeroo barreeffama afaan oromootiin barreessinu adaraa keessan jechoonni laf isaan itti jabaatan,dheeratan,laafan,irra butaman akkasumas qubeewwan eeguu hin dagatinaan isiniin jedha.Galatoomaa horaa bulaa
ReplyDeletehundaa dursee sammuun kana maddissise fi qalamni kana barreesse haa galatoomu. jabaadha horaa bulaa libeena.
ReplyDeletedhiiroo dogongoroota qubee sirritti qulqulleessine maxxansuu qabna. rakkina heedutu qubee irratti mul'ata. tokko tokko immoo mammaaksa afaan biroo irraa akkuma jirutti garagalchuun ni mul'ata. kanas sirritti ilaalamee osoo maxxanfamee garii ta'a.
ReplyDelete