Gaaffii Mirgaa Hawaasa Muslimaaf Deebii Rasaasaa Kennuu Wayyaaneetiin Balaa Babaláchuu Juruuf kna Itti Gaafatamu Sirnuma Wayyaanee ti

Onkoloolessa 23, 2012 (Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo): Mootummaan Wayyaanee gaaffii mirga walabummaa amantii hawaasni Muslimaa jióota hedduuf walitti aansee karaa nagaan gaafachaa jiruuf deebii humnaa kennuu itti fufee jira. Gaaffii mirgaa kana humnaan ukkaamsuuf jechas hanga ammaatti tarkaanfii fudhateen bakkoota adda addaatti lubbuu lammiilee hedduu galaafateera, madeesseera, kudhanoota hedduus hidheera.

Ajjeechaan suukaneessaan gidduu kana Kaaba Oromiyaa godinaa Walloo onoota adda addaa keessatti raawátames itti fufuma tarkaanfii faashistummaa fi abbaa irrummaa sirnichaa kan armaan duraa tahuun ifaa dha. Mootummaan kun ‘mirgi walabummaa amantii kamuu kabajamaa dha’ jedhee kan maqaaf heera isaa keessatti barreesse haaluudhaan hawaasa Muslimaa kan hogganoota keenya ofii keenyaaf haa filannu jedhee karaa nagaan gaafate maqaa biraa itti maxxansee rukutaa jiraachuun hedduu gaddisiisaa dha.

Sirni gara jabeessi kun gaaffii mirga siyaasaa dargaggoonni Oromoo fi qaamonni hawaasa adda addaa waggoota digdamii tokkoon dabaraniif dhiheessaa turan akkuma qawween ukkaamsaa fi dhiiga dhangalaasaa yoona gahe gaaffii mirga walabummaa amantiifis deebii wal fakkaataa kennaa jira. Kun hundi kan mirkaneessu sirni Wayyaanee ummatootas tahee hawaasota amantii gonkumaa kan bakka hin buune tahuu isaa ti. Mootummaan sirna qewweetti amanu malee ummatoota bulchaan jira ofiin jedhuuf gaafatamni homaatuu kan itti hin dhagahamne tahuu isaa guyyaa aangoo qabate irraa qabee hanga haráantanaatti tarkaanfiilee faashistummaa isaatiin mirkaneessaa jira.

Sirna ofiin bulaa kan tuffii ummatootaan guutamee dhiitaé kana irraa ummatoonni waan eegan hin qabani. Qabsoo haqaa jalqaban jabeessanii itti fufuun sirnicha kallattii maraan muddanii dhiita isaa buruqsuu malee furmaanni mulátu kan biraa hin jiru.

Mootummaan Wayyaanee akka amma itti deemaa jiru kanaan gaaffii mirga walabummaa amantii kan hawaasni Muslimaa karaa nagaan dhiheeffachaa yoona gahe daandii nagayaa irraa maqsuuf tahe jedhee dhiiga lammiilee nagaa jigsuu isaatiif itti gaafatama. Kana malees gaaffiin hawaasni kun karaa nagaan dhiheessaa yoona gahe obsa fixatee tarkaanfiilee humnaan wal dura dhaabbannootti akka cehuu fi saniinis wal qabatee balaa hamaa dhalachuu deemuuf kan itti gaafatamuuf taa’u sirnuma Wayyaanee mataa isaa tahuu yaadachiisuu feena. Addi Bilisummaa Oromoo dhiiga sirni kun gidduu kana Garbaa fi bakkoota birootti dhangaleesee fi dhangalaasaas jiru jabeessee balaaleffata. Tarkaanfii akkasii irraa mootumman kun akka dhaabbatuus gadi jabeessee akeekachiisa.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 23, 2012
Click here to read the statement in Amharic

No comments:

Post a Comment