Amajjii 21, 2013 | Gadaa.com
Baqqalaa Irraa*
Erga mootummaan abba irree EPRDF aangoo biyyatti qabatee asitti Oromoon waan seenaa isaa keessatti hin argin argaa jira yoon jedhe soba miti. Bara 1991 asitti ilmaan Oromoo lubbuu isaanii dhaban, kan achi buuteen isaanii dhabame, kan mana hidhatti gidiraa argaa jiran, kan biyyaa isaani irraa ari’atamani yookin jiraachuu dadhabani biyyaa bahanii achiti dhuman tasumaa lakka’anii fixun hin danda’amu. Waggaa 21 kana guyyaa guyyatti lubbuun lammii Oromoo yoo xiqaate tokko utuu hin darbin hin oolee yoo jedhame dubbicha ho’isuu hin ta’u.
Giti bittotaa abashaa duri irraa jalqabanii baayina ummata Oromoo waan sodatanif hanga isaanii danda’ametti gadi hirrisuf yaalii isaan hin godhin hin jiru. Sodaa qabani irraa ka’anis ummata kana waggaa kuma tokko boodatti hambisnee yoo gadi qabnee bitne malee yoo damaqe akka galanaa nu irra galagala, baradhu jedhamee gorsamuu hinqabu jechuu isaanii seenadhan kan beeknu dha. Mootummaan wayyanes faanuma abbotii isaa hordofee kan adeemu ta’uun isaas beekamaa dha. Yoo danda’ameef lakkofsaa ummata kanaa xiqqeesudhaf halakanii fi guyyaa ni hojjeta. Keessumaa beektoota, sabbontotaa fi dargagotaa sammuu qaban, bor ummata kanaf bu’aa guddaa buusu jedhamanii abdataman balleesudhaf cime hojjetaa ture ammas itti jira. Yeroo tookko mana maree ummatotaa (paarlamaa Itopiyaa keessatti namni miseensa koree hojii raawwachistuu WFDO fi miseensa mana maree umatotaa) paarlama turan tokko ummatni Oromoo ummata guddaa fi biyyaa balla irra qubatee jiruu fi qabenyaan isaa guddaa ta’e kun kabajaa fi iddoo isaaf malu argachuu qaba jedhanii aridhan gaafii tokko Mallas Zeenawitif dhiyeesan. Mallasis gabaabadhuman “isin jabadhaa oduu durii odeesaa jedhe.” Kana jechuun isaas ummata isin guddaadha jettanii ittin boontan kana amma iddotti galchinaa jechuu akka ta’e hubachuun nama hin dhibu.
Haala ittin lakkofsa ummata Oromoo xiqqeesan keessa inni tokko dargagotii fi shamaran Oromoo karaa adda addaa dhiibani, hoji dhabinsan rakkisanii, farra nagaati jechudhan akka biyyaa baqatan gochu dha. Biyya baqatanittis duukaa bu’ani mootummota oromooni itti baqatan wajjin walif galanii isa kaan ni ajjeesu, kaan qabani biyyatti deebisanii mana hidhatti darbatanii ummuri isaanii akka achitti fixan godhu.
Ilmaan Oromoo gar tokkomoo rakkina jirreenyaa jalaa bahuf jecha biyyaa bahanii shiftota seeraa alaa namoota deddebisan harka galanii maallaqaa ittin bakka tokko geenya jedhani walitti coratanii bahanis warra seeraa alaa kanaf kennanii dhuma irratti galana irratti darbatamani lubbuu isaanis dhaba jiru. Kan biyya Arabaa erga gahanis gamoo irraa darbatamani, bishan danfeen gubamanii, midhanii fi bishan dhorkatamanii gola keessatti hidhaman lubbun darbus hedduu dha. Torbanuma darbe kana haala kanan reefi shamaran 6 gara Itopiyatti deebi’uun kan yaadatamu dha.
Wanti baayee nama gaddisisu tokko mootummaan Itopiyaa dhabbilee dhunfaa 300 ol ta’anif hayyama kennee ilmaan Oromoo fi kan biroo ababbaludhan akka biyya Arbatti ergan gochaa jiraachuu isaa ti. Mootummaan kun karaa tookko warra hayyama keenefi irraa qaraxa guurata karaa biroos warra adeemu irraa mataa mataatti pasaportaf qarshii 500 guura. Guyyaa guyyaadhan shamaranii fi dargagotaa balabala imigrashini passaporti argachuf dhaabbatan namni arge dargagootni biyyatti hafaniruu jedhee gaafata. Mootummichaf daldala guddaa dha. Isaan kun dhibbaa irraa harki 85 shamaranii fi dargagota Oromoo Arsi, Balee, Jimmaa fi Harargeeti yoon jedhe soba hin ta’u.
Haala kanaan mootummaan Itopiyaa dhalataa Oromoo biyyaa irraa ari’atee fixaa jira. Rakkoon baqattota Oromoo ammamoo gara isa caalutti deemaa jira. Duratti qabanii deebisuu, hidhanii midhanii fi bishaan malee beelaa fi deebudhan adabaa turan . Gochi hamaan akkasii kun yeroo hedduu dhhabbilee mirga namataf falmanin gabaasamaa ture. Garuu falli argame hin jiru. Wanti yeroo amma baqattota Oromoo irratti raawwataa jiru kan gurri dhala namaa dhaga’ee hin beekne dha.
Giddudhuma kana baqattoti Oromoo biyyaa Somalee Puntiland bakka Bossassoo jedhamu irraa bidiruu lamaan gara biyyota arbaatti socho’an akkuma jiranitti galanan fudhatamani achi buuteen isaani dhabamera. Akka namni balaa sana irraa hafe tokko ibsetti baqattotni sun kan dhuman dhugadhummatti balaa haala qilleensaa irraa dhufeen utuu hin ta’in warri seeraa ala nama deddebisan namoota hafan fudhuf jecha warra fe’an reebanii bishaanitti darbatani akka deebi’ani dha. Kun waan dhalli namaa nama irratti hin hojjene gocha jibbisisaa fi gara jabeenya bira darbe dha. Gochi akkasi kun kan yeroo tokko qofa mullate utuu hin ta’in kan yeroo baayee deddebi’ee mullate dha.
Haala kanaanis ilmaan Oromoo kumatamatti lakka’amntu dumee jira. Haatii fi abbaan itti dhama’anii guddisanii ilmaan isaanii biyyaa isaanii keessa jirachuu dadhabudhan irbata bineensaa galaana ta’aa jiru. Ummatni kun ummata abbaa dhabe ta’ee ormi qe’ee isaa irraa isa ari’atee dhuunfataa jira.
Mootummaan wayyane biyyaa isaa irraa ari’e kan qabeenya isaa dhuunfate qofaa utuu hin ta’in warra Oromoon itti baqatelee qabeenyaa Oromotin bitee firomfatee baqattota kana ficisisa. Qabeenyi Oromoo biyya keessatti samamuu irra darbee mootumoota ollaatif matta’aa ta’e Oromoo balleessa jira. Utuu kun ta’uu baatee mootummaan Hargessas ta’e Puntland warra seeraa ala jedhaman kana daangaa isaani irratti to’chuu ni danda’u turan.
Egaa akka rakkodhuma beekamu ibsuun maal dabala nan hin jenne amma maaltu godhamuu qaba kan jedhu waan natti fakkate tuqeen xumura. Akkuma beekamu shamaranii fi dargagotni Oromoo kaan dhiibbaa siyaasatin kaan ammoo rakkina jireenyaa irraan kan ka’e baayinaan godana jiru. Akka radiyoon Bilal jedhamu tokko Mudde 23, 2012 oduu isaa irratti ibsetti ji’ottan/baatiwwan arfan darban qofaa namota 75,000 tu Itopiyaa irraa gara biyyota Arabaatti godane. Harki caalaan namota kanas ilmaan Oromoo ti.
Haalli kun akka caalaa babalatee itti hin fufne ummatni Oromoo bakka jiru maraa socho’uu qaba. Isaan kana keessaa midiyaleen Oromoo baka adda addaa irraa odeefannoo tamsaasan hanga danda’ametti dhimmaa kana irratti xiyyefatanii shamaranii fi dardaran Oromootif odeeffanno qabatamaa dabarsuu. Keessumaa dargagoota rakkina jirrenyaf jecha biyyaa irra godaanan kan isaan mudatuu rakko jireenya caalaa kan lubbuu isaani dhabsisuu ta’uu fakkeenyaa addaa addaa dhiyeeesudhan rakkatani biyyuma isaanitti lubbuu isaanii akka turfatan gorsaa kennuu. Mootummotni ollaa baqattota Oromootif akka seeraa adunyaatti eegumsa barbaachisaa akka kennan kara danda’ame hundaa gaafii dhiyeesufi, dhiibbaan akka irratti godhamu hawwasa adunyaatif irra deddebi’amee waamicha gochuu.
UNHCR naannolle ollota Itopiyaa jiran baqattotaa Oromoo biyyota kana keessa jiranif eegumsa barbachisaa ta’e gohanii ittigafatamummaa isanii akka bahan hawaasni adunyaa keessumaa dhabbileen mirga namaatif falman mirgi baqattotta akka eegamuf cimanii akka hojjetan irra deb’amee wamicha gochuu. Mootummaan Itopiyaa ilmaan Oromoo akka biyyaa baqatan dhiibbaa gochuu irra of qusatee biyya isaanii irratti carraa hojii banudhan akka jiratan dirqama isaa akka bahu waamicha gochuu.
Mootumaan kun ilmaan baayee horuun hiyyummaa fida jechudhan dabbalota bobbasee barumsa kennaa jira (family planning). Haaluma kanaan rakkina biyya ormatti qunnamus ummataf odeeffannoo/barumsa gahaa kennudhan ummata nan bulcha jidhu balaa irraa baraarudhaf dirqama isaa akka bahu waamicha gochuu. Kunis akka fiixa bahuf Oromooni biyyota ambaa jirru bakka jirrutti embaasii Itopiyaa irratti hirira bahudhan dhiibbaa gochuf carraquu.
Mootummoni Itopiyaadhaf gargaarsa maallaqaa kennan gargaarsi isaanii jireenya ummataa kan fooyyesuu fi lammilee biyyatif kan carraa hojii banee godansa lubbuu dhabsiisu irraa hambisuu danda’u ta’uu hordofuu akka qaban waamicha gochuu.
Walumaa galatti hanga rakkoon kun furmata argatutti qamaoota dhimmi ilaalu hundaf waamicha walirraa hin citne gochuun dirqama dhaltaa Oromoo hundaa ta’uu qaba jedhen amana.
*Baqqalaa Swidin irraa Irraa
Gadaa.com
No comments:
Post a Comment