Kutaa 1ffaa dabre keessatti afanfaajjii maqaa jedhuun Habashoonni magaalaalee Oromiyaa akka Jimmaa, Dirree Dhawaa fi Harar dhaaluuf geggeessaa jiran laaluuf yaallee jirra. Kutaa 2ffaa har’aa keessatti ammoo magaalaalee akka Adaamaa, Baatee fi Bushooftuu faa gaggabaabsinee laaluu yaalla.
Magaalaan Adaamaa bar tokko baay’ina lakkoofsa ummata Amaaraa irraa kan ka’e, ‘ሁለተኛዋ ጎንደር’ hanga jedhamuu geessee turte. Inumaa akkuma Dirree Dhawaa iratti milkaahanitti Adaamaas Oromiyaa irraa muranii ‘bulchiinsa addaa’ godhachuuf hedduu tattaafatani. Mootummaan Wayyaanee OPDO Shaggar keessaa ari’ee Adaamaatti galchuuf waan karoora qabuuf dubbii tana fudhachuu dide malee silaa har’a Adaamaanis Dirree lammaffaa taatee Oromiyaa irraa citti ture. Booda kana garuu xiiqii mootummaa Wayyaaneef jecha ilmaan Oromoo OPDO keessa jiraan tarkaanfii mataa isaanii fudhatan. Ilmaan Oromoo OPDO keessaa kan sabboonummaan itti dhagahamu duula taasisan kanaan qubsumni ummata magaalaa Adaamaabifa isaa jijjiiraa dhufeera. Oromoon heddumminaan Adaamaa keessa qubachuu fi kanaanis wal qabatee hawwiin Habashoonni magaalaa kana dhunfachuuf qabaachaa turan gufuu mudachuun isaa waan haalamuu miti.

