Showing posts with label Afaan Oromoo. Show all posts
Showing posts with label Afaan Oromoo. Show all posts

"Rakkoon saba keenyaa fala kan argaatu Gaaffiin bu'uuraa saba Oromoo deebii yoo argaateedha malee kabeebsaa jijjiirraa jedhuun mitii." --- Ittiin galaa fi Qajeelfaama Labsii Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Fulbaana 18, 2019 | Ittiin galaa fi Qajeelfaama Labsii Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Uummaanni oromoo gaaffii mirgaa hiree murteeffaannaa qabsoo isaan gaafataa turee keessaatti hanga amma irraa deddeebiin qabsoon isaa hataamaa gufaataa fi daddaaqamaa har'aa gahee. wareegama qaalii abbaa biyyuummaaf oromoon gamtaan kaffaalaa turee cinaatti gataanii dantaa diinoota inniikaa oromoo kan seenaa keessaatti waggaa 900 oliif oromoon ittiin wal waraanaa turee tiksuuf aarsaa oromoon abbaa biyyuummaaf kaffaale gatii dhabsiisuun jabaatee itti fufee jiraa. kanaafuu yeroon keessa jirruu kun yeroo diinoonni Oromoo rogaa maraan shaanfoo qaraataa jiraan waan taheef nuus diina keenya akka gaariitti ofirraa dinniinuuf akkasumaas adaabuuf ol jechuun dirqaama tahee mul'aatee jiraa.

"Harki Hanna Bare Dooluutu Sossoha" --- Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Fulbaana 16, 2019 | Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Kamisa Fulbaana 12, 2019 galgala Waajjira Poolisii magaalaa Buraayyuu irratti boombiin darbatamee miidhaa namoota irraa gahe jechuudhaan gochaa kanas (kallattiidhaan maqaa dhawuu baatanis) ABO dhaan wal qabsiisanii oduun dabballoota ODP/EPRDF iin tamsa’e ololuma maqa-balleessii baroota aangoo EPRDF guutuu itti hojjetamaa ture dha. EPRDF baroota aangoo isaa hunda lammiilee biyyattii kanneen sirna Abbaa irrummaa isaa mormanii mirga ofiif falmatan dharaan yakkuuf gocha fokkataa akkanaa oggayyuu irra deddeebiidhaan raaw’achaa jiraate. Manneen jireenyaa namootaa, manneen ciisichaa (doormii) barattootaa, manneen nyaataa – dhugaatii fi hoteelota, konkolaattota geejjibaa fi … kkf. keessa dhuka’aa fi meeshaalee lolaa adda addaa kaa’uun, yookaan Alaabaa ABO kaa’uudhaan namoota yakkamoo fakkeessuu barbaadan ittiin tohannoo jala oolchuuf ykn. miidhaa irraan gahuuf fiilmiin sobaa hojjetamaa ture kan himamee dhumu miti.

QOPHII ADDAA FULBAANA 15 /2019 Waggaa 1ffaa Gara Biyyaatti galuu ABO ilaalchisee Gaaffii fi Deebii HD-ABO Jaal Daawud Ibsaa (ONN fi SBO)

 

Paartiileen Morakattootaa Miseensonnii fi Deggertonni Isaanii Oromiyaa Keessatti Akka Hidhamaa Jiran Himatan

Fuulbana 04, 2019 | VOA Afaan Oromoo


Partiileen morkattootaa maqaa Oromoon socho'aan, Kongireessi Federaalistii Oromoo fi Partiin ABO filannoo bara 2012 geggeessamutti karaa nagaa hirmaachuuf ka qophaawaa jiran tahuu dubbatanii, “garuu, mootummaan miseensotaa fi degartoota keenya hidhaa jira,” jedhu. Mootummaan Oromiyaa gama isaatiin filannoof akka haala miijessaa jiru eeree, “paartiileen morkattootaa yoo ka karaa nagaa socho’an tahe rakkoolee isaan mudatan ni furra,” jedha

Holqa 'Mana Waaqaa': Baaleetti holqi guddaan karra 47 qabu argame

Fulbaana 03, 2019 | BBC Afaan Oromoo Irraa

Holqa kana magaala Bidiree irraa kiiloomeetira 120 fagaatee bakka Haroo Waacaraa jedhamutti arganne jedhu ogeessi godambaa aanichaa obbo Haydar Ibraahim.

Itoophiyaa fi mirga Namoomaa: Dhaabni mirga namoomaaf falmu ‘HRLHA’ biyya keessatti hojii eegale

Fulbaana 02, 2019 | BBC Afaan Oromoo Irraa

Dhaabbannii mirga namoomaaf falmu Liigii Mirgoota Namoomaa Gaanfa Afriikaa /HRLHA/ jedhamu Itoophiyaa keessatti ifatti hojii eegale.

Liigiin kun bara 1996 Finfinnee keessatti maqaa ‘Liigii Mirgoota Namoomaa’ jedhun hundeeffame.

Haala turtii qabsoo Bilisummaa Oromoo erga hogganni ABO biyya galee as, hanqinaaf cimina qabsoof gufuulee mudatan

Hagayya 29, 2019 | Qalbeessaa Dhangi’aatiin

Hogganni adda Bilisummaa Oromoo Fulbaana 15, 2018 erga biyya galee as maaltu adeemaa jira, maaltu raawwate? Maaltu milkaa’ee? Maaltu hanqate? Kan jedhu wal hubachiisaa adeemuuf jecha barruu qophaa’e.
Addi Bilisummaa Oromoo hogganni isaa biyya alaatii qabsoo karaa nagaatti amanuutii biyya isaa Oromiyaatti galuun isaa nii yaadatama. ABO’n biyyatti kan galeef ija Oromummaan wal ilaaluutiin mootummaa kana waliin wal ta’iinsa siyyaasaa kan hanqate waliin guutuuf, qabsaa’ota waggaa 28 dura dhabaman wal ta’iinsaan barbaadanii arguu yaada jedhuu fi siyyaasa karaa nagaa gaggeessuuf filannoon wal dorgomna ejjennoo jedhu qabatee hogganni olaanaan biyya isaa Oromiyaa gale.

Guutummaa Oromiyaati hidhafi dararaan akkuma itti fufeti jira!

Hagayya 29, 2019 | Face Booki Tsegaye Hailu irraa

Waajjira Poolisii Magaala Naqamtee Aana 1ffaa keessatti dararamaa kan jiran lammiin keenya 22 maqaan isanii kunooti. Rakkoo hamatu irra gahaa jira.

Hanga ammattis mana murtitti hin dhiyessine.
1- Yeshaane Mamo barataa kutaa 12
2- Sayiid Obsoo WBO duraanii
3- Burqaa Tasfaa WBO kan turee.
4- Nagaroo Jabeessaa huccuu kan hodhuu.
5- Yooseef Hambisaa konkolaachisaa bajajii 

What does Abiy Ahmed Really want?

July 25, 2019 | By Rundassa Asheetee Hunde

The first time Abiy Ahmed assumed empire Ethiopia’s prime ministerial position, he produced mixed results.
Out of the most significant actions he took, the creation of a short-lived open political platform and the release of some Oromo political prisoners still lingers in our minds, even though what was accepted by some Oromians as positive went down when Abiy failed to take a meaningful step forward in answering the Oromo question.

WAAMICHA QOPHII AYYAANA IRREECHAA MALKAA YKN BIRRAA BARA 2019 ILAALCHISEE KAN BIYYA JARMANII KEESSATTI KABAJAMUUF QOPAA’EE

Adoolessa 17, 2019 | Koree Qindeessituu Ayyaana Irreechaa  Oromoo (KQAIO) bara 2019 


WAAMICHA QOPHII AYYAANA IRREECHAA MALKAA YKN BIRRAA BARA 2019 ILAALCHISEE KAN BIYYA JARMANII KEESSATTI KABAJAMUUF QOPAA’EE – FRANKFURT AM MAIN, GUYYAA GAAFA SANBATA DURA (SANBATDURA) FULBAANA (SEPTEMBER) 21, 2019, GERMANY  
 
Jaallatammoo fi kabajammo Ilmaan Oromoo biyya Jarmanii keessa Jirtaattan hundaaf (maraaf)! 
 
Hunda duraan dursee Koreen Qindeessituu Ayyaanaa Irreechaa Oromoo (KQAIO) nagaan Waaqayoo/Rabbi isin haagahu jedha. Ashamaa ilmaan Oromoo kann biyya Jarmanii keessa jiraattan, obboleewwan keenya dhiiraa fi dubartiin, baga ayyaana Irreechaa bara 2019 walumaan jala geenye. Ayaanni irreechaa jila (festival) waga/bara haaraatti cee‘uumsaatti. KQAIO baga nagaan booqa (ifa) birraatiin isin gahe jechudaan hawwii gaarii ummata Oromoof qabu mirkaneesa.  

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Adooleessa 08, 2019

Qabsoo Bilisummaa Oromoo aarsaa qaalii uummaanni Oromoo irree tokkuummaattin irraatti kaffaalaa turee garaa dabaarsuuf murnoonni ijaaramanii faayidaa dhuunfaa fi aangoo tikfachuuf deemaan gara dabaarsuuf tattaaffii diinoonni keenya gochaa jiraan Qeerroon Bilisummaa Oromoo ilaaluun Taajjabbii fi obsaan biraa darbaa turree. Kana biraas darbuun diinina yeroo garaagaraatti itti kennaa turree. Humnoonni badii Oromoo abjootaan garuu irraa deeddebiin gochaa farraa uummaata Oromoo gargaar qooduu fi egeree Oromoo dukkaneessu hojjaachuu itti fufaanii jiru. 

RSWO – Hiriirri Balaaleffannaa WBO/ABO Guyyaa Har’aa Magaalaa Amboo’tti Qophaa’e, Fashaleeffame

Adoolessa 7, 2019 

Hiriirri Balaaleffannaa WBO/ABO Guyyaa Har’aa, Jala-deemtota MKIX’n Magaalaa Amboo’tti Qophaa’ee ture, Dura-dhaabbannoo Qeerroofi Qarree Ambootiin Fashaleeffame | Konyaa Bunnoo Baddallee keessatti, Guyyaa Har’aa, Manneen Jireenyaa Oromoota 36’ol ta’an RIX’n Gubaman

Shiftaa

Adoolessa 07, 2019 | Tolcha Wagi Irraa

Sirna fi haccucaa bulchiinsa empayeera Itoophiyaa jalaa, of baasuuf kanneen Qawwee qabatan falmaa turan hundi isaanii, hoggantootafi deeggartoota isaanii biratti ” Shiftaa ” jedhaame kan maqaan itti hin moggaafamiin hin jiru.

TORBAN DABARSINE KEESSA SHIRA XAXAMES ADDI BILISUMMAA OROMOO INJIFANNOON GOOLABE.

Kufaatii (Shira) mootummaan ABO irratti yaade karaatti hafe.

Dubbichi akkasi ABO’n boordii filannoo biyyoolessaa irratti galmaahuuf ulaagaa isarraa eegamu guuttachaa akka jiru miseensotni fi deeggartootni ABO akkuma quba qaban ummatni biyyittii hundi quba ni qabaatu jedheen amana.

Oromummaaf yoo tahe oromoo tokko faarsanii qaama oromoof dhiiga coccobsee lafee caccabsee qabsoo har'aa farreen oromummaa dirqamaan oromoo of fakkeessan ittiin dhaadheffaman fide balaaleffachuun farrummaa caaluudha malee oromummaaf dhimmamuu hin tahu!

Waxabajjii 16, 2019 | Fincila Maayii Garbummaa

Oromummaaf yoo tahe oromoo tokko faarsanii qaama oromoof dhiiga coccobsee lafee caccabsee qabsoo har'aa farreen oromummaa dirqamaan oromoo of fakkeessan ittiin dhaadheffaman fide balaaleffachuun farrummaa caaluudha malee oromummaaf dhimmamuu hin tahu! Gareen OPDO ODPtti of jijjiiruun qabsoo oromoo afaanfaajjessuuf malee oromummaaf akka hin taane beekamuu qaba. Kana immoo haala gidduu kana tahaa jiruu fi tahuuf deemu irra adda baasuun salphaadha.

Amma WBOn ABO isa Dhugaa Dha! Jaarmayaan Miseensota ABO Qofti Kaayyichatti Citee Hafe WBO Dha.

Waxabajjii 16, 2019

Leencoo Lataatu TV jarattii farra ABO fi WBO kan OMN sana irratti dhimma sochii ABO Wallaggaa fi Kibbaa gaafatnaan: "Hoogganni ABO erga waraana hidhatee ajaja koon socho'u hin qabu jedhee, ijoolleen dardaraa bosona keessaa sun Maqaa ABO himatanii socho'uu hin danda'an" jedhe.

Sanuma maqaa ABO himatanii WBOn socho'u egaa!! Of ajjeesaa ree? Haasaan Leencoo haasaa gadamoojjii dulloomni dubbii harkaa balleesse sana. Waanuma ofii jedhe qofti akka ta'uu qabutti of fudhata! Oromoon qabsootti jirtu waggaa 28 Leencnoo dura kutte!

Qabsoo Bilisummaa Oromoo dhabama jalaa hambisuuf Mooraa Qabsoo Qulqulleessuun dirqama.

Waxabajjii 15, 2019 | Falmaa Dhugaaa Mooraa Qabsoo keessaa

Mana tokko ijaaruuf, ijaartee mana jechisiisuuf muka filatamaa qofaan yoo ijaarte mana gaarii gadi dhaabuu dandeessa. Haafaa fi Huuba callistee yoo walitti guurtee mana ijaarte, yeroo qilleensi hamaan bubbise diigama.
Qabsoo Oromoo dhabama irraa  hanbisuuf wanti godhamuu qabus kanuma. Yeroo  ammaa mooraan qabsoo Oromoos kanneen yoo qilleensi bubbise waliin raafamaniin guuttamee jira. kun ammoo yoo yeroon furmaanni itti hin kennamne rakkoo hammaataaf nu affeeruuf jira. Kanneen fedhii ofii liqimsanii sabaaf ofkennaniin mooraa Qabsichaa ijaaruun rakkoo kana hanbisuun ni danda’ama.

Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti ta’e jedhamee duula Oromoo fi Oromummaa irratti godhamaa jiru dura nii dhaabbanna.

Waxabajjii 16, 2019 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sirna EPRDF yakka waggaa 28 dura Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayeera biyyattii irratti dalagaa ture hunda yakka ta’uusaa amanee ofitti fudhachuun gamagamee of sirreessuuf uummata biyyattiif waadaa galeen, rakkoowwan uummata Oromoo irra gahaa turaniifis gaafatama qaama fudhachuu qabu saaxilee seeraaf dhiyeessuuf waadaa galuun uummata biyyattii bulchuuf aangoo ODP tti laachuun sochiin godhama turuusaa eenyullee nii yaadata.
Uummatni Oromoos waan waggoota kana mara irratti raawwataa ture yakkoota suukanneessaa, hidhaaf dararaa tiki mootummaa biyyattii raawwataa tures yakka ta’uu miidiyaa biyyattiin bahee fuulduratti sirreessuu akka qabu waadaa galaa turuu sirna EPRDF eenyulleen kan hubatudha.

Ibsa Ajajaa Olaanaa WBO Irraa Kenname

Caamsaa 31, 2019 | Ajaja Waraanaa Olaanaa WBO irraa

Gaaffiin saba Oromoo baroottan dheeraaf gaafachaa ture OPDO/EPRDFn hudhaame jira. Sababaa WBOnis gaaffilee bu’uuraa Oromoon irratti wareegame bakkaan ga’uuf wareegama ulfaataa baasaa jira. Gaaffiin mirga hiree murteeffannaa, gaaffiin Finfinnee, gaaffiin haqaa, gaaffiin mirga abbaa biyyummaa, gaaffiin dimookraasii, gaaffiin nagaan jiraachuu fi gaaffiin kabajamuu mirga dhala namaa Oromoon gaafachaa ture tokkollee hin deebine.

WALIIGALTEE ABO fi MOOTUMMAA – IBSA KOREE TEEKNIIKAA / የኦነግና የመንግስት ስምምነት – የቴክኒክ ኮሚቴ መግለጫ

Caamsaa 31, 2019 | Berhanu Hundeetiin