Afaan Oromoon Dubbachuufi Barreessutti Abbaatu Ulfina Hora

Sadaasa 6, 2012 (Oromo Press): Mataduree armaan olii kana kanan filadheef sababii malee miti. Baroota1990s jalqabee Oromiyaa keessatti Afaan Oromoo  walmadaallii duriin guddina caalmaa agarsiisaa jira. Sadarkaa biyyaatti, sabaahimaaleen walabaa Afaan Oromoo irratti guddisan haadhabaman maleeyyuu, manneen barnootaa keessatti Afaan Oromoo haga tokko dagaagaa jira-galanni kan gootota kufaniifi kan dhaloota haaraa haata'uti.  Namoonni dhuunfaan kitaabolee og-barruu uumaafi miti-uumaa  ittiin katabaa jiru. Sunneen wantoota abdachiisoofi haamilchiisoodha.

Waan abdachiisa sana bira tarree yoo laalle immoo wantoonni moromaa ykn abdachiisaa hintaane nijiru. Guddinni afaanichaa haga barbaadame akka hinutaalle kan godhe dhiibbaa alagaa qofa osoo hintaane, Oromootumti magaalaafi biyya-ambaa keessa jiraatan afaan saanirra afaan alagaan dubbachuufi barreessuuf dirqamu ykn filachuu isaaniti. Afaan keenya qancarsuurratti gahee mataa keenyas dagachuu hinqabinu. Iddoon rakkoo lamaan ogummaa barreessufi dubbisuudha. Dubbachuu eenyumtuu Oromoo ta'ee kan dhalateefi guddate nidubbata.

Mee naannoo keenya haa daawwannu.  Namoonni sabboontota jedhamanii afaanicha dubbatan baayyeen isaanfi ijoolleen isaanii Afaan Oromootiin seerluga afaanichaa eeguudhaan katabuurratti rakkoo guddaa qabu. Kunis kan ta'e afaanicha ofiifis  ta'e ijoolleen akka barattu gochuuratti hanqinni tattaaffii waan jiruufi. Dogoggorri qubeessuu afaan biraa yoo barannu, adabbii guddaa akka qabu nibeekama. Oromoon biyya ambaas ta'e Oromoonni tokko tokko magaalaalee habashoonni keechatti heedduumatan keessatti argaman, afaan isaanii waliigaltee daldalaafi dhuunfaaf gaafa oolchan afaanicha gulaaluun dogoggora seerlugaarraa akka qulqullaa'u gochuurratti tattaaffii kan godhan jiru, garuu lakkoofsi isaanii yartuudha.

Afaan ofii afaaniin dubbachuutti dabalee, barreeffamaan guddisuun barbaachisaadha. Kabaja abbaatu afaan ofitti hora. Yunbaristii biyya lixaafi bahaa keessatti, fakkeenyaaf, barattoonni Eeziyaa  kompiyutara isaanirratti Afaan Chaayinaatiin ykn Jaappaniitiin yoo yaadannoo qabatan mul'atu. Afaan Ingiliziituu yoo beekan, afaan Chaayinaafi Jaappaniin katabatu. Afaan lammaffaa baruufi dhimma itti-ba'uun waanuma baramaadha. Wanti asitti jalamuramuu qabu garuu afaan namaa baruuf jecha afaan ofii ajjeesuun ykn aarsaa gochuun barbaachisaa miti.  Kuni Eeziyaannonni afaan isaaniin boonuu agarsiisa.

Faallaa keeyyata oliitiin, yaannin dhiiyoo tokko marsaa tokkorratti dubbise akka jedhutti: "bakka habashaan tokko jirutti, Oromoonni sagal, Afaan Oromoorra gara Afaan Amaaraatiin dubbachuutti dhundhulu." Dhudhuluu qofayyuu miti, afaan ofii gatanii afaan alagaatiin waliigalteetti hirmaatu. Eenyu gammachiisuufi kuni hunduu? Kuni Oromoo maraaf dhugaa miti, garu gocha qaanessaa (saalfachiisaa) bakka tokko tokkotti biyyattis alattis mul'atu.

Biyyoota Awurooppaa keechatti namoonni baayyeen sabboonummaadhaan afaan isaaniin dhaggeeffatu, dubbatu,  katabufi qubeessu. Alagaan tokko gaafa jidduu isaanii galus afaan abbaa isaanii  dubbataa jiran geeddaruuf fedhii hinqabani. Hingeeddaranisi! Kuni mirga Uumaati malee jibba afaan kaanirraa qaban hinagarsiisu. Oromoon Oromiyaa keessattifi bakka biroo  danummaan keechatti argamutti afaan isaa malee dubbachuu diduun afaanichi akka guddatu godha; alagaanirree afaanicha akka baru tolcha.

Garuu, Oromoon afaan isaa sirriin qubeessufi barreessuu dadhabuun, afaanichaaf kabajaafi ulfina gituuf kennuufi dhiisuu mul'isa. Yoo afaan alagaa akka gaariitti kan barreessinuufi dubbannu taane, kan keenya oo akka hinguddisine maaltu nu dhoowwa, nudhorka nudhogga? Maaliif akkuma saba kaanii Afaan keenyaan hinboonnu? Xiinsammuu gad-aantummaa keessaa namoota tokko tokko baasuun Oromoon dhalootaa dhalootatti Afaan Oromoo barreeffamaan dabarsuun dirqama hunda keenyati. Abootiifi armooliin keenya afaan keenya jecha afaanitiin nutti dabarsani. Nuyi immoo isarratti ijaaruun dhaloonni boruu afaan Oromoo barreeffame akka dhaalu gochuu qabina.

Afaan Oromootiin sirriin qubeessuun ulfina itti haa orrun jenna.  Seerlugaa, barreessuufi qubeessuu irratti caalaatti hojjetamuu qaba.
Oromo Press 

No comments:

Post a Comment