The following is a New Year's message from OLF /Oromo Liberation Front/ADDA BILISUMMAA OROMOO
OROMO LIBERATION FRONT
31-12-2012 21/stm-abo/2012
Dhaamsa Waggaa Haaraa ABO Amajjii 2013
Muddee 31, 2012
Miseensota ABO kaayyoo keessanitti cichuun QBO keessatti qooda lammummaa gumaachaa jirtan; Waraana Bilisummaa Oromoo haala ulfaataa jalatti diina kuffisaa kufaa jirtu;
Dargaggootaa Oromoo, sodaan alatti diina dhala namaaf naasuu hin qabne irratti finciluun mirga ummata keessaniif falmaa jirtan;
Kabajamaa Ummata Oromoo, sababa bittaa alagaan jireenya gadoo fi hadhaawaa keessatti argamtu; Akkasumas deggertootaa fi firoottan QBO;
Baga waggaa haaraa 2013 geessan jechuun ABOn dhaamsa isaa isiniif dhiheessa. Waggaan haaraa kunis bara ummatni Oromoo waanjoo gabrummaa jalaa bahee bilisummaa isaa itti gonfatuuf,bara diinni ummatootaa itti jilbeenfatee mirgi ummatoota cunqurfamoo itti waaru akka tahu hawwii isa ibsa.
Yeroo hunda waggaan haaraa wayta seenu waggaa dabre keessa kan raawwatame deebi’anii ilaaluu dhaan milkiilee argaman, gufuulee fi rakkoolee mudatan gamaaggamuun irra caalaa hojjatuuf of qopheessuufi. Bara 2012 keessa mooraan QBO maal fakkaataa ture? haalli ummata Oromoo hoo? Haalli impaayera Itophiyaa fi diinaa maal fakkaata ture? jedhanii kan dabre keesa deebi’anii ilaaluun waggaa haaraa keessa kan hojjatamuu qabu irratti hammilee fi murannoon itti seenuu fi gufuulee nu mudatan jabinaan dura dhaabbatuu fi irratti qabsaa’uuf gargaara.
Ummatni Oromoo kiyyoo kolonii Itophiyaa jalatti kufuu irraa mootummoota Itophiyaa darabeen isa bitaniin miidhaan dorgomaa hin qabnee fi hacuccaan dhala namaaf hin malle irra gaheera. Mootummootni irratti wal jijjiiran maqaa fi bifa jijjiirratanillee galiin isaanii tokkicha waan taheef gabrummaa itti jabeessaa dhufan malee irraa hin laaffisne. Sirni nugusummaa, soshaalizmiis tahe dimokraasii kan ittiin bittootni of golganii saaminsaa fi cunqursaa isaanii tarkaanfachiisan tahe malee ummata Oromoof faaydaan argamsiise homaatuu hin jiru. Keessattuu bara mootummaa Wayyaanee/IHADG ummatni Oromoo yeroo kamiyyuu caalaatti diina moggaafamee duula bifa gara garaa irratti geggeeffamaa jiruun jireenya du’aan olii jiraan gadii keessatti argama. Kana mirkaneessuuf ummatni Oromoo akkamitti akka jiraataa fi haala irra geessifamaa jiru ilaaluu qofti gahaa dha.
Har’a ummatni Ormoo biyya isaa irratti qee’ee isaa irraa humnaan buqqifamuun lafa dhablee taasifamaa jira. Maqaa misoomaa fi guddina shaffisaa argamsiifna jedhuun qotee bulaan Oromoo lafa isaa irraa buqqaafamuu fi ari’amu lakkoobsi isaa dabalaa jira. Addatti ammoo Oromootni andaara magaalaa gurguddoo fi daandiitti dhihoo jiraataan beenyaan alatti manni irratti diigamee ari’amaa jiran. Kana irraa Oromiyaa keessatti kan badhaadhaa jiran alagoota alaa dhufanii fi Wayyaanota aangoo of harkaa qabani dha. Oromiyaan bakka abbaan biyyaa itti hagabuu fi hiyyoomu alagaan keessatti duroomu taateetti.
Murna hawaasa Oromoo keessaa mootummaan Wayyaanee/IHADG addatti dargaggo Oromoo irratti xiyyeeffatuun kanneen tattaafata heedduun barnoota ol aanaa dhaqqaban barnoota irraa ari’aa, maqaa goolessummaan hidhaa, kanneen baratan ammoo jalee fi deggeraa sirnichaa hanga hin taanetti dalagaa akka hin arganne gochaa fi biyyaa akka dheessan taasisuun dabni ol aanaa raawwatu waggaa dabarsine keessa kan bal’inaan mul’ate dha. Dhalataan Oromoo baratee jireenya irra wayyaa akka hin jiraanne taasisuuf barnoota wayyaa waraana keessatti argattu jedhee gowwoomsuun lola isaa lolsiifataa fi waardiyyaa godhatuun jireenya hammaataa jalatti gammoojjiitti dhamaasa. Diinni dargaggoo Oromoo irratti xiyyeeffatee hidhaa, ajjeechaa, ukkaamsuu, arihatamuu fi rakkoolee adda addaa irraan gahu illee dargaggoon osoo hin jilbeenfanne wal gurmeessuu dhaan diddaan agarsiisaa jiru kan diina muddamsuu keessa seensisaa jiruu fi bilisummaan ummata Oromoo kan hin hafne tahuu mirkaneesse dalagaa boonsaa dargaggoo Oromoon waggaa dabre keessa hojjatame dha. Dhaadannoolee: Gabrummaan haa gahu!, Mirgi ummata Oromoo haa kabajamu! Alagaan bulfamuun as irratti haa dhaabbatu! Qabsaawaan ni kufa Qabsoon iti Fufaa! jechuun FDG bara 2012 keessa Qeerroon Oromoo adeemsise Oromiyaa waliin gaheera. Fincilli diddaa gabrummaa Qeerroo Oromoon adeemsifamaa jiru kunis hanga cunqursaa fi saaminsi ummata Oromoo irraa hin hafnetti kan itti fufu tahuu ABOn hin shakku.
Mootummootni Itophiyaa hundi amantiin golgamuu fi itti fayyadamuun bittaa isaanii dheereffatuuf itti gargaaramaa kan turan tahuun falamsiisaa hin tahu. Amantii tokko kan mootummaa taasisuun kaan moggeessuun tooftaa isaa beekamaa dha. Caasaa amantii keessa harka naqatuun matootii amantii ofiif fedhan irratti muudaa itti fayyadaman. Karaa biraan amantii qaphxii garaagarummaa taasisuun ummatoota wal irraa fageessuun bittaa isaaniif haala aanjeessan. Mootummaan Wayyaanee dimokraatawaa tahuu isaa guyyuu lallabatu matootii amantii dhuunfatee itti fayyadamuutti dabalee amantii hordofanii fi mirga amantii qaban kabajsiifachuuf gaafaatuu qofaan amantoota ajjeesuu, saamuu fi hidhuudhaan mootummoota Itophiyaa isa dura turan kan caale tahee argama.
Itophiyaa keessaa har’a kan baqataa hin jirre Wayyaanotaa fi kanneen ummata isaanii dagatuudhaan dantaa dhuunfaa isaaniif dursa kennan qofa. Kana irraa biyyoota lammiiwwan biyyaa cunqursaa, saaminsaa fi roorroo baqa biyyoota ollaatti baqatan keessaa Itophiyaan isii duraa ti. Mootummaa Wayyaanee dhaloota biyyaa akka baqatan taasisee bakka baqatanittis akka nagaa hin argannee taasisuu dhaan mootummoota biroo irraa addummaa qaba. Mootummaan Wayyaanee baqqattoota Itophiyaa walii gala addatti ammoo baqataa Oromoo irratti xiyyeeffatuun qondaalota mootummoota biyyoota ollaa garitti gargaaramee Oromoota hedduu ukkaamsuu fi ukkaamsisuun biyyatti deebiseera. Seera addunyaa cabsuun daangaa biyya ollaa keessa seenee kan inni ajjeesee fi ajjeesise lakkoobsaan hedduu dha. Kun hundi Oromoo irra kan geessifamuuf mirga isaaf falmatuu fi sirna abbaa irreef tole jedhee buluu diduu isaati irraa ti.
Waggaa xumurame keessa sirna cunqursaatti mataa tahuun waggoota 20 oliif abbaa irrummaan empayerittii dursaa kan ture dhabamullee kanneen sirna kanan leenjifamanii qopheeffamanii fi jaleewwan sirnichaa sirna farra ummatootaa kana itti fufsiisuuf kakuu isaanii haaromsuun, tuffii ummatootaaf qaban kan agarsiisu tahuutti dabalee, mirga ummatootaa ukkaamsaa jiratuun kaayyoo Wayyaanee tahuu mirkaneesse. Haalli yeroo dhihoo as mul’ate sirnichaa fi Wayyaanee kan laaffisee tahee argana. Kanneen aangoo biyyattii dhaalan mirga ummatootaa kabajuu fi kabajsiisuu irraa dantaa kan hin qabne tahuu qofa osoo hin taane kanneen isaan jala hiriiruun mirga ummataa kabajsiisna jedhanii abjootan osoo hin hafiin Wayyaanee jalatti mirga ummatootaa kabajsiisuun kan hin danda’amne tahuu waggaan darbe haala hin shakkisiisneen dhugoomseera. Kanneen jalummaan hiriiranis tahan karaa nagaa qabsoofna jedhan hundi moggeeffamanii aangoo furtuu irraa fageeffamuu fi yakka hin raawwatneen hidhaa waggaa dheeraa itti murteessuun waltajjii siyaasaa irraa fageeffaman. Kunis Wayyaanee jalatti mirgi ummatootaa kabajamuu fi sirni dimokraasii dhugoomuun kan hin yaadamne tahuu agarsiise.
ABOn bu’ureeffamuu irraa eegalee walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf qabsoo siyaasaa fi hidhannoo kan raggaafate amalaa fi aadaa siyaasaa bittoota Itopiyaa irraa ka’uun ture. Har’as taanaan ABOn tooftaa fi tarsiimoo QBO ittiin geggeessu kana irraa osoo hin goriin falmaa diina irratti adeemsisaa jiruun waggaa dabarsine keessa injifannoolee hin tuffatamne diina irratti galmeessee jira. Har’a golee Oromiyaa mara, magaalaa fi baadiyyaa hundatti, WBO diinaa fi lukkeelee diinaa irratti tarkaanfii fudhachuu irratti argama. ABOn akka diinni hawwutti kan dhabamsiifamu osoo hin taane kan guddataa fi kaayyoon isaa deggersa ummataan jabaataa fi babal’ataa deemu tahuu waggaan dabarsine haala hin mamsiifneen mirkaneessa.
Waggaa dabre keessa ummatni Oromoo bilisummaa fi walabummaaf wareegama barbaachisu kafaluuf qophii tahuu kan itti mirkaneesse, jaalalaa fi deggersa dhaaba isaa ABOf qabu caalaatti itti mul’ise, deggersaa fi tumsa WBOf godhu itti guddisee dha. Tarkaanfiin harqoota gabrummaa of irraa buusuuf ummata keenyaan fudhatamaa ture kunis kan qabsaawotaa fi firoottan qabsoo gammachiise, diina ummata Oromoo mataa gadi qabachiise dha.
Diddaan gosa adda addaa, fincilootni fi tarkaanfiileen fudhataman guyyaa bilisummaa ummata Oromoo dhiheessu, dhabama diinaa jarjarsaa jira. Qabsoon bilisummaa ummata Oromoo hanga fiixa bahutti qabsoon bilisummaa kan hin dhaamne tahuu dalagaan dhugoomeera. ABOn murannoo ummata keenyaa kana dinqisiifataa QBO caalaatti jabeessuu fi finiinsuuf kan hojjatu tahuu irra deebi’ee mirkaneessa.
Yeroo ammaa kana hubannoon ummata keenyaa sadarkaa amansiisaa irra gahee jira. Walabummaan biyyaa fi bilisummaan ummataa hawwamu wareegama kan gaafatu tahuu, qabsoo finiinsuun alatti falli ittiin diina of irraa kaasan kan biraa akka hin jirre caalaatti hubateera. Kun kan abdachiisuu fi QBO fuula dura furgaasu tahuun amantaa ABO ti. Waan taheef milkiilee hanga ammaatti qabsoon argaman jabeeffataa kanneen hafan guuttatuuf bara 2013 jabaannee sosso’uun dirqama lammii hundaa tahuu ABOn yaadachiisa.
Qabsoo bilisummaa ummata tokkoo kan injifannoon gahu ummaticha abbaa dhimmaa qofa. Alagaan bilisummaa ummataaf argamsisuu fi diinni mirga ummataa fedhiin kennus hin jiru. Kanaaf hawwii keenyatti firii gochuuf hadhaa qabsoo waliin unatuu fi dantaa ummata ofiif bakkayyutti falmuun akkaan barbaachisaa dha. Fiixa bahiinsa akeeka keenyaaf kaayyoo kaaneef irratti cichuun aarsaa barbaachisu waliin baasaa waggaa haaraa kana keessa injifannoo cululuqaa galmeessuuf waliin haa kaanu.
Ummatni Oromoo yeroo ammaa kana duula saaminsaa itti banameen lafaa fi qe’ee isaa irraa buqqaafamaa tooftaa adda addaan alagaa biyya isaa irra baayyinaan qubachiisuun minority taasisuuf tattaafatamaa jira. Addatti ammoo diinni demography magaalaalee Oromiyaa jijjiiruuf bal’inaan irratti bobba’ee argama. Kanaaf gabrummaa bifa haaraa ummata Oromoo irratti hidda yaafataa jiru kana ciruudhaaf ummatni Oromoo shira diinaa kana hubbatee gurmuu isaa jabeeffatuun qabsoo isaa finiinsuun daandii filmaata biraa hin qabne tahuu ABOn irra deebi’ee yaadachiisuu fedha.
Bara 2012 keessa sochiin Qeerroon Oromoo finiinsaa ture sagalee ummata Oromoo dhageessisuu fi miidhaa irra gahaa jiru hubachiisuu keessatti qoodni gumaache ol aaanaa dha. Ummata akeeka tokko jalatti diina tokkicha irratti hiriirsuuf hojiin Qeerroon hojjatame kan nama jajjabeessuu fi firii horataa jiru dha. Kanaaf miseensotni ABO bakka jiran hundaa, deggertootnii fi ummatni Oromoo bal’aan sochii ilmaanii fi obboleeyyan keessan itti jiran kana karaa isiniif danda’ame hundaan akka jabeessitan dhaamaa; ABOn gama isaatiin sochii Qeerroon itti jiru caalaatti jabeessuuf kan irraa eegamu kan gumaachu tahuu mirkaneessa.
Waggaa dhumate keessa WBO haala rakkisaa jalatti tarkaanfii diina irratti fudhateen gaachanaa fi abdii ummata Oromoo tahuu caalaatti mirkaneesseera. Bara haaraa kana keessaa ammoo tarkaanfii isaa dachaa dachaan guddisuuf dirqama addaa isa eeggatu dha. WBO waadaa ummataa fi dhaaba isaaf seene kabajuun dirqama isaa bakkaan gahuuf ammoo deggersii fi tumsi ummataa barbaachisaa tahuun falamsiisaa miti. Waan taheef ummatni Oromoo ilmaan isaa falmaa hadhaawaatti jiran kanneeniif humna, qabeenyaa fi dandeettiin utubuun dirqama lammummaa Oromoo hundaa waan taheef gaafatama nurra jiru kana waggaa haaraa keessa gahummaan bahatuuf murannoon haa kaanu.
Mootummaan abbaa irree umrii bittaa isaa dheereffatuuf ummata tokkicha bifa adda addaan qooda. Ummatootni ollaa nagaan akka gidduu isaanii hin jiraanneef isa tokko kaan irratti kakaasuun akka wal shakkanii fi wal sodaatan taasisee hariiroo gidduu isaanii booressuun bittaa isaa jireessuun tooftaalee gabroofataan itti fayyadamu keessaa isa tokko. Kanaaf shira waggoota 20 oliif irratti hojjatamaa ture kana irra aanuuf bara 2013 keessa ummatni Oromoo tokkummaa isaa cimsee sosso‘uun irraa eegama. Ummatoota ollaa isaa waliinis hariiroo ijaaraa argamsiisuuf tattaafatuun dalagaa waggaa haaraa keessa irratti bobba’uu qabu dha. Shirri Wayyaanee addaan qoodanii bituu fashalee tokkummaan ummata keenyaa caalaatti akka jabaatuu fi hariiroon ummatoota cunqurfamoo waliinii cimee diina waloo irratti fuulleffatuun akka danda’amuuf ABOn kan isa irraa eegamu hunda raawwatuuf boodatti hin deebi’u.
Mootummaa Wayyaane sirna abbaa irrummaa diriirsuun empayera Itophiyaa waggoota 20 oliif akka bitu kan dandeessisee fi ummatoota irratti aangomsuun jireesse tumsa diplomasii fi gargaarsa maallaqa irra guddaa biyyoota Dhihaa irraa arjoomame dha. Kun akka gu’u ykn xiqqaatu taasisuun dirqama waggaa haaraa kana keessa itti bobba’amuu qabu keessaa tokko. Waan taheef miseensotni dhaabaa biyyoota alaa adda addaa keessa jiraattan hundi kana milkeessuuf sochii keessan jabeessitanii akka itti fuftan ABOn dhaama. Kanatti dabalee roorroo baqataa Oromoo irra gahaa jiru dhageesisuuf caalaatti akka hojjatan hubachiisa.
Jeequmsa mooraa qabsoo bilisummaa keessatti uumaneen qabsaawotni wal afaan galagalanii qabsoon bilisummaa miidhamuun hin haalamu. Qoodaminsi uumamuun gurmuu qabsaawotaa laaffisee diinaa fi farreeniif hiree kennuu yoo tahe malee qabsaawotaafis tahe ummataaf bu’aan argamsiisu hin jiru. Haala kana yoom illee caalaatti hubachuun ABO ShGn geeggeefamuu fi ABO QCn geggeeffamu waan addaan isaan fageessu walgidduu dhaa haxaawuun tarkaanfiilee jajjaboo gara tokkummaatti dhiheesu fudhannee ibsa kanas walumaan maqaa ABO tokkichaan yammuu isiniif dabarsinu gammachuu ol’aanaan nutti dhagahamuu ibsina.Takaanfii ABO deebisanii dhinsuu kana bakka jirtan maraa gammchunn simachuun keessan nu jajjabeesseera. Hojii eebbifamaa jalqabame kana fixannee Dhaaba tokkicha tahuun diina keenya irratti fuula deeffachuuf of qusannoo malee gamtaan kan hojjetamu tahuu irra deebinee ummata keenyaaf mirkaneessina. Akkuma hanga yoonaa gootan miseensoni Dhaabaa fi ummatni keenya dammaqaan akka hojjettan ergaa dabarsina. Tarkaanfiin miseensotaa fi murnoota ABO akeekaa fi kaayyoo wal fakkaataa qaban wajjin Dhaaba keenya jalatti dachaanee tokkummaan waliin hojjechuuf fedhii keenya irra deebinaa addeessina.
ABOn alattis kanneen walabummaan ijaaramanii bilisummaa Oromoof falman hunda wajjin harka wal qabannee qabsaawuu hang tokkoomuutti waliin hojjechuuf fedhiin guutuun jiraachuu irra deebinee ibsina. Ummatoota ollaa isaa waliinis hariiroo ijaaraa hanga ammaa ture jajjabeessuuf hojjatuun dalagaa waggaa haaraa keessa irratti bobba’uu qabnu dha. Shirri Wayyaanee addaan qoodanii bituu fashalee tokkummaan ummata keenyaa caalaatti akka jabaatuu fi hariiroon ummatoota cunqurfamoo waliinii cimee diina waloo irratti fuulleffatuun akka danda’amuuf ABOn kan isa irraa eegamu hunda raawwatuuf boodatti hin deebi’u.
Mootummaan Wayyaanee kan hanga har’aa jiraate deggersa maallaqaa fi tumsa diplomaasii mootummootaa irraa argatuun akka tahe ni beekama. Kanaaf ABOn ammas irra deebi’ee gargaarsi Wayyaaneef godhamu ummatoota ittiin cunqursuu fi ukkaamsuu irra kan oolfamu tahuu Mootummootnii fi haawasni addunyaa hubatanii gargaarsa bajataa godhaafii jiran akka dhaabanii fi mirga, ummatootaa, dirmokraasii fi namoomaa akka kabajuuf dhiibaa barbaachisu akka irratti godhan ABO irra deebi’ee waamicha isaa dabarsaaf.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Muddee 31, 2012
Adda Bilisummaa Oromoo
Adda Bilisummaa Oromoo
No comments:
Post a Comment