Sadaasa 25, 2012
Qabsoo Oromoo yeroo dheeraaf gaggeeffamaa jirutti xumura gochuu hanqachuun , waggoota Qabsoon Oromoo itti gaggeeffamaa ture keessa , waan hawwiine dhabnee , waan ofiif hin hawwiine nu mudachaa jiraachu irraa , Ummata “Maalii abaarsa qabnaayii ?” akka ofiin jedhu taasisee jira. Qabsoon dheerachuu isaaf, sababaa diinaa irra kan ofii keenyaa ta’u hundatu irratti walii gala. Rakkoo jiru waliin jiraachuun ykn waan har’a ta’aa jiru kana yeroositti qoricha itti barbaachu irra , kabeebsaa deemuun , dheerachuu qabsoo kanaaf sababaa hangafaatii .
Siyaasa keessatti waan hundaa kan caalu, waan nama mudatu irraa barachuudha. Humni waan isa mudatuu fi quunnamu irraa baratee , jabiina isaa itti fufaa, dadhabiina isaa hin sirreeffatiin, eessallee hin ga’u. dhukkubuma wal fakkaataan dhibamaa jiraata . dhukkuba kana , odooma beektanii maaliif waliin jiraattan ? kan jedhu gaaffii dhaloota har’aa ta’us, bara 2011 walakkaa kaasee, hundeessitoonni Qabsoo Oromoo iffatti walitti himuu fi rakkoo umameef itti gaafatamummaa fudhachuu eegalee, badii umameen gaabbuu fi sirreessuuf waadaa ofii seenuun , kunoo har’a, waamicha Biyya kessaa fi alaa isaaniif dhihaateef deebii laachuu eegaluu, ifatti arguun keenya, dhaloota mirga isaaf akka falmatuuf kakaasan, galii isaa itti argisiisuuf murachuun isaanii Ummata Oromoof gammachuudha jedheen fudha.
Qabsaa’oonni fi hayyoonni Oromoo garaa diina itti jibbanii fi lammii ofii itti jibban adda baafachuu qaban. Diinni dantaa isaaf jedhee umurii isaa guutuu yoo nu jibbee lafa irraa nu balleesuf jedhe, nuutis umuriima keenya guutuu isa jibbinee of irraa qolachuu , yoo dheeratees dhaloota itti aanutti dabarsiina. Kan dhiiga ofii garuu akkas ta’uu hin danda’u. (shira diinaa wal dura nu dhaabdee wal gaalaafannu ykn kaayyoo diinaa milkeessuuf lammii kan miidhu irratti tarkaanfiin jiru akka jirutti ta’ee) Lammiin ofii amma waa hubatutti diina waliin dhaabbata. Isa booda mana isaatti ykn obbolaa isaatti deebi’a. gama biroon ammoo , waan fedhe dhalatu, diina waliin daboo akkaataa itti wal waammatan gonkumaa hin jiraatu. Obboleessa ofii waliin garuu gaafa guyyaan hammaatte daboo wal kadhachuun hin hafu. Kadhachuu qofaa odoo hin taane, dirqamaan waliif dhaabbachuun hin hafu. Kana malees, Toftaan diinaa waggaa 150 oliif nu diigaa jiraate , akkuma umamaattu akka Namoota waggaa 150 duraatti yaaduun ykn gawwamuun , umamaan ala ta’utti fudhatanii diina nuttii baayyachaa jiru , yoo Xiqqaate Gamtaadhaan waliin dhaabbchuutu irraa eegama.
Wal-hubannoon har’a eegalame, boruu dhaaboota Biyya keessaa fi alaa hundaa akka dabalatu shakkii hin qabu. Waan keessa keenyatti ta’e hundaan miidhamnee, keessii keenya ciinca’eera.Amma kan nutti mul’atu, keessa keenaytti ibiddi akka hin qabanneef of irraa dhaamsuudha malee, badii kaleessa umame kaafnee , ykn waan muuxannoo qabsoo irraa horanneen gaditti yaannee miidhama kan biraa uumuuf yaaduun kana booda namummaa natti hin fakkaatu. Humni kamuu badii hojjateef , ummatatti dhihaachuun waan hin hafne. Kanaaf amma kan nu barbaachiisu, sababaa miidhama keenyaa seenaaf ragaa waliin keewwannee , Ummata keenya salphina keessaa baasuun , abshaalumaa fira gammachiisu diina ammoo caalaattii hollataa akka jiraatu kan taasiisuudha.
Ani barreefamoota qabsoo irratti hidhata taasifatanii katabaman hedduun dubbise. Barreeffamoota kana keessatti , qabxiilee caalaattu qabsoo Oromoo diigan ykn laaffisanin arga . bu’aan isaa diinaaf moo , firaaf ? kan jedhu yeroo hunda na dhiphisa. Rakkoon siyaasa keenyaa, Dimokiraasiif Abbaa ta’uu ykn Dimokiraasiin addunyaaf waan raajii fakkaattu ykn yeroo tokko tokko ammoo mata duree daldalaa taatu , nuuf aadaa ta’uu ni daganna. Namni ofitti boonu, nama abaarutti hin fiigu. Har’allee Qabsoon kun akka hin jirreetti kan hololan ni jiran .
Qabsoon Oromoo maaliif akka nuuti yaadnu hin taanee jechuu fi isuma xiqqoo hojjatame jajjabeessuun waan wal irraa fagooti. Qabsoon Ummatichaa ABOn gaggeeffamu, Rakkoo mataa keenyaan of takaalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti of labsachuu kan dandeenye, odoo rakkoo har’aan hin takaalamnee maal hojjanna jedhanii ofitti gaabbuun , ka’umsa hegareef tola. Keessa ofiillee ilaaluuf nu gargaara.waan Mootummaan tokko waggaa 21 guutuu mataa itti dhukkuffataa turee fi sodaa irraa Galmee shororkeessaa keessa galchuuf Dolaara biliyoona itti dhangalaasaa jiraateen , waa tokkollee hin hojjannee jechuun , komeef qofaa dhalachuu keenya nu mirkaneessa. Mee warrii waa hin hojjatamne jedhanii lallaban kun,, gaaffii “Dhalooti waggaa 20 asi dhalate ABO akkamiin beeke ? akeeka isaa maaliin hubatee, harka qullaa Taankii dura dhaabbataa jiraa ? dhalooti har’aa , Biyya alaa taa’ee wayyaanee waggaa 20tti al tokko abaaru dadhabuu mitii, funyaan diinaa jala taa’ee WBO faarfachaa jiru eenyurraa baratee ? isa jedhuuf deebii maalii kennu laata ?
Har’a Qabsoo Oromoo Qabsaa’oonni fi gootonni meeqa itti dhumaniin , waa tokkollee hin hojjatamne yoo jenne, dhimmi Oromoo Ummata miliyoona 40 keessaa namuma tokkof qofaa galeef jechuudhaa ? Kun ammoo gonkumaa fayyummaa abbaa sanaa shakkii keessa galcha. Tarii Biyya alaa jiraachuun keenya , Ummata keenya isa biyya keessaa irraa nu fageesse burjaaja’uu irraa ykn, Qabsoo kana maatii , maatiin adda qooddachuun abjuu keenya yoo ta’ee malee, Ummati Oromoo bara wayyaanee , fedhii isaan Biyyaa yaa’ee Faranjiif ashikarii hin ta’u . kana jechuun sababaan kun hundi Biyya keessaa ittiin ari’ameef scohiin qabsoo jiraachuu isaa nu mirkaneessa. Dallansuu keenyaan galata Qabsaa’otaa fi Humndeessitoota Qabsoo xiqqeessuun maraatummaadha.
Rakkoon jiiraa haa sirreessinu jechuu fi Dogogora ofiin dhaaba keessaa ba’anii ykn daandii qabsoo keessaa of baasanii , amma na guban gubaa jechuun , Nama siyaasan xiinxala ykn qabsoo keessan ture jedhu irraa kan eegamu miti. Qeeqa ofii fi waan ta’uu qabu katabanii karaa sirriin dhaabaan ga’anii , yoo hojii irra oolu dide ragaa itti lakkaa’anii Ummatatti beeksifachuutu ummataaf dhimmu argisiisa malee , waggaa meeqa guutu haloo kuufatan Intarneeta irratti tarrisanii bu’an argamu tokkollee hin jiru. Warri waan akkasii maxxansinuus baruma baraan akka wal abaaraa jiraannu taasisu irra tarree , wal dhabdee warra kaan ittiin qeeqnu , dhaloota har’atti akka ce’u taasisuu keenya odoo hubannee gaariidha.
Kaleessa Goobanaa abaarre . Goobanaan miliyoona ta’uun hin dhaabbanne. Hirkattummaa keessaa baanee of dandeenye haa dhaabbannu jedhamee, bara 1976 qabsoo tuutaa hundaa’e. har’allee garuu kaayyoo gurgurree, halagaa wayyaaneen alaatti hidhachuu argaa jirra. Qaamoota har’ a wal hubannoo irra ga’anii Ummata keenya salphina jalaa baasuuf waloon hojjachuu qabna jedhanii Daandii gammachuu ummataa eegalan kanneen caalaa kan ibsa wal irratti baase jiraa ? miidhaa kan wal irraan ga’e jiraa ? hin jiru. Sun hundi gammachuu diinaa dabaluun alatti bu’an ummata hiraarrii waa hundaan keessa jiruuf argamsiise hin jiru. Kanaaf har’a “QABSOO OROMUMMAAN EEGALAN, OROMUMMAAN GALMAAN GA’UUF WAL TA’AN”
kun dhala Oromoo hundaa kan gammachiisuudha. Gufuun qabsoo keenyaa ilaalcha gara garaatu wal keessa ta’ee wal gufachiisaa turuudha. Kun har’a Ilaalcha walii kabajuun ykn waliif fudhachuun sirraa’uu eegaleera. Har’a kan ilaalchaan tokko ta’e ykn wal fudhatutu walitti dhufe ta’a . bor ammoo Dantaa OROMOO FI OROMIYAA dursu irratti tokko ta’uutu dhufa.
Kana malees, kaleessaa fi har’a Qabsoon irra jireessa Wayyaanee iirratti xiyyeeffatamaa ture har’a , kan sirnoota duraani illee dabalachaa fi humnoota alaa saamicha Biyya keenya irratti gaggeessanii lakkoofasaan nu irratti dabalamaa jiraachuu argaa jirra. Wayyaanee akka murnaattu gurmoofnee , of irraa qolachuun itti fufa . rakkoo keessa ofii hiikkanaan kun ta’uun dirqiidha. Har’a garuu diinatu akka malee baayyatee jira. Ilaalcha walii tikisuun tarii Lammii keenya halagaatti fiigee waan barbaadu dhugoonfachuu yaalu hanqisuun ni dhufa. Inni guddaan isa kana . keessattu waan diinni ittin nu laaffisaa ture dhiphifachuun waan dursa kennamuufii qabuudha.
Gama biroon tarii gammachuu Ummataa kana dukkanneessuu waan malu irraa of eeggachuun kaayyoo ilmaan Oromoo ta’uu qaba. Waggaa tokko dura , barruu mata duree “Ilaalchaan adda ta’uun , Oromummaan adda ta’uu miti ” jedheen katabee ture. Har’a jaallannus jibbinuus siyaasa Gaanfa Afriikaa akka ibidda saafaa arreedaa jiru bira ga’uuf , keessa keenya hatattamaan sirreessuu qabna. Kan dabre nu ga’a . Oromoon eessayyuu jiru, Oromummaa fi Biyyi Oromoo Addunyaa irra jiraachuu fi Mirgi Oromoo umamaan Dachee isaa irratti kennameef kabachiisuu hundaan olitti yoo mirkaneesse, wanni adda nu baasu hin jiru. Ilaachi kumni jiraatu, kun hundee ta’ee, Oromoota wal taasisu danda’a.
Inni kaan wanni wal hubannoo har’aa kana humna biraa illee akka daballu kan nu taasisu, Qabsoo Ummataa kana Ummataan ga’uu irratti hojjachuuf wal ta’uudha. Isaan asitti bakka jirru maratti , waan nu irraa eegamu hojjachuutti amannaan , gonkumaa Obbolumma keenya kan sharafee, Angoof wal nu gaarreefachiisu hin jiru.hundumtu siyaasa keessa waan seeneef ykn miseensa waan ta’ef dhala Oromoo addaatti of fudhachuu dhiisee, Qabsoo kana milkeessuuf waan na irraa eegama fi waan ajajame nan fudha jedhanii amannaan , karaan eegalame kun ummaticha akka hiriirsu hin shakku. Asi irratti waan aadaa keenya keessa kan hin jirre, garuu sirnoonni kan nu dhaalsiisan of keessaa baasnee gatuu qabna.
Inni kaan Namoota miidiyaa Qooqa Oromoon hojjatamu irraa kan eegamuudha. Kunis , Eenyun olitti Ummata keenya kan beeknuudha. Fedhiin ummata keenyaa akka milkaa’u malee , fedhiin murna kamuu akka milkaa’uuf loognee kan hojjannu jirra natti hin fakkaatu . kanaaf karaan eegalame akka bal’atee dhaloota har’aa Biyya keessaa dhumaa jiruuf GAACHANA taanuuf birmachuun dirqama keenya ta’uu qaba. Waan eegalame kun bakka marattu akka itti fufu , badiin nuuti keessa jiraachaa turre hawaasa keenya keessaa akka ba’u taasisu irratti hojjachuu, waan kanallee gufachiisuuf kanneen tattaafataniif bakka laachuu dhaabuun, Dirqama Oromumma keenya ba’uutu ogummaa keenya kabachiisa jedheen yaada.
Qabsaa’oonni wal hubannoo uummatanii jiran, fedhii Ummata isaanii akka gaaritti huabchuu isaanii kan beekamu, Intarviwu Obbolummaa irraa ka’amee bara 2011 irraa eegalanii kennaa turaniidha. Hundeessitoonni kan biroos daandii kana keessatti makamuu qaban. Oromoof jedheen qabsoo bifa haaraan eegale jechuutu Ummata ofiif quuqamuu fakkeessa malee, isaantu na dhiibnaan kana egale jechuun , gonkumaa Oromummaan kan kaleessa waliin eegalan hin dhugeessu.
Qabsoo Diina injifatee ummata keessa hin geenye keessatti gamanaa fi gamasitti anatu siif dhufe yoo jenne, wayyaanis si dhufe jechuun adda hin ta’u. wannii nu dinquu qabu, halagaan Oromof dubbatee , mirga guutuu kenneefii siif dhufe yoo jedhe malee , Ummata keessaa dhalannee baaneef , si dhufee maalii barbaachisa. ? Inni dirqamaa bar. Kanaaf wal hubannoo har’aa jabeessuuf Hundeessitotaa fi beektoota keenya irraa waan guddaatu eegame. Asi irratti ummata hin jedhu. Isa sirriin itti fufii !!!! isa balleesseen dhaabbadhu jechuun , Hojii aadaa keenyaa ykn Maangoddoota keenyaatii. “QABSOO OROMUMMAAN EEGALTAN, OROMUMMAAN AKKA UMMATAAN GEESSAN SHAKKII HIN QABU. GALANNI KEESSANIS QEERROO IRRAA TA’A ”
OFKALAA , GOOTOOTA GANAMAA FI HEGAREE !!!!
Ilmaan Oromoo maraa sirba Hanishaa ‘“AYYOO” / “HAADHAKOO” /“HARMEEKOO” jette isaan afeereen jira
Y(2005)G
Ayyaantuu news

No comments:
Post a Comment