GABROOMSA DULLACHA; [Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa]

Bitootessa 30, 2015 | Abdii Baalee Oromiyaa*
Akkam nagaa jirtuu, sanyiin sabboontotaa,
Baga nagaa jiraattan hundi Oromootaa,
Qeerroo fi Qeerrittiin maddi qabsaa'otaa,
Warri sammuu qaraa barsiisaa fi barataa,
Warri mataa diinaa caccabsee darbataa,
Qabsaa'onni dhugaa, maddi ilmaan goototaa,
Warri kaayyoo dhugaaf garaan isaa gubataa,
Jabaadhaa, waa hundaan seenaan nu gaafataa,
Galata galchaafii rabbii hundaa horataa! (*2) 

Basaasaan Wayyanee Harargee Lixaa fi Bahaa keesati ummata Oromoo ajjesisaa fi mana hidhaatti guuraa fi gursiisaa turee nama hin beekkamneen ajjeefame

Bitootessa 30, 2015
Tika (basaastu) security mootummaa tahuudhaan yerroo dheeraaf kan Harargee Lixaa fi Bahaa keeysatti hojjachaa turee fi ummata Oromoo kan ajjesisaa fi mana hidhaatti guuraa fi gursiisaa ture Basaastichi Kadiir Yusuuf je'amu nama hin beekkamneen ajjeefame reefki isaa cirracha Dirree Dhawaa keessatti darbamee kan arkamee tahuun gabaafame.
Namichi Kadiir Yusuuf je'amu.kuni leenji basaasummaa ganna 6f biyya Israa'elitti kan leenji'e yammuu tahu maqaa adda addaa kan qabu fi kan yaamamuu dha. Itti gaafatanaa tika Harargee Lixaa fi Bahaa tahuudhaan kan hojjataa tureedhaa.
Dhiiga ilmaan Oromoo kan xuuxee fi kan xuuchise basaastichi kun reefki isaa yeroo ammaantanaatti hospitaala Poolisi Harargee Bahaatti akka arkamu gabaasni achi nu gehe addeeyse jira.

TPLF Deggeruun “Warqee” OLF Deggeruun “Dhiphoo” Maaliif Jechisiisa?

Bitootessa 29, 2015 | Malkaa Caffee Irraa*
“Dhaadannoo ABO Faana Hiriiree Kan Jiru Eenyu? Saba Oromoo ti.Kun Maal Irraa Kan Madde? Ilaalcha Dhiphummaa Ummatichaa Irraahi.”
Abbaay Tsahaayyee (Gorsaa Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa)
“Ummata dhiisii dachii dhuunfadhu, lamaanuu dhabda. Dachii dhiisii Ummata qabadhu, Lachuu qabaatta/argatta.” jedha yaadni tarsiimoo qabsaawota Chaayinaa tokko. Bu’uuressitootnii fi hoogganootni TPLF (Tigray People Liberation Front) miidhaa mootummoota Itoophiyaatiin (Dargii fi warra isa dura turan) Ummata Tigiraay irra gahaa ture hambisuuf oggaa qabsoo jalqaban Ummatni Tigiraay Kaayyoon TPLF waan isa amansiiseef jecha jaalalaa fi deggersa guutuu kenneefii isaan faana hiriire. Deggersa cimaa Ummata Tigiraay irraa argataniinis (haalli mijjataa fi deggersi gara biraa irraa argatanis haa jiraatu malee) bakka har’a jiran kana dhaqqaban. Ummatni Tigiraay TPLF faana hiriiree qabsoo gaggeessee fi wareegama baaseen bu’aa/faayidaa gama polotikaa, dinagdee fi hawaasummaa hedduu argatetti dabalee jajjabeessaa fi faaruu afaanii kan miira qor-qalbii isaa gammachiistu “Ummata Warqee/Meeta” (ወርቅ ሕዝብ) jecha jettu badhaafameera. Jecha faaruu kana Ummata Tigiraayiin kan badhaasan gaafa lubbuudhaan jiran (Bakka jiranitti gatiima hojii isaanii haa kennuuf) Obbo Mallas Zeenaawwii turan.

Kenyans in fear as Ethiopian troops invade villages

March 29, 2015 | Standard Digital News | By LIBAN GOLICHA

Residents of Sololo are living in fear after heavily armed Ethiopian forces crossed border to hunt down members of the outlawed Oromo Liberation Front (OLF).
Since Tuesday, the forces have been combing the area and already, there are claims locals have been roughed up.
Residents of Waye-Goda, Anona and Damballafachana (DF) are said to have suffered the wrath of the Ethiopians who allegedly beat them up and confiscated their phones.
Sololo Deputy County Commissioner Raphael Muiruri told The Standard that more than 300 Ethiopia soldiers have reportedly crossed over into the district. “They (soldiers) were reported in Anona, DF and Waye-Goda. Reports suggest that the foreign security forces are hunting OLF,” he said.

Rakkinni ummata Oromoo, Mootummaa Walaba Oromiyaa ijaaruudhaan furmaata argata malee, umurii cunqursaa fi saamichaa Oromoo irratti dheereffatuuf filannoo dharaa Wayyaaneen geggeessituun miti

Bitootessa 27, 2015 | Saartuu Magarsaa Irraa

Sirna dimookraasii jechuun, sirna mootummaan ummataa, ummataan, ummataaf ittiin ijaaramu jechuu dha. Sirni dimookraasii kun, mootummaa ummataa, ummataan ijaaramee ummataaf hojjetu argamsiisuu kan danda’u, mirgi yaada ofii bilisa ta’anii ibsachuu, mirgi bilisa ta’anii socho’anii ummata dammaqsuu, mirgi ijaaramuu fi ijaaruu, mirgi siyaasaa kan dhaaba siyaasaa fedhan deggeruu fi mormuu, mirgi siyaasaa kan filuu fi filamuu, mirgi hiriira nagaa bahuun imaammata mootummaa ykn dhaaba siyaasaa  deggeruu ykn mormuu, mirgi sabquunnamtiitti walqixa dhimma bahuu, mirgi seeraan tikfamuu fi kkf yoo kabajame fi hojii irra oolfamee dha.

Maal haa baasuuf dhama raasuu?

Bitootessa 27, 2015 | Abdii Boruu Irraa

Akkuma beekamu MQBO keessatti tasgabbiin dhibuun ilmaan oromoo hedduu yaachisaa turuun isaa hundafuu ifaa dha. Kun ammoo namootuma amma ofii salphatanii Oromoo salphisaa jiran  irraa ti. Gaaffii akkamitti, maal godhanii eessatti jettu sana ammaaf seenaaf dhiisutu gaarii dha. Gochaan Habashotaa kun barumsa nuuf haa tahu jechuuf ,ilmaan namaa ti ni yadna waan taheef kan darbes yaadannee, kan tahaa jirus ilaallee, kan fuula duraas xiinxaluun waan nu rakkisu natti hin fakkatu. Kanaaf waanni kun akka tahu durumaanuu dubbachaa waan turreef amma nu dinquu fi diina dhiifnee wal irraa wacuun fulmaata natti hin fakkatu. Garuu gochaan diinaa inni ammaa kun jarmiyoota Orommoo alaa keessa jiraniif ergaa jabaa ykn dhaamsa guddaa dha.

IGNORE LENCHO LATA’S COMPROMISE IDEA AT YOUR OWN PERIL

March 26, 2015 | Written by Olaanaa Abbaaxiiqii* | OPride

I read Lencho Lata’s recent op-ed, “Electoral Absolutism in Ethiopia,” with great interest. Ethiopia is approaching a political dead end and there is no better alternative to seeking compromise and a third way.
The absolutist idea of the Ethiopian elitist that Lencho so aptly described and the severe political and ethnic polarization that currently exists will eventually end all of us in mutual annihilation and self-destruction. Far from being a panacea, as Lencho noted, elections may in fact aggravate these acute divisions.

Galmi Aadaa Oromiyaa Finfinneetti ijaarame eebbifame

Bitootessa 25, 2015 | OroMedia
Galmi Aadaa Oromiyaa Magaalaa Finfinneetti baasii Birrii miliyoona 200 caaluun jaarame kun olola sirna OPDOf oolaa jira jedhamee qeeqameera.

Who owns the Nile? It’s more complicated than you think

March 25, 2015 | Aljazeera

Egypt, Ethiopia and Sudan this week agreed to share the water of the Nile. But why was there discord in the first place?

"Tufii Wayyanen Oromoo irrati qabdu bakka tokkoti dhaabbachuu qaba."- Ibsa Gummi Paarlamaa Oromoo

Bitootessa 24, 2015 | Ibsa Gummi Paarlamaa Oromoo

Wayyanen ODF ykn Obbo Leencoo lata xiqeesu yaaluun ishee Tufii uumataa Oromoof qabdu argisisi. Tufii fi jibinsi wayyanen Oromoo irrati qabduu sababa 100 ol dhiyeesun ragga ba’uu ni danda’ama.