Diddaan Barattoota Yuuniversitii Jimmaa Mootummaa Wayyaanee Daran Yaaddeessuun Gabaafame

29 Amajjii 2013 | Qeerroo Jimma

Amajjii 27,2013 Godina Jimmaattii diddaan baratootaa Yuunivarsiitii Jimmaa fi Ummataa godina Jimmaa yeroo irraa gara yeroottii jabaachaa deemuun Mootummaa abbaa irree EPRDF yaaddoo cimaa keessaa galchee kan jiruu ta’un hubatameera. Bulchiinsii Mooraa Yuuniversiitii Jimmaa sodaa warraaqsaa Qeerrootiin kan raafamaa jiruu guyyaa kaleessaa Koree gamtaa baratootaa Yuuniversiitii Jimmaa walitti qabuun maloo baratootaa nuuf sossobaa mooraan Yuuniversiitii Jimmaa fi kanneen kaanis dirree siyaasaa waan taeef mootummaa miidhaa jira jechuun barattoota sossobachaa jiran illee itti hin milkoofne.

Sochiin Qeerroo fi hordoftotni amantaa muslimaa yeroo yeroon sirna abbaa irree irraatti gaggeessaa jiran ammas cimee itti fufaa jira, Mootummaan Wayyaanees sochii eebbifamaa mirgaa ofii falmaachuuf karaa nagaa godhamuu kana danquuf yeroo yeroon Mooraa Yuuniversiitii Jimmaa fi Magaalaa Jimmaattii humna waraaanaan bobbaasaa kan turee, ammas humna waraanaa haaraa guyyaa kaleessaa hoomaa waraanaa mooraa Waraanaa 44ffaa jedhamuun beekamuu fi kan magaalaa Jimmaa keessaatti argamuu keessaa qubsisaa jira, baay’inaa loltotaa irraan kan ka’ee waan irraa cibsuu dhaabee guyyaa har’aa Mooraa kolleejjii barsisotaa Jimmaa keessaa barattoota haaraa seenan gara mooraa 44ffaatti konkolaataadhaan guuraa kan ture ta’uun hubatamee jira, Goototni Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Hoomaan waraanaa sochii falmaa bilisummaa gaggeessaa jiruu danquu hin danda’uu! jechuun dhamatan.

Haala kanaan Ummaannii Godinaa Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa biyyaa dimokiraasiin hin jirree keessaattii maqaa filaannoon nutti akka ka’uu hin barbaadnu jechuun kaardii filaannoo hin fudhannuu jechuun kaardii filannoo fudhachuu diduun diddaa qaban agarsiisaa jiru,


Qeerroo

No comments:

Post a Comment