Oromoon surraa, of ifsachuu, ofbulchuu barbaadu.
Oromoon sagaleen saanii akka dhagahamu barbaadu
Oromoon moo'ummaa barbaadu
Olloota isaanii mo'ummaa ofii shakalachaa bilisummaan jiraatan waliin nagaan jiraachuu barbaadu (furan kiyya)*Bonnie Holcomb(7/14/12)
Ibsaa Guutama irraa* | Onkololessa 2012
Qabsaawoti Oromoo yeroo jalqabaaf ijaaramanii gadi bahan kan kaasan gaaffii ummati Oromoo ergaqabamee kaasee guungumaa ture. Ummati Oromoo maal barbaadee gungume yoo jedhame ofiin bulummaa yk walabummaa fi birmadummaa sarbame deebisee gonfachuu dha deebii jedhu argata. Sararan ol haanan haasaa Bonnie Holcomb WQOirratt gotee keessatt gaaffii Oromoon maal barbaada jedhu kaastee tuqaalee tarreessite keessaa fudhatame. ABOn Oromoon maal akka barbaadu himutt erga ka’e walakaa jaarraa ta’uuf deema. Oromoon saba guddaa, qaroo, hala kamittuu madaquun isa hin dhibne, homishaa, sammuun taadhii ta’e, jagna maaliinu hafaa hin qabne ture. Diinoti saa danuu seenaan erga qabatanii, akka makiinaa hoomiishaa, geejjibaa, ijaarsaa, quunnamtii fi ajjeechaatt tola yk gatii bushaan dhimma itt bahaa jiru. Haala jiru tursuuf akka inni deeebi’ee of hin barre qaccee Oromummaa keessatt hafte haquuu fi hamilee saa burkuteessuuf waan danda’an hunda tolchaa jiru. Kan isaan xiyyeeffatan hameessa saanii Oromoo balleessuu utu hin ta’in Oromummaa doomsuu irratt. Sana, yaa’a keessa utuu fixasanyii hin raawwatin tolchuun hin danda’amne. Oromoon hunda hubataniiru; eenyummaa saanii golgame deebisanii hanga gonfatanitt sabummaan itt fufanii jiraachuu akka hin dandeenye barataniiru. Kanaaf qabsoo walabummaa eegalan. Dandeettii saanii riphaa sochoosuu dandeenyaan kan jala dhaabbatu hin jiru.