Ajjeechaa Waraanni EPRDF Namoota Meesha-maleeyyii Irratti Raaw’achaa Jiru Cimsinee Balaaleffanna!

Mudde 31, 2018 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Mudde 27, 28 fi 29, 2018 Dhihaa fi Kibba Oromiyaa (Qellem Wallaggaa, Wallagga Dhihaa fi Gujii) keessatti qofa loltootni EPRDF kan maqaa “Raayyaa Ittisa Biyyaa” jedhuun beekaman Oromoota nagaa (meeshaa-maleeyyii) irratti ajjeechaa suukanneessaa raaw’ataniin odeessa hanga ammaatti mirkanaaween yoo xiqqaate namootni 36 tahan ajjeefamanii kanneen lakkoofsi isaanii ammatti hin beekamne ammoo madaawanii jiru. Manneen Ummataa hedduunis gubamanii jiru. Tarkaanfii hammeenyaa fi diinummaa ol’aanaa loltootni EPRDF fudhachaa jiran kanaan lammiilee ajjeefaman keessaa daa’imman waggaa 5 hin guutin 2 Godina Gujii Ona Dugda Daawwaatti mana wajjin gubaman. Dhiha Wallaggaa Gimbii fi Gullisoo gidduu naannoo Kurfee Birbir jedhamtuttis daa’mni tokkoo fi haati daa’imaa mana wajjin gubaman. Bakkootni yakki ajjeechaa kun itti gaggeeffaman Godina Qellem Wallaggaa, Wallagga Dhihaa fi Gujii lafoota Gidaamii, Koobbara, Kattaa Abbaa Kormaa, Huwaa, Waayyuu Kullii, Kurfee Birbir, Yuubdoo, Laaloo Qilee, Fincaa’aa, Kombolchaa fi Shaalaa jedhaman keessatti. Kanneen Gujiitti ajjeefaman 23 tahan keessatti daa’ima waggaa 5 hin guutinii fi jaartii waggaa 70faatu argamu.

ODP’s fear of losing a free and fair election to the OLF is displacing and killing Oromo, a reminder of 1991/92

December 31, 2018 | By Aba Orma, PhD

OLF is the spirits of the martyred and the living Oromo
In a democratic system that relies on the basic principle of government of the people by the people, election is everything as it determines policies, directions, and peace and war of a nation. In Ethiopia, election is also a way the new comer prosecutes (punishes) the outgoing. For fear prosecution, every election in Ethiopia is corrupt because the one in power wants to hold onto power for as long as possible even if it means killing people, and destroying a community and a nation until it is forced out of office. The current EPRDF government of Ethiopia led by Dr. Abiy is no different.

Dhaamsa Waggaa Haaraa, 2019, Adda Bilisummaa Oromoo Irraa

Mudde 31, 2018 | Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irraa

Kabajamaa Ummata Oromoo,
Miseensotaa fi Deggertoota ABO,
Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo,
Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi
Walumaagala deggertootaa fi firoottan Qabsoo Bilisummaa Oromoo.
Maqaa Miseensota Dhaaba keenyaa hundaan Baga Bara Haaraa 2019 waliin geenye oggaan jedhu gammachuu addaatu natti dhagahama. Gammachuun addaa kun ammoo haalli har’a keessa jirru haala addaa fi abdachiisaa tahuu irraa madda. Haalli addaa fi abdachiisaan kun kan akka carraatti ofuma isaatiin argame ykn. qaamni biraa tola nuuf ooleen kan argame miti. Qabsoo hadhooftuu murannoo fi cichoomina ol’aanaadhaan walitti fufiinsaan baroota dheeraaf gaggeessinee fi wareegama ulfaataas itti baasneen kan ofii keenyaa uummanne dha. Kana gochuu danda’uun keenya ammoo kan nu gammachiisu qofa osoo hin taane akka Sabaatti mataa ol qabannee akka ofitti boonnu kan nu taasisu waan taheef irra deebi’een Baga Gammaddan! Baga Gammadne! jedha.

Akeekni Mootummaan uummata nagaa Oromootti waraana bansiisuufi banuun daguuggaa sanyii nurratti raawwataa jiru gama kamiinuu balaaleffatamaadha!

Mudde 20, 2018 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Finfinnee Oromiyaa

Duulli ajjeechaa gara jabinaa ilmaan Oromoo irratti daangaa Oromiyaa maraan raawwataa akkuma ture ammas raawwataa jira. Oromoon waggoota 27 rasaasaan ajjeefamaa akkuma qee’ee irratti itti roorrisaamaa turetti yakki ittii dabalee uummata irratti raawwatuun itti fufuun ittuu kan manaaf araddaa irraa miliyoonaan lakkaa’ee nu buqqaasutti guddatee jiraachuun nama gaddisiisa, egeree nageenya biyyattiifis yaaddoo nutti uumeera.

Yakki garajabinaan Oromoo manaaf araddaa isaa waliin gubanii nagaa dhorkatuudhaan dirqamaan qee’eerraa godaansisan hadiida bal’ataa adeemee jiru kanatti, holola siyyaasaa omishuudhaan akka walii hindirmatneetti jechoota kalaqanii ajjeechaaf haala mijeeffachuunis herrega siyyaasaa kamiinuu kan balaaleffatamudha. Gaaffiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo waggoota dheeraaf gaafataa jiru deebii hongaa’uudhaan ka duraan olitti uummata Oromoo tasgabbii dhorkuun jeequmsa biraaf akka kaka’umsi uumamu qaabni nagaa fi dimokiraasii jibbuun mirga dhala namaa sarbuu amaleeffate, hojiisaa idilee taasifachuu cimsinee balaaleffanna!. Uummata ija tuffiin ilaalanii gaaffii uummataa deebisuu dhabuurraan biyyattii afuura gooliif kaadhimuu irratti qoodni mootummaa barootaaf olaanaa akkuma ture ammas qoodni mootummaa yeroo nuti abdatnutti afuura jeequmsaa babal’isuuf adda duree ta’uun mufannaa olaanaa nu mufachiiseera, abdii irraa qabaataa turres hongeessuuf collagsaa jira.

Takka dhuufuun dhiirummaa, kan lammataa harruummaa, kan sadeessoo…?

Mudde 20, 2018 | Jawar Mohammed Irraa

Akkuma hundi keessan yaadattan haala yeroo irratti marii kaleessa OMN gubbatti goonerratti qabsoon Ummata Oromoo erga eegalee jijjirama mootummaa isa sadaffaa irra gahuu keenya dubbadheen ture. Jijjiiramonni mootummaa gaggeeffaman bara 1974, 1991fi isa ammaa, kan bara 2018ti. Cehumsa lameen jalqabaa dhugoomsuu keessatti gaheen Ummata Oromoo baay’ee ol’aanaa tahus, hiree argamte sana gara firiitti geeddaruun hin danda’amne. Faallaa kanaatiin wanti qabatamaan mul’ate sabni keenya miidhaafii kasaaraa guddaadhaaf saaxilamuu ture. Hireewwan argaman kanneenitti fayyadamuun maalif dadhabame? Sababiiwwan ijoon jijjirama dhufaa jiruuf qophaayuu dhabuufi erga jijjirmani dhufee ammoo qalbii hiruudha. Mee tokkoon tokkoo isaanii adda addaan haa ilaalluu.

Komaand poostiitti deebi’ameera

Mudde 20, 2018

Daangaa Beenishaangul Guumuz fi Oromiyaa giddutti rakkoo nageenyaa umaame furuuf koomaand Poostin dhaabbate hojii eegaluu isaa ibsame. Miseensi koomaand poostii obbo Saayfaddiin Haarun akka ibsanitti koomaandi poostichi Poolisii Federaalaa, Mootummaa naannolee lamaanii, Raayyaa Ittisa Biyyaa kan hammateedha jedhaniiru.
Koomaandi poostin kan dhaabbate naannoo daangaa naannolee lamaanitti qaama hidhatee socha’u too’achuun nageenya hawaasaa eegsisuufi. Koomaandi poostichi teessoo isaa Magaala Asoosaa kan godhate yoo ta’u, qaama nageenya Suudan waliin qindoomee hojjeta jedhameera.

Dr. Abiy and Lemma has decided to continue TPLF’s genocide against the Oromo people to hold onto power

December 20, 2018 | By Abbaa Ormaa, Ph.D

Like millions of Oromo I watched Ambassador Suleiman Dedefo’s account of the past 28 years of horror. The most shocking (may be not so shocking) part was where he says that Meles and TPLF were “willing to commit genocide” against the Oromo people to stay in power. The ambassador is an honorable man who cared about his people. His story is the story of millions of Oromo.  He witnessed EPRDF massacre thousands of Oromo and thousands of OLF fighters in their camp to force the OLF out of the transitional government when it became apparent that in the presence of the OLF, OPDO is not going to win a fair and free election in Oromia. A precursor to that was a snapshot election that confirmed their nightmare. Unfortunately, they carried out their threat and massacred anyone they thought as OLF. I personally witnessed when one of OLF office was attacked unprovoked.  I wonder now if the OLF should not have taken part in the mock election to disguise its support and wait for the real thing!