Gabaasa Haala Sochii Dargaggoota Oromoo fi Kubbaa Miillaa 2013

Amajjii 28, 2013 | Qeerroo
[Gabaasa Jaarmiyaa ABO Africa Kibbaa]- Hiree argamee fi danda’ame hundatti fayyadamuudhaan Qabsoo teenya leellisuun, baaksisuun fi jabeessuun dhala Oromoo hundarra jira.Keessattuu kana ilaalchisee miseensonni, qondaaloota ABO fi jaarmaya Caayaalee ABO waan guddaatu irraa eegama. Kana of irratti hubatuudhaan jaarmayni ABO Afrikaa Kibbaa jiru dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa kan bara kana achitti deemaa jiru irratti qoodaa fi dirqama qabsoo beeksisuu fi leellisu kan isaanirra jiru bifa qindoominaatiin bahataa jiru.

Dorgommii Waancaa bara kanaatiif kan dabarte Itophiyaaniis ajaa’iba agarsiisuuf dhaadachuu fi of dhaadhessuudhaan garee kubbaa biyyoolessaa garas bobbaasuu dandeesse. Bobbaa kanarratti qindoomina godhameen mootummaan aadaa fi naamusa Sportiin ala bahuudhaan taphattoonni fi daawwattoonni akka muummicha ministeraa Mallas Zenaawii dhaadhessan ajajaa fi dirqamni itti kennamee akka ture keessa beeytoonni saaxilanii jiru. Kana ilaalchisee daawwattoonni akka T-shirt suuraa M/Zeenawii uffatanii fi dhaadannoolee isa faarsan qabatanii akka qabanitti yaadame. Taphattoonni ammoo kaniteraa(qomee) jalaan uffatan kan suuraan M/Zeenawii irra jirtu akka uffatan. Abbaan goolii galche yeruma sanatti T-shirti isaa kan gubbaa ofirraa saaqee suuraa Zeenaawii sana mul’isuudhaan akka gammachuu isaa agarsiisu kan jedhu ajajni kenname.

Yeroo ammaan tanaa kana jaalalaa fi jibbansi ummanni isaaniif qabu kan hin hubanne aangawoonni Wayyaanee dirqama naamusa spoortiin alaa kana kennanillee taphattoonni kun aadaa sportiin ala kun dhimmi siyaasaa sportii keessa galuu isaa daangaan ala kan mul’isu waan taheef hin goonu jedhanii, taphattoonni harkatti didan. “Namuu gara firaa jennaan foon harree daaraa keessatti kufe” jedhu, ajaja kenname kana taphattoonni hundi yemmuu falmanii didan taphattoonni dhala Tigraay namni shank an garee kubbaa biyyoolessa Itophiyaa keessa jiran yaada kana fudhatanii turan. Haa tahu malee mootummittiin haala jiru kana sodaatuu fi ofirratti amantaa dhabuudhaan sagantaan Mallas dhaadhessuu kun akka haftu taasifame.

Kun akkas tahee, eega Afsrikaa Kibbaa gehamee fi taphne jalqabees wanneen mudatanii fi tahan hedduutu ture. Alaabaaleen dirree kubbaa sana keessatti yeroo gareen kun taphatu mul’ate danuu akka ture. Magaalaa keessallee namuu alaabaa isa ilaaltu fannisuu, makiinaarratti maxxansuu fi uffatuudhaan deeggarsaa fi mormii qaban mul’ifamaa ture. Alaabaaleen Abysinia/Itophiyaa tan Wayyaanee, tan H/Sillaasee fi tan mormitootaas mul’atanii jiru. Tamtu tan Itophiyaati kan jedhu gaaffiidha. Kan morman keessaa tan garri lameen diimtuu jidduun magariisaa fi booruu ganamaatiin faayamte alaabaan ABO fi Oromoos hiriira galtee turte. Kuniis tattaaffii miseensotaa fi jaarmaya ABO kan achi jiraniin godhame. Naannoo gool biratti dhihaatuudhaan akka balaliitu taasifamee ture. Kun waan guyyaa dorgommii duraa hojjatamee dha.

Guyyaa dorgommii lammadaa Embasiin Wayyaanee biyya san jiru kanarraa baaraguu fi rifatuudhaan mootummaa biyyasiitti iyyattee alaabaaleen biraa keessattuu tan ABO akka hin balaliifamne gochuuf tattaafatame. Kanaaniis poolisa naannoo miseensonni jaarmaya keenyaa jiran irratti ramaduudhaan eeguun seennaa irratti akka qabatanii hin seenne tattaafatuu, warra kaameraas waa nyaachisuudhaan akka kaameraan garasitti hin xiyyeeffanne taasisuuf tattaafatamaa ture. Waan ajaa’ibaa poolisnilleen kan dura dhaabbataa ture bakkuma miseensonni jaarmaya keenyaa jiraniin qofa ture. Kan warra Habashaa fuuldura humtuu hin turre. Haa tahu malee qondaalotaa fi miseensoonni kana hundaa bira kutanii alaabaa Oromoo balaliisuu itti fufaa oolan. Dhumarratti jaala alaabaa Oromoo poolisoonni fi namoonni biyyasii horataniin alaabaa kennuufiin, brochure dhaabaas kennuufiin diinummaa osoo hin tahin firummaan akka Oromoo fi isaan jidduu jiraattu gochuun, maalummaa Oromoo fi ABO ummata biyyasiituu hubachiisuun danda’amee jira.

Jaarmaya ABO S/A

                      

No comments:

Post a Comment