Gabaasaa Cuunfaa Tarkaanfiilee Baatii Amajjii fi Guraandhalaa - Madda Oduu ABO

Gurraandhala 28, 2013 | Madda Oduu ABO

Humni Addaa WBO baatii Amajjii fi Guraandhalaa keessa humna diinaa irratti tarkaanfii gosa adda addaa fudhateen waraana diinaa kudhanootatti lakkaawamu hojiin ala taasisuu fi qabeenyaa diinaa barbadeessuun injifannoo galmeesse; warra ajjeefame keessaa yoo xiqqaate 5 dabballootaa fi basaasota diinaa sadarkaa ol’aanaatti ummata rakkisuu fi hiraarsuun beekaman tahuutu mirkanaawe. Tarkaanfiileen kun eessattii fi yoom akka fudhataman akka armaan gadiitti ibsama.

Amajjii 28, 2013- Ollaa Finfinnee, ganda Galaan Guddoo

Humni Addaa WBO Amajjii 28, 2013 ganama saáa 8: 15 qarqara Finfinnee ganda qotee bulaa Galaan Guddoo jedhamu keessatti Itti aanaa Biiroo Qulqullinaa fi Miidhagina Magaalaa kan kutaa Magaalaa Yekkaa kan tahe dabballicha Shifarraa Garramoo jedhamu irratti tarkaanfii maayyii fudhate. Qondaalli mootummaa kun balfa mana fincaanii magaalaa Finfinnee keessaa waraabamee lafa ganda kanaa keessatti kuufamaa jiru irratti ummanni gaaffii nurraa dhaabaa jedhu irra deddeebiée kaasaa ture humnaan ukkaamsuuf jecha ummata walitti qabee doorsisuuf osoo garasitti sosso’aa jiruu Humna Addaa WBOtiin galaafatame. Tarkaanfiin kun wayta fudhatametti konkolaachisaan dabballichaas madaa’uun beekameera.

Amajjii 25, 2013- Harargee Dhihaa, Ona Mi’eessoo

Humni Addaa WBO guyyaa eerame kanatti Harargee Dhihaa ona Mi’eessoo araddaa Odaa Roobaa jedhamu keessatti qondaala poolisa Wayyaanee Ajajaa 50 Biraanuu (maqaan abbaa yeroof kan hin baramin) fi basaasaa beekamaa waahila isaa tahe kan Hasan Huseen jedhamu irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhate. Qondaalli poolisaa kunii fi basaastichi ummata naannichaa hiraarsuudhaan seenaa yeroo dheeeraa warra qaban tahuun mirkanaaweerra.

Amajjii 26, 2013- Magaalaa Dirree Dhawaa

Guyyaa eerame kanatti Humni Addaa WBO magaalaa Dirree Dhawaa ganda Saabbiyaan jedhamu keessatti qondaalota tikaa diinaa:
  1. Siisaay (maqaan abbaa yeroof hin beekamne),
  2. Abinnet Hagoos fi
  3. Taaddasaa Geetinnat
jedhaman irratti tarkaanfii adabbii fudhate. Tarkaanfii kanaan qondaaltichi Siisaay jedhamu battalumatti yoo ajjeefamu lamaan hafan akka hamaatti madeeffaman. Qondaalonni tikaa sadanuu lammiilee Oromoo jiraatoo ganda Saabbiyaan tahan doorsisuu fi hiraarsuun beekamu.

Guraandhala 2, 2013- Wallagga Bahaa, ona Haroo Limmuu

Humni Addaa WBO godinaa kana keessa sosso’u guyyaa eerame kanatti ona Haroo Limmuu fi Yaasoo gidduutti kan argamu bakka Abbaa Mo’aa jedhamutti basaastotaa fi saamtota Wayyaanee maqaa investarummaatiin lafa kana qubatatanii ummata Oromoo saamanii fi hiraarsisan irratti tarkaanfii adabbii fudhachuun akka hamaatti madeesse. Basaastonni tarkaanfiin irratti fudhatame kunniin:
  1. Leewii Bayyanee (abbaa qabeenyaa)
  2. Admaasuu Baarnaabaas (abbaa qabeenyaa) fi
  3. Caannee Asaffaa (waardiyyaa investaroota lamaanii)
yoo tahan, waytuma tarkaanfiin kun fudhatametti tiraakterri qonnaa lakkoofsi gabatee ishee A.A.04374 tahe ibiddaan barbadeeffamteetti. Tarkaanfiin gooticha WBOtiin fudhatame kun kan diina naasisee yoo tahu, jiraattota naannichaa ammoo haalaan kan gammachiise akka tahes hubatameera.

Guraandhala 5, 2013- Wallagga Bahaa, ona Saasiggaa

Guyyaa eerame kanatti Humni Addaa WBO godinicha keessa sosso’u ona Saasiggaa bakka Goottoo jedhamtu tan magaalaa Naqamtee irraa K.M. 26 fagaattee argamtu irratti dabballee fi basaasa Wayyaanee beekamaa kan tahe namticha Tewoldee Eliyaas jedhamu irratti tarkaanfii maayyii fudhate. Qondaalli diinaa hojii dabballummaa fi basaastummaa geggeessuun beekamu kun onoota Giddaa, Guutoo Waayyuu, Diggaa Saasiggaa fi Heebantuu keessa naanna’uudhaan ummata basaasee hiisisuu fi doorsisuudhaan beekama. Tarkaanfiin kun kan fudhatame osoo dabballichi makiinaa fe’iisaa ummataa tokko yaabbatee Saasiggatti galuuf jedhuu karaa irratti dhaabsisuun yoo tahu, konkolaachisaa ummataa san irratti balaan tokko illee osoo hin gahin barnoonni dammaqiinsaa kennameefii geggeeffameera.

Guraandhala 18, 2013- magaalaa Mi’eessoo

Humni Addaa WBO Oromiyaa Bahaa keessa sosso’u guyyaa eerame kanatti magaalaa Mi’eessoo keessatti kan argamu buufata boba’aa Shell kan qabeenyaan isaa basaasticha TPLF tahe irratti haleellaa fudhateen faayidaan ala taasise. Abbaan qabeenyaa Shell kanaa maqaa Aabboo jedhamuun kan beekamuu fi basaastummaadhaan ummata naannichaa kan rakkisaa turee fi gorfamees kan deebi’uu dide wan taheef tarkaanfiin kun irratti fudhatame.

Guraandhala 18, 2013- ona Mi’eessoo- Tarkaanfii ummataa

Guyyaa kanatti ona Mi’eessoo bakka Bordoddee jedhamutti basaastotni Wayyaanee lammiilee Oromoo fi Soomaalee gidduutti walitti bu’iinsa eega qabsiisanii booda Soomaalota tumsanii lammiilee Oromoo hidhannoo-maleeyyii rukutaa fi rukuchiisaa turan. Ummatni of ittisuuf tarkaanfii waraana diinaa lammiilee Oromoo rukutuuf hidhatee naannicha qubate irratti fudhateen diina irraa 7 battalumatti yoo ajjeessu 9 akka hamaatti madeesse.

Guraandhala 19, 2013- ona Mi’eessoo

Humni Addaa WBO guyyaa kanattis humna diinaa kan dirmannaa tarkaanfii farra ummatummaaf konkolaataatti fe’amee bakka lolli tahetti sosso’aa ture irratti haxxee hidhuudhaan konkolaataa fi waraana irratti fe’amee ture barbadeesseera. Lakkoofsi waraana konkolaataa san irratti fe’amee turee yeroof hin gabaafamne tahu illee, tarkaanfiin kun akka malee kan diina baaragsee fi lammii gammachiise tahuun hubatameera.

Guraandhala 23, 2013- Wallagga Bahaa, ona Haroo Limmuu

Humni Addaa WBO guyyaa kanatti ona Haroo Limmuu bakka Tikishaa jedhamutti humna waraana diinaa irratti haxxee hidhuun tarkaanfii fudhateen 4 irraa ajjeesee 3 madeesse. Wayta tarkaanfiin kun fudhatametti humna diinaa irraa qawweeleen AK47 lama booji’amuun qabeenyaa WBO taasifamaniiru.

Tarkaanfii ummataa

Gama biraan ummanni onuma Haroo Limmuu fi Galiilaa gama isaatiin tarkaanfii akka ummataatti fudhateen waajjira gandoota onichaa fi mana murtii onichaa ibiddaan barbadeessuun beekameera. Ummanni tarkaanfii kana kan fudhateef manni murtii onichaa haqa jal’isee lammiilee nagaa sobaan yakkee adabuun kan beekamuu fi akkasumas, hojiin bulchitoota gandeeniis imaammata farra haqummaatiin ummata doorsisuu waan taheef diddaa mootummaa agarsiisuuf akka tahe beekameera.

Walumaa galatti WBOn Oromiyaa bakkoota adda addaatti baatii lamaan dabran kana keessa tarkaanfii haleellaa fudhateen qondaalota diinaa gurguddoo ajjeefaman shanan dabalatee waraana diinaa kudhanoota ajjeessuu fi madeessuun, akkasumas, qabeenyaa diinaa kan akka konkolaataa, tiraakteeraa, buufata boba’aa fi kan biroos barbadeessuun diina irratti kasaaraa humna namaa fi dinagdee dhaqqabsiiseera. Tarkaanfiin waraanaa haqa ummata Oromoo cunqurfamee fi daandiin qabsoo karaa nagayaa itti cufamee falmuuf fudhatamu kun Oromiyaa guutuu keessatti jabaatee kan itti fufu tahuu ajajni Humna Addaa WBO hubachiiseera.

Injifannoo Ummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment