Abbaa Urjii Irraa
Walakkaa bara 1876ii, gaafa Ibroo Shaxaa lola Cirrachaatti waraana Kamaal Baashaa tiin odoo loluu wareegame, ilmi isaa Haamid Ibroo dardara ture. Lola Calanqoo booda, baruma 1887 keessa, gaafa Minilik summii buna keessatti naqeen Haamid Ibroo galaafatu, ilmi isaa Ibraahim Haamid, mucaa xiqqaa ture. Bara 1936, gaafa Ibraahim Haamid, nafxanyoota hawaasa Oromiyaa Bahaa sirna gabrummaa hoonga hin-qabneen araraasaa bahan adamuun hijaa bahaa ture, Abdukariim Ibraahim (Jaarraa Abbaa Gadaa) hoggaas dhalata. Ilmi Haaji Ibraahim Haamid Ibroo Shaxaa fii Aadde Moominaa Eeboo, Jaarraa Abbaa Gadaa, akka Xaaliyaan biyya teenya seeneen, bara 1936 keessa-tti, Baha Oromiyaa, Konyaa Gaara Mul’ataa, Baadaa Kurfaa Callee, Araddaa Waldaya Raammis, Ganda Mudiir Gorrootti, nama dhalate.
Jaarraa Abbaa Gadaa, daa’imummaa-rraa kaasee, mana barnootaa tii fii saniin alattiis, nama naamusa cimaa qabaachuun beekkame. Haalaa fii amala badoo kaa’imman harkisan irraa walaba tahuu malees, jiruu sadoo tan keessatti dhalate hordofuu caalaa, rakkataa fii dadhabaaf annaannachuu fii gargaaruun, nama joollummaan qoma fudhatte. Lakkuma umriin ol siyxuun ummata naannoo isaa jiran keessaa, qabaataa fii dhabaan, jabaa fii dadhabaan, rakkisaa fii rakkataan, eenyu fii eenyu akka tahan adda bare. Ummata ganamaa fii galgala garaan isaa mararfatuuf, kan jallina hiree mude, talisummaa fii khash-labbummaa odoo hin-taane, sirna gabrummaa taachaa fii inni jireenyaan haala wayyaa keessa jiruus isaanirraa tokko tahuu hubate.
Lammiin inni irraa tokkoo kuni, araraafama malees, qe’uma isaanii keessatti, mirga abbaa biyyuummaa dhabanii, warra naannawa san jiran hundaan, namaa gaditti laalamuu arkaa fii dhageeytii jibbe. Haala kana dura dhaabbachuu dhiisanii, warra hawaasa biraa keessatti baquun jalaa miliquuf tattaafatan balaaleeffate. Gama isaa tiin, bakka deemu hundatti maalummaa isaa haalota adda addaa-tiin, mul’isuu jalqabe. Mana barnootaa keessatti afaan isaa dubbachuun, aadaa isaa agarsiisuun eenyu akka tahe ifa if baase. Guyyaa barnoota hin-qabne otobuusaan olii gad daddeemuun, warra yaroo makiinaa keessa seenan ummanni balfee biraa fagaatu-tti maxxanuun, kursii irraa ka’ee-fii teeysisuun, ba’aa gargaaruun, mataa ol qabatanii akka deeman onnachiisuu hujii godhate.
Biyyoo Adareetti, barnoota sadarkaa kutaa lamadaa lakkuma ol qaqqabachaa deemuun, anaannaanni saba isaatiif qabu caalaa sammuu fudhachaa deeme. Jaarraa Abbaa Gadaa, barnoota yaroo sanitti biyya keessa-tti kennamu rakkoo takka malee xumuree, yo itti fufuullee fedhe, biyya alaa deemee barachuuf hiree gaarii nama qabu. Gama biraa tiin, ammaas, barnoota yaroo dheeraa tiin odoo if hin rakkine, kanuma biyya keessaa tiinuu, caasaa warraa keessaan, hujii mootummaa bareedduu argachuun isaaf salphaa ture. Garuu, yaaddoon dhibdee ummataa, hegeree isaa caalaa, sammuu fudhattee barnoota waakkattee, lafa warri isaanii Asaboot keessaa qaban irra qubachiifte.
Iddoo haaraya qubatettiis, Jaarraa Abbaa Gadaa hawaasa keessa qubate waliin wal fudhachuuf yaroo dheertuu irraa hin fuune. Akkuma naannoo Gooroo Gadiitti, olittiis, lammii isaatiif hadooduunn guyyuma guyyaan sammuu dhunfachutti seente. Haala Nafxanyootaa fii Mootummaan Habashaa lammii isaa itti laalan onneen fudhachuu didaa dhufte. Sammuun isaa halkanii fii guyyaa jiruu mataa isaa tiif yaaduu caalaa, warra akka Haamidoo fii Habiib, kanneen jiruu nagayaa jibbanii mootummaa Habashaa tiin loluuf daggala Carcar mana godhatan, tan xiinxaltu taate. Lakkuma seenaa finciltoota qoratuun, “yo namni murate tokko habashoota dilana shororkeesse, laata kan jaarame hoo akkami?” gaaffii ja’ttu if gaafachutti seene. Maqaa fii durooma warraa gubbaan naamusaa fii soora qabeenya isaa-tirraa, shamarran shashaqachaa bakkayutti jala sissiqan keessaa takka fuudhee, jiruu sadoo jiraachuu yaaduun surrii keessa sokke. Diinni saba isaa qawween if jalatti oggolchee, lubbuu fii qabeenya isaanii irratti abboomaa odoo jiruu, hamashaa dubartii bareedduu boraafatee, sirnaaf ilmaan horuu maganfate. Waan dandayuun ummata isaa gargaaruun fakkeenya sab-boonaa tahuu-rra, akka Umar Muktaar kan biyya Liibiyaa faatti, loltuu bilisummaa tahee lammii isaa gabrummaa jalaa baasuu filate. Fedhii isaa kana hujiirra oolchuuf, jiruu sadoo tiin “imaanata” je’ee, dardarummaan qabsoo hidhannoo tiif if qaadhimee,
“Boruuyyee boruuyyee
Boruu abbaa bariisooyyee
Galgala abbaa galgalooyyee
Galgalli naan dubbatee
Boruun naan marihatee
Roorroo hamtuu agarraan
Kan Oromoo saba kootii
Kiyya garaan hammatee
jechaa geeraraa, namoota yaada akka isaa qaban waliin daggala seenuuf, jalqaba bara 1966a, manaa bahe.Hadhaa du’aa filate”
Barbaanni jaalaa, Jaarraa Abbaa Gadaa, qe’ee-rraa fageeysee Gaaleeytii geeyse. Gaaleeytii-tti Sheekha yaada akka isaa qabuun wal-arkatan. Sheekhni, inumaa, dhibdee ummata isaanii tiif furmaata waaraa barbaaduu dhabuun, Rabbi birattillee dirqama irraa gaafatamuuf jiraatan taachaa, Jaarraa Abbaa Gadaaa tiif mirkaneesse. Akkasiin, Jaarraa Abbaa Gadaa Sheekhtichaa fii darasoota isaa waliin, qawwee hamma arkataniin qabsoo hidhannoo bilisummaa jalqabuuf, gandaa sossoohan. Isaanii haalaa fii lafa tarsimoo tottolfachaa jiru, akkuma naannoo Miicataa dhaqaniin, daldaloota Roobee fii Miicata jidduu daddeebi’an irraa, Fincila Oromoota Baalee dhagayan. Oduun gurra seente daranuu mirqaansitee, warra duruu diinarratti lola jalqaban waliin qabsoo itti fufuuf, karaa Baalee qaceelan. Garuu, akka lafa hamma tokko deemaniin, daadarkaan amnaa, Sheekha keessaa hamilee if dura deemuu xuuxxee, darasoota isaa waliin if-duuba deebi’uu murteeffachiifte. Jaarraa Abbaa Gadaa garuu, wadala miyaa fii galaa irratti fe’atu qofa akka dhiisaniif kadhatee, yaada manaa baheef hujiirra oolchuuf, amna isaa kophaa itti fufe.
Lafaa fii hawaasa hin beeyne keessa, harree fe’atanii bilisummaa barbaada deemuuf, gaafasii mitii arrallee, murannoo fii gootummaa ajaa’ibaa qabaachu nama barbaachisa. Jaarraa Abbaa Gadaa karaa takkaa irra deemee hin beeyne, hawaasa nama eenyummaa hin beeynee hanqatee, kan beekanittuu waan inni iyyaafachaa deemu in himne keessa qaxxaamuree, bakka garaa gaye.
Kana booda, seenaan imaltuu tan Jaarraa Abbaa Gadaa qabsoo bilisummaa tiif godhe, bahara daakanii keessaa bahuu hin dandeenye keessa nama cuupha. Loltoota barbaadee itti dhaqe waliin lola adda addaa keessa naqee, Laga Dhaaree-tti gootummaa qixa hin-qabne daawwachiisee, karaa Gindhiiriin Soomaalee nama geessa. Achirraa ammaas, miyaa fii kaameeraa baadhachiisee Fincila Baaletti ol nama deebisa. San booda, lola Gola Eela Roojii, kan diinni qabsaawotatti samii gubbaa boombii itti roobse faa irraa qooda nama fudhachiisa. Walii galatti, Baaletti, hamma Fincilli Oromootaa humnaa fii tooftaa diinaa tiin akkaa-gara hin dhabini-tti, lola godhaman hunda keessa nama naqee, dhuma bara 1968, Soomaaletti nama deebisa.
Soomaalee keessatti, qabsoo ummanni keenya eenyummaa isaanii beeysisuuf godhan, dhibdee mudatan, injifannoo helanii fii seenaa Jaarraa Abbaa Gadaa adda baasuun hin dandayamu. Jaarraa Abbaa Gadaa, Soomaaletti akka deebi’een, ilmaan lammii kanneen karaa adda addaa tiin seenanii Soomaaliyaa keessa jiran babarbaadee walitti fide. Isaan keessaa, warra qabsooo hidhannootiif fedhii qaban waliin, Arfaasa 12, bara 1969, bu’ura Adda Bilisummaa Oromoo lafa kaayan. Alaabaa, Faaruu Alaabaa tii fii Faaruu Biyyaa baafatanii, leenjisa isaan barbaachisu fudhachuuf, ji’a jalqabaa tan bara 1970 Mootummaa Soomaalee jalaa mimmiliqaa, tokkoo-lamaan Magalaa Adan seenan. Mootummaan Soomaalee fedhii isaanii, tan leenjii tooftaa lolaa tii fii hidhannoo, akka bakkaan hin geenyeef yaroo hubate, kan mala armaa olii irratti hojjatee, imaltuu Adan aanjeesse, Jaarraa Abbaa Gadaa ti.
Seenaan Jaarraa Abbaa Gadaaa Amajjii 28, bara 1970, Mogdishoo irraa baasee Adan nama geeysa. San booda, Adan irraa fuudhee Iraaq, Iraaq irraa gama Suuriyaa namaan barara. Suuriyatti jab’haa Falasxiin waliin wal nama barsiisee, mooraa leenjii waraana isaanii ifii waliin nama naqa. Leenjii booda, Waxabajjii 3, bara 1970, Dimish’qii fuudhee, Misra geessee, Baghdaad-tti nama deebisa. Achirraa miya waraanaa baadhachiisee Adanitti nama deebisa. San booda, Onkololeessaa 17, bara 1970, hoogganummaa Qeeyroo Ganamaa tiin, Adanirraa dooniin karaa biyyaatti namaan ka’a. Galii kanaa fiis, Bahara Hindii-rra oofee, qarqara lafa Soomaalee tan Bulloo-har ja’amtu nama geeysa. Achirraan odoo hin feene fuudhee mana hidhaa, Man’dheeraa-tti namaan deema.
Iddooleen Jaarraa Abbaa Gadaa dhaqee fii karaan irra deeme hundi seenaa dinqifamoo keessatti hojjataman qabu. Seenaan mana hidhaa, Man’dheeraa, qofti himamee hin dhumu. Manni hidhaa Man’dheeraa, iddoo, Jaarraa Abbaa Gadaa, dhibdee mataa isaa irra aanee, jaallan qaamaa fii sammuun rakkatan jajjabeessuun, hogganummaa isaa hujiin itti mirkaneesse keessaa tokko. Kana malees, Jaarraa Abbaa Gadaa itti gaafatamaa Qeeyroo Ganamaa tahee, fuula Ziyaad Barree dura dhaabbatee, seenaa Oromoo nama barsiise. Hidhamaa ykn boojihamaa tahanii, qaallicha urjii ifiin caanceesse ija keessa daawwachaa, “seenaan ati deemtuun tan kijibaa ti. If dhibda malee ittiin hin milkooytu,” jachuuniif gootummaa gootummaa olii qabaachu nama barbaachisa. Jaarraa Abbaa Gadaa jeeyna onnee akkasitiin faayame.
Seenaan Jaarraa Abbaa Gadaaa, hidhaa bara shanii fii guyyaa kudha-lamaa booda, Man’dheeraa keessaa baasee, odoo bitaa fii mirga namaan hin-daddabne, akeeka ganamaatti nama deebisa. Hidhannoo barbaacha baheef, kan bahara qaxxaamuree dafka lubbuu xuruurseef malee, harka qullaa onnuma ganamaa saniin, mudawwar adii, kalooytaa adii fii imaamata adii uwwisee, akka warri karaatti arkan ja’aniinitti, nuur bi nuur fakkeessee, gammoojjii Soomaalee keessaan, miilaan karaa biyyaa namaan qaceela. Moggaa dachii-rraa Hargeessa fidee, acii Wacaale keessa tirachiisee, Hadraa Sheekh Husseen tan Tulluu Guuleedi-tti hara nama baafachiisa. Tulluu Guuleed irraa Gaara Qundhudhoo yaabbachiisee, Ganda Quraa gubbaan qilleensa qabbanaawaa Oromiyaa somba unachiisaa, Biyyoo Adaree halaalaa nama daawwachiisa. San keessa nama oofaa fidee, amna dheeraa biyyoota meeqa booda, Bitooteessa 14, bara 1976, Aaw-Wadaay duubaan Gobeelle nama fida. Achirraa Qabsoo Hidhannoo Bilisummaa Oromiyaa tan Elemoo Qilxuu faan irraa wareegaman itti nama deebisa.
Yaroo Jaarraa Abbaa Gadaa, maqaa guutuu Oromoo tiin qabsoo hidhannoo jalqabe, yaroo tooftaan lammi adda qoqqooduu, kan diinni baroota hedduuf irratti hojjachaa ture, karaa itti qabateef ture. Gaafni san, gaafa, mootummaan Habashaa Oromiyaa keessatti sirritti hidda gadi jabeeffatte. Gaafa nafxanyoonni “hadaraa Hayle Sillaasee!” qofaan, hawaasa Oromiyaa bobbaasanii galchaa turani. Kana malees, yaroon san, yaroo Xophiyummaan onnee Oromoota hedduu itti dhunfatte ture. San malees, yaroo, gariin lammii eenyummaa isaanii gatani. Gariiniis if dhooysuuf ijibbaata cimaa godhaa turani. Walii-galatti, yaroon san, yaroo lammii Oromiyaa keessaa irra hedduun, “harqoota mootummaa Habashaa jalaa bahuun hin dandayamu,” jechuun, gabroomsaaf oggolani.
Jaarraa Abbaa Gadaa, haala akkasii keessatti, gufuulee diinni eenyuummaa lammii dhabamsiisuuf baroota hedduuf tarrisaa bahetti qaataa harkise. Maqaalee adda addaa, kanneen saba Oromoo gargar qoqqooduuf moggaafaman macalaasee, Oromummaa du’arraa kaasee, sab-boonummaan faayee, qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa tiif xurree baasuuf, daggala gabrummaa-tti ibidda qabsiise. Kana malees, Oromoota magaalaa keessatti maqaa Oromoo tiin dhaaba dhaabbatan, kani sirritti hin beeyne, ilmaan sabaa tahuu isaanii qofaanf amanee, aangoo isaan magaalaa keessatti wal muudan gaaffii takka malee fudhachuu fiin, tokkummaa sabaa hujiin mirkaneesse.
Haaluma hundattuu, daandii haaraya saaquun salphaa miti. Qarooma malees murannoo cimaa barbaada. Hawaasa eenyummaa isaanii gatanii diinaaf oggolaa jiran keessatti, qabsoo hidhannoo adeemsisuuf ka’uun murannoo murannoo olii ti. Jaarraa Abbaa Gadaa odoo sab-boononni hundi qabsoo hidhannoo jalqabuu mamanii, ni dandayamtii itti amanee, kophaa isaa gaara jiiysuuf dongoraa fudhatee itti seene.
Jaarraa Abbaa Gadaa, qabsaawaa jaallan waliin malee kophaa qorii harka hin keenye. Yo nyaanni kan wal hin geenye itti fakkaate, malaan jaallan nyaachisee ifii agabu, jeeyna geeraree nama onnachiisu, duulee duulchisu, kan lubbuu jaalaa baasuuf, tan isaa halaaka keessa naqu. Kana malees, Jaarraa Abbaa Gadaa, hooggana duulatti nama ergee ifii duubatti hafu odoo hin taane, kan duula godhamu hundarraa, jaallan dirqitti if duubatti hambisani. Gootummaan isaa qe’ee diinaa keessatti-llee beekkamtu. Nafxanyoonni yaroo maqaa isaa dhagayan hin baarayne hin jiran. Yaroo ija isaa, tan goobana gaggeessu namatti dhaabu, dhanfoora keessa hulluuqee, sammuu keessaa waan yaadan kan daawwatu faakkaata. Sujuunni addarraa ifu qulqullina onnee fii qalbii sirritii mirkaneessa. Kilaash dacha’aa fii zinnara isaa hidhatee hoggaa nama dura dhaabbatee haasawu, haalli isaa daawwatamee – haasoyni qoma isaa keessaa burqu dhageeffatamee, hin-quufamu.
Abbaa Urjii, Gurraandhala, 2013
No comments:
Post a Comment