Oromoo Jaarraa 21 keessa gurguramaa jiru

Leellisee Bitimaa irraa | Sadaasa 28, 2012

Duraan dursee Oromoonni kana dubbiftan wantin jechaa jiru kun kanin argee fi qaaman argamee dhaga’e malee oduu jette jettee akka hin taane sirnaan naa hubadhaa.

Akkuma armaan olitti jedhe kana barreessuudhaaf kan na kakaase dhaga’ee oduun osoo hin ta’in biyya dhaqeen ijaan argeen rakkoo keessa gale. Ijaan argeen sammuun ciisuu dide. Akka intala Oromoo tokkootti ufittin gadde. Ufin jibbe, hirriban dhabe. Marrimaantu na boba’e, ufin tuffadhe, guyyaan itti dhaladhen jibbe.


Nama Oromoo ofiin jedhu tokko yaroon argu seenaa osoo hin taane isa kaleessa ta’aa ture, kan har’as ta’aa jiru, garuu kan namuu osoo arguu dubbachuu dadhabe, kan osoo dhagayuu himuu dadhabe kana Oromticha ykn Oromtitiitti himee yoon afuura baafadhu dhukkubi koo natti fooya’a. Akka tasaa osoon waanin arge kanaan dhukkubsataa jiruu fira koo Oromummaa dhukkubsata jenne yaroo kaan hamannu tokko nyaadadhe.

Dhukkubni isaa edaa nuy hanga yoona hin beekne malee kana ta’a jedhee isa yaadaa osoon yaadaan weellaluu galgala tokko mana koo akkuman waanin itti bilbilee naa dhufe.

Akkuman balbala baneefi isa ta’uu hubadheen jarjasuun wanta biyya keenya sana keessatti ta’aa jiru ija kootiin argeen amanuun dadhabe jedheen.Maal nagaa mitii? jedhee osoo inni gadi hin taa’in, osoo inni baga nagaan biyya geesse dhufte jedhee hin fixatin, nagaan hin jirun jedheen.

Maaltu dhalate jedhe, ija koo keessa na ilaalaa.Maatiin nagaa mitii? Jedhe naasuudhaan. Maatiin koo yaroodhaaf nagaadha, yoo nagaan akkasuma ta’e jedheen.Firri koo kun ana dhalaa jeeqamtee miirri ishii jijjiramee fuula irraa mul’atu dhiisiitii isa namni garaatti yaadu illee ni beeka jennee hamanna waan ta’eef haala ani keessa jiru baruuf yaroo isatti hin fudhanne.

Ammas dafee wanticha baruuf jedhee abbaan kee haati kee obbolaan kee nagaa mitii? Maaloo wanta ta’e natti himi na rakkisinii jedhe.

Abbaan koos harmeen koos nagaadha.Obbolaan koos yaroof nagaadha hanga dabareen isaanii ga’ee dallaalaan ykn ‘ejensiin’ gurguramanittin jedheen.

waaniin ija koo qaroon argee amanuu dadhabe akka kanatti aanutti miira keessa galee imimmaan faana itti seenessuu jalqabe. Duraan dursee dubbii kootti seenuu koo dura dhiifaman si gaafadhan jedheen. Kan maalii Leelloo jedhe innis jeeqamuudhaan.

Yaroo ati mootummaa biyya Itoophiyaa sana jibbitee dhukkubsattu, duuba kee si hamanna turre, dhukkubsataa siyaasaa sin jenna turre. Anis warra si hamatan keessa tokkon ture, kana booda garuu ati dhukkubsataa siyaasaati, fayyuus ni dandeessa, ani garuu maraattuu siyaasa Mootummaa biyya sanaa ta’een jira jedheen.

Yaroo kana maaloo rakkina mootummaan sun sirraan gahe anoo homaa hin dhageenye dafi natti himi Leellisee naan jedhe.Rakkina koos akka kanatti aanuttin waaniin ija koo qaroon argee fi gurra kootiin qaamaan argamee dhaga’e itti bulgaafadhe ykn futtaafadhe:

1.  Boolee dirree xayyaaraatti waan nu qunname

Akkuma beekamu biyya Ameerikaa kanaa yaroo biyya deemuuf yaaddu karaa qilleensaa gatiidhaan irra xiqqaa ta’e filachuun waanuma namni hundinuu godhu. Anis kan gatiin irra xiqqaa karaa xayyaara “imireets”jedhamun filadhe.Gaafan dhaqu rakkinni na hin qunnamne.

Gaafan deebi’u garuu guyyaansa Kamisa Sadaasa 8/2012 waaree booda qophii keenya xumurree fira hundumaa nagaa itti dhaamnee yaroo dirree xayyaara seennu, shamarran baadiyyaa Oromiyaa keessa guuraman hedduun dirre xayyaaraa guutanii fagootti argine.

Yaroo kana namoota baadiyyaa fakkaatu namatu du’ee reefka fudhachuu baadiyya buqisanii dhufan moo maaltu ta’aa jira jennee hiriyaa koo faana ija keessa wal ilaallee.Yaroo itti hiiqnu harki sadii ol kan ta’an afaan Oromootiin kan haasa’an yaroo ta’u harki xiqqoon ammoo afaan Amaara kan haasa’anis akka jiran hubachuu dandeenye.

Yaroo ani waan ta’aa jiru wallaalee afaan Oromootiin maal taatan jarana biyyi nagaa mitii? jedhee dubbisu, bitaa mirgaan yaroo gabaabduu keessatti nu marsan.Gaaffiin isanii inni jalqabaa xayyaarri ittiin deemnuu kamii?, sa’aatii meeqanii?,eessatti qabannaa? Jedhanii “tikeetii” fi “Paasportii” akka wal keessa jirutti nutti kennuu jalqaban.

Shamarran kun irra hedduun barreessuu fi dubbisuu hin danda’an. Yaroo kana agarru sammuun keenya baachuu dadhabee maaloo kan dubbisuu illee hin dandeenye akkamitti biyya ormaa deemtu jennee iyyuu jalqabne.

Barachuu isin hin barbaachisu biyyi dhaqxan afaan Arabaatiin hojjatu waan taheef inni barateyyuu homaa isa hin gargaaru jedhaniiru warri dallaalaa ykn ‘ejensiin’ nuun jedhan.

Yaroo kana miira keenya to’achuu dadhabnee kun sirrii miti gaafa jennee mormuu fi iyyuu jalqabnu, hojjatootni Boolee Dirree Xayyaara lama ta’anii gara keenya dhufanii maaliif iyyitu waan har’uma qofa ta’e isinitti fakkaatee? nuyi kana guyyaa hunda waan arginuuf qaama nuu ta’e jira nuun jedhan.

Itti aansaniis akkas nuun jedhan.Yaroo akkasitti iyyitanii mormitan mootummaan akka qabee isin hidhu barbaadduu? Isin haala biyya kana hin beektan keessummaadha fakkaattu dafaatii asii deema nuun jedhan.

Kunis jiraa jennee, isa iyyinu fi morminu dhiifinnee hanga dandeenye tikeeta isaanii ilaalaa bakka dhaquu qaban itti himuun gargaaruu yaallee. warra xayyaara tokkoon nu faana deeman ammoo wajjin deemna as turaa jennee, warra xayyaara biraatiin deeman gargaaruuf asiif achi jecha edda turre booda sa’aatiin keenya ga’ee gara xayyaara keenya qabannutti deebine.Irra hedduun shamarran kanaa baadiyyaa akka dhufanitti jiru. Egaa dhumarratti sa’aatiin gahee xayyaaratti galuu eegalle.

yaroo xayyaarri lafa gallakisee ka’u bitaa fi mirga keenyaa iyyuu jalqaban.Maaltu ta’ee jennee yaroo dhageeffannu, isaan kaan yaa ijoollee koo nagaan jedhu, warri kaan yaa warra koo nagaatti jedhu.Yaroo kana warri adii (biyya ormaa) warra goolii uumtotatu xayyaara waa godhe se’anii rifatan.Nutis warra hojjatoota xayyaara gargaarree shamarran keenya tasgabeessudhaan rakkoon akka hin jirre himuu yaalii goone.Kadhaa meeqa boodaa fi kaan ammoo iyyanii booyanii gaafa dadhaban itti dhiisan.

Gaafa xiqqoo qalbiitti deebi’uu eegalan xayyaara keessatti akkamitti akka dhufan, qarshii ‘ejensii’ fi ‘tikeeta’ ittiin muratan eessa akka argatan gaafachuutti kaane.Seenaa mataa nama dhukkubsu akka kanatti aanutti nutti himan.

Warri naannoo Finfinnee irraa dhufan akkas jechuun nuu himuu jalqaban.Mootummaan warra keenyaa qarshii xiqqoo kennuudhaan dachee keenya irraa humnaan nu buqisee investarootaaf kenne. Isayyuu ammo warri keenya yoo tole jedhanii yaroo gabaabaa keessatti qarshii mootummaan kennu fudhachuu baatan mootummaan bilisa fudhata jedhanii warra keenya waan sodaachisaniif qarshi sana warri keenya sodaatanii daddaffiin kan itti kenname fudhatan.

Qarshii sana fudhachuu warra keenyaa warri dallaalan yaroo baran dhufanii nuunis warra keenyas abaabbalanii qarshittii warra keenya irraa fudhatan ishii hafte ammoo kunoo amma ittin deema jirra nuun jedhan.

Warri Harargee, Baalee, Arsii, Walloo, Gidaamii, fi Jimma irraa dhufan ammoo heddun isaanii warri isaanii horii gurguranii qarshii dallaalaaf kan kennan yoo ta’u. Isaan keessa tokko ammoo afaan Amaaras kan dandeessu akka kanatti aanu nuun jette. Abbaan manaa koo jiruu qaba ture, mootummaan warra mormitoota deegarta jedhee jiruu irraa ari’ee. jiruu irraas ari’anii teessumaa fi dhaabbi waan dhorkaniif nu gatee gara inni bu’e dhabne.Gara inni bu’e iyyaafannee dhabne.Gaafan ijoollee koo waanin ittiin guddisu dhabu ijoollee qabadhee gara abbaa fi haadha kootti gale jette.

Itti fuftees akks jette gaafan warra kiyyatti galee xiqqo turu ammoo mootummaan qarshii hin taane warra kiyyaaf kennee lafa irraa fudhatee investarootatti gurgurate. Ijoollee koo lamaan abbaa fi haadha kootti gateen qarshii mootummaan isaanii kenne sana warri koo ‘ejensiif’ kaffalanii ittiin deemaa jira jettee nuu himte.Argitanii jarana jette, Ijoollee abbaa hin qabne lama rakkina koo irraan kan ka’e gatee deemaa jira. Ijoollee kootti nan deebi’a ta’ee, ijoollee koo lammaffaa hin argu ta’ee hin beeku. Ijoolleen koo abbas dhabdee haadhas dhabuu saaniiti. kanatu na boochisa malee lubbuun tokko yoo dhabamtees homaa miti nuun jette sagalee gadi qabattee.

Jechi kun na keessaa bahuu dide.Riifeensa mataa kooti hanga qeensa miilla kootti natti dhgayame.Guyyaa maaliin Oromoo tahee dhaladhe jedheen waaqayyo gaafadhe.

Ummata guddaa garuu xiqqaa, gaaf tokko waliigalee gabrummaa irraa kan uf hin ittifne jedheen kophaa koo ufitti guungume.Ummata diinni yaroo barbaadee fi akka fedhetti akka galabaa garbuu facaasuu danda’u jedheen uf jibbe.Ummanni kun qabeenya dhabee?,jabeenya dhabee?,Onnee dhabee?, nama barate dhabe moo maal dhabee jedheen uf gaafadhe, deebii garuu hin arganne.

Osoon kana keessa jiruu warra baratee yaroon jedhu warra ‘intarneeta’ fi ‘paal tookii’ isa jedhamu irratti kan wal arrabsuu malee yaada Oromoof furmaata ta’u irratti kan uf hin kennine, garuu maqaa wal xurreessuu irratti warra gootoman sana yaadadhe.

Osoo Oromoon akkana ta’aa jiruu warri wal arrabsuu irratti qiyyaafatan maal ufiin jedhuu laata jedheen yaade. Gootonni “intarneeta” fi “paal tookii” kun waan yaroo gabaabaa keessatti sammuutti deebi’anii diina isaanii irratti waan qiyyaafatan natti hin fakkaatu. Kanaaf yoon kana yaadu gaddi koos dhukkubni koos natti cime.

Qarshiif jedhee “Imireetiin” deemeen dhukkubsadhe maraadhe ufiin jedhe keessa kootti. Firri koo mana koo baga nagaan deebite jechuu dhufe kun mee falan si dhaya akkas godhi naan jedhe. Maali malli koo fi falli koon jedheen. Akka gootu jedhe, mee barreessitii Oromoon silaa hin dhageenyu yoo dhageenyes nu keessa gadi hin seenu, ati garuu yoo barreesitee uf irraa baafte dhukkuba kee ni wayyoofta fallisaa yaroof kanuma naan jedhe. Yaada kana fudhadheen osoon waan tokko itti hin dabalin barreesse, wanti hafe garuu hedduudha.

Keessumaa amoo dhaabonni Oromoof qabsoofna ufiin jettan Oromoon dacheen isaas namni isaas gurguramee dhumaa jiraa, maal irratti wal loltuu?

Achii booda ammoo Awuroopaa moo Ameerikaa isa biyya abbaa qabu irratti wal lollee wal irratti olollaa laata?

MUU !! SAFUU NA BARAARI !!!.

Safuu gootota ‘intarneetaa’ fi ‘paal tookii’ ammas safuu!!!. Oromoonni akka gurguramaa jiran yoo hubachuu barbaadan “tikeeta” xayayyara “imareetii” kutadhaatii garaa kutadha.

Oromoon du’a lama du’aa jiraa hubadhaa.Dacheen isaas gurguramaa jira, shamarran isaas gurguramaa jiru!!.
Nuyi garuu biyya abba qabu keessa teenyee ati QC, ati Shanee, ati WMO, ati Gumii, ati JIJJIRAMA….kkf waliin jechaa yaroo keenyas balleessaa Oromootti ammoo gidiraa fi dararama dheeressa jirraa, hubattaniittuu?

Silaa nuyi akka nama tokkootti ana dabalatee warri biyya abbaa qabu keessa jiraanu haala mijawaa biyya FARANJII kana keessa jirutti dhimma baanee akka nama tokkottis tahe akka sabaatti wal irratti osoo hin ta’in diina keenya irratti dhagaa qabnu utuu darbanne, yoona eessa jirraa?

Kan biraa ammoo biyya abbaa qabu keessa nagaan baanee nagaan oollee hojjannee yaroo gallu, Oromoonis akkuma keenyatti jiraataa jira jenne isa keessaa baanee dhufne dagannee wal nyaachuu keenyatu hunda caala raajjeffamuu qaba.

Fakkeenyaaf Baqqalaa Garbaa, Olbaanaa Leellisaafaa fi Oromoota kumaatamaan mana hidhaa wayyaane keessatti gidiraa argaa jiran guyyaatti yaroo meeqa yaadannaa?

Keessuma dhaabonni Oromoof qabsoofna jettan biyya alaa keessa teessanii bilisummaa Oromoof jettanii warri ‘interneeta’ irratti walitti qabsooftan yaroon yaadadhu dhukkubni koo daangaa dhabe.Maqaa keessanitti nan qaana’e. Jiruu keessanitti ufin jibbe.Keessumatti ammoo Oromoonni baratan warri “intarneeta” jabanaa irratti goota ufiin jecha jiran na singiggeessan.

Jarri kun ni baratani moo ni xaxamanii, ni baratani moo ni dhiqamanii, ni baratani moo ni haratamanii,ni baratani moo ni badanii, ni baratani moo, ni kola’anii jedheen keessa kootti uf gaafadhe.

Kuni hundi kanin jedheef namni yoo baratu ykn barachuu jechuun rakkoo xaxaa ta’ee jiru sadarkaa sadarkaadhaan cabsanii qarominaan wallaalaa ufi barsifatanii beekaa ufi kabajanii itti gargaaramanii abbaa biyyummaa ufii mirkaneeffachuu jechuudha.

Gabaabumatti garuu baratanii rakkina isaanii mariin hikkachu dadhabanii, haala wal xaxaa gabroonfatoota qubattu ykn ‘kolonii’ qubattuu hubachuu dadhabanii haaduu itti qarree guyyaan qallee yaafna yoo jedhan maal baratanii?

Silaa biyya sana toftaan dhuunfatanii rakkoo ummata Oromoo furuu kan hin dandeenye kun baranne yoo jedhan maaltu itti dhagayama jedheen yaadaan guutame.

Hanga yoonaa maal ufiin jedhuu jedheen yaaduutti ka’e. Yaroo hundumaa walitti malee diinatti kan hin qiyyaafanne keessaa maaliifan dhaladhe jedheen of jibbe.Utuun akkas jedhee keessa koottii wallolaa jiruu Sa’aatii afur booda Dubaayi magaalaa jedhamu geenye.

2.  Dirree xayyaara buufata Dubaayi

Dubaayi geenyee, gaafa xayyaara irraa buunu ammoo xayyaara kamiin akka dhufanii fi karaa kam akka dhufan warri nuti hin beekne warra xayyaara tokkon dhufne faana gaafa walitti dabalaman Oromiyaatti waan deebine nutti fakkaate. Rakkoon guddaan Boolee caalaa asitti nu qunname.

Hedduminni namaa humna keenya ol ta’e. Afaan hin beekan namni isaan gargaaru hin jiru, irra hedduun dubbisuu fi barreessuu hin danda’an.Biyya deeman illee hin beekan.Yoo nama Itiyoophiyaa fakkaatu tokko argan sitti marsanii afuura sikutu.

Kan hedduu nama gaddisiisu ammo hundi keenya yoo dhiqachuu fi uccuu jijjiirachuu baanne, Araboota dabalatee ilmi namaa hundi foolii ni godhata. Shamarran kun ammo Irra hedduun kan uffatan shaamaa waan ta’eef biyya oo’aa keessatti foolii addaa godhachuun waanuma eeggamu.Wanti shamarran kun uumamaan adda ittiin ta’an hin jiru. Araboonni garuu namoota kana akka namaatti osoo hin ta’in uumamaan akka waan isaanii irraa adda ta’aniitti ilaalanii hin gargaaran.Gargaaruu dhiisiiti afaan saanii fi funyaan isaanii hidhatanii “air refresharii” ija irratti isaan biifaa oolu.Nutis akkasuma shamarran keenya faana tufatamnee, xireeffamnee “air refresharii biifama sa’aatii shan Dubaayi turreerra.Dubbannus Arabi isin namaa jedhee gurra nuu kenne hin jiru.

Maal goota farda abbaan kobootan rukute, ormi dhgaan haleela jedhu mitiiree?. Ummanni keenya gaafa biyya isaa dhabe ulfina dhabe jedheen gubadhe.

Mootummaan sun Oromoota dachee saanii irraa buqisee dachee saanii Arabatti gurgura.Shamarran Oromoo garatti garagalan gaafa wallaalan dallaalaa baadiyyaa Oromiyaatti bobbaasee waggaa tokko keessatti jireenya keessan fooyyessitu jedhee ababbalchiisuun shamarran oromoo dachee isaanii irra buqa’anii, guyyaan itti dukkana’e gowomsanii ijoollee isanii fi maatii isaanii duubatti gatanii gabrummaan akka gurguraman gochaa jira.Mootummichi osoo ijaan arguu, osoo gurraan dhagayu shamarran Oromoo akka gurguraman “Ejensii” waan jedhamu dhaabee qaraxa guurrachaa shamarran Oromoo gurguraa, gurgursisaa jira. Namoonni isaanii Oromoo gurguruun maqaa “ejensiitiin ” duroomaa jiru.

Gabaabumatti dachee Oromoos ilmaan oromoos gurguruun jaarraa 21ffaa keessa sooromaa jiru.

Nuy Oromoonni carraa argannee biyya abbaa qabu keessa jirru carraa faranjiin uumetti ykn ‘teknooloojii’ gargaaramnee ummata keenya dubbachuu hin dandeenyeef dubbachuurra boolla walii qonnee kijibaan maqaa wal balleessa jirra.Kan diinni nu balleessaa jiru caalaa wal balleessa jirra.

Qottoon maal na godhe, kan na miidhe jallaa kooti jedhe mukti jedhu mitiiree?

Kan diinni keenya utuu Oromoo fi dacheesaa gurguraa jiruu ijaan argaa fi dhagayaa jirru wal irratti gootomnu hundeensaa gadi aantummaa gabrummaan nu irraan gahe waan ta’eef, warri qubee baranne jettan jalqaba hidhaa sana keessa uf baasatii achii ummata keessan jalaa baasuuf jallaa keessan gorfachuun sirreessaa, wallaalaa keessan barsiisaa.

Yoo kana hin goone baranne jettanii ‘intarneeta’ fi ‘paal tookii’ faranjiin uumtetti baatanii uf hin gowomsina.Barachunis, qaromuunis hiikaan isaa kana mitii warri hin hubanne ilaallacha sirbaa.

Warri nu gabromfatan numaan waliin dhayanitu malee nu caalaa beekumsas ta’ee jabina qabaatanii miti. Jabinni ittiin nu caalanis waliin nu dhayuudha.Kana meeqan keenyatu hubatee jiraa?

Lafee Arbaatiin Arba cabsan akkum jedhamu, Oromoodhumaan Oromoo akka cabsan, hubannee wal hubachiisuun barbaachiisaadha.

Warri diina keenyaa Oromoottu gargaaramanii Oromoo cabsan.Nuy garuu obbolaawwan keenyatti gargaaramuun hafee ololaan uf irraa mogeessinee kan caaluu diina goonee, dararaa fi gidiraa ummata keenyatti jabeessine, jabbeessaas jirra.

Wal nyaachuun keenyaa fi jeeqamuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo kun OPDO yaroo kaan mirga harcaatuu gowomsuuf itti darbatan illee akka molqamaa jiran hubataniiruu laata?

OPDn Oromoonni dachee isaanii irraa buqa’anii yaroo gurguraman kun maaliif jechuun haa hafuuti afuura illee baafachuu dhabuun maaliif akka ta’e hubachuu ni danda’u laata jedheen keessa kootti ufgaafadhe.OPDn lammiin isaanii akka kanatti yoo gurguramaa jiru birmachuufii dadhabuun maal irra akka ta’e hubataniiruu laata?

Abbaan manaa harree haadha manaa isaa irraa waraabessa dhorkuu hin danda’u isa jedhamu hagam qalbeeffatuu?

Nuy karaa keenyaan ammoo dhaabota Oromoo bilisa ta’an dhiisitii OPDOttu gargaaramuu dhabuun akka nama tokkottis tahe akka sabaatti dadhabina fi bilchina siyaasa dhabuu keenya ta’uu hagam hubanneerraa?

Keessuma ammo yaroo ammaa kana OPDO ilmaan keenya akka ilmaan sareetti wayyaneen guddifaman akka ilmaan sareetti ilaallee, ilmaan saree sareedhuma Leenca ta’u hin danda’an jechuun dogogorsa guddaadha.Sammuu ilma namaa fi seenaa ilma namaa hubachuu dhabuudha.

OPDOn ilmaan Leencaa abbaa fi haadha hin qabne ykn kan abbaa fi haati moggeessantu osoo isaan diinaa fi fira hin barin ijoollummaatti wayyaneen guddifamanii ati saree kooti anaaf amanamaadha jedhamanii waaroo Leencaa irra baasanii waaroo saree itti ufisan malee dhalootan saree miti.

Kanaaf barnoota,dandeettii,bilchina siyaasaa yoo qabaannee fi akka kalleessatti yaaduu yoo dhiifnee waaroo wayyaneen itti ufifte akka uf irraa fuudhanii gatan seena isaanii fi rakkina ummata isaanii itti himuun jajjabeessun, duukaa dhaabbachuun yoom caalaayyuu barbaachisaadha.

Keessumatti yaroo kana waaroon wayyaaneen nutti ufifte nuu hin taane, nutti dhiphateera, nutti xiraa’eera, kukkunnee uf irraa gatuu qabna waaroo keenya isa dhaloota barbaanna warra jedhan hamilee isaanii jajjabeessuun murteessaadha.

Eyyee, eyyee waaroon keessan kan dhaloota waaroo dhugaa kan Leencaati isa ufadhaa isatu isin irraa miidhaga jechuuni qabna.Sareen sareedhuma jennee obbolaawan keenya ganamaa xirreefachuu osoo hin taane yaroo isaan waaroo saree sana uf irra gatan bishaan qulqulluu qopheeffannee dhiqnee muuduuf qophi ta’u qabna.Muudamuu danda’u isaanii shakkii fi mamii keessa galchuun siyaasa bilchina qabu akka hin taane jala murree hubachuu qabna.

Dhaaboliin Oromoos ta’ee Ummanni keenya karaa adda addaa akka kanarratti hojjatamu godhuun dirqama nu hundaa keenya ta’uu qaba.

Bilisummaan Oromoo karaa tokko qofa jennee akka harree Waraabessa ciniintee waan tokko qabannee achirratti cichuun dadhabina malee jabina miti.Hanga fedhii ykn olaantummaa nama tokko ykn dhaaba tokkootiif hin taanetti wanti nu sodaachisu jiraachu hin qabu.Waan qabsoo Oromoo sadarkaa tokko fuuldura deemsisuu danda’utti gargaaramuun qarooma malee dooffummaa miti, gantummaas miti.

Gabaabumatti mirga Oromoo kabachisuuf falmina hanga ta’etti ilmaan Oromoo wayyaneen guddifatte dhiisitii ilmaan ormaayyuu akkuma akakayyuwwan keenya durii guddifannees,moggaaffannees itti gargaaramuu qabna.OPDO dha jennee moggeessun gatii nuu hin baasne, gara fuuldura illee gatii nuu hin baasu.Mirga Oromoo kabachiisuuf dhaabbanna jettaniittu yoo isin Oromoof dhaabbatan isin faana jirra jechuu qabna. OPDOn sareedha, bitamtuudha, maxantuudha jennee lafee cabsuun qabsoo Oromoo ni sakaale malee yaroo inni bu’aa buuse ykn saffisise hin argine.

Kanaaf ammas osoo yaroon hin dabrin keessa alaan carra jirutti gargaaramnee dhiibbaa gochuun murteessaadha.Uraa argame hundatti gargaaramuun bilchina siyaasaati malee harka kennachuu miti.

Gabaabumatti iddoo kaleessa sanatti deebinee wal irratti ololuun sun kaleessas nu hin baafne, boris nu hin baasu.

Mee warra Amaaraa ilaala waggaa 21 kana keessatti walii isaanii dhiisiitii yaroo isaan wayyanee malee ‘Biheera Amaaraa Dimokiraasiyaawwii Niqinaaqee” dhaaba jedhu irratti illee olola akka malee gaggeessan hin dhageenye.Yaroo hundumaa wayyanee irratti qiyyaafatu malee ‘Biheera Amaaraa Dimokiraasiyaawwii Niqinaaqee” irratti illee yaroo isaan qiyyaafatan dhageessaniittuu?

Dhaabonni Habashaa hafanis yaroo isaan akka keenya lafee wal cabsan dhageessaniittuu?

Yaroo isaan xinnaa isaanii illee Maandeellaan wal qixxeessanii guddisan malee yaroo isaan guddaa isaanii haa balleessuu haa tolchu keessatti wal qeequu irraan kan hafe ifa bahanii akka keenya ‘intarneeta’ jabanaa gargaaramanii ija wal balleessan hin argine. Kuni maaliif jennee akka Oromoo tokkootti uf gaaffannee walis gaaffannee beeknaa?

Wayyanee irran kan hafe OPDO isaanii illee yaroo isaan fuldura bahanii balaaleffatan karaa kiyya hin dhageenye, yoo jiraate illee akka keenya miti.

Egaa osoon Habashaa moo Oromootu irra aadaa fi safuu beeka jedhee Oromoo tokko gaafadhe, deebiin ani argadhu shakkii tokko malee Habashaan aadaa fi safuu maalii qabdi Oromootu safuu qaba kan jedhu ta’a. Kuni sirriidha jedhee fudhadhee waan Oromoon wal irratti safuu tokko malee ololu yaroon argu safuun Oromoon qaba jennu sun eessa jiraa? Moo aadaa bareedaa fi safuu qabna jenne uf sobaa walis sobaa jirraa? Kun gaaffii nuy hundi akka nama tokkottis tahee akka Saba tokkootti deebisuu qabnudha.Uf sobuu fi wal sobuun kun ammoo qabsoo Oromoo taakkuu tokko illee fulduratti hin deemsisu.Lafee wal cabsu olola wal irratti gaggeessun guyyaa bilisummaa yoo dheeresse malee hin gabaabsu.

Ummanni safuu fi aadaa dimokiraasii qabu akkamitti safuu fi obsa walii dhabaa? Akkamitti guddaa isaa xiqqeessaa? Akkamitti beekaa isaa hadoochaa? Akkamitti qaroo isaa doomsaa?

Kuni raajiidha!! Essa dhaqnee raajeffachuu qabnaa?

Akkuma budaan korma ishii nyaattee, sangaa ormaa korma gooti jedhan sana ta’aa jirra, gadfageenyan yaadaa jirraa?

Akka amma itti jirru kanatti, utuu safuu walii hin qabaatin, utuu guddaa keenya xiqqeessinuu, utuu qaroo keenya doomsinuu dhaloota bori keessa Oromtittiin ykn Oromtichi akkamitti Oromoofin qabsa’a jedhee as bahaa? Ilmaan keenyatti safuu akkamii dabarsuuf deemnaa?

Egaa yoo nuu gales yoo nuu galuu baates manni keenya tokkichuma karaan itti nu geessu garuu hedduudha. Keessumattuu haala ‘kolonii’ qubattuu keessatti karaa tokko qofatu galii keenyaan nu gaha jedhanii diina wal gochuun, wal mogeessun dogogorsa, bilchina siyaasa dhabuudha.

Bitaaniis yaabdu mirgaanis yaabdu wal geenyi dursaadhuma ykn Kooruma jedha Oromoon yoo mammaaku.

Bilisummaatu dursaa fi walabumaatu dursuu qabaarratti wal gudunfuun, akka bitaan yaabachuurra mirgaan yaabachu wayya jedhanii wal loluuti.Kun ammoo haala keessa jirruu wallaaluu fi muuxannoo dhabuudha. Bakka fardi hin jirretti bitaa moo mirgaan yaabuu wayya jedhanii wal loluun qaroominaa fi hubannaa dhabuudha. Dura farda bira haa geenyu sana booda yoo lafti ol jedhaan karaa bitaa jiraate bitaan yaabuu wayya.Yoo haalli mijataan mirgaan jiraate mirgaan yaabu wayya.Gabaabumatti haala lafichaa,haala qabatamaa keessa jirruu fi akkaata fardi keenya itti dhaabbatutu murteessaadha.Hundinuu farda bitatee karaa danda’ame yaaluun abbaa biyyummaa Oromoo saffisisa malee duubatti hin harkisu.Osoo haala hin qoratinii fi hin xinxalin osoo fardi hin jiraatin bitaan yaabachuu ykn mirga qofaan yaabachuutu sirriidha jedhamee akka waan waaqayyo irraa kennamee godhanii dhiyeessun qabsoo Oromoo osoo hin beekne boodessuudha.Namoota farda bitatanii karaa adda addaa yaabachuu barbaadanis qabsoo irraa ari’uudha. Kun dhaabota Oromoo hundumaa biratti hubatamuu qaba.Yoo abbaa irree ta’uu barbaanne irraan kan hafe daandiin tokko qofa jechuun bilisummaafis ta’ee egeree siyaasa Oromootiif xurree gaarii hin saaqu.

Bilisummaa ummata Oromootiifis abdii hin ta’u.Dhaabonni Oromoo yaada bishaan hin baanne kanaan kana duras ta’ee fulduratti ni qabsoofna jettan Oromoof osoo hin taane bolola aangoo hin jirreetiif garuu kan mataa keessan keessatti jira jettanii uumtaniif akka ta’e wal hubachiisuun barbaachisaadha. Kursittiin kophaa koo to’adhee abbaa irree ta’aadha malee nagaa fi egeree Oromoo fi dimokiraasii Oromiyaatiif bu’ura gaarii ijaaruuf jettanii akka hin taane hubadhaa.Kanaaf uf hin gowomsinaa Oromoos gowomsuuf hin yaalina.
Kana booda kaardii kanaan taphachuu warri barbaaddan, kardiin kun sadarkaa damaqqinsi Ummata keenya irra gaheen gubateeraa, isinitti yoo hafe wayya.

Waraabessi ganda isa hin beekne dhaqee, gogaa naa afaa jedhe akkuma jedhamu sana Oromoon waan isa baasuu fi isa hin baafne baree jira.

Kanaaf olola keessan wal irratti yoo ooftan uf eegaa sirbaa mormi akka isin himidhamneef.Kana yaroo gootan hundee dimokiraasii fi haqaa kan Oromoon bori ittiin nagaa fi tasgabbiin wal bulchu ijaaruuf miti.Karaa tokko malee karaan biraa hin jiru jechuun mallatto abbaa irrummaati.Dhumni ishiis achumatti nama geessitti. Hundi keenya diina akka nuti mana keenyatti hin galle nu dhorku fi gufuu ta’u irratti dhagaa qabnu yoo darbanne wal ilaaluu fi walitti hinaafuun yoo hafe, bilisummaanis tahe walabummaan ni dhiyaata.
karaan mana keenyatti nu geessu tokko qofa jennee yaroo mana keenya ittiin geenyu dheeressuu hin qabnu.Namoota karaa adda addaa mana isaanitti galuu barbaadan jajjabeessun hafee karaan sirri mitii uf duuba deebi’a jechuun nu hin baasu.Kan sanaan gargaaramu diina keenya qofa.Yoo wal irratti ololuu fi wal nyaachuun kun ammas itti fufee, shammarran Oromoo jaarraa 22ffaa keessas akka gurguraman osoo hin beeknes tahe beekaa deegaruudha. Abbaan dura fiigee mana gahe mana keenya jabeessa malee waan jigsu miti. Diina nurraa tikisa malee diina miti. Ana malee inni kaan mana jigsa ykn guba jechuun yaada nagaa miti.
Nuti ilmaan abbaa tokkootti ilmaan abbaa tokkoo yoo maraatte malee mana wal irratti hin jigsitu.Kan maraate ammoo akka tasaa yoo jiraate ni hidhanna malee waraabessa hin nyaachifnu.Dhuguma warri goota ‘interneeta’ fi ‘paal tookii’ kun Oromoo keessa waan hin jirreef ala galaa ta’aniiru. Kanaaf safuus hin beekan abbaas hin qaban, fira isaan hidhatus hin qaban.Yoo safuun hin jirre ala galaa ta’uudha.Ala galaan ammoo abba hin qabu.Kanaaf nama hidhatus hin qabu.

Kanaafi maraataa abbaatu hidhata kan jedhu oromoon

Akkuma beeknu manni keenya fagootti bosonaan marfamtee jirti.Bosonni kun bofaan dhaalamee jira.Mana keenyatti galuuf bosona kana gubnee qabeenya keenya dhabuu irra naannicha to’annee foolii bofti inni mana keenya to’ate jibbu qilleensa irraan itti biifuunis fala tokko.Aara wal jalaan itti aarsanii sadarkaa sadarkaan boficha uf irraa salphsunis toftaa biraatti. Egaa kun hundi diina keenya laaffisee humna keenya wal jalaan waan cimsudha. kaayyoo keenya barree ciminaan hojjachuun wal nu lolchiisu, wal nu abdachiisa malee.

Kanaaf wal irratti osoo hin taane diina irratti haa qiyyafannu jechaa, Lubi biyya Portugal waggaa dhibba afur dura nu argee, haala keenya qoratee hubatee,rakkinni akka sabaatti qabnu tokkummaa dhabuu keenya akka ta’e nuu dhaamee ture. Nuti ammoo hanga har’atti illee arguus hubachuus dhadhabnee gabrummaa jalaa bahuun hafee ija wal irratti diimessa as geenye jirra.Har’as akkuma kaleessa osoo wal nyaannuu tokkummaa dhabnee akkuma Birilleen jaarra tokko dura gurguramtetti nutis har’a illee wal dhaga’uun hafee shamarran keenya Birilleewwan ka biraa Jaarraa 21ffaa keessa gurgursiisaa jirra.

Lubi haala keenya hubate kun waggaa dhibba afur dura akkana jedhe “If God had not blinded them (Oromos), there would not have been an inch of land in the empire, of which they were not the masters” Monoel de Almeida, a Jesuit priest who visited Ethiopia in the 1620s.

Galatoomaa

Leellisee Bitimaa: leellisee15@gmail.com
 Ayyaantuu News

No comments:

Post a Comment