27 Amajjii 2013 | Jiituu Sabaa fi Lammii Moosisa Yuunvarsiitii Finfinnee
Kutaa 1ffaa dubbisuuf Addana Tuqaa
“Kan dagalee raasu yemmuu namatti bu’e argu….”
Kabajamoo dubbistoota barruu kanaa, kutaa jalqaba barreeffama kaanaa keessatti qabxiiwwan ijoo tokko tokko kaasuf yaallee turre. Inni dursaafi waliigalaa gidiraan adda addaa jiraatullee abbaan dhugaa tasuma gola salphinatti akka hinafne; warri dhugaa awwaaluuf dhagaa gangalchan ooli bulii booda matuma isaaniitiin bool’a salphinaatti yoo dhidhiman seenaa kaleessaarraas ta’ee jiruu har’aa keessattii argaa jiraachuu keenya wal yaadachiifnee turre. Barreessitoonni barruu kanaa bardheeraa of duuba deebinee seenaa kaleessaa dubbachuuf tarii umriin nu daangessullee, barri keessa dhalanneefi keessa jirru yeroo qabsoon Orommummaafi Bilisummaa sadarkaa murteessaarra gahe ta’uun adeemsa kana keessatti waa hedduu arginee deebifnee akka dubbannu seexaa seenaa nutti hore. Dhugaan seenaa quqquuqee nu dubbisullee dubbii keenya dura Angaftichaafi Angaftittiif SAFUU qabnaa “NU OOFKALCHAA!” jennee gara dubbii kaaneefitti ceena.
Isa dura garuu sabboonummaan Oromoo sadarkaa akkamiirra akka jiru hubachuuf akka tolu ta’eewwan yaadannoo keenyarraa qabnu keessaa waan waggaa kurnan baranaa ta’e tokko isinii qooduu hawawine. Yerichi yeroo FDG gola Oromiyaa hunda keessaa laboobee muul’atu waanta’eef ammallee yaadannoo ho’aatu miira keenya keessaa nutti dhagahama. Nuti, (barreessitoonni barruu kanaa) yeroo sanatti Unbarsiitii Finfinnee keessattii barattoota turre. Barattoota FDGirratti miidhaman gaafachuuf takkaayyuummoo warra kaan caalatti qindeessuuf barii kaanee gara Ambootti imalle. Mana hidhaatti gorree barattoota hidhaa jiran alaalumaa ijaan ilaallee, maatiifi hiriyoota isaanii jajjabeessinee, dhimmoota biroos erga raawwannee booda barattoonni hedduun miidhamanii hospitaala Amboo keessa jiraachuu ergaan nu qaqqabe. Nama odeessa kana nuun gahe galateeffannee ijoollee kana dubbisuuf haalli akka nuu haanja’u namoota nu gargaaruu malan barbaannee gara hospitaalichaa seenne. Barattoota rasaasaan rukutamanii hospitalicha keessatti yaalamaa jiran keessaa hanga shanii kan ta’an bakka ciisanitti agarree dubbifne. Miidhaan isaanii hagamuu cimaa ta’ullee jajjabinni isaan qaban nuyyuu deebisee si’oomina nutti uume. Otuma kanaan jirruu hogeessi fayyaa ijoollee kana wal’aanaa jiru kutaa biraa nu fudhatee seene. Namni ciisee agarre mucaa soolaa reefu jalqaba umrii dargaggummaa seenu ta’uu hubanne. Miilli isaa tokko jilba gararraatti garmalee miidhameera. Lafeen garmalee waan caccabeef tarii irraa cituuyyuu akka danda’u hogeessi fayyaa sun yaaddoo isaanii nutti himan. Dhiigni isaa ammallee yaa’ee baandeejii adii jiisee muul’atu laaluuf nama rifaasisa. Ittisiqnee dubbifne. Bakkuma ciisuu ijaan nu simate. Dhiigni baay’ee waan dhangala’eef dadhabbiitu ittidhagahama. Dugduubatti akka hirkachuu ta’ee takka miila isaa, takkammoo nuun ilaalee deebi’ee hirkate. Keessa isaatii waa dubbachuu waan barbaadu fakkaata. Ammas madaa isaa erga ilaalee booda oljedhee “…..gabroomee miila lamaan jiraachurra bilsoomee miila malee jiraachuutu naaf caala…..!” jedhee beebi’ee ciise. Dhiigni ho’aan dhangala’ullee, lafeen cabee laalaan hammaatullee, dheebuun isaa bilisummaa saba isaati. Kana dhugoomsuuf ammaallee waakkii akka hinqabne akkaataan isaa hundi nimirkaneessa. Kuni mallattoo dhaloota fincileeti. Sabboonummaan cunqursaafi gabrummaa waliin firummaa hinqabu. Dhaloonni sabboone didaadha. Gabrummaa dida; cunqursaa fincila. Dhalonni fincile galaana. Gufuufi gufachiisaa bifa kamiituu karaarraa buqqisee fudhee deema. Dhaloonni fincile abidda saafaati. Haafaafi haasura, jiidhaafi gogaa karaarratti isa eege hunda arraabee daaraa tufee bira darba.
Kabajamtoota; har’aaf kuni bu’ura dubbii keenyaa miti. Kutaa ittaanu keessatti fakkeenya kana qaaccessinee kan dhibiis ittidaballee warra agartuun isaanii guddina qabsoo Oromoo hubachuu dadhabeef ykn hubachuu hinfeeneef waldhaansa qabannee deebina. Waldhaansa kanaan warra kanaaf yookii fayyina, yookaa ammoo haafaafi haasura waliin daaraa ta’uu filannoo jaraaf dhiifnu dhaloonni diina fincilu sonaaf si’ayinaan qabsoo sabaa harkaa qabaachuu isaa garuu firaaf diinattillee otoo hinimne darbuu hinfeenu.
Kabajamtoota dubbistoota barruu kanaa; ammallee guutummaa barreeffama kanaatti otoo hinseenne waa wal yaadachiisuu feena. Fakkeenyi barreefama kana keessatti ilaaaluuf jirru ejjannoo keenya: “…..diinni Oromoo Oromoo kamiifuu fira ta’uu hindanda’u.” jedhu jabeessuun: warri ammallee hirkattummaa diinaa filatanii jiran, otoo diinni harka jalaa fudhatee hinsalphifne gara gaaddisa saba isaaniitti akka baqatan; warri otoo karaa dhugaa beekanii gidduutti gufatanii bitaa mirgatti daddaaqaa jiran, karaan dhugaa tokko qofa ta’uu akeekkatanii ho’a bobaa diinaa hawwuurra kabajaafi ulfina saba isaanii keessatti akka of tiksan; akkasumas, warri dhugaaf jedhanii gatii baasaa jiran yeroof haa fakkaatu malee injifannoon kan abbaa dhugaa ta’uu akeekkatanii ifaajjii isaanii dachaan akka dabalan jajjabeessuuf filatame. Walii galatti, fakkeenyi kun qabsoon Oromoon har’a harkaa qabu bilisummaa Oromoo dhugoomsurratti kan fuullefate waanta’eef, ilmaan Oromoo gola diinaa keessatti salphina hambaa hinqabneen ergamaa jiraniifillee furmaata maayii waan fiduuf barri Oromoon qabsoo Oromootti gufuu ta’u seena qofaan kan yaadatamu akka ta’u hubannoo gaarii uuma. Akkuma olitti wal yaadachiisuuf yaalle, ittifufinsa barruu kanaa keessatti sadarkaa dagaagina sabboonummaa Oromoofi qooda inni QBO keessatti qabu qabannee wal arguuf beellamaan turfannee, dhimma har’aaf ittifuulleffannetti ce’uu filanne.
Ji’oota muraasa dura; guyyaan guyyaa Dilbataati. Guyyaan kun nuuf guyyaa boqonnaa hinturre. Barii kaaneeti waan qabnu walitti qaqqabannee qajeella. Kuni nuuf waan barame ta’eera. Keessumaammoo waggoota kurnan darbaniif. Bakki dhaquuf jirru lafa bashannanaa yookaanimmoo lafa haara galfiif dhaqamu hinse’iinaa. Lafa miira namaa miidhu. Lafa miidhama saba ofii keessatti arganii quuqaman. Lafa wantii argaafi dhageettii namaa seenuu cufti miiraa namaa dheekkamsiisee furmaata barbaacha qaamaafi qalbiin buusee nama baasu – Lafa xiiqiiti. Bakka baangeef karrarra geenyee namoota dursanii toora qabatanitti aannee tarree gallee ijaan karra eeguu jalqabne. Lafichi mana hidhaa beekamaadha. Nutimmoo lammii keenya hidhaa jiran dubbisuuf achitti argamne. Poolisoota sadi ta’anii karricha dura dhaabatan keessaa tokko waraqaa harkatti baaturraa maqaa namoota dabaree eeggatanii waamuu jalqabe. Maqaan inni jalqabarraatti waame dhageettii nama hundaa keessatti miira adda addaa uume. Ofduuba garagallee nama sana ijaan barbaanne. Yeelloon mataa gadi cabsee miila kaasee namoota sana fuuldura darbuu dadhabe. Isa ilaaluu dhiifneeti bakka inni kaleessa tureefi haala inni har’a keessa jiru yaadaan buufnee baasuu jalqabne.
‘Dubbiin gaafa qoosaa bulee nama oosa.’ Jedhama. Dhugaa salphisee, saba isaa quucarsee eenyutu ulfaatee beeka! Namni kun waggoota muraasa dura muudama “Peresedantii Oromiyaa” jedhu argatee ture. Booda kanammoo angoo ministeerummaayyuu argateera. ‘Alagaa ilkaan adii, alangaan isaa sadii’ akkuma jedhan, diinni gaafa gola isaa keessatti waamee maqaa namarra tuulu harka lafa jalaatiinimmoo bool’a awwaalchaa namaaf qopheesa. Kana dhugoomfachuuf waa hedduu yaadachuu dandeesssu. Ammaaf nuti waan namni kun gola diinaa keessa taa’ee saba isaarratti hojjataa ture heddu keessaa waaxiqqoo wal yaadachiisuu feene. Kana booda nama kana maqaan waamuu dandeenya. Juneddiin Saaddoo jedhamu. Bara isaaniitti perezedantiis, minsteeras turaniiru. Waan isaan kaleessa saba isaaniirratti hojjataniifi har’a keessa jiran walbira qabanii ilaaluun ergaa barnoota guutuu dabarsu waan qabuuf ittifuulleffannee turtii gaarii!
Sagantaa diinni tokkummaa Oromoo laaffisuufi sabboontota Oromoo dadhabsiisuuf hojjatu keessatti namoota dirqamni addaa itti kenname keessaa toora duraarratti argamu. Dirqama kana bahachuuf lafti xiyyeeffaannoo isaanii inni dursaa Unbarsiitii Finfinnee ture. . Gamtaa barattoota Oromoo diiguun FDG barattoonni geggeessan laaffisuun hojiiwwan namni kuniifi fakkaattonni isaa diinarraa fudhatan keessaa isa tokko. . Kana dhugoomsuuf Basaastota maqaa barattootaatiin unbarsiiticha keessatti ramaduu, waajjirri dhoksaa kennameefi hojii basaasummaa akka hojjatan haala mijeessuu ture. Namoota isaan hojii kanaaf bobbaasanillee gaafa guyyaan gahe tokkoo lamaan raga seenaafi dhiyeessuun nidanda’ama. Bifa kanaan unbarsiitii keessatti erga haala mijeeffatanii booda karaa lukkeen isaanii kana barattoota hojii akeeka isaanii waliin deemuu malan filatanii ofitti hawachuuf waajjira isaanii ‘Caffee Oromiyaa’ jedhamu keessatti waamanii mariisisaa turan. Yeroo kana xiyyeeffannoon isaanii barattoota Oromoo naannummaafi amantiin gargar fageessuun jibba uumuu ture. Kuni toftaa diinni kaleessa Oromoo cabsuuf itti fayyadame, har’as harkaa qabu ta’uu hubachuu feesisa. Haata’u malee boodarra barattoonni isaan dhimma kanaaf filatan adeemsa kana tuffachuun murna sana keessaa fincilanii iccitii kana kana saaxilan. Ta’us garuu obbo Junaddiin dirqama diinarraa fudhatan kana lafa buusanii dhiisuu hindandeenye. Tooftaa biraa filatanii carraaqqii isaanii ittifufan.
Akkuma kanaan, karaa basaasota isaanii unbarsiitii Finfinnee dabalatee addatti ammoo Komarsii ‘ Addis Ababa commercial college’fi ‘Kotebe Teachers’ College’ keessaa barattoota hubannoo laafaa qaban, dhiigaan Oromoo hintaaneefi maallaqaan gowwomfamuu danda’an filachuun mandhee dhokataa ijaaruu yaalan. Gamtaan barattoota Oromoo sochii farra Oromummaa kana dursee hubachuun waan hordofaa tureef walgahii iccitiin isaan masaraa isaanii ‘Caffee Oromiyaa’ jedhamu keessattii karoorfatan harkatti fashalsiise. Guyyicha, jalqabbii walgahichaa dura barattoon Oromoo kaampaasii hunda keessaa walitti dhaamuun warra waamame dura galmicha dhuunfachuun warra tikaatti sardamsuu uume. Obbo Junaddiin waayiloota isaa lama waliin (Abbaa Duulaa fi nama yeroof maqaa isaa hinyaadanne) waliin ta’uun galmicha yoo seenan waan hineegnetu isaan mudate. Akkuma isaan waltajjii qabataniin barattoonni hunduu lafaa ka’uun gootota Oromoo qabsoo bilisummaa sabaarratti wareegamaniif yaadannoofi ulfina agarsiisuuf daqiiqaa shaniif kadhannaa godhan. Yeroo kana Juneddiiniifi miseensonni isaa bakka taa’anitti lafa seenan dhaban. Obbo Junaddiin (perezedantiin yerichaa) rifaasuun dubbiin harkaa faca’ee ajandaa qabatanii dhufan dhiisanii waa’ee ‘Agricultural Lead Development’ jecha lama dubbatanii guyyaan walgahichaa geeddaramuu himan waltajjicharraa baqachuu yaalan. Haata’uutii garuu ibsa ejjannoo mata duree ‘Gantuufi maxxantuu of keessaa baafna.’ jedhu jalatti gamtaa barattoota Oromoon dubbifame dhaggeeffachuu dhiisuu hindandeenye. Akkuma amala isaanii ABOtu isin erge jechuun akka dheekamuu godhanis dubbichi bifa geeddaratee fincilatti geeddaramuu hubannaan eegdota isaaniitti dhaammatanii walgahyicharraa baqatan.
Walgayichi hiriira nagaatti geeddaramee barattoonni Oromoo kumaan lakkaawaman hiriiraa dheeraa lafa ‘Caffee Oromiyaa’ jedhamu [Olompiyaa] ka’anii teessoo masaraa mootummaa [aratkilo] qaxxaamuranii dhaadannoo “Down with Woyane” jedhu dhageessisaa humna waraanaa naannichatti guurame otoo maayitti hinmakiin hanga unbarsiitii Finfinnee (main campas)itti deeman. Sanaan dura hiriirri akka kanaa biyyattii keessatti muul’atee hinbeeku. Murannoon barattoon kun qaban diinatti rifaasuu guddaa uume.
Sana booda sochii barattoota kanaa dhaabuuf karoora addaatu bahe. Humni tikaa shugguxii hidhate unbarsiitii keessatti ramadamee barattoota basaasa wayyaaneetiin fooyamanirratti fuulleffate. Bahaa gala barattoota kanaa eeganii aleellaafi doorsisa adda addaa geessisuu jalqaban. Kunis akka yaadame bu’aa battalaa fiduu dinnaan tarkaanfii dhumaaf karoorfatan. Ilmaan Oromoo unbarsiitii Finfinnee keessatti argaman hundi uffatallee otoo hinfudhanne unbarsiitii keessaa akka hari’ataman godhan. Gariin nihidhan. Kanimmoo ni ajjeesan; biyyarraa har’ataman. Guyyaan kun Oromoof guyyaa gaddaati. Guyyaa duulli sanyii balleessuu ifatti sabicharratti labsame. Guyyaa diinni diinummaa sabichaaf qabu ifatti mirkaneesse. Gaddaafi miidhama saba kanatti gammachuu ibsachuun namni Obbo Junaddiin durse hinturre. Gola diinaa keessaa as bahanii “….kun barattoota kanatti nixinnaata, Unbarsiitii Finfinnee keessaa barattoota dhibba sadii ol ari’uun Ummata Oromoo hinmiidhu …..” jedhan. Akka isaaniitti hidhamuun, ajjeefamuun, barattoota saba biraa keessaa addatti fooyamanii unbarsiitii keessaa hari’amuun ilmaan Oromootti nixinnaate. Barattoota qaroo fi egeree saba Oromoo ta’an foyanii unbarsiitii keessaa ari’uun tarsiimoo bara dheeraa sirnoonnon gita bittoota Habashaa Oromoon akka hin baranne balbala itti cufuun waggaa dhibbaa ol of duubatti hambisanii bituuf hordofaa turaniifi jiran ta’uu Ob. Junediin walaalanii otoo hin taane diina saba Isaanii Oromoo fi gooftaa isaaniif amanamoo ta’uu mirkaneeffachuuf ture.
Kabajamtoota dubbistoota barruu kanaa, ‘Utaaltee muka yaabdee buutee ilmoo ishee dhabde’ jedha ka’umsi dubbii keenyaa. Ittigalli dubbii keenyaas kanuma. Namoonni hedduun bobaa diinaa jala taa’anii saba isaaniirratti hojii fokkisaa yoo hojjatan barri nidarba itti hinfakkaatu. Haduun saba isaanii qalaa ture deebi’ee morma isaaniitti yoo aggaamuu dubbiin isaaniif gala. Obbo Juneddiin gaafa nama hunda dursanii badii saba isaaniirra gahe “…..nixinnaate.” jedhanii komatan dabareen bor kan isaanii ta’uu hinyaanne. Har’a, dabareen isaan gahee badiin walfakkaatu balbala isaanii gaafa seenu maal akka jedhan isaanumaaf dhiifna. Garuu hojii waqayyoo ta’ee bakka ilmaan saba isaanii ittihiisisaafi ajjeesisaa turan yoo ejjatan salphina isaanitti dhagahame ijaan arguu dandeenyeerra. Haata’uutii ammas ka’umsi keenya nama kana qeequuf miti. Kuni seenaa itti gammadan miti. Dhalli saba tokkoo diina wajjin lammii isaa miidhee galgala keessa deebi’ee ofiifis gaafa miidhamu arguun seenaa fokkisaadha. Kaleessarraa baruun dadhabamee seenaan kun deddeebi’ee muul’achuun ammo caalatti nama gaddisiisa. Kanaaf waa’ee kana dubbachuuf dirqamne. Furmaata bardaada. Furmaanni dursaa ammoo warra lama dhabdee ta’anii hafaa jiran kana harka jira. Har’a, Oromoon dhibdee isaa furachuuf qabsoo murteessaarra jira. Bilisummaan Oromoo waan hinoolle! Diinni Oromoo Oromoo kamiifuu fira hinta’u. Haaduu isaa qarri lama. Galgala warruma isa firoomfatetti deebi’a. Dafanii of baasuun dhimma abbaati. Yaada olitti bulfanne waliin kutaa sadaffaa barruu kanaa keessatti walgarra. Har’aaf xumurre.
Injifannoon uummata Oromoof!
Kutaa 3ffaa Dubbisuuf Addana Tuqaa
No comments:
Post a Comment